Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste

Humni Waraanaa Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeesseen komaandara humna Hamaas Jabaaliyaa Bataaliyoon jedhamuu kan ta'e Yaahyaa al-Mabhouh dabalatee miseensonnisaa jaha ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa cimaa eegaluu beeksifte
  • Guutummaa UStti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman mormii farra Tiraamp 'No Kings' jedhutti makaman
  • 'Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa gaggeessite'
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa atoobisiirratti raawwatteen namoonni 11 ajjeefaman
  • Sirni awwaalcha Raayilaa Odingaa gaggeeffamaa jira
  • Maanguddoon Oromoo TikTok irratti qoosaa dhiyeessaniin jaalala horatan maal jedhu?
  • Lammiin Ameerikaa balleessaa malee waggaa 40'f hidhame biyyaa arii'atamuuf
  • Zeleniskiin misaa'ela Tomahawik barbaacha waashingitan deemus harka qullaa deebi'e
  • Lammiileen Raashiyaa waayee marii nagaa Tiraampiifi Putiin maal jedhu?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mootummaan Burkinaa Faasoo hojjettoota NGO na basasaan jechuun hidhaatti naqe

    Mootummaan waraanaa Burkinaa Faasoo miseensota garee gargaarsa namoomaa Nezerlaand saddeet 'basaasuu fi gantummaan' ​​himachuun to'annoo jala oolcheera.

    Namoota hidhaman keessaa lammiileen Awurooppaa sadii, lammii Maalii fi Burkinafaasoo afur yoo ta'an, - isaan keessaa daayreektaraa fi itti aanaa daayreektaraa dhaabbata miti-mootummaa Burkinaa Faasoo keessatti argamu.

    Ministirri Nageenyaa Mahaammaduu Sanaan dhaabbati miti-mootummaa kun 'odeeffannoo nageenyaa miira namaa kakaasu nageenya biyyaalessaa fi dantaa Burkinaa Faasoo miidhuu danda'u qaamolee biyya alaaf daddabarsaa turuu eeran.

    Dhaabbanni miti-mootummaa Idil-addunyaa Safety Organization (INSO) jedhamu kun ammoo himannaa kana cimsee haalera.

    Bakka bu'aan dhaabbata miti mootummaa kanaa Antoonii Niil, daayreektarri biyyattii kun baatii Adoolessa yeroo dhaabbatichi hojii irraa dhorkame irraa eegalee to'annoo jala ooluu isaa BBC' tti himan.Namootni biroo torbas achiin booda to'atamanii jedhan.

    Dhabbatichi ara 2019 irraa eegalee Burkinaa Faasoo keessatti hojjechaa ture

    Mootummaan waraanaa Burkina Faasoo kan Kaapteen Ibraahim Tira'oreen durfamu waggoota sadii dura fonqolcha mootummaatiin aangoo kan qabate yoo ta'u, ergasii biyyoota dhihaa waliin hariiroo gaarii hin qabu.

  2. 'Ertiraafi TPLF Itoophiyaarratti waraana banuufi'- Mootummaa Itoophiyaa

    Mootummaan Itoophiyaa Eertiraafi Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) waliin Itoophiyaarratti waraana banuufi jechuun UNtti himate.

    Xalayaa Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaarraa barraa'e jedhame Eertiraafi TPLF adda "Tsimdo" jedhamu ijaaruun Itoophiyaarratti waraana banuuf qophaayaa jiru jedha.

    Xalayaan kun dhugaa ta'uufi dhiisuu mirkaneessuuf BBCn aanga'oota Ministeerichaaf barreessee deebii eegaa jira.

    Barruun Addis Standard xalayaan kun Ministeericharraa barreeffamuu eeruun odeeffannicha dursee gabaaseera.

    Xalayaan Fulbaana 2/2025 gara Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez ergame ''gartuun TPLF fi Eertiraan adda waloo ijaaruun sochiin godhan ji'oota darban jabaatee mul'ataa jira'' jedha.

  3. US fi biyyoonni naannichaa jaarsummaa waraana Gaazaa dhaabsisuuf dhiibbaa taasifamutti makaman

    Ergamaan US fi naannoo Baha Giddu-galeessaa keessatti namoonni bebbeekamoo jaarummsaa waraana Gaazaa dhaabsisuudhaaf dhiibbaa taasifamaa jirutti makamaniiru.

    Mariin kallattiin alaa Israa’el fi Hamaas gidduutti karoora nagaa Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waraana Gaazaa keessaa dhaabuuf dhiyeesserratti Masiriitti guyyaa sadaffaaf itti fufee gaggeeffamaa jira.

    Istiiv Wikoof fi soddaan (abbaan warraa intalaa) Tiraamp Jaared Kuushner, ministira muummee Qaataar fi hoganaa Intelejensii Tarkii walii Shaarm el-Sheek jiru.

    Namoonni murtessoo jaarsummaa kana keessatti argamuu isaaniitiin jijjiiramni dhufuu kan danda’u taanaan har’i guyyaa murteessaadha jedhamee eegamaa jira.

    Mariin akkuma deebiyee jalqabameen, aanga’aan Hamaas buleessi BBCtti akka himaeeti, ija qajeeltoon ilaaluun “qajeelummaa barbaachisu” agarsiisuun bakka Israa’eloota Gaazaatti butamanii tarreeffama Filisxeemotaa hidhamanii jiran Israa’el akka gadhiistu barbaadu dhiyeesseera.

    Miidiyaan Israa’el aanga’oota wabeeffachuun, “ija of eeggannootiin abdiin jira,” eedheera.

  4. Maaynaamaaritti namoota mootummaa morman irratti boombiin darbatamee namoonni heddu du'an

    Maayinaamaar keessatti mootummaan namoota isa mornan irratti boombii afyyffee qilleensaan darbateen namoonni 24 du'uufi 47 ta'an ammoo madaa'uu dubbi himaan mootummaa Maayinaamaara biyya baqaa jiru BBCtti himan.

    Lammiileen Maayinaamaar Wiixata halkan bakka waaqeffanna amantaa Budizimiitti wal-gahuun yeroo kabajaa jiranitti sagalee mormii mootummaa waraanan biyyattii bulchu irratti dhageessisaa turen.

    Boombiin afuuffee qilleensan guutamte namoota kanarratti darbatame yoo xiqqaate mormitoota 24 ajjeessuun kaan madesse.

    Bara 2021 humni waraanaa biyyattii mootummaa aangorraa buusun aangoo qabachuu hordofee biyyattii keessatti waraana waliinii dhalateen namoonni kuma heddu du'aniiru.

    Hidhattoonni saba garaa garaas mootummaa biyyattiirratti ka'uun waloofi dhuunfaan lola gaggeessaa jiru.

    Hidhattoonni biyyattii walakkaa ol humnoota mootummaarraa fudhatanii turanis, mootummaan haleellaa qilleensarraa namoota heddu galaafataa jiru gaggeessuun bakkeewwan heddu deebisuun to'ataa jira.

  5. Karar eegaan Arsenaal waan lamaan eebbifame

    Karra eegaan Arsenaal tibbana waan lamaan eebbifamuu isaa ibse.

    Kan jalqabaa gahumsa guddaa waan agarsiiseef Arsenaal miindaa amma torbeetti argatu paawondii 100,000 irratti fooyyessuun kontiraata haaraa kennuufiif qophaa'uu ibse.

    Raayaa fi Arsenaal waa'ee kontiraata haaraa kan waliigalan yeroo gannaa darbe kanadha. Garuu osoo hin ibsiin turaniiru.

    Kontiraanni Raayaa bara 2028 xumurama. Arsenaal carraa waggaa tokkoon dheeressuus qaba.

    Oduun biraa ammoo karaa fuula miiidyaa hawwaasaa isaa akak beeksisetti haati warraa isaa ulfa tahuu ibse.

    Raayyaan gammachuu isaa bifa adda taheen yeroo ibsatu argameera.

    Arsenaal Tiroosaad, Saaliibaa, Saakaa fa'aa waliinis waliigaltee haaraa taasiseera.

    Tiroosaad hanga bara 2027tti Arsenaal wlaiin kontiraata qaba.

  6. Arsenaal dirree isaa Emireetis yeroof gadhiisee bahuufi

    Arsenaal istaadiyeemii isaa Emireetis bal'isuuf jecha istaadiyeemii guddicha Ingilaand Wembileetti yeroodhaaf taphachuuf gaaffii dhiyeessaa jira.

    Arsenaal taphoota Shaampiyoonsi Liigii bara 1998-2000 gidduu Wembileetti taphatee ture.

    Masaanuu Arsenaal kan tahe Tootenhaam bara 2016-17 keessa taphoota Shaampiyoonsi Liigii Wembileetti taphataa turan.

    Akkasumas taphoota Istaadiyeemii isaanii irratti taphachuu malan hundaa bara 2017-18 fi walakkaa tapha dirree isaanii irratti gaggeessan kan bara 2018-19 Wembilee irratti taphataa turan.

    Erga Arsenaal dirree isaa duraanii Haayibirii irraa bahuun gara Emireetisitti godaanee waggaa dhufu waggaa 20 guuta.

    Arsenaal lakkoofsa taa'umsaan istaadiyeemota gurguddoo Ingilaandi keessaa kaan waliin dorgomaa jira.

    Tokkoffaan Oldi Tiraafoordi yoo tahu taa'umsa kuma 74 fi 879 qabata. Tootenhaam lammaffaa yoo tahu, kuma 62 fi 850 qabata. West Haam kuma 62 fi 500, Liiverpuul taa'umsa kuma 61 fi 276'n sadarkaa arfaffaa qabata.

    Arsenaal amma taa'umsa 60,000 kan qabatu yoo tahu, ol guddisuuf jecha mariin jalqabameera.

  7. Hamaas marii nagaarraa galmoota ijoo barbaadu tarreesseera

    Israa'eliifi Hamaas gidduutti mariin al-kallattiin yeroo gaggeeffamaa jiru kanatti, Hamaas, jilli isaa mariif Masrii keessa jiru ''waliigaltee kana galmaan ga'uuf gufuulee mudatan hunda irra aanuuf'' barbaada jedheera.

    Dubbi-himaan garee kanaa marii Shaarm El-Sheek keessatti gaggeeffamurraa kan eegu warra ijoo ta'an akka armaan gadiitti tarreesseera:

    • "Dhukaasa dhaabuu dhaabbataafi hunda galeessa ta'e".
    • "Loltoonni Israa'el "Gaazaa bakka hunda keessaa guutummaatti bahuu"
    • "Gargarsi namoomaa fi dhorkaa malee seenuu"
    • Namoonni buqqa'an gara qe’ee isaaniitti deebi’uu akka danda’an gochu
    • "Adeemsa deebisanii ijaaruu bal'aa" to'annoo "qaama hordoffii biyyoolessaa Filisxeemiin" jalatti hatattamaan jalqabuu.
    • "Waliigaltee jijjiirraa hidhamtoota haqa qabeessa karaa ta'een xumuruu".

    Akka yaadachiisaatti, Hamaas fi Israa'el lamaan isaaniiyyuu marii al-kallattiin Masrii keessatti gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaataniiru.

    Hamaas US, UK fi EU keessatti garee shororkeessummaatti farrajameera.

  8. Marii nagaa Israa'eliifi Hamaas Shaarm el-Sheek irratti qabxii ijoo

    Baha Giddu-galeessaa keessatti amma galgalaa'eera; mariin nagaa itti fufee waan jiruuf wantootni irra gahame kunooti.

    • Mariin nagaa al-kallattiin guyyaa lammaffaa Masrii keessatti gareewwan Hamaas fi Israa’el gidduutti gaggeeffamaa ture deebi’ee jalqabame. Tiraamp guyyaa jalqabaa marii booda waliigaltee tokkoof ''carraan dhuguma gaariin'' akka jiru yaada dhiyeesseera.
    • Karoora qabxii 20 qabu kan pirezidaantiin US Gaazaa keessatti nagaa buusuuf dhiyeesse yeroo ammaa mari'atamaa jira - garuu ammallee qabxiileen murteessoon gama lachuun furamuu qaban jiru.
    • Akka rippoortarri keenya Gaazaa jedhutti, amma qaamoleen lamaanuu ajandaa mariif dhiyaaterratti waliigalaniiru
    • Hanga ammaatti Israa’el yaada Tiraamp dhiyeesserratti kan waliigalte yoo ta’u, Hamaas garuu gariin malee hunda hin fudhanne. Warri hin fudhatiin jiruufi haal-duree tokko tokko dhiyeesseera.
    • Dippilomaatonni US, Qaataar fi Masrii marii jaarsummmuun gidduu galanii hojjechaa jiru - ergamaan US Baha Giddu-galeessaa Istiiv Wiitkoof boru isaanitti makamuuf jira.
    • Gama kaaniin, waggaa lamaffaa haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwatamerratti, maatiin namoonni jalaa butamanii Waashingitan DCtti walitti qabamanii namoonni siyaasaa imala gara waliigaltee nagaatti geessu cimsanii akka itti fufaniif gaafachaa jiru.
  9. Ministeerri haajaa alaa Qaataar karoora nagaa gara qabatamaatti jijjiiruurratti

    Marii nagaa amma Masrii keessatti gaggeeffamaa jirurratti odeeffannoo dabalataa hanga yoonaa jiruun;

    Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Qaataar xiyyeeffannaan marii kanaa karoora Gaazaatti nagaa buusuu yaadame gara waliigaltee ''hojiitti hiikamuutti" jijjiiruun ''waliigaltee qabatamaa'' irra gahuudha jedhan.

    Dohaatti gaazexeessitootatti kan dubbate Majiid al-Ansaarii akka jedhetti, Qaataar Israa’elii fi Gaazaa gidduu jaarsummaa yeroo hojjettu gaheen qabdu karoorri kun hojiirra oolee dhumarratti waraanni kun dhaabbataadhaan akka xumuramu mirkaneessuurrattidha..

    Itti dabaluun, Hamaas fi Israa’el lamaan isaaniiyyuu jechoota tokko tokko kan itti hin gammanne eeguu qabu jedhan. Sababiin isaas karoorri waliigalteerra ga’uuf dhiyaatu kamiyyuu guutummaatti waan qaamni kamiyyuu barbaadu hin calaqqisiisu.

    Paartileen kunneen karooricha keessatti maaltu akka ibsame, akkasumas Gaazaaf qabatamaan maal jechuu akka ta’e ilaalcha, hiikaa fi hubannoo isaanii dhiyeessaa jirus jedhan.

  10. Karoorri nagaa Tiraamp carraa seena qabeessa - Ruubiyoo

    Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maarkoo Ruubiyoon haleellaa “jibbisiisaa” Onkoloolessa 7 Hamaas Israa'elirratti raawwate waggaa lammaffaa yeroo yaadatama jirutti, Israa’eliif deeggarsa cimaa akka gootu irra deebi’anii ibseera.

    Fuula X irratti yeroo barreessu, "Ameerikaan qabsoo waloo shororkeessummaa irratti qabnu keessatti Israa'el deeggaruun keenya fi gidiraa namoota butamanii hundaafi maatii isaanii xumuruuf waadaa waliinii qabnu irratti cimtee jirti" jedhae

    Karoorri nagaa qabxii 20 qabu Tiraamp dhiyeesse ''boqonnaa dukkanaa'aa kana xumura itti gochuuf, akkasumas nagaa fi tasgabbii waaraan hundaaf bu'uura ijaaruuf carraa seena qabeessa ta'e kenna'' jedhe.

  11. Gaazaa waggaa lama duraa fi amma

    Waggoota lamaan darban keessa gamoowwan Gaazaa keessa jiran harki caalaan isaanii, lafti qonnaa, naannoo banaa kan akka bakka awwaalchaa, paarkii, bosona fi kaanillee suuta suutaan dhabameera.

    Erga jalqaba waraana kanaa kan Onkoloolessa 7 haleellaa Hamaas durfamu Israa’el irratti raawwateen as haleellaa qilleensaa Israa’elii Gaazaa keessatti raawwattuuun waanti hundi barbaadaa'ee lafa onaa ta'uu suurri saatalaayitii kan agarsiisu.

    Magaalaan Gaazaa akkamuma kana duraa har'allee boombiin waxalamaa jirti.

    Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhutti erga waraanni kun jalqabee bu’uuraaleen misoomaa Gaazaa harki %80 barbadaa’aniiru

    Yoo xiqqaate daa'imman 18,430 dabalatee namoonni 66,100 ol ajjeefamaniiru.

    Namoonni hanga miliyoona tokkoo ta’an dhaabbilee adda addaa keessatti kooluu galaniiru, isaan keessaa tilmaamaan 845 osoo buufata baqattootaa galanii utuu jiranii ajjeefaman

  12. Mariin marsaa jalqabaa xumuramuu qondaalli Filisxeem BBCtti himan

    Qondaalli Filisxeem marii Israa’el fi Hamaas keessa beeku BBC’tti akka himetti, walgahiin ganama magaalaa Sharm el-Sheek, Masiriitti gaggeeffamaa ture xumuramuu fi galgala walgahiin irra deebiin akka eegalu BBC’tti himeera.

    Mariin dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa jila Filisxeem fi Israa’el gidduutti magaalaa riizoortii Masrii keessatti gaggeeffamaa ture sa’aatii afur booda kan xumurame yoo ta’u, biyyoonni jaarsummaan walitti fidaa jiran Masrii fi Qaataar irratti argamaniiru. Mariin kutaan haaraa sa’aatii biyya keessaa sa’aatii 19:00 (17:00 BST) irraa eegaluuf kan beellamame yoo ta’u, dhimmoota ijoo shan irratti mariin karoorfameera.

    Isaanis: waraanatti xumura gochuu; namoota Israa’el butaman, hidhamtootaa fi booji’amtoota Filisxeem waliif deebisuu; humnoonni Israa’el Gaazaa keessaa bahuu; qophii gargaarsa namoomaa; fi bulchiinsa waraana boodaa kanneen jedhanidha.

  13. Dirooniin Huutiin furguggifame qolatame - IDF

    Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) sa’aatii darban keessa diroonii afur Yaman keessaa Huutiin gara Israa’elitti furguggifame kuffisuu isaa beeksise.

    Dirooniin afraffaan daangaa Israa'eliin alatti waan dhaabbateef saayireniin hin dhageessifamne.

    Kanaan dura magaalaa riizoortii kibbaa Eyilaat keessatti erga dirooniin naannoo qilleensaa Israa’el seenee booda saayireniin kan dhaga’ame ture.

    IDFn har’a ganama Gaazaa irraa rookkeetiin dhukaafamuus ni dubbata.

    Akkuma rippoortarri keenya Baha Giddu-galeessaa Israa’el kanaan dura gabaase, waraanni guyyaa guutuu of eeggannoo olaanaan akka turu dubbateera.

  14. Mariin naga Gaazaa Masriitti itti fufe 'abdii qaba' jedhan Tiraamp

    Waraana Gaazaa goolabuuf karoora US qopheessiterratti mariin al-kallattii Masrii magaalaa Shaarm El- Sheekitti godhamu Kibxata kanas itti fufa.

    Aanga'ootni Filisxeemiifi Masrii yaada BBCf kennaniin mariin amma itti fufaa jiru namootni Israa'elii butamanii harka Hamaas jiran akka gadhiifaman akkasumas Filisxeemonni Israa'el hiitee jirtu akka gadhiifaman haala kan mijeessudha.

    Ministirri Muummee Israa'el yaada Sambata darbe kennaniin guyyoota dhufan keessatti oduu haaraa warri butaman gadhiifamuu ibsu beeksisuuf abdii qabaachuu himan.

    Wiixata wayita aangaa'oonni mariitti jiran, Pirezidantiin US Donaald Tiraamp rippoortaroota Waayit Haawussitti walitti qabamaniif hireen waliigallteerra gahuu abdii qaba, waliigaltee waaraa ta'a'' jedhan.

    Hamaas wixinee warana dhaabuu US qopheessite kana gariin akka fudhatu beeksiseera. Ammoo gaaffiilee bu'uraaf deebii kennee hin jiru. Keessumaa waraana hikkachuufi bulchiinsa Gaazaa waraana booda ijaaramu keessaa harka baafachuurratti.

  15. Israa'el yaadannoo waggaa lammaffaa Onkoloolessa 7 'Saayiranii' dhageessisaa jirti

    Israa’eloonni waggaalaa lamaffaa haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwate yaadachaa jiru.

    Fesivaala Noovaa bakka haleellaan kun raawwatametti namoonni walitti qabamanii suura namoota ajjeefamaniifi barreefama qabatanii abaaboo kaa’aa, dungoo ibsuun waan mudate yaadachaa jiru.

    Yaadannoo kanaaf ammoo Saayireniin [sagalee akaakkachiiftuu/yaadaciiftuu] dhaga'amaa jira.

    Daawwadhaa.

  16. Israa’el waggaala lamaffaa Onkoloolessa 7 haleellaan irratti rawwatamee yaadata jirti

    Israa’eloonni waggaalaa lamaffaa haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwate yaadachaa jiru.

    Fesivaala Noovaa bakka haleellaan kun raawwatametti namoonni walitti qabamanii abaaboo kaa’aa, dungoo ibsuun waan mudate yaadachaa jiru.

    "Jireenya keessatti wanti haala akkanaatiif si qopheessu hin jiru" jedha ga’eessi Israa’el Hamaasiin butamee gadhiifame Gaadii Musee. "Guyyoota 481 nama tokkollee hin osoo hin argiinan dabarse,” jechuun yeroo butametti haala keessa darbe dubbata.

    Israa’elii fi Hamaas karoora nagaa qabxii 20 qabu Doonaald Tiraamp qopheesserratti Masrii keessatti al-kallattiin marii itti fufaniiru.

    Rippoortarri keenya Gaazaa of eegganoodhaanis ta’u mallattoon abdii mul’atus, lammiileen Filisxeem hangi tokko garuu abdiidhuma guutuun eeggachaa jiru jedha.

    Duula waraanaa Israa’el haleellaa Hamaas Onkoloolessa 2 bara 2023 raawwate Gaazaatti geggeessiteen yoo xiqqaate namoonni 67,173 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ibseera.

  17. Hojiin mootummaa Ameerikaa cufamuu itti fufeera

    Waayit Haawus hanga ammaatti cufamuu kanaan walqabatee hojjattootni hedduun akka hojiirraa gaggeefaman ifatti hin ibsine, garuu ta’uu akka danda’u akeekkachiiseera.

    Seenetiin Ameerikaa Wixata kaleessaa yeroo shanaffaaf tarkaanfiiwwan maallaqni mootummaa kun haalaa deebi'ee gadi dhiifamuu danda'uun raggaasisuu hin dandeenye.

    Yaadonni Dimookiraatotaa fi Rippabilikaan lamaan isaanii iyyuu mo’amanii, ulaagaa sagalee 60 barbaachisu irra gahuu hin dandeenye.

    Waldhabdeen kun maallaqa hojii ejensiitif oolu gara doolaara tiriliyoona 1.7 kan dhaabuu fii dhiisuu kan murteessu yoo ta'u, kunis baajata federaalaa waggaa keessaa gara harka afurtama ta'a.

    Kunis sagantaalee akka fayyaa fi sooramaa, akkasumas kaffaltii dhala liqaa doolaara tiriliyoona 37.88 dabalaa jiruuf ramadama.

    Donald Trump irra deddeebiin yaadni kun murtee akka argatuu fi namoota heddu hojii irraa gaggeeffamuuf , sagaleen akka kennamu gaafatan

    Hojjettoonni mootummaa federaalaa kumaatamaan lakkaa’aman guyyoota shan dura maallaqni ejensiiwwan isaaniif kennamu yeroo xumurame boqonnaa malee ykn kaffaltii malee akka hojjetan ajajameera.

    Pirezidaantiin Ameerikaa falmii kana xumuruu fi tarii Dimookiraatota seera eegumsa fayyaa qabatanii jiran waliin waliigaltee uumuuf fedhii agarsiisaniiru. Rippabilikaanonni labsiin maallaqaa kun akka ragga’u dhiibbaa gochaa jiru.

    Dimookiraatonni yaada Rippabilikaanotaan durfamu kana hin deeggaran. Sababni isaas lammiilee Ameerikaa galii xiqqaa qabaniif kunuunsa fayyaa argachuu irratti rakkatuu jedhu

    Wixineen seeraa maallaqa mootummaa guddisuuf paartii Dimookiraatotaan durfamu kunis Wixata kaleessaa sagalee 45-50n utuu hin ragga'iin hafeera

    Rippabilikaanonni irra deddeebiin Dimookiraatonni kunuunsa fayyaa godaantota waraqaa eenyummaa hin qabneef itti fufsiisuuf Galii mootummaa miidhuu jechuun himatu. Himata kanammoo hoggantoonni paartii Dimookiraatotaa ni haalu.

  18. Harka nagaaf diriiree du'a hammate: Mootiin Sa'udii waggaa 50 dura ilma obboleessa isaatiin ajjeefame

    Bitootessa 23 bara 1975 Mootii Fayisaal warra Sa'ud Arabiyaa magaalaa guddoo biyyattii, Riyaad keessatti ajjeefame.

    Ilma obboleessa isaatiin birumaa itti dhukaafamee ajjeefame.

    Ministirri zayita boba'aa isaa, Ahimad Zaakii Yamanii, yeroo itti dhukaafametti mooticha cinaa dhaabbata ture.

    Bara 2017 keessa intalli Ahimad Zaakii Yamanii, Dr. Maa'ii Yamanii, BBCtti dubbatteetti.

    "Ani guyyicha gonkumaa hin dagadhu. Dhukkubbii isaa waanan argeef, hanga ammaa waan abbaa koo mudate nan yaadadha. Dhala namaa guddisaasaa, hogganaa isaa, hiriyyaa isaa bira osoo dhaabataa jiruu akka kanaatti itti dhiyeenyaan yeroo itti dhukaafamee ajjeefamu maal akka ta'u yaadi."

  19. Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtii ajjeese

    Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtiitti dhukaasuun ajjjeese. Abbaan murtii Astriit Kalajaa mana murtii magaalaa guddoo biyyattii keessa argamutti itti dhukaafamee osoo gara hospitaalaa geeffamuu lubbuun darbe.

    Abbaan murtii kun oliyyannoo dhibdee qabeenyaarratti fudhatame osoo dhaggeeffataa jiraniiti kan itti dhukaafame.

    Dhaddacharra warra turan keessaa abbaafi ilmi itti dhukaafamus lubbuun oolaniiru.

    Poolisiin nama ganna 30 to'annoo jala oolchuu beeksiseera.

    Ministirri Muummee biyyattii Edii Raamaa maatii abbaa murtii kanaaf jajjabina dhaameera. Yakka mana murteerratti raawwate kanaaf murteen olaanaan akka kennamu hime.

    Mooraa manneen murtii keessatti eegumsi nageenyaa akka cimu, hidhannoo meeshaa waraanaa seeraa alaarrattis adabiin akka jabaatu dhaame.

  20. Bokokseen sijaaraa seeraan ala ittii daddabarsan buufanni xiyyaaraa akka cufamu taasise

    Bokokseen (baaloonni) paaketii sigaaraa kumaatamaan lakkaa'aman fe'anii turan Lutiiniyaa keessatti balalii jeeqan. Bokokseen kunneen yeroo gara daangaa qilleensaa biyyattiitti seenan bufanni xiyyaaraa yeroof balalii addaan kutuuf dirqameera.

    Giddu-galli Bulchiinsa Rakkoo Biyyaalessaa (NCMC) BBC'tti akka himetti, bokokseen meetirooloojii 25 biyya ollaa Beelaaruus irraa gara Lutiiniyaa seenanii kan argaman yoo ta'u, isaan keessaa lama kallattiin buufata xiyyaaraa gubbaatti argamaniiru.

    Buufatni xiyyaaraa cufamuun balaliin 30 akka haqamu taasisee, imaltoota kuma 6 irratti dhiibbaa uumeera jedheera.

    "Daangaa qilleensaa cabsuun seenuun" kun kan raawwatame yeroo dirooniiwwan Raashiyaarraa ta'uu malu jedhaman daangaa qilleensaa biyyoota Awurooppaa seenuun yaaddoon cimaa uumamaa jirttidha.

    Moskoo taateewwan dhiheenya kana mudatan kana keessaa harka akka hin qabne haalteetti.

    Bokokseen metirooloojii dhuma torban darbee furguggifaman keessaa hanga 14 kan ta'an naannoo Vilnius, magaalaa guddoo Lutiiniyaa fi daangaa Beelaaruusitti dhihoo ta’e irra akka ka'an qondaaltonni himaniiru.

    Ergasii yoo xiqqaate bokokseen 11 paakeetii sigaaraa gabaa gurraacha 18,000 fe’an kan argaman yoo ta’u, lakkoofsi kun dabaluu danda’us jedha Tajaajilli Eegdota Daangaa Mootummaa Lituwaaniyaa.

    Jeeqamni isaan uuman jiraatus dubbi-himaan NCMC akka jedhanitti: "Bokokseen seeraan alaa - sigaaraa Beelaaruus irraa dhufu - Lutiiniyaa, Laatviyaa fi Poolaand keessatti waan haaraa miti," jedhan.

    Bara kana hanga ammaatti bokokseewwan 544 Beelaaruus irraa gara Lutiniiyaa seenan kan galmaa’e yoo ta’u, bara darbe 966 akka ta’e himaniiru.