Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el bakka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 yaadataa jirtuutti Beeruuti haleelte
Israa'el har'a wayita haleellaa Hamaas waggaa tokkooffaa yaadataa jirtuutti Kibba Libaanoos kan Hezboollaan baayyinaan keessa buufate haleelte.
Guduunfaa
- Dho'insi guddaan buufata xiyyaaraa cinaatti dhaga'ame
- Iraan biyyi Israa'el gargaartu kamiyyuu 'kan irratti xiyyeeffattu' ta'uu ibsite
- US Israa'eel tumsuuf kutannoo qabdi- Isteet Depaartimant
- Erga Joo Baayidan dhimma Israa'el-Iraan irratti dubbataniin booda gatiin boba'aa %5 dabale
- raan Israa'el irratti misaa'el dhukaafte
- Israa’el Libaanos keessatti lola lafoo daangaa'aa Hezboollaa irratti xiyyeeffate bahuu ibsite
- Toora tamsaasa kallattii isa haaraa kanaan dura ture
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Kibba Beerut keessatti aarri haleellaan booda sammiitti ka'e mul'ate
Gabaasni Israa'el naannoo kibba Beerut irratti haleellaa raawwaachuu hin oolle jedhamee jedhamee shakkamu BBC qaqabe.
Namoonni ijaan argan gamoowwan irraa aarri ol ba'ee mul'chuu arguu isaanii gabaasaa jiru jedha dhaabbanni oduu Rooyitars.
Suuraa mul'atu kan Rooyitars tamsaasa kallattin naannoo kibba Beerut irraa tamsaasurra kan fudhatame aarri haleellaan wal qabatu mul'achuu agarsiisa.
Waraanni Israa’el taatee kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine. Odeeffannoo kanaaf kanneen biroo tamsaasa kallattii keenyaan hordoofneee isin biraan geenya.
Rakkoo barsiisota yunivarsiitii daabboo muuziin nyaataa ‘PHD’ baratanii
Ajjechaan Hasan Nasrallaa dubbii maali hordofsiisuu danada'a?
Gabaasaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar Israa'el Iraaniin lolatti affeeraa jirti jedha.
Hogganaa Hezboollaa irratti xiyyeefachuun Humna Waraanaa Israa'el dhimma dubbii hammeessuufi deeggartuu garee kanaa Iraaniin lolatti kan affeeru dha.
Hanga ammaatti lola Israa'eliifi Hezboolaa gidduu adeemaa tureen Iraan moggaadhumarra turuu filattee ture jedha.
Tahus kana booda biyyi Rippaabliika Islaamaa kuni caasaan michuunshee Baha Gidduugalaa kotee dhaa yoo cabu ilaaluun balaa baachuu mala.
Israa'el, Hezboollaa, Iraan... maaltu itti aana?
Israa’el hogganaa Hezbollaa yeroo dheeraaf kan turan Hasan Nasrallaa ajjeesuunshee, kunis waraana garee hidhattoota Libaanos waliin qabdu keessatti taatee isa hamaadha.
Kunis, tarii, taatee riijinicha gara walitti bu'iinsa baayyee bal’aa fi miidhaa olaanaa qaqabsiisuu danda'uufi kan Iraanii fi US akka hirmaataniif harkisutti geessuu danda'a.
Kanaafuu, bakka amma jiramu irraa garamitti deemuu danda'a? Kunis qabxiilee gurguddaa sadii irratti hundaa’a.
Haleellaa Israa'el Yaman keessatti Huutii irratti raawwatte viidiyoon
Israa'el wiirtuu Hezboollaa Libaanos keessatti argamurratti erga raawwatteen booda amma ammoo garee Huutii Yaman keessa jirurratti haleellaa raawwatte.
Viidiyoo haleellaa Yamanitti buufata Huutii irratti raawwatame agarsiisu daawwadhaa!