Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate murtee du'aan akka adabamtu gaafatame
Abbootiin alangaa Baangilaadesh MM duraanii biyyattii Sheekii Hasiinaa yakka fincila aangoo irraa ishee buuse irratti hojjetteef adabbiin du'aa irratti darbuu akka qabu gaafatan.
Fincila barattootaa guddaatu Sheekii Hasiinaa aangoo irraa buuse. Yeroo sana barattoonni ajjeefamuu fi hidhamuun mootummaa isheen gaggeeffamaa ture.
Hasinaan fincilli hammaannaan gara Hinditti baqatte. Yakka namoomaa hojjechuun himatamtee ammayyuu qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.
Humnoonni nageenyaa finciltoota irratti ''meeshaa waraanaa'' akka fayadaman ajajjeetti jedhamuun himatamte.
Garuu himata kana haalteetti. Fincilicha irratti namoonni gara 1,400 tahan ajjeefamaniiru.
Fincilichi bulchiinsa Hasiinaa waggaa 15 turetti xumura godhe.
Erga waraanaan bara 1971 bilisummaa ishee argattee as fincila hamaa akaksii keessummeesitee hin beektu.
Hogganaan abbootii alangaa Tajul Islaam, Hasiinaan murtee du'aa 1,400 tahuun adabamuu qabdi jedhe. Garuu kun adabbii dhugoomuu danda'u waan hin taaneef yoo xiqqaate murtee du'aa nama tokkoo argachuu qabdi jedhe.