Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el bakka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 yaadataa jirtuutti Beeruuti haleelte

Israa'el har'a wayita haleellaa Hamaas waggaa tokkooffaa yaadataa jirtuutti Kibba Libaanoos kan Hezboollaan baayyinaan keessa buufate haleelte.

Guduunfaa

  • Dho'insi guddaan buufata xiyyaaraa cinaatti dhaga'ame
  • Iraan biyyi Israa'el gargaartu kamiyyuu 'kan irratti xiyyeeffattu' ta'uu ibsite
  • US Israa'eel tumsuuf kutannoo qabdi- Isteet Depaartimant
  • Erga Joo Baayidan dhimma Israa'el-Iraan irratti dubbataniin booda gatiin boba'aa %5 dabale
  • raan Israa'el irratti misaa'el dhukaafte
  • Israa’el Libaanos keessatti lola lafoo daangaa'aa Hezboollaa irratti xiyyeeffate bahuu ibsite
  • Toora tamsaasa kallattii isa haaraa kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattii eegalleerra!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan marati.

    Kunoo tamsaasa kallattii guyyaa Kibxataatiin odeessaalee Baha Jidduugalaafi addunyaa mara irraa isin biraan geenyu amma jalqabneera.

    Yoo nu hordoftan odeessaalee haaraa argattu.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  2. Baayidan Libanositti dhukaasni akka dhaabatu irra deebiin waamicha dhiyeessan

    Pireezidant Baayidan Hezboollaa fi Israa'el gidduu dhukaasni akka dhaabbatu irra deebiin waamicha dhiyeessan.

    Israa'el loltuu lafoon Libaanos weeraruu malti jechuun qondaalli Ameerikaa miidiyaa biyyatti CBStti himuun booda waamichi pirezidantichaa dhagahame.

    Ibsa Waashingitanitti kennameen ''oppireeshinii Israa'el Libaanositti'' gochuu jiru irratti gaafatamanii turan

    Baayidan: ''Isa isin yaaddan caala wwan tahaa jiru nan beeka akka isaan dhaabanin barbaada,'' jedhan.

    Dabaluunis, ''ammuma dhukaasni dhaabbachuu qaba'' jedhan.

  3. Hidhattoonni Yaman- Huutiin Israa'el irratti duula akka cimsan dhaadatan

    Gareen hidhattoota Huutii Yaman keessaa, haleellaa Dilbata Israa'el biyyattii irratti raawwatteef deebii kennuuf duula waraanaa Israa'el irratti akka cimsan dhaadatan.

    Garichi dabaluunis Israa'el guyyaas haleellaa qilleensaa 17 bu'uraalee misoomaa biyyattii irratti raawwachuudhaan namoota shan ajjeeftee kan biraa 57 ammoo madeessite jirti jedhe.

    Israa'el gama isheetiin haleellaan Dilabata buufataalee Yaman irratti raawwatte deebii haleellaa gareen Huutii isheerratti raawwateef ta'u himtee turte.

  4. Buqqaatiifi haalli jireenyaa dhukkuba babal'isuu mala - Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

    Ammaan tana osoo gabaasaa jirruu haleellaan qilleensaa Israa'el guutuu Libaanos keessatti itti fufe kun namoota miiliyoona tokko ta'an qe'eesaanirraa buqqaaseera.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n amma buqaatiin jumlaa fi haalli jireenyaa gadaanaan ummata Libaanos keessaa mudate kun balaa dhukkubaaf saaxilamu dabaluu danda'a jedhe.

    WHOn Fulbaana 23- 27 jidduutti namoonni 118,466 buqqa'uu tilmaameera.

    Sirni fayyaa biyyattii rakkoo amma mudateen wal qabatee humnaa ol itti ta'aa jiraachuu, dhaabbatichi himeera.

  5. Amma nu gahe, Israa'el Libaanos keessatti lola lafoo akka yaadde UStti himte- Qondaala US

    Qondaalli Ameerikaa tokko Israa'el Libaanos keessatti duula lafoo murtaa'aa eegaluudhaaf yaada qabaachuu Ameerikaatti beeksiisuushee, miidiyaan michuun BBC CBS gabaase.

    Qondaalli kunis duuliichi atattamaan har'a eegaluu danda'a jedhaniiru.

    Ogeessa kanarraa dabalata akkuma arganneen isin biraan geenyaatii nu hordofaa.

    Oduun kun dhagahamuun dura ammoo, itti aanaan hogganaa Hezbollaa gareensaa waraana lafoo kan Israa’el guyyootaaf akeekaa turteef qophii ta’uu dubbatanii ture.

    Kanumaa waliin wal qabatees, ministeerri ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalaant loltoota naannoo daangaa Libaanositti argamaniin, humna "qilleensa, galaanaa fi kan lafaa" fayyadamuudhaaf qophaa'uu isaanii himanii ture.

    Libaanos keessatti torbeewwan lamaan darban keessa erga Israa'el haleellaa qilleensaa eegalte as namoonni kuma tokkoo ol kan ajjeefaman yoo ta’u, akkasumas namoonni hanga miliyoona tokkoo ta’an qe’eesaanii irraa buqqa’uu akka danda’an qondaaltonni himan

  6. Obomboleettii Kaaba Kaaroolinatti mudateen bulchiinsa tokko keessaa namoonni 30 du'an

    Kaaba Kaarolinaa keessatti, obomboleettii hamaa Heleen jedhamu guutummaa kutaa biyyattii caccabsuun lolaa hamaa erga umeen booda balaa qaqqabeen, bulchiinsa tokko qofaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 30 yoo du’an, hedduun bakka buuteensaanii hin beekamne.

    Obomboleettiin kun Filooriidaa fi Joorjiyaa dabalatee, miidhaa qaqqabsiiseen booda Dilbata guyyaa guutuu suuraaleen taatee kana mul'isan bahanii turan. Kanaanis bulchiisa Buncombe naannoo miidhaa guddaan kun irra gahe ta'uu agarsiisa.

    “Gaaga’ama Macaafa Qulqulluutu nu mudate,” jedhan Raayan Kool, qondaalli balaa tasaa bulchiinsa, magaalaa gara Asheville keessaa argamuu.

    "Kun taatee balaa uumamaa isa guddaa eenyuun keenya arginee hin beeknedha."

    Erga obomboleettiin kun guyyaa Kamisa darbe Filooriidaatti sigiguu lafaa qaqqabsiiseen booda, akka biyyaatti yoo xiqqaate namoonni 116 du’uusaanii michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS kan ibse.

    Qondaaltonni naannoo lakkoofsi kuni dabaluu akka danda'u himaniiru.

  7. Netaaniyaahuun ummata Iraaniin, 'Israa'el sin waliin akka dhaabbattu akka beektan' jedhan

    Ministitti Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun wayita biyyisaanii duula gareewwan Iraaniin deeggaraman Hamaas, Huutiifi Hezboollaa irratti gaggeessan itti fufteetti, kallattiidhaan ummata Iraaniif ergaa kan dabarsan.

    Waraabbii viidiyoo daqiiqaa sadii toora X gubbaatti maxxansaniin, Netaaniyaahuun hoggantoonni Iraan waa'ee Gaazaa fi Libaanos ittisuu irratti haasaa taasisan, haata'u malee "guyyaa guyyaan sirni sun naannoo keenya dukkanaa fi waraana keessatti gadi fageenyaan galchaa jira" jechuun himatu.

    "Baha Giddu Galeessaa keessatti bakki Israa'el ga'uu hin dandeenye hin jiru, bakka nuti ummata keenyaa fi biyya keenya eeguudhaaf hin deemne hin jiru" jedhan.

    "Yeroo darbaa deemuun sirnichi ummata kabajamaa Faarsi gara boollaatti isin dhiheessaa jira," jedha.

    Netaaniyaahuun "dhuma irratti Iraan yoo bilisa" taate, yeroon sunis kan "namoonni yaadan caalaa baay'ee dafee" dhufa jechuun, sana booda wanti hundi adda ta'ee biyyoonni lamaan nagaa ta'u jedha.

    "Iraan haala kanaan dura hin beekneen ni dagaagti," jechuun, itti dabaluudhaan, "Gareen xiqqaan ti'okraatota finxaaleyyii abdii keessanii fi abjuu keessan akka hin caccabsin. Waan caalutu isiif mala" jedha.

    "Ummanni Iraan Israa'el isin waliin akka dhaabattu beekuu qaba. Egeree badhaadhinaa fi nagaa waliin taanee haabeeknu," jecdhan itti dabaluun.

  8. Loltuun Libaanos haleellaa Israa'eliin ajjeefame

    Loltuun Libaanos haleellaa Israa'el doqdoqqee irratti kibba Libaanositti raawwatteen ajjeefamee jedhe waraanni biyyattii.

    Naannoo Waazaanii daangaa Israa'el jiru irratti doqdoqqeen yeoo keellaa darbuuf jirutti haleellaan diroonii irratti qiyyaafate jedhe waraanni.

    Maddi waraana kanatti dhiyeenya qabu AFPtti akka himetti haleellaan kuni lammiilee Siiriyaan doqdoqqeen deeman irratti qiyyaafatee kan ture yoo tahu boombii furguggifameen ajjeefame.

    Waraanni Israa'el hamma yoonaa homaa hin jenne.

  9. Ruwaadaan sababa vaayirasii Maarbargiin nama awwalcha deemu daangessite

    Qondaalonni Ruwaandaa vaayirasii Maarbarg akkaan tamsa'u daangeesuuf jecha lakkofsa namoota awwaalcha irratti argamanii daangeessan.

    Vaayirasiin kun Ruwaandaatti erga mul'atee eegalee namoonni saddeet du'aniiru jechuun ministeerri fayyaa biyyattii mirkaneesseera.

    Vaayirasiin humna ajjeesuu dhibbeentaa 88 qabu, maatii vaayirasii Iboolaati. Namootatti kan darbe simbira halkanii irraa yoo tahu, namaa namatti immoo dhangala'aa dhukkubsataa vaayirasicha qaburraa daddarba.

    Qajeelfama haaraa vaayirsaii Maarbarg kana dhaabsisuu baheen Ruwaandaatti awwaalcha nama dhukkuba kanaan qabamee du'erratti namni shantama caalaa akka hin argamne daangeessiteetti.

    Vaayirasiin kun dhiigni akka malee akka dhangala'u gochuun du'aaf nama saaxila.

    Ministeerri fayyaa biyyattii guyyoota 14 dhufaniif hospitaalatti nama gaaffiif dhufu hin ayyaman.

  10. 'Hezboollaan Israa'el nu weeraruuf dhufaa jirti jedhee akka yaadu barbaaddi'

    Gabaasaan dippiloomaasii Pool Adaams guyyoota darbanitti mallattoon weerara lafoo kanaa akkaan mul'achaa tureera jedha.

    Taankiiwwan Israa'el baay'inaan gara daangaa Libaanositti siqaa jiru, humnoota waraanaa eeggattummaan jiranis waamama jiru.

    Jenerraalli olaanaa Israa'el loltota Israa'el iddoowwan Hezboollaan bal'inaan qabatee jirutti oppireeshinii akka geggeessan itti himeera.

    Hogganaan loltuu gama kaabaa immoo kibba Libaanositti zoonii nagaa uumuun lammiileen 60,000 waggaa tokko dura nageenya isaaniif jecha bahan gara mana isaaniitti deebisuuf gargaara jedhe.

    Minsiteerri ittisaa Yo'aav Gaalaant har'a ganama loltootatti yoo dubbatan, ''Israa'el humna qabdu hunda fayyadamti, ''qillensa, galaanaa fi lafoo,'' jedhan.

    Joornaaliin Wool Istriit gareen humna addaa guddaa tahuu baatus daangaa Libaanos irratti haleellaa raawwachaa jiraachuun dhagahmaaaa jira.

    Yeroo muraasaan dura Al-Jaziiraan humnooti Israa'el naannoo al-Abbaaseehi, Haruuf akksumas Beeyidaas iddoowwan Libaanos waliin daangaa hin qoodanneetti haleellaa tasaa raawwateetti jechuun gabaaseera.

    Hamma ammaa humni Israa'el daangaa qaaxxaamuree hin mul'anne.Yoo haleellaan raawwates heelikooptaraani taha jedheera.

    Haa tahu malee Israa'el Hezboollaan Israa'el dhufaa jirti jedhee akka yaadu barbaaddi jedhan.

  11. Baayyinni namoota Dilbata Ayiinitti ajjeeffaman 45 gahu ministeerri fayyaa Libaanos hime

    Ministeera fayyaa Libaanos irraa odeeffannoo haaraa argannen, baayyinni lakkoofsa namoota haleellaa qilleensaa Israa’el kaleessa Ain al-Delb keessatti raawwateen ajjeefamanii gara 45tti ol guddateera.

    Magaalaan Kibba Libaanositti argamtu tunis Dilbata kaleessa waaree booda kan rukutamte yoo ta’u, gabaasaaleen jalqabaa namoonni 32 du’uu fi hedduun madaa’uu ibsan.

    Kanaan dura ministeerichi haleellaa qilleensaa guyyaa guutuu biyyattiitti raawwatameen lubbuun namoota 105 darbuu ibseera.

  12. 'Humna qilleensaa, galaanaafi lafa irraa fayyadamna' - Ministirri ittisaa Israa'el

    Ministirri ittisaa Israa'el Yoo'aav Gaalaant loltootasaanii kanneen naannoo daangaa Libaanos jiran waliin wal arguun, jiraattota kaaba Israa'el buqqa'an ''karaa nuf danda'amu hundaan'' qe'eetti akka deebisan itti himaniiru.

    Ministirichi Gaalaant loltootaan, ''hagganaa Hezboolaa Narsrallaa balleessuun tarkaanfii barbaachiisaadha, garuu waan hunda jechuu mit'' jedhaniin.

    Ergaa karaa waraabbii viidiyoo gabaabaatiin dabarsaniitiin, yeroo loltootaan, ''dandeettii qabnu hundatti fayyadamuun, yoo qaamni gara sanaa dandeettii jechuun maal jechuu akka ta'e kan hin hubannee yoo ta'e, isa jechuun dandeettiiwwan qabuudha'' jechuun yoo dubbatan dhagahaman.

    ''Isiniif qaama yaalii kanaati, waan kamuu raawwachuu akka dandeessan isinitti amannas,'' jedhan.

    Gaalaant itti dabaluudhaan, ''waanti hojjatamu qabaatu hunda ni raawwatama. Akkasumas humnoota qilleensaa, galaanaa fi lafoo qabnu hundattiis ni fayyadamna'' jedhan.

  13. Hogganaan Hamaas Libaanos keessaa gocha shororkeessummaaf gaafatamaadha -Israa'el

    Waraanni Israa'el ajjeechaa Faateh Sheerif Abu el-Amin, itti gaafatamaa Hamaas Libaanos keessatti raawwatameef, kan Hamaas kanaan dura mirkaneesse irratti dubbate.

    IDF akka jedhutti, Sheeriif ''sochii shororkeessummaa Hamaas Libaanos keessatti Oppareshinii Hezbollaa waliin raawwatamuuf itti gaafatamummaa qaba ture''.

    Akka yaadachiisaatti, Hamaas Gaazaa bakka Onkoloolessa 7 irraa eegalee Israa'el waliin lolaa ture, keessa kan buufate ta'ulleen, Libaanos keessas ni socha'a.

    Hamaas fi Hezbullaah gareewwan lamaanuu Iraan irraa gargaarsa gama hedduun argatu.

  14. Gareen Hezbollaa lola lafootiif qophii ta'u beeksiise eenyuudha?

    Aanga'oonni Israa'el tarkaanfii tibban raadiyoowwan quunnamtii dhoosuudhaan haleellaa Hezboollaa irratti raawwataniin kan boonan fakkaatu jedha xinxalaan BBC Jaremii Booween.

    Israa'el tarkaanfii bal'aa fudhachu kan eegaltes meeshaalee quunnamtii peegarsi jedhamaniifi raadiyoowwan quunnamtii dhoosuudhaan.

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Israa'el ibsa gaazexessitootaaf guyyaa Wiixataa kennaniin, haleellaa biyyisaanii raawwattee wayita leellisan dhagahaman.

    ''Guyyaan har'aa cimaadha... Torbeen kun Hezboollaan erga hundeeffamee torban isa hamaadha. Bu'aaleen ofiisaaniitiin dubbatu.''

    Ofii gareen eenyudha? Attamiin hundeeffame? Balinasaa asiin argattu. Hezbollaan eenyudha?

  15. Hezbollaan duula lafoo raawwaawwachuuf qophii ta'uu ibse

    Hogganaa ittaanaan Hezbollaah Naahim Qaassim haasaa taasisaniin, Hezbollaan duula lafoo raawwachuuf qophaa'aa ta'u himan.

    Qaasim Hezbollaan haleellaa lafoo Israa’el raawwattuu qolachuuf qophii ta’uufi lolli Israaʼel waliin taasifamu kan itti fufu ta'uu dubbatan.

    Hoggananaan Ittaanaan kun, garichi duula isaa itti fufee jira jechuun, haleellaan hanga ammaatti ta'es "xiqqaadha" jechuun ibsaniiru. "Obsaa" jechuunis haasaa taasisan goolaban.

    Israa’el Jimaata darbe haleellaa raawwateen hogganaa Hizbullah, Hasan Nasrallah kan ajjeeste yoo ta’u, Qaasim garichi nama bakka isaa bu’u akka filatus dubbataniiru.

    Haleellaa gareen lammanuu wal irratti raawwatan kana hordofee waraanni dheeraachuu akka danda’u Rooyitars gabaaseera.

  16. ABO-WBO dhimma hoggana isaa duraanii Obbo Sanyii Nagaasaa irratti maal jedhe?

  17. Gochii yakka Israa'el rawwattuu osoo hin deebi'iniif hin hafu- Iraan

    Iraan Israa'el gatii harkashee osoo hin argatin hin haftu jechuun dhaadatte.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Naasser Kanaani akka jedhanitti, Iraan ''gocha yakkaa'' Israa'el kamiifuu deebii osoo hin kennin hin dhuuftu jedhan.

    Ministirichi ibsa torbanii miidiyaaleef kennamu irratti kan dubbatan yoo ta'u, kunis erga jeneraalli olaanaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Iraan Jimaata darbe haleellaa Israa’el raawwateen ajjeefame as, Iraan waraana hin barbaaddu garuu hin sodaattu jetteen booda isa jalqabaa ta’uu Rooyitars gabaaseera.

    Yaadni isaanii kun kan hogganaan olaanaa Iraan Alii Kehaameenii dhuma torban darbee keessa gochi Israa’el ''haloo hin bdeebine'' akka hin taane dubbataniin kan wal fakkaatudha.

    Hezbollaan kan Israa’el Libaanos keessatti irratti xiyyeeffatte haleelaa jirtu, milishootni, naannicha keessa jiran hedduu Iraanin deeggaramu.

  18. Eenyuutu bakka Hasan Nasrallaan bu'uun Hezbollaa dursuuf filatamaa laata?

  19. Hamaas hogganaansaa Libaanos keessatti ajjeeffamu hime

    Gareen Milishaa Filisxeemootaa Hamaas, hogganaan garichaa kan Libaanoos keessaa, Faateh Sheeriif Abuu el-Ameen, haleellaa qilleensaa Israa'el raawwataa jirtuun kibba Libaanoosiitti miseensoota maatiisaa muraasa waliin ajjeeffame jedhe.

    Hamaas qondaalli isaa kunis haleellaa ''mana isaa kan kaampii Al-Bass kibba Libaanos keessatti argamu irratti'' raawwatameen ajjeefamuu isaa dubbata.

    Dhaabbanni Oduu Biyyaaleessaa Libaanos kan mootummaan bulchu, haleellaan qilleensaa kaampii naannoo magaalaa kibbaa Xiirotti argamu irratti raawwatamu gabaase.

    Hamaas teessoo isaa Gaazaa keessa, bakka Israa'el Onkoloolessa 7 irraa kaaftee keessatti waraana gaggeessaa jiru ta'ulleen, Libaanos keessattis ni soocha'a.

    Hamaas fi Hezbollaan lamaan isaanitu Iraan irraa deeggaraa waraana fi maallaqaan gargaaramu.

  20. Lammiilee Libaanos jireenya daandii irraa eegalan

    Libaanosiif waraanni waan haaraa miti.Lammileen isaanis waraanni hangama akka badaa ta'e bareechanii beeku. Waraanni Siiriyaa fi Libaanos gidduutti bara 1975 eegale waggoota 15booda bara 1990 xumurame.

    Sana booda ammoo Hizbullaah fi Israa'el bara 2006 waraanatti seenan.Akkasis ta'ee garuu waraana fokkisaa akka amma kana arganee hin beeknu jedhu. Kun egaa waraanni jalqabee utuu torban lama hin guutnedha.

    Guyyoota 10'n darban keessa Libaanos akka waan balaan samii irra itti harca'etti daaraa taaterti.

    Heeduun ajjeefamaniiru, kumaatamaan kan lakkawaan miidhamaniiru, gamoowwaan jijjiganiiru, daa'immanii fi dubartoota dabalatee hedduun karaa gubbatti ba'aniiru.Israa'el hoggantoota Hezbollaa hedduu ajjeftus amalle haleellaa itti fufteeerti

    Bulchaan Beerut, ''Yeroon kun biyya koo Libaanosif yeroo hamaadha,'' jedhan. Hizbullaah waliin hidhata hin qabne himatan

    "Nan gadda, duuti namoota qulqulluu baay'ee na rifachiise, hunda caalaa ammoo callisuun hawaasa addunyaa guddaa na rifachiise." jedhan.

    Kayyoon Israa'el maal akka ta'e miidiyan kan gaafataman Bulchaan Beerut kun, "Ani maalin beeka, Israa'el garuu ajjeesuu hin dadhabdu, har'as ajjeechaa borus ajjechaa, ajjeechaa irratti ajjeechaa kana irraa Uumaan nu haa eegu malee maal jenna?" jedhan

    Amma Lammiileen hedduun daandii irratti bahanii mul'atu. Lakkoofsi lammiilee addabaabayii fi daandii gubbaa bulanii baay'eedha. Lammiileen kun gara heddun Kibba Libaanos naannawa buufata guddaa Hizbullaah ture irras garas baqatan. Namoonni kun hundi yoom gara qe'ee isaanitti deebi'an hin beekan. deeggarsas hin qaban.

    Madiinaa Mustafaa Alii ilma ishee ji'a torbaa hammattee sossobaa mul'atti. Jimaata irraa eegalee karaa gubbaa jiraatti ''Dhohinsi nu rifachiise. Sodaannee turre ijoolleen koos boo'ani haala hin taanen miliqne as jirra ,egaa eessa deemna?" jetti. Amma daandiin Libaanos haala kanaan warra lubbuu ofi baraaruuf wixxifatuun guutamee jira.