Naannoo Sidaamaa aanaa Sidaamaa keessatti baatii Waxabajji 2016 A.L.I irraa kaasee miidhaa waraabessi irra deddeebiin qaqqabsiiseen namoonni 12 lubbuun isaanii darbuu, shan immii miidhaan qaamaa irra gahuu bulchaan aanichaa beeksisaniiru.
Miidhaa waraabessi qaqqabsiiseen booda duula jiraattonni naannichaa taasisaniin waraabeessi 40 ol ajjeefamuunis dhagahameera.
Miidhaan waraabessaa kuni Waxabajji darbeetii akka jalaqabe itti gaafatamaan koominikeeshinii aanichaa Obbo Garramoo Maatiyoos BBCtti himaniiru.
Yeroos aanaalee ollaa Dillaa keessa jiranitti akkasuma waraabessi miidhaa qaqqabsiisuun booda hawaasni itti duullaan garaa aanaa Darraatti ''godaanuu'' isaanii ibsaniiru.
Waraabuun bineeldota butanii nyaachuu kan jalqabe yoo tahu boodarra namootarra miidhaa geessissuu danda'eera.
Hamma yoonaa gandoota 24 keessaa kanneen torba tahan keessatti waraabessaan miidhaan qaqqabeera.
Warabuun yeroo baayyee daa'imman irratti akka Obbo Abbaayineh himaniiru.
Aanichatti itti gaafatamaa kominikeeshinii kan tahan Obbo Garramaw Waxabajjii irraa kaasee nama 17 irratti miidhaan gaheera. Kanneen keessaa 15 daa'immani dha.
Daa'imman waraabessaan nyaataman ganna shanii hanga 15 kan gahanii dha jedhan.
Daa'imman baayyeen bishaan waraabuufi, wayyaa miicuuf laga yoo deeman akkasumas loon tiksuuf yeroo laga bu'anitti nyaataman.
Obbo Abbaayinah, ''daa'imni waggaa 14 fa'i yeroo haadhashee wajjin deemtu adda foo'e ishee kuffise. Haati oolchuu dhaaf wal'aansoo qabattus. Humnashee ol tahuun, mucaan iyya namaafi tattaaffii uumma reeffashee otoo hin nyaatin argamuu dandeesseetti,'' jedhan Itti gaafataman aanichaa Obbo Abbaayinah.