Melaaniyaan haala addaa ta'een rippabilikaanota keessaa dubartii jalqabaa faalla abba warraa ishee Pirezdaantii duraanii Ameerikaa Doonaldi Tiraampi dhaabachuun ulfa baasuu akka mirgatti deggaran keessaa tokko taatetti.
Viidiyoo gabaabaa kitaaba ishee yeroo dhiyootti gadhiifamuuf jiru beeksisuuf hojjetteen "bilisummaa dhuunfaa" dubartootaaf deeggarsa akka qabdu ibsiteetti. "Dubartoonni hundi yeroo dhalatan irraa kaasee mirga qabanidha," jette.
Yaada kana kan kennite kitaaba ishee tibbana bahuuf deemu keessatti filannoo dhuunfaa akka deeggartu barreeffama gaazexaa irratti maxxanfame hordofeeti.
Bara 1975tti yeroo Giiftiin Duraa Beettii Foordi Waayit Haawus keessa turtetti seerri ulfa baasuu darbuun "murtee guddaa" jedhame.
Ergasii Preezdaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp mirga ulfa baasuu heera mootummaatiin kenname ture haqaniiru.Ejjennoon Melaaniyaa dhimma kanarratti qabdu kun kan abbaa warraashee wajjin wal faallessa.
"Waa'ee mirga bilisummaa dhuunfaa dubartoonni hundi dhalootarraa kaasee qaban irratti anis waanin mariif dhiyeessu miti, qaamni koo, filannoonis kan kooti" jette Melaaniyaan.
"Dubartoonni gidduu seenummaa ykn dhiibbaa mootummaa kamirraayyuu bilisa ta'anii, amantaa mataa isaanii irratti hundaa'uun filannoo da'umsaa gochuuf mirga akka qaban mirkaneessuun barbaachisaa dha," jechuun gaazexaan Gaardiyaan maxxansichaa baasra.
Abbaan warraa ishee irra deebiin filatamuuf duula cimaa taasisaa osoo jiruu ulfa baasuu irratti ejjennoo ishee beeksisuun hedduu ajaabsiisera. Ejjannoon ishee kun tarii Paartii Rippabilikaa abba manaa isheen durfamu jijjirsisuu danda'aan waan hawwiin eegamu ta'eera.
Filannoo Ameerikaa baatii dhufu gaggeeffamu keessatti ulfa baasuun dhimma ijoodha.