Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste

Humni Waraanaa Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeesseen komaandara humna Hamaas Jabaaliyaa Bataaliyoon jedhamuu kan ta'e Yaahyaa al-Mabhouh dabalatee miseensonnisaa jaha ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa cimaa eegaluu beeksifte
  • Guutummaa UStti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman mormii farra Tiraamp 'No Kings' jedhutti makaman
  • 'Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa gaggeessite'
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa atoobisiirratti raawwatteen namoonni 11 ajjeefaman
  • Sirni awwaalcha Raayilaa Odingaa gaggeeffamaa jira
  • Maanguddoon Oromoo TikTok irratti qoosaa dhiyeessaniin jaalala horatan maal jedhu?
  • Lammiin Ameerikaa balleessaa malee waggaa 40'f hidhame biyyaa arii'atamuuf
  • Zeleniskiin misaa'ela Tomahawik barbaacha waashingitan deemus harka qullaa deebi'e
  • Lammiileen Raashiyaa waayee marii nagaa Tiraampiifi Putiin maal jedhu?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biyyi Isaakiifi Yokeereesh, Swiidiin dirreesheetti abdii waancaa addunyaa dhabde

    Biyyi taphattoota qaqqaalii akka Aleksaander Isaak kan gatii riikardii Ingiliiz Liiverpuulitti makame qabdu, Jifataa goolii hedduu bara tokotti galchuun ajaa'iba jedhamee gara Arsenaal dhufe Yokeerseesh fa'aa qabdu Siwiidin dirreesheetti mo'amtee hiree Waancaa addunyaarratti hirmaachuu dhabuuf fiixeerra geesse.

    Istookhoomitti Siwiizerlaandiin kan keessummeessite Siwiidiin goolii Giraaniit Zhaakaa taphataa duraanii Arsenaaliifi Jibriil saawiin 2-0n injifatamte.

    Deeggartaootni Swiidin leenjisaan duraanii kilaba Bilaakbarn Roovers Joon Daal Tomaasan leenjisummaa akka gadhiisu itti duulaniiru.

    Yokeereeshiifi Isaak kubbaa tokkollee alaammatanii gooliitti dhiituu osoo hin danda'iin hafan. Swiidiin ramaddii B keessatti tapha sadiirraa qabxii tokko qofa qabaachuun Siwiiz kan tokkoffaarra jirturraa qabxii saddeetiin fagaattee argamti

  2. Dhukaasa dhaabuu Gaazaatti boqonnaa lammaffaarratti wal-hubannoon jira jedhe Tiraamp

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Jimaata darbe waliigaltee isa boqonnaa lammaffaarratti waraana Gaazaa waggoota lamaa goolaburratti yoo dubbatu dhimmoota ijoorratti wal hubannoon jira jedheera.

    Dhukaasni dhaabuu Israa'eliifi Hamaas gidduu raawwatame hin fashalu sababnisaas ''hundisaaniyyuu waraana dadhabaniiru'' jedhe.

    Hamaas namoota butee of bira turse bakka tokkotti walitti qabaa jira jechuunis dubbataniiru.

    Wixinee nagaa Gaazaa boqonnaa itti aanuurratti wantoota hedduurratti waliigalteen jira jedhan Tiraamp. Ammoo dhimmootni bal'innaan irratti dubbachuu feesasani akka jiran hin dhoksine.

    Boqonnaa itti aanu kanatti dhimmi ijoon waraana hiikkachuu Hamaasiifi hiree mootummaa Gazaa ijaaramu keessatti qabaatudha.

    Tiraamp Wiixata dhufu aanga'oota hedduu waliin Kaayerootti walarguun hegeree Gaazaarratti akka mariyatu dubbateera.

  3. Puutin xalayaa kana dura barreesseefiif deebii gaarii na deebise jette haati manaa Tiraamp

    Giifti Duree Meelaniyaa Tiraamp xalayaa kana dura ergeefiif Vilaadmir Puutin deebii kennuu beeksifte.

    Waraana Yuukireenii fi Raashiyaa gidduutti ijoolleen akka miidhamaa jiranii fi kanneen maatii irraa adda bahuun harka Raashiyaa jiran akka kunuunfaman gaafattee ture.

    ''Waliin dubbii'' Puutin waliin taasifneen ijoolleen sababa waraanaan buqqa'anii maatii irraa adda bahanii turan maatii isaaniitti deebifamaniiru jette.

    Xalayaan ''Nagaa'' Giifti Dureen barreesite yeroo Puutin Alaaskaa daawwate itti kenname.

    Meelaaniyaan Puutin ijoollee maatii irraa adda bahanii to'annaa Raashiyaa jala jiran ''akka kunuunsaniif'' gaafatte. ''Kana gochuun Raashiyaa tajaajiluu qofa osoo hin taane namoomaadha'' jette.

    Ijoolleen Yuukireen saddet harka Raashiyaa turan maatii isaaniitti deebi'uu himte Meelaaniyaan.

  4. Israa'el Gaazaa keessaa gamoowwan meeqa barbadeessite?

    Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu waliigalamee jiraattonni Gaazaa kumaatamni gara Kaabaa, gara magaala Gaazaatti imalaa jiru.

    Garuu yeroo qe'ee fi magaala isaaniitti deebi'an kan argan waraana waggaa lamaaf tureen mana jireenyaa fi magaala isaanii mancaatettidha.

    Akka suuraa satalaayitii qorattoonni Yuunvarsiitii Oreegon jalqaba ji'a kanaa gadhiisanitti, gamoowwan 198,883 Gaazaa Istiriipii keessaa manca'aniiru.

    Kun erga waraanichi jalqabee haga ammaattidha.

    Daangaa irraaniyyuu gamoowwan akka manca'aniiru mul'ata. Gamoowwan magaalaa Gaazaa keessaa warra akka malee miidhamanidha.

    Akka tilmaama qorattootaatti, erga Onkoloolessa 7 bara 2023 as gamoowwan magaala walakkaa Gaazaa Istirippi keessaa 574 tahan manca'aniiru.

  5. Humnoonni nageenyaa Hamaas nageenya Gaazaa tasgabbeessuuf daandiitti bahan

    Gaazaa bakkeewan loltoonni Israa'el bahan keessa humnoonni nageenyaa Hamaas hidhatan bobbaafaman.

    Gaazaa eenyu gaggeessa kan jedhu ammayyuu waan hin mirkanoofneef qaawwaa eegumsa nageenyaa irratti mudatu guutuufi jedhame.

    Karoorri Tiraamp ammoo haga bulchiinsi Gaazaa murtee argatutti haala jiru tasgabbeessuuf humni idil-adil addunyaa tokko hundaa'uu akka qabu hima.

    Irra caalaan isaanii biyyoota Arabaa fi Musiliimaa kaan irraa tahu jedhamee eegama.

    Jiraattonni Gaazaa qe'ee isaaniitti deebi'aa jiru. Yeroo kanatti humni nagaa fi tasgabbii kabachiisu akka jiraatu barbaadu.

    Humni daandiitti bahee argame garuu uffata danbii Hamaas warra uffatanidha. Kun ammoo Beenjaamiin Neetanyahuu ammayyuu humna Hamaas akak hin balleesineef ergaadha jedhame.

  6. Waggootaaf dukkaana keessa jiraachaa hanga ummata dheebuu baasuu-Inj. Miliyoon Baqqalaa

    Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Albuudaa Oromiyaa, Injinar Miliyoon Baqqalaa tibbana Badhaasa Idil addunyaa tokkoof kadhimamaniru.

    Badhaasni Dhaabbata UNESCO jalatti inistituutii Hayidiroolikii fi saayinsii Naannootiin kan kennamu kuni barattoota Yunvarsiitii isaan itti baratanii bahanii fi biyyoota 200 irraa dhufan dorgomsiisee badhaasa.

    " Dhaabbatichi Barattoonni Injinariingii Bishaanii fi Haydiroolikiin eebbifaman biyya isaanii ogummaa barataniin hammam bu'aa buusan kan jedhu hordofee dorgomsiisa " jedhan. Ofii Inj. Miliyoon eenyu? Bu'a bahii ishee BBC'f qooddeetti. Waggootaaf dukkaana keessa jiraachaa hanga ummata dheebuu baasuu-Inj. Miliyoon Baqqalaa

  7. Netaaniyaahuun wayita dhukaasni Gaazaa dhaabatetti dhaadannoo dhageessisan

    Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu karooraa nagaa Tiraamp fudhachuun dhukaasa dhaabuu labsuu booda uummata biyyattiif ergaa dhaamaniiru.

    Lammiilee biyya isaaniin namoota butaman mara qe'eetti deebisuuf waadaa galan raawwachuu ibsan.

    Bu'uura waliigaltichaa marroo jalqabaan humnootni Israa'el magaalaa Gaazaa iddoowwan murtaahan keessaa bahaniiru.

    Netaaniyaahuun garuu ''ammallee Hamaasiin kallattii mara irraahuu marsinee jirra'' jedhan. Wixinee nagaa Tiraampiin kan itti aanu ''Hamaas waraana hiikkachuudha, Gaazaan waraanarraa bilisa ta'uudha'' jedhan. Hamaas waayee waraana hiikkachuu ammatti wanta jedhe hin qabu.

    Netaaniyaahuun ammoo ''karaa salphaan kun raawwannaan gaariidha. ta'uu baannaan karaa ulfaataa ta'een akka raawwatamu godhama'' jedhan.

  8. Israa'el maqaa Filisxeemota 250 gadhiifamuuf jedhanii beeksifte

    Ministeerri Haqaa Israa'el bu'uura waliigaltee hidhamtoota waljijjiiruun Filisxeemota 250 gadhiisuuf qophoofte ifa gooteetti.

    15 Baha Jarusaalemitti,100 Westibankitti, 135 ammoo biyyasaaniitti akka deebiifaman miidiyaan Israa'el beeksiseera.

    Hamaas maqaa hidhamtootaa Israa'el akka gadhiistuuf jaarsolii Kayeroo jiranitti erge keessa hogganootni maqaa guddaa akka Marwaan Bargooti ni argamu. Nama kanatti yeroo shan hidhaan umrii guutuu murameera. Namni kun Pirezidantii ta'a jedhamee amanama ture.

    Mootummaan Netaaniyaahuu garu ammallee nama kana akka hin gadhiifne beeksiseera.

  9. Gaazaatti dhukaasni dhaabachuu hordofee Filisxeemonni hedduun qe'eetti deebi'uu eegalan

    Waliigaltee Kaayeroottii mallatteeffame hordofee har'a Gaazaatti dhukaasni dhaabateera. Filisxeemonni Kibba Gaazaatti akka godaanan buqqaafamanii turan amma magaalaa Gaazaatti deebi'uu eegalaniiru.

    Filixeemonni kunniin manneen boombiin barbadaa'an, gamoowwan caccabaniifi daandii diigame keessa qe'ee ofiitti deebi'aa jiru.

    Qe'eesaa Jabaaliyaarraa yeroo sadii kan buqqa'e Wa'eel Al Najjaar manni koo manca'eera ta'us, kan hafe caccabaasaa ta'us mana keenyatti deebina, godoo irra dhaabna, uummata keenyatti deebina'' jedhe.

    Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu raawwatee booda inniifi ilmisaa daanga gara Jabaaliyaa ceesisurraa qorra keessa daandiirra bulan. Bari'ee hanga ce'uun danda'amutti arifachaa aka ture BBCtti hime.

  10. Koreen Noobeelii, nagaarra siyaasa filate jedhe Waayit Haawus

    Daayireektarri Kominikeeshinii Waayit Haawus koreen Nobeelii ''nagaarra siyaasaaf dursa akka kennu mirkaneesse'' jedhe.

    Yaadni kun kan kenname Koreen Noobeeli badhaasa damee nagaan kennamu Tiraamp akka hin injifanne ibsamuu boodadha.

    Isteeven Cheeng yaada X gubbaa barreesseen Pirezidant Doonaald Tiraamp waliigaltee nagaa raawwachuu, waraanota xumuruufi lubbuu baraaru itti fufa'' jedhe.

    ''Pirezidantichi gara laafessa, namni akkasaa fedhiisaatiin gaara dhiibu hin jiru'' jedhe.

    Tiraamp badhaasa Noobeelii Nagaa bara kanaa akka injifatu tilmaamaa ture. Ministira Muummee Beenjamiin Netaaniyaahuu dabalatee aanga'oonni hedduun akka inni injifatu duulaa turan.

  11. Israa'el Gaazatti dhukaasa dhaabun waliigaltee hojiirra oolchuu eegaluu beeksite

    Humni Waraana Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazatti hojiirra oolchuu eegaluu beeksise.

    Waraanni biyyattii kana kan beeksise akkaataa waliigaltichaatti Gaazaa bakkeewwan keessaa bahuu qabu gadhiisee erga bahee boodadha.

    Humni waraanichaa ibsa fuula Telegiraamii irratti gadhiiseen, loltoonni "bakka akka buufaatan [irratti waliigalame] buufataa jira," jechuun waliigalticha hojiirra oolchuu akka eegale beeksise.

    Haa ta'u garuu yaaddoon nageenyaa yoo jiraate tarkaanfii fudhachuuf qophii akka ta'es beeksise.

    Loltoonni Israa'el Gaazaa bakkeewwan akka bahaniif murtaa'e keessaa bahuu hordofee jiraattonni Gaazaa qe'eesanii waraanan manca'etti deebi'aa jiru.

  12. Koreen Badhaasa Noobeelii Tiraamp maalif akka hin badhaafamne deebii kenne

    Donaald Tiraamp Badhaasa Noobeelii Nagaa bara kanaa ni injifata jedhamee heddu eegamaa ture.

    Tiraamp yeroo garaa garaatti addunyaarratti waraana namni kaan dhaabsisuu hin dandeenye "waraana torban dhaabsise" jechuun dubbataa ture.

    Badhaasi Noobeelii Nagaa baranaa garuu lammii Venezuweelaa mirga dimokiraasii lammiilee biyyattiif of kennitee hojjatte jedhamuun jajajmte Maariyaa Korinaa Machaadoo jedhamtuuf kenname.

    Gaggeessaan Koree Badhaasa Nobeelii Jørgen Watne Frydnes Tiraamp dabalatee dhiibbaan hawaasa idiladdunyaarraa akka irra ture gaafataman.

    Seenaa Badhaasa Nobeelii Nagaa keessatti dhiibbaafi muddamni gama miidiyaan uumamu salphaa akka hin taane ibsuun, eenyu akka badhaafamuu qabu murteessuuf korichi hojiifi fedhii Alfireed Noobel irratti akka hundaa'u ibsan.

    Waggaa waggaan xalayaan kumaatamaan lakkaa'amu koree Badhasa Nobeelii Nagaa akka qaqqabu kan himan Jorgan, "Hojiifi fedhii Alfireed Noobeel qofaa irratti hundaa'uun murteessine" jedhan.

  13. Amma nu gahe, Maariyaa Korina Machaadoo Venezuweelaa irraa Badhaasa Noobeelii Nagaa Mo'atte

    Badhaasa Nobeelii Nagaa bara 2025 Doonaald Tiraamp ni mo'ata jedhamee osoo eegamuu dubartiin Venezuweelaa Maariyaa Korina Machaadoo mo'atte.

    Maariyaan dimokiraasiin Venezuweelaa keessatti akka dhufu gochuuf tattaaffii guddaa gochuusheef Badhaasa Nobeelii Nagaa bara kanaa akka injifattu murteessuu Koreen Nobeelii beeksise.

    Korichi fuula X gubbaatti ibsa baaseen, Maariyaa Koriinaa Machaadooo "uummanni Venezuweelaa mirgi dimokiraasii isaa akka kabajamu tattaaffii guddaa gochuusheef akkasumas cehuumsa bulchiinsa abbaa irree irraa gara dimokiraasitti godhamu keessatti qabsoo hadhaa'aa gootuf badhaasicha argatte" jedhe.

  14. Itoophiyaan daldala bilisaa Afrikaa (AfCFTA ) jalatti Keeniyaan waliin daldaluu eegalte

    Itoophiyaan akkaataa waliigaltee Naannawa Daldala Bilisaa Ardii Afrikaan (AfCFTA ) omisha alatti erguu jalqabde.

    Maddi Oduu Itoophiyaa (ENA) akka gabaasetti, Itoophiyaan daldala bilisaa Afrikaan omishashee gara biyyoota ollaatti erguu jalqabdeetti.

    Omishaaleen akka foonii, kuduraaleefi omishaaleen qonnaa biroo heddu gara Keeniyaa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti ergamuutu ibsame.

    Gamtaan Afrikaa Naannawa Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa bara 2018 ifatti kan beeksise yoo ta'u, kaayyonsaa omishaaleefi tajaajilawwan biyyoota Afrikaaf gabaa tokko uumudha.

    Kunis sochiin omishaaleefi investimentii bilisaa ardii Afrikaa keessa akka jiraatuuf kan kaayyefateedha.

    Naannawni Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa kun uummata ardittii biliyeena 1.4 ta'an gabaan kan walitti hidhu yoo ta'u, carraawwan alergiifi investimemtii uumuun alatti walitti hidhamiinsi naannoo akka jiraatu kan gargaarudha jehame.

  15. US waliigaltee dhukaasa dhabuu Gaazaa to'achuuf loltootashee bobbaasaa jirti

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Hamaas irratti waliigalan akka hojiirra oolu to'achuuf US humna waraanaashee Baha Giddu Galaa keessa buufatan keessaa loltoota 200 ta'an bobbaasaa jirti.

    Qondaalonni US akka jedhanitti loltoonni kun waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa akka hojiirra ooluf kan to'ataniidha.

    Loltoonni kunneen Gaazaa osoo hin taane Israa'el keessa qubatu jedhame. Israa'el keessa erga buufataniin booda wiirtuu waraanafi sivilii hojiirra oolmaa dhukaasa dhaabuu Gaazaa kan to'atan ta'u.

    Humnoonni biyyoota akka Masirii, Kaataarifi Turkii fa'aas loltoota UStti dabalamuun hojiirra oolmaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu hordofuun gabaasa akka godhantu eegama.

    Qondaalonni US akka jedhanitti loltoonni kunneen Ajaja Giddu Galeessaa loltootaa US Baha Giddu Galaa hogganu jalatti kan hogganamaniidha.

    Akkaataa waliigaltee dhukaasa dhaabuun, namoonni butaman gadi lakkifamanii Israa'elis Filisxeemota hidhaman yoo gadi dhiiste, loltoonni US kun qaama Humna Tasgabbeessaa Idiladdunyaa nageenyaa Gaazaa to'atuu akka ta'u ibsu qondaalonni US.

    Ha ta'u garuu waa'een Humna Tasgabbeessaa Idiladdunyaa, kan loltoota biyyoota garaa garaa irra walitti dhufuun nageenya Gaazaa to'atanii, irratti hanga ammaatti waanti irratti waliigalame hin jiru.

  16. Amma nu gahe, Gaazatti dhukaasa dhaabuf waliigalamus Israa'eel Gaazaa haleeluu hin dhiisne

    Gaazatti dhukaasi akka dhaabatuuf waliigaltee marsaa jalqabaarratti Israa'elifI Hamaas waliigalanis, Israa'el halkan edaa Gaazaa haleeluun dhagahame.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu mootummaan Israa'el waliigalticha erga raggaasisee booda hojiirra akka oolu eegamaa ture.

    Kaabineen mootummaa Israa'el sagalee kenneen waliigalticha raggaasisus, Israa'el Gaazatti haleellaa gaggeessite.

    Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, halkan edaa Israa'el Kibba Gaazaa Kaan Yuunisitti haleellaa qilleensarraa gaggeessite.

    Jiraattonni naannoo ulaa Nezaariim jedhamu jiraatan ammoo sagalee dhukaasa artilariifi qawwee dhagahaa turuu BBCtti himan.

  17. Dhukaasa dhaabuu waraana Gaazaa marsaa ittaanutti qabxiileen rakkisoo ta'uu malan kam fa'i?

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Hamaas amma irratti walii galan kun marsaa jalqabaati. Kana jechuun qabxiilee heddurratti mariifi falmiin cimaan sichi taasifama.

    Qabxiileen falmisiisofi marii ijibbaachisaa gaafatu marii marsaa ittaanurratti ka'uu malan mee haa ilaallu.

    1. Hamaas Filisxeem walaba taate barbaada

    Karoora Tiraamp Gaazatti waraanni dhaabbatee nagaan akka bu'uuf dhiyeesse keessaa tokko Hamaas meeshaa hiikkatee egeree bulchiinsa Gaazaa keessaa akka bahu kan jedhuudha.

    Fedhiin Israa'elis kanaadha. Filisxeem biyya walabaa hanga taatutti hidhannoosaa akka hin hiikkanne Hamaas duraan ibsee ture.

    Karoora Tiraamp dhiyeessef deebii yoo kennu ammoo waa'ee meeshaa hiikkachuufi dhiisuu ifatti osoo hin ibsin bira darbe. Kuni ammoo ijjannoosaa meeshaa hin hiikkadhu jedhu hin jijjiirre shakkii jedhu uumera.

    2. Abbaan Taayitaa Filisxeem (PA) egeree Gaazaa keessatti akka hirmaatu Netaaniyaahuun hin barbaadu

    Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu karoora nagaa Tiraamp dhiyeesse guutummaan akka fudhatu beeksisus, Gaazatti waraanni erga dhaabbatee booda bulchiinsa Gaazaa keessatti Abbaan Taayitaa Filisxeem, kan Weest Baank bulchu, akka keessatti hirmaatu hin barbaadu.

    Netaaniyaahuun irra deddeebiin Abbaan Taayitaa Filisxeem Gaazaa akka bulchu akka hin barbaanne ibsaa ture.

    Kanaaf sababoota Netaaniyaahuun dhiyeessu keessaa tokko, Onkoloolessa 7, 2023 yeroo Hamaas Israa'el irratti haleellaa banee ture sana Abbaan Taayitaa Filisxeem Hamaas hin balaaleffanne kan jedhuudha.

    3. Israa'el yoom guutummaatti Gaazaa keessaa akka baatu

    Israa'eel marsaa jalqabaan Gaazaa keessaa kan baatu Gaazaa dhibbeentaa 53 ta'u to'adhu malee jetti.

    Karoorri Tiraamp ammoo jalqaba %40 qabattee sana booda %15 akka ta'u akeeka.

    Marsaan dhumaa Gaazaa keessaa bahuu "Gaazaan haleellaa shororkaa deebistee sadarkaa haleellaa biraa hin gaggeessine irra erga geessee" boodadha jedhama.

    Haa ta'u garuu kunuu ifa miti. Israa'el yoom guutummaan Gaazaa keessaa akka baatu ifatti hin ibsamne. Hamaas ammoo kuni ifatti akka taa'u barbaada.

  18. Gaazatti dhukaasa dhaabuun borirraa ka'ee hojiirra oola

    Kaabineen Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu raggaasisuu hordodee guyyaa borii irraa ka'ee waliigaltichi hojiirra ooluu akka eegalu ibsame.

    Mootummaan Israa'el waliigalticha raggaasisee sa'aatii 24 keessatti hojiirra oola jedhame.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu borii kaasee hojiirra ooluu akkuma eegaleen sa'aatii 72 keessatti Hamaas namoota butaman akka gadi dhiisutu eegama.

    Bakkasaa ammoo Israa'el Filisxeemota mana hidhaashee keessa jiran gadi lakkifti.

    Kaabineen Israa'el waliigalticharratti sagalee kennee raggaasisuu dura Beenitaamiin Netaaniyaahuu Tiraamp waliigaleen dhukaasa dhaabufi namoota butaman gadi lakkisuu akka milkaa'u taasise jechuun galateeffate.

    Gaggeessaan Hamaas Kaliil Al-Hayyaa waraanni xumuramuusaa USfi mariiristootarraa wabiin kennamuufii beeksise.

  19. Itoophiyaan bara 2030tti tajaajila mootummaa guutuu gara dijitaalaatti jijjiiruuf karoorfatteetti- Abiy Ahimed

    Walga'ii COMESA Keeniyaatti taa'amu irratti kan argamaan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, Afrikaan yeroo kamuu caalaa yeroo murteessaa keessa akka jirtu dubbatan.

    ''Teeknooloojiin saffisaan guddachaa jiru akkaataa biyyoonni itti guddatan, akkaataa hawaasni itti walqunnamuu fi akkaataa sochii denagdee jijjirraa kan jiru ta'u kan, eeran Abiy ''jijjiiramni dijitaalaa seenaa dinagdee Afrikaa irra deebi'anii barreessuuf carraa addaa kenna.'' jedhan

    Egeree gaariifi haqa qabeessa ta’e uumuuf ummata, kalaqa, fi qabeenya uumamaa qabnu tokkomsuun carraaqqii kaayyoo waloo ta'eef socho'uu akka barbaachisu dubbtan

    Kanaafis jaarmiyaaleen naannoo akka COMESA yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisoo ta’uu eeraniiru

    Itoophiyaan bara 2030tti tajaajila mootummaa guutuu gara dijitaalaatti jijjiiruuf karoorfatteettis jedhan. Kun ammoo ummtani tajaajila salphaa, hanna irraa bilisa ta'e fi danqaa ykn birokraasii malee akka aragatuuf ga'ee guddaa qaba. Kanaafis ''tajaajila mootummaa hedduutti lakkaa’aman dijitaala gooneerra'' jedhan.

    Sirni kaffaltii dijitaalaa keenyaa bara darbe daldala biliyoonaan lakkaa’amu akka soco'u gargaarera, akkasumas karaa dhaabbata AI fi koodii biyyoolessaa dargaggoota Itoophiyaa miliyoona 2. 2 ol ta’an kalaqxoota boruu akka ta’aniif leenjii fudhataniiru jedhan

    Muuxannoo kanarraas dhugaa salphaa Afrikaan qabeenya qabdu irratti dandeettii dijiitaalaa yoo dabalattee sadarkaa addunyaatti dorgomuu akka dandeessi hubanneeraa jedhan. Kanaaf, dandeettii dijitaalaa gara humna naannootti jijjiiruun fuuldure Afrikaa ijaaruun akka danda'amu eeraniir