Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden erga Iraan misaa’ela gara 180 ta'u Israa’el irratti dhukaafteen booda, Israa'el haaloo bahudhaaf iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti haleellaa raawwachuu yaada kamiyyuu akka hin deeggarre dubbatan.
Erga Iraan Kibxata darbe Israa'el irratti haleellaa miisa'elaa, kan Israa'el irra jiran isaanii sirna ittisa misaa’elaatiin fashalleeffamuun himte, raawwatameen booda Iraan fi Israa’el gidduutti mudamni olaanaan umamaa jira.
Iraan akka jettetti, haleellaan misaa'eelaa tibbana Israa'el irratti raawwatame kunis ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’eel Haaniyeh, hogganaa Hezbollaa Hasan Nasrallaa fi ajajaa Garee Eegdota Warraaqsa Iraan, Birg-Jeneraal Abbaas Nilforoushan irratti raawwatameef deebii ta’uu ibsiteetti.
Haleellaan ishee kun kan dhufe Israa’el haleellaa lafoo Libaanos irratti raawwachuu erga labsitee booda yoo ta'u, kanaanis gandoota gama daangaatti argaman keessatti “bu’uuraalee shororkeessummaa” Hezboollaa kan Iraaniin deeggaramu jechuun waamte diiguuf tattaaffii gochaa jirti.
Ameerikaan irra deddebiidhaan akka dubbiin hin ammaanneef waamicha taasisaa kan turte yoo ta'u, Israa'eliifi hidhattoota Filisxeem Gazaatti argaman jidduuttis dhukaasa dhaabuun akka taasifamuuf marii dheeraa gaggeessaa turtetti. Haata'u malee hanga ammaatti hin milkoofne.
Yaadni Baayidan gaazexessitootaaf kennan kunis kan dhagahame guyyaa Roobii wayita bulchiinsa Kaabaa Kaarooliinaa kan obombolleettii hamaadhaan miidhamte ittaantu isaanii Kaamalaa haariis waliin dowwataniitti ture.
Yeroo sanattis ''Haleellaan akka eddoowwan nikulaara Iraan irratti akka raawwatamuuf ni deegartaa? jechuun gaazexessaan gaafatama.
"Deebiinsaa lakkii kan jedhuudha'' jechuun ture Joo Baayidan kan deebiisaniif. Itti dabaluudhaanis ''Israa'eel itti aansitee maal gochuuf akka jirtu irratti Ameerikaan waliin mari'atti'' jedhan.
Akkasumas deebiin kennamu qabu irratti marii dureewwan biyyoota G7 kaan waliin taasifameen, ''Israa'el deebii kennuuf mirga akka qabdu garuu haala madaalaa ta'een deebii kennamu waliigalaniiru'' jedhan.
Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa, Maatiyoo Miilar ibsa kennaniin itti dabaluudhaan, “Kunis Iraan dubbii hammeessa jiraachuushee kan ifa godheedha,'' jedhan.
"Israa’el deebii kennuudhaaf mirga qabdi. Deebiin sun maal akka ta’u marii taasisaa jirra”.