Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el bakka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 yaadataa jirtuutti Beeruuti haleelte

Israa'el har'a wayita haleellaa Hamaas waggaa tokkooffaa yaadataa jirtuutti Kibba Libaanoos kan Hezboollaan baayyinaan keessa buufate haleelte.

Guduunfaa

  • Dho'insi guddaan buufata xiyyaaraa cinaatti dhaga'ame
  • Iraan biyyi Israa'el gargaartu kamiyyuu 'kan irratti xiyyeeffattu' ta'uu ibsite
  • US Israa'eel tumsuuf kutannoo qabdi- Isteet Depaartimant
  • Erga Joo Baayidan dhimma Israa'el-Iraan irratti dubbataniin booda gatiin boba'aa %5 dabale
  • raan Israa'el irratti misaa'el dhukaafte
  • Israa’el Libaanos keessatti lola lafoo daangaa'aa Hezboollaa irratti xiyyeeffate bahuu ibsite
  • Toora tamsaasa kallattii isa haaraa kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa keenyaa har'aa eegalleera!

    Ashamaa hordooftoota BBC Afaan Oromo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa keenya kan guyyaa Roobii kan ittiin odeessaalee ijoo isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Muddama Baha Jidduugalaa dabalatee odeessaalee ijoo karaa kanaan ni argattu.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  2. Haleellaa bu'aa hin qabne Iraaniin booda Baayiden 'Israa'eliin guutummaatti deeggarra' jedhan

    Haleellaa Iraan Israa'el irratti gaggeessite hordofee US deebii kennaa jirti.

    Pirezidant Joo Baayiden US Israa'eliin "guutummaan guutuutti deeggarti" jedhan.

    Humni waraanaa US yeroo haleellaan kun [Israa'el] irratti raawwatametti ajaja isaan kallattiin kennaniin "Israa'elirraa ittisuurratti dammaqinsaan deeggeraniiru" jedhan Baayiden.

    Odeeffannoo amma jiruun, haleellaan gaggeeffame kun "kan injifatameefi bu'aa kan hin qabnedha" jedhan.

  3. Ministirri ittisaa UK humnoonni Biriteen taatee Kibxata keessatti 'gahee isaanii taphataniiru' jedhan

    Ministirri Ittisaa UK Joon Heelii waa'ee humnoonni Biriteen Kibxata galgala ''gaheesaanii taphachuun'' qaama ''Baha Giddu-galeessaa keessatti dubbiin daran akka hin hammaanne'' mirkaneessaniiru.

    Heelii ibsa kenneen, ''haleellaa Iraan Israa'el irratti raawwatte guutummaatti nan balaaleffadha'' jedheera.

    "Humnoonni Ingiliz galgala har'aa muddamni Baha Giddu-galeessaa keessatti daran akka hammaamme yaaliin godhame keessatti gahee isaanii ba'aniiru."

    "Loltoota Biriteen oppareshinii kanarratti hirmaatan hunda ija jabinaafi ogummaa isaaniif galateeffachuu barbaada."

    "UKn mirga Israa'el biyyashee fi ummata ihee doorsisa irraa ittisuuf qabdu guutummaatti ni deeggarti."

  4. Kaamalaa Haaris US misaa'eloota Iraan qolachuurratti Israa'el gargaaruun siriidha jette

    Itaantuun pirezidantii Ameerikaa ammaa fi Kaadhimamtuun pirezidantummaa paartii Dimokiraatii filannoo Sadaasa dhufuu, Kaamalaa Haariis haleellaa misaa'elii har'aa irratti yaada kennite.

    Kaamalaa Haaris haleellaan kun kallatiidhaan Waayit Haawus irraa akka ilaalte yoo ta'u, Iraan Baha Giddu-galeessaa keessatti ''humna tasgabbii dhabsiistudha'' jechuun ibsiti.

    Murtee Pirezidaantii Joo Baayiden dooniiwwan Humna Galaanaa Ameerikaa Galaana Meditiraaniyaanii keessa jiran misaa’ela Israa’el irratti xiyyeeffate akka kuffisan ajajuusaanii guutummaatti akka deeggarte dubbatti.

    Itti dabaluun, deeggarsi tattaaffii haleellaa Kibxata darbe taasifamu itti fufee osoo jiruu, Israa’el gargaarsa Ameerikaatiin haleellaa kana injifachuu waan dandeesse fakkaata jetti.

    “Nageenya Israa’eliif ejjennoon ani qabu kan hin raafamnedha,” jechuun, Ameerikaan “humnootaa fi dantaa Ameerikaa eegisuudhaafis, Iraan fi shororkeessitoota Iraan deeggaraman irraa tarkaanfii barbaachisaa ta’e kamiyyuu fudhachuuf gonkumaa duubatti hin jettu” jedha.

  5. Waraanni Israa'el naannoolee Beerut lama keessaa namoonni akka ajaje

    Wraanni Israa’el kibba Beerut keessaatti jiraattonni gamoo lamatti dhihatanii jiran naannicha keessaa akka bahaniif ajaja kennuu beeksiise.

    Dubbi-himaan Waraanaa Israa'el kan afaan Arabaa toora X irratti maxxansuudhaan, yeroo dhiyootti waraanni gamoowwan waraanichi dhaabbilee Hezboollaati jedhamanirratti ''haleellaa humnaa'' ni fudhata jedhu.

    Avichay Adraee, jiraattonni gamoowwan naannoo Haret Hreik keessaa jiranirraa yoo xinnaate meetira 500 (1,640 ft) akka fagaatan akeekkachiisaa, kana kaartaa naannichaa waliin maxxanse.

    Akeekkachiisni gosa kanaa, kanaan duraa kennameen gamoowwan murtaa'an irratti haleellaa xiyyeeffannoo qabu raawwatamee ture - yeroo baayyee miseensota Hezboollaa ykn bu'uuraalee misoomaa irratti haleellaan kan xiyyeeffatamu.

  6. Haleellaa Israa’el raawwateen namoonni 50 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Libaanos beeksise

    Haleellaa Israa’el guyyaa Kibxata guutu Libaanos keessatti raawwateen namoonni 55 ajjeefamanii, 156 kan ta'an madaa’uu ministeerri fayyaa Libaanos ibsa haaraa baaseen beeksiseera.

    Ibsi kun kan ba’e, waraana lafoo raayyaan ittiisaa Israa’el kibba Libaanos guutuutti jalqabuusaa hordofeeti.

    Akkasumas, haleellaan qilleensaa eddoowwan buufata Hezboollaa fi magaalaa guddoo Beerut irratti xiyyeeffatamuun aawwatamu itti fufuu isaa hordofeeti beeksiifnu kun kan kenname.

    Qondaaltonni Libaanos akka jedhanitti, torban lamaan darban keessa namoonni 1,000 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, kanneen gara miliyoona tokkootti siqan ammoo qe’ee isaanii irraa buqqaaafamaniiru.

  7. Netaaniyaahuun Iraan 'dogoggora guddaa hojjetteef gatii baasuuf jirti' jedhan

    Ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuun Iraan 'dogoggora guddaa hojjetteef gatii guddaa baasuuf jirti" jedhan.

    Walga'ii kaabinee wayita bananitti dubbii dubbataniin, MM Netaaniyaahuu Iraan biyyi isaanii Israa'el diinotashee "haaloo ba'uudhaaf hangam akka murannoo qabdu hin hubanne" jedhan.

    "Hubachuuf jiru," jedhean. "Nuti seera tolfanneef ni dhaabbanna: Eenyuyyu nu haleellaan-nutis isaan ni haleella," jedhan.

  8. Miseensonni Paarlaamaa Keeniyaa pirezidantii itti-aanaa buqqisuuf adeemsa seeraa jalqaban

  9. Kiir Istaarmar haleellaa Iraan balaalleefatan

    Ministirri Mummee UK, Kiir Staarmar har’a waaree booda gita isaanii Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin haasaa bilbilaan taasisaniin haleellaa Iraan Israa’el irratti raawwatte “cimsuudhaan” balaaleffataniiru.

    Sir Kiir Staarmar haasaa Neetinyaahuun waliin taasiisaniin, “UK’n nageenya Israa’el fi eegumsa lammiilee nagaatif kutannoo cimaa akka qabdu ibsaniiru” jedha dubbi himaan Downing Street.

    Innis dhimma Libaanos keessatti barbaachisummaa dhukaasa dhaabuu dubbataniiru kan jedhe Daawuning Istiriit, itti dabalunis, haala Gaazaa kaasaniiru jedhe.

    Sir Keir har’a waaree booda mootii Joordaan Abdallaah 2ffaa waliinis haasa’aniiru.

    “Lamaan isaanii iyyuu haalli namoomaa garmalee akka hin hammaanneef akka qabanneessaniif gaafataniiru,” jedha dubbi himaan Daawuning Istiriit

    “Ministirri Mummichaa haala qabaneessuufi furmaata dippilomaasiitiidhi dhiibbaa gochuudhaaf michoota waliin hojjechuu fi kan danda’ame hunda akka godhan dubbataniiru.,

  10. Dhukaasa jumlaa Teel Aviiv keessatti banameen yaa xinnaate namoonni jaha ajjeeffaman

    Odeessaa haleellaa misaa'el iraaniin alatti, taatee gara biraatiin Teel Aviiv dhukaasni jumlaa raawwatame.

    Namni qawwee hidhate tokko galgala kana namoota daandiirra turaniitti dhukaasuu poolisiin biyyattii beeksiise. Haleellaa jumlaa kanaanis yoo xinnaate namoonni jaha ajjeefamaniiru.

    Namoonni torba biraa miidhaan irra gahuun kan gabaafame yoo ta'u, hedduun haala cimaa keessa jiru jedhameera.

    Suuraaleen miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman akka agarsiisaniitti, namni qawwee hidhate tokko naannoo buufata baabuura Jaafaatti namoodha dhaabbataa turaniifi kanneen lafarratti kufaniitti dhukaasaa ture.

    Poolisiinis namoonni haleellaa kana raawwatan lama ''tasgabbeeffamusaanii'' himuun, gochiichaan ''shororrkeessuudhaa'' jedheedha.

  11. Waraanni Israa'el halkan kana deebii cimaa akka kenn ibse

    Dubbi himaan waraana Israa’el, Daani’eel Hagaarii akka jedhanitti, humni qilleensaa Israa’el halkan kana “baha jiddu galeessaa keessatti haleellaa cimaa raawwata” jedhan.

    Miisaa'el iraan ittisuurratti “sirniwwan ittisa qilleensaa Israa’elii fi Ameerikaa bu’a qabeessa ta’een hojjetaniiru” jechuun ibsan.

    Itti dabaluudhaanis, ''Iraan galgala kana gocha hamaa raawwattee jirti, Baha Giddugaleessaa gara hammaataatti dhiibaa jirti,'' jedha.

    "Taatee galgala kanaas bu’aa hamaa qabaatadha."

  12. Pirezidantiin Iraan Neetaanyaahuun tarkaanfii dabalataa akka hin fudhannee akeekkachisan

    Pirezidaantiin Iraan, Massoud Pezeshkian, haleellaa Iraan galgala kana Israa'el irratti raawwattee deeggaruudhaan Israa’eliin ammoo akeekkachiisaniiru.

    Pezeshkian toora X gibbaatti akka barreessaniitti, kaayyoo “tasgabbiifi nageenya Iraan fi naannichaatiif” jecha Iraan “mirgoota seera qabeessa” irratti hundaa’uudhaann, “dantaa fi lammiilee Iraan ittisuuf deebii murteessaa” Israa’eliif kennameera.

    Netaaniyaahuuf ergaa dabarsaniin ammoo, MM Israa'el ''Iraan waraana kan kakaasu osoo hin taane balaa kamiyyuu dura cimsitee akka dhaabbatu'' akka taatee beekuu qabu jedhan.

    Haleellaan galgala kanaa dandeettii Iraan “ilaaluu” xiqqoo raan “waldhabdee irratti akka hin bobbaane” Israa’el akeekkachiisuudhaaf jedhan.

  13. Daawwadhaa: BBCn misaa'elii dhukaafamee Yerusaalemirratti mul'atu waraabeera

    BBCn misaa'elii dhukaafamee Yerusaalemirratti mulatu waraabeera.

    Viidiyoon gabaabaan kunbiiroo BBC Baha Giddu-galeessaatti argamuun kan waraabame yoo ta'u, misaa'eliin dhukaafame yeroo samii Yerusaalemirratti mul'atu agarsiisa.

    Daawwadhaa!

  14. Waranni Israa'el haleellaan har'aa balaa qabaata jedhe

    Dubbi-himaan Raayyaa Ittisa Israa’el (IDF), Daani’eel Hagaarii waraanni Israa’el amma ummanni naannoo eegumsa qabu keessaa akka bahaniif hayyamameera jedhe.

    "Gama ittisa raawwachuutiinis ta'e gama haleellaa raawwachuurrattis of eeggannoo olaanaarra jirra. Lammiilee Israa'el ni tiksina. Haleellaan kunis bu'aa mataasaa ni qabaata.

    ''Karoora qabna, kanaaf bakkaa fi sa'aatii murteessinetti hojiirra ni oolchina," jedhe.

    "Miidhaan mudachuusaa omaa hin dhageenye. Kanaafis itti gaafatamummaa keessan bahattaniif galatoomaa," jedhae itti dabaluun.

    Haaluma walfakakatun ummanni bakka dahannaa ture keessaa akka bahuuf hayyama kennuu beeksiiseera waraanni biyyatti.

  15. Viidiyoo misaa'elii magaalaa Teel Aviivirratti dhukaafame agarsisu

    Viidiyoo misaa'elii magaalaa Teel Aviivirratti dhukaafame agarsisu daawwadhaa.

  16. Meeshaa Israa'el misaa'eela ittiin ofirraa qolattu Iran Dome akkamiin hojjeta?

    Sirni farra haleellaa qilleensaa Israa’el ‘Iron Dome’ jedhamun beekamu, haleellaa gareen milishoota Filisxeem Hamaas haleellaa raawwachuu wayita eegalanitti, yoo xinnaate haleellaa rookkeettii 2,500 ittisuuf faayyidaarra oolfameera.

    Rookkeettiiwwan muraasnis waan hin fashaloofneef naannoolee namoonni jiraatan qubatan.

    Odeessaa dabalataasaaf asiin galaa: Irone Dome maaliidha? Attamoon hojjataa?

  17. Misaa'elli kaaba Israa'el haleeluu jalqabnaan jiraattoonni dahoo argchuuf baqachaa jiru

    Kaaba Israa'elitti sa'atii walakkaa darbe keessatti misaa'elli ifa halluu burtukaanaa tufu mula'achaa tureera.

    Gabaastonni naannoo waraanni Israa'el daangaa Libaanositti weerara raawwaterraa gabaasan maatiin Isra'el gara dahootti yeroo fiigan arguu kunis taatee biyyattiin iddoo garagaraa keessatti irra jirtu akka tahe himu.

    Misaayelli ammaa kuni kan Libaanos irra Hezboollaan dhukaasu tahee, dhugumaan misaayela Iraan tahee adda hin baafamne.

    Dahoo keessatti maatiin odeeffannoo argachuuf appii bilbila isaanii xiyyaffannoon kan hordofaa jiran yoo tahu ijoolleen taphatti jiru.

  18. Amma nu gahe, IDF: Haleellaan Iraan itti fufee jira

    Odeeffannoo amma waraana Israa'el irraa arganneen, haleellaan misaa'elaa Iraan biyyattii irratti raawwatte ammalleen itti fufee jira jedheera.

    "Hanga beeksisni gara biraa kennamuttis bakka eegumsa qabu keessa akka turtan gaafatamtaaniirtu. Dhohinsi isin dhaga'aa jirtan kunis kan rukutamee kuffiifamuudha ykn isa rukutamee lafatti kufaa jiruudha," jedha ibsi Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) irraa kenname itti fufa.

    Yeroo ammaa kanattis waraanni biyyattii misaa'eloota gara sanatti dhukaafaman ''adda baasaa fi kanneen dhukaafaman fashaleessaa jira'' jedhe.

  19. Amma nu gahe, Iraan misaa'eloota hedduu gara Israa'elitti dhukaasuu mirkaneessite

    TVn mootummaa Iraan ibsa Gareen Eegdoota Warraaqsa Islaamaa (lslamic Revolutionary Guard Corps) irraa jechuun dhiyeesseen, misaa'eloonni "hedduun" gara Israa'elitti dhukaafamusaanii mirkaneesse.

    Akkasumas yoo Israa'el haleellaa kanaaf kan deebii kennite ta'e ammoo haleellaa biraa akka raawwatu akeekachiise.

    Eegdonni Humna Warraaqsaa kan humna olaanaa qabu, haleellaan misaa’elaa amma raawwates haaloo ajjeechaa hogganaa Hamas Ismaa’il Haniyeh kan ji’a Adooleessaa keessaa fi hogganaa Hezbollaa Hassan Nasrallaa kan Jimaata darbe raawwatameef jedheera.

    Akkasumas deebii ajjeechaa ummata Libaanos fi Filisxeem irratti raawwatameef haaloo ba’uufan jedheera ibsa baase kanaan.

    Itti dabalunis haleellichaan humni qilleensaa Israa'el kan “buufata barbaachisoo” ta'e irratti xiyyeeffadhe jedheera.

  20. Teel Aviiv irra misaa'eloonni yoo dhuka'an viidiyoon agarsiiseera

    Sa'aatiin muraasa dura Iraan Israa'el iratti haleellaa misaa'elaa raawwachuun dhagahame.

    Viidiyoon kunis misaa'eloonni yoo magaalaa Teel Aviiv gubbaa dhukaafaman agarsiisa. Kunooti dowwadhaa.