Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el bakka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 yaadataa jirtuutti Beeruuti haleelte

Israa'el har'a wayita haleellaa Hamaas waggaa tokkooffaa yaadataa jirtuutti Kibba Libaanoos kan Hezboollaan baayyinaan keessa buufate haleelte.

Guduunfaa

  • Dho'insi guddaan buufata xiyyaaraa cinaatti dhaga'ame
  • Iraan biyyi Israa'el gargaartu kamiyyuu 'kan irratti xiyyeeffattu' ta'uu ibsite
  • US Israa'eel tumsuuf kutannoo qabdi- Isteet Depaartimant
  • Erga Joo Baayidan dhimma Israa'el-Iraan irratti dubbataniin booda gatiin boba'aa %5 dabale
  • raan Israa'el irratti misaa'el dhukaafte
  • Israa’el Libaanos keessatti lola lafoo daangaa'aa Hezboollaa irratti xiyyeeffate bahuu ibsite
  • Toora tamsaasa kallattii isa haaraa kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Beerutiitti dho'insi cimaan jaha mudate

    Waraanni Israa'el erga Beerutirratti haleellaa qilleensaa raawwachu eergalee as dhohinsi cimaan galgala kana dhagahamu gabaastoonni BBC naannicha keessatti argaman gabaasan.

    Haleellaa jedhame kanaan miidhaan qaqabe jiraachuun hanga ammaatti hin baramne.

    Gama biraatiin ammoo Waraanno Israa'eel (IDF) lola lafoo hidhattoota hezbollaa waliin Libaanos keessatti gaggeessaa jiruun dabalataan loltoota 440 jalaa ajjeessuu beeksiise.

    Dubbii himaan waraaniichaa Daanii'eel Haagaarii, loltoonni gariichaa 440 kan ajjeeffaman erga waraanni lafoo guyyaa Wiixataa Libaanos keessatti eegalameen booda jedhe.

    Kanneen ajjeeffaman kanneen keessaayis 30 isaanii ajajjootadha jedhe.

    Haata'u malee Hezboollaan miseensoonni meeqa akka jalaa du'an hin dubbanne.

  2. Israa'el loltoota Hezboollaa kurnaan lakkaa'aman ajjeesuu himte

    Israa'el haleellaa lafoo geggeessaa jirtuun Kibba Liabaanositti ''bu'uuraalee misoomaa shororkeessaa'' irraa fi lafa jalaan haleeluu beeksifteetti.

    IDF meeshaalee waraanaa Hezoollaa ''tulluu jala dhokfamaniifi akka dhuka'aniitti kaa'aman,'' barbadeesseera jedhe.

    Akkasumas boolla lafa jalaa kan daangaarra jiru Hezboollaan fayyadamu haleeluu hime.

    Haleellaa miilanaan humnooti lafoofi qilleensaa wal-tumsaan hogganoota Hezboollaa kurnaan ajjeesan jedhe IDF

    Yeroo ammaa kanatti Hezboollaa loltuu Israa'el waliin Adaasaayitti lolaa jira.

    Gama kaaniin kibba Beeruut haleellaa eda galglaan booda gamoowwan barbadaa'aniiru.

    Naannichatti qabeenya Hezboollaa waan taherraa jirattonni akka fagaatan waraanni Israa'el himaa ture.

  3. Namoonni 200,000 Libaanos irraa baqachuun Sooriyaa galan - UN

    Namoonni 200,000 caalan ''sababa haleellaa qilleensaa Israa'eliin'' Libaanos irraa baqachuun Sooriyaa galaa jiru jedhe UN

    Koomishinariin Olaana damee Baqattootaa UN Filiippoo Giraandii lakkoofsi kuni lammiilee Libaanosiifi Siiriyaa Libaanos keessa jiraatan dabalataa jedhan. Mootummaan Libaanos ammoo kanneen baqatan 300,000 tahuu jedheera.

    Kaleessa daangaan ijoo biyyoota lamaanitti ceesisu haleellaa qilleensaan Israa'el waan mancaafteef konkolaataan irra darbuu hin danda'u.

    Waraanni Israa'el daangaa ce'umsa Masnaa jedhamutti Hezboollaa irratti qiyyaafachuu himuun Hamaas meeshaalee waraanaa geejibuuf fayyadamaa jedhe.

    Namoonni lafoo daangaa ce'aa kan jiran yoo tahu, maatiin caccabaafi jijigaarra yaabuun yeroo biyyattii gadhiisan mul'ataniiru.

  4. Haleellaa Israa'eliin hospitaalonni Libaanos akka cufaman tahaa jira

    Kibba Libaanos keessa yoo xiqqaate hospitaalonni afur sababa haleellaa qilleensaa Israa'eliin cufamaniiru. Qondaaloti hospitaalaa tajaajila fayyaa akkaan gad bu'aatu uummataaf dhiyaachaa jira jedhan.

    Hopitaala mootummaa Maarjaayoonitti doktaroota fi narsoonni 20 hojii hospitaalaa qabanii kan dhaaban yoo tahu kanneen 120 tahan sababa haleellaa qilleensaa Israa'eliin manaa gara hospitaalaa deemuu hin dandeenye jedhan qondaaloti. Dhumarrattis hospitaalichi gaafa Jimaataa cufameera.

    Daarektarri hospitaalichaa Dr Moonees Kaalaakish tajaajila kennuu dhaabuu malee filannoo hin qabnu ture jedhan.

    ''Hamma dandeenyu itti fufsiisuu yaallee ture,'' jechuun ''Haleellaan qilleensaan booda garuu ogeessonni fayyaa akkaan yaadda'an. Isaan tasgabbeessinee akka itti fufan yaalaa turre garuu waan danda'amu miti,'' jedhan.

    Daarektarri kutaa wal'aansa hatattamaa Dr Shoshannaa Mazraanii ''ogeessoti fayyaa gargaarsa jalqabaa kennan yeroo iyyan dhageessee itti fiigdus ambulaansii barbadaa'etti akka hin siiqne waayiloota haleellaa biraa sodaataniin itti himamuu dubbatti

    Gaafa Jimaataa hospitaalonni hojii dhaabuun ''naannichaaf gadadoo hamaa dha,'' jette.

    Hamma yoonaa bu'uuraaleen fayyaa 37 tahan torbee lama darbe erga Israa'el haleellaa jalqabdee cufamaniiru jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.

    Ibsa Jimaata baaseen waraanni Israa'el Hezboollaan konkolaataa dhaabbilee fayyaa fayyadamuun meeshaa waraanaa geejiaba jechuun himate.

  5. Netaaniyaahuun filannoo US irratti dhiibbaa gochuuf yaalaa jiraachuu 'ani hin beeku'

    Pireezidnatiin Ameerikaa Joo Baayidan Nataaniyaahuun dhukaasa dhaabuu Gaazaa irratti waliigaluu kan boodatti harkisu filannoo Ameerikaa baatii dhufu taasifamu irratti dhiibbaa gochuuf tahuu ''hin beeku'' jedhan.

    Gaaffii kana Jimaata kaleessaa Waayit Haawusitti yoo gaafataman, ''dhiibbaa gochaa jiraachuusaa ''hin beeku garuu hin godha jedhees hin yaadu,'' jedhan.

    Dabaluunis Baayidan michuu isaanii yeroo dheeraa: ''bulchiinsi Ameerikaa akka kootti Isaraa'el gargaare hin jiru. Tokkoyyuu, tokkoyyu..'' jedhan. Kanaaf Netaaniyaahuun kana hubachuu qaba jedhan.

    Miseensonni warra Demookiraatii gariin Netaaniyaahuun waamicha Ameerikaan marii nagaafi dhukaasa dhaabuuf waamicha taasiftu kan didaa jiru carraa paartichaa Sadaasaa irratti dhiibbaa tolchuufi jedhu.

  6. Hogganaan kutaa waraanaa Hamaas maatiisaa waliin Libaanos keessatti ajjeefame

    Hogganaan kutaa waraanaa Hamaas magaalaa kaaba Libaanos Tiriippoolii keessatti ajjeefame jechuun Rooyitars miidiyaa Hamaasiin hidhata qabu Fallasxiin eeruun gabaseera.

    Sa'iid Atallaah miseensota maatii sadii wajjin kan ajjeefame yoo tahu kunis haleellaa Israa'el kaampii baqattootaa irratti raawwatteeni.

    An-Nahaar gaazexaan guyyuu Libaanos haati warraa nama kanaafi ijoolleensaa lamas ajjeefamaniiru jedheera.

    Miidiyaan kuni dirooniin Israa'el mana Sa'iid keessa jiraataa tures guutummaan barbadeesse jedhe.

    Hamaas du'a nama kanaa hamma yoonaa mirkaneessuu baatus gareen milishaa Palestinian Islamic Jihad (PIJ) Hamaas deeggaru hogganichi maatii isaa sadii waliin ajjeefameera jedheera.

    Israa'el hamma yoonaa waan jettee hin qabdu.

  7. Baga Irreecha hora Finfinnee geessan!

    Ashamaa hordoftootaa bakka jirtan maratti baga kabaja Irreecha Hore Finfinneetiin isin gahe jechaa tamsaa kallattii keenya har'aa kunoo amma eeggalleerra.

    Tamsaasa kallattii kanaa odeessaalee ijo addunyaa mara irraa isin biran geenya.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  8. Ameerikaan iddoowwan qiyyaafannoo garee Huutii haleelte

    Ameerikaan haleellaa iddoowwan garee hidhattoota Huutii irratti qiyyaafatte haleeluu qondaaloti Ameerikaa miidiyaa CBS kan BBC waliin hidhata qabutti himan.

    Ameerikaan haleellaawwan garee hidhataa Huutii kanarratti raawwattuun kuni isa boodanaati.

    Gareen Huutii diroonii waraanaa Ameerikaa Yaman irra balali'aa ture itti dhukaasuun gombisuun torbee booda tarkaanfiin US kuni dhagahame.

    Miidiyaan garee Huutiitti dhiyeenya qabu Sana'aa magaalawwan haleelaman keessaati jedheera.

    Magaalaan guddoo Yaman haleellaa boombii waggoota lamaan darban gareewwan lama biyyattii keessatt wal loluu hir'isnaan haaragalfii yeroo argattee turte.

    Oppireeshinii Ameerikaa garee Huutii Iraanii deggaramu irratti taasifamu dubbii hammeessuu mala. Gareen kuni kanaan dura dooniiwwan fe'umsaa Ameerikaa Galaana Diimaarra socho'an deeggarsa Fiilisxeemiif agarsiisuuf jecha haleelaa ture.

  9. Humni Waraanaa Israa'el miseensota Hezboollaa 250 ajjeeseera jedhe

    Guyyoota afran darbanitti Humni Waraanaa Israa'el miseensota Hezboollaa 250 ajjeesuu ibsa baaseen hime.

    Kanneen ajjeefaman keessaa 21 komaandaroota tahuu akkasumas qiyyaafannoowwan waraanaa 2000 ol haleeluu himeera.

    Dabaluunsi sochiinsaa kibba Libaanositti akka xiyyeefatu himeera.

    Akka miidiyaaleen US ibsanitti haleellaa Libaanos eda galgalaa nama Hasan Nasraalla bakka bu'a jedhamu Hashiim Sayiifaddiin irratti kan qiyyaafate ture jedhamullee mirkanaan garuu isaan irratti xiyyeeffachuun adda hin baafamne.

    Gama biraatiin ammoo Waraanni Israa'el loltoonni isaa lama dabalataa lola guyyaa Jimaataatiin har'aa jalaa du'u beeksiise.

    Akkasumas loltootan gara biraa lama madaa'un wallaansaaf hospitaala geffamu hime.

    Kana dura ammoo, waraanni Israa’el erga Wiixataa lola lafoo eergalee kaasee, loltoonni saddeet kibba Libaanos keessatti jalaa ajjeefamu himee ture.

  10. Ministarri dhimma alaa Iraan Beerut galan

    Minsitarrii Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchi Beerut - magaala guddoo Libaanos sa'atii muraasaan dura haleellaa qilleensa keessa turte gahaniiru.

    Qondaali olaanaa Iraanis du'a Nasrallaan booda Beerut daawwachuun kan jalqaba afi ifatti himameedha.

    Erga achi gahaniin booda waliigaltee dhukaasa dhaabuu yoo Hezboollaan fudhateefi Gaazaa keessattis yoo raawwate Iraan akka deeggartu himan.

    Aanga'ichi yeroon haalli Iraaniif faara qabu hin fakkannetti Beeruutitti argaman.

    Iraan ''Hezboollaa waraana Gaazaa irratti akka hirmaatu gochuun dhiibbaa jala buufte'' jechuun kan qeeqan jiraatanillee gargaarsa garichi Iraan irraa fudhate garuu hin ibsan.

    Haleellaan miilanaa Iraan Hezbollaa fi deeggartoota Terraaniifi gammachuu kennus amma garuu miidiyaaleen qeeqa darbachaa jiru.Gareeleen biyyattii Hezboollaa morman kuni waraana Iraan isaanitti fidde akka tahe amanu.

    Yeroo Ministara Mummee Libaanos Najiib Mikaatii Argaachii waliin wal arganitti, ''Iraan duula dippiloomaasii jalqabuun Libaanos deeggarti, '' jechuu miidiyaaleen gabaasan.

  11. Haleellaa Beeruutiin gamoon jijjiganii, daandiiwwan manca'aniiru

    Suuraaleen Libaanos irraa dhufan haleellaa jabaa Israa'el Beeruti keessatti taasifteen miidhaa qaqqabe agarsiisan.

    Ollaan Mimreejeeh kan kibba biyyattiitti argamu haala suuraa armaan gadiin mul'atuun barbadaa'ee jira.

  12. Namni Hezboollaa hoggana jedhamee eegamu Hashiim Sayifaddiin eenyu?

    Hashiim Sayifaddiin hogganaa Hezboollaa Israa'el ajjeeste Hasan Nasrallaa bakka bu'a jedhamee yaadama. Miseensa mana maree jihaadhii- kan sochii waraaanaa fi nageenya to'atuu dha.

    Sayifaddiin - fira Hasan Nasrallaa yoo tahu - bakka kana qabachuuf kophee itti hin taane hidhachuuf yaalaa jira jedhama.

    Fuula, sochii qaamaa fi akkaataan dubbii otoo hin hafiin Nasrallaa fakkaata ykn akkeessa.

    Deeggartoonniifi mormitoonni Nasrallaa hundi hogganaa surraa qabeessa, kan dubbii beekuun daawwattootasaa TV irratti fajachee oolchu yoo tahu - kanammoo hangam yoo yaaleyyuu Sayifaddiin hin qabu.

    Hamma yoonaa bakka bu'e hoggansarra baha waan jedhu hin mirkanoofne, caasaa hoggansaa keessattis gulantaa olaanaarra hin jiru - kaadhimamaa gaarii miti kanneen jedhanis jiru.

    Hezboollaan eenyu Hasan Nasrallaadhaan bakka akka bu'u beeksisuurratti akkaan of eggataa jira. Kunis duula Israa'el garicha laaffisuu qofa osoo hin taane balleessuu barbaaddi jedhee ijaa yaaduufi.

  13. Ulaan lafajalaa Libanoos fi Sooriyaa qunnamsiisu haleeluu IDF hime

    Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) ibsa amma haleellaa halkan raawwateen ulaa lafa jalaa Libaanos irraa gara Sooriyaa qaxxaamuru irratti raawwachuu mirkaneesse.

    Gabaasa kanaan duraatiin daandiin naannoo daangaa biyyoota lamaanii qaxxaamuran haleellaa qilleensaatiin rukutamuu isaa hordofeeti.

    Amma ammoo toora X irratti ibsa maxxansuun IDF akka jedhutti, ulaa kunneen xiyyaarota waraanaa humna qilleensaa Israa'eliin ''haleelame'' jedha.

    Ulaan Hezbollaa meeshaa waraanaa dabarsuu fi meeshaalee waraanaa keessa kuusuudhaaf itti fayyadamaa akka ture dubbata.

    Waraanni Israa’el itti dabaluudhaan, bu’uuraaleen misoomaa, gamoo waraanaa fi kuusaa meeshaa waraanaas rukutamaniiru jedha.

  14. Viidiyoo boolla guddaa haleellaa hordofee uumame agarsiisu

    Daandiin guddaa Libaanos biyya olla taate Sooriyaa waliin walqunnsamsiisu haleellaa Israa’el raawwatteen manca’eera.

    Viidiyoon nut mirkaneeffanne hangam akka daandiin kun miidhame agarsiisa:

    Daawwadhaa!

  15. Haleellaa Imbaasii Israa’el irratti raawwatame keessaa Iraan harka qabdi jechuun Siwiidin himatte

    Dhaabbanni basaasaa Siwiidin 'SAPO' jedhamu dho'insa naannoo Imbaasii Israa'elitti mudatee ture keessaa Iraan harka qabaachuu hin ooltu jechuun himate.

    Jalqaba torbee kanaa naannoo Imbaasii Israa’el Istokholmiifi Kopenhagen jiranitti dho'insiifi dhukaasni dhaga’ameera.

    Akka itti gaafatamaan SAPO, Firederik Hullstormi jedhanitti, kaayyoo fi tooftaa itti fayyadama dho'iinsa kanaa yoo ilaalle Iraan harka keessaa akka qabdu agarsiisa,"garuu kun shakkiidha, ragaa qabatamaa hin argamne." jedhan.

    Wixata darbe Imbaasii Israa’el Istokholmi keessatti argamutti dhukaasni dhaga’amee ture, garuu namni miidhame hin jiru.

    Roobii ganama dhohinsi lama naannoo Imbaasii Israa’el kutaa giddu galeessaa magaalaa guddoo Deenmaarki Kopenhagen keessatti argamutti dhaga’ameera. Guyyaadhuma kana dargaggoonni lammii Siwiidin lama umuriin isaanii waggaa 16 fi 19 ta'e to'annoo jala oolaniiru. Dargaggoota kanneen keessa tokko gara Amisterdam deemuuf tikkeettii baaburaa bitee ture.

    Kamisa ganama dargaggota laman irratti boombii harkaa qabatanii argamuu fi naannoo imbaasichaatti dhoosan himatamaniiru.Himata isaan irratti kana haalan illee, manni murtichaas hanga Onkoloolessa 30tti to'annoo jala akka turan ajaje.

    Lammiin Siwiidin sadaffaan naannoo Imbaasii Israa'elitti to'atamee ture gadhiifameera.

  16. Ayaatolaa Komanii haleellaan Israa'el irrratti raawwatame 'adabbii xiqqaadha' jedhan

    Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatollaa Alii Komaanii Masjiida Mosallaa guddaa Tehraan keessatti salaata Jum'aa gochuu jalqabanirratti haasaa taasisan. Haasaan isaanii kun erga waggoota shanii as yeroo jalqabaaf akkasiitiin yoo dhiyatan isa jalqabaati.

    Hoogganaa olaanaan kun haleellaan Kibxata darbe Iraan Israa'el irratti raawwatte leelliisuudhaan tarkaanfichi 'guutummaatti seera-qabeessadha' jedhan.

    Akkasumas, wanti isaan hojjetan kun Israa'el “yakka ajaa’ibsiisaa” isaaniirratti raawwatteef “adabbii xiqqaa” akka ta’e dubbatan.

    Kana malees, Israa’eliin sirna “Vaampaayerii,” USn ammoo “saree maraattuu” naannichaati jechuun waaman.

    Rippabilikni Islaamaa “dirqama walqabatee jiru kamiyyuu” Israa’el irratti “ciminaa fi jabinaan” akka raawwattu dubbatan.

    Iraan dhimma Israa’eliin wal qabatuun “dubbaatti akka hin deebine” fi akka “booddeetti hin jenne” irra deddebi'udhaan ala lama cimsanii dubbataniiru.

  17. Daandiiwwan gurguddoo Libaanosiifi Sooriyaa wal quunnamsiisan haeellaa Israa'eliin barbadaa'an- UN

    Ministirri Geejjibaa Libaanos daandiiwwan biyyattii kanneen gara Sooriyaatti ceesiisan haleelamuu himan.

    Akkasumas, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, Daarektarri Sagantaa Nyataa biyyatti iBeerutirraa BBCitti akka dubbatanitti, daandii Maasnaa 'haleellaa boombiitiin garmalee miidhameera'' jedhan.

    Maatiiw Hoolingiworz itti dabaluudn, kunis namoonni lola Libaanos keessatti gaggeeffamaa jiru jalaa akka hin baqanneef ni danqa.

    ''Akkasumas, meeshaaleen karaa qaxxaamura sanaatii gara biyyattii seenan, kanneen baayyee rakasaa, mi'a gara biyya keessaa galchuudhaaf daandii baayyee mijataa, kun waan miidhameef amma mi'a argachuun rakkisaa ta'a'' jedhan BBC radio 4 saganataa har'aatti wayita dubbatanitti.

  18. Ministirri dhimma alaa Iraan Beerut galan- Miidiyaa Libaanos

    Ministirri dhimma alaa Iraan Beerut galusaanii miidiyaaleen mootummaa Libaanos gabaasan.

    ''Xiyyaarri Iraan kan Ministira Dhimma Alaa biyyattii, Abbas Araghechii qabattee turte Buufata Xiyyaara Idil-addunyaa Raafiik Haariirii qubbatteetti'' jedhe eejansiin oduu NNA Libaanos.

    Kunis kan ta'e erga haleellaan qilleensaa Israa'el halkan edaa raawwate guutuu Beerut raaseen boodadha. Haleellaawwan raawwataman keessaa tokko dhiheenya buufata xiyyaara idili- aaadunyaatti dhiyoo ture.

  19. Meelaaniyaa Tiraamp faallaa abbaa warraa ishee ulfa baasuu akka deeggartu ibsite

    Melaaniyaan haala addaa ta'een rippabilikaanota keessaa dubartii jalqabaa faalla abba warraa ishee Pirezdaantii duraanii Ameerikaa Doonaldi Tiraampi dhaabachuun ulfa baasuu akka mirgatti deggaran keessaa tokko taatetti.

    Viidiyoo gabaabaa kitaaba ishee yeroo dhiyootti gadhiifamuuf jiru beeksisuuf hojjetteen "bilisummaa dhuunfaa" dubartootaaf deeggarsa akka qabdu ibsiteetti. "Dubartoonni hundi yeroo dhalatan irraa kaasee mirga qabanidha," jette.

    Yaada kana kan kennite kitaaba ishee tibbana bahuuf deemu keessatti filannoo dhuunfaa akka deeggartu barreeffama gaazexaa irratti maxxanfame hordofeeti.

    Bara 1975tti yeroo Giiftiin Duraa Beettii Foordi Waayit Haawus keessa turtetti seerri ulfa baasuu darbuun "murtee guddaa" jedhame.

    Ergasii Preezdaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp mirga ulfa baasuu heera mootummaatiin kenname ture haqaniiru.Ejjennoon Melaaniyaa dhimma kanarratti qabdu kun kan abbaa warraashee wajjin wal faallessa.

    "Waa'ee mirga bilisummaa dhuunfaa dubartoonni hundi dhalootarraa kaasee qaban irratti anis waanin mariif dhiyeessu miti, qaamni koo, filannoonis kan kooti" jette Melaaniyaan.

    "Dubartoonni gidduu seenummaa ykn dhiibbaa mootummaa kamirraayyuu bilisa ta'anii, amantaa mataa isaanii irratti hundaa'uun filannoo da'umsaa gochuuf mirga akka qaban mirkaneessuun barbaachisaa dha," jechuun gaazexaan Gaardiyaan maxxansichaa baasra.

    Abbaan warraa ishee irra deebiin filatamuuf duula cimaa taasisaa osoo jiruu ulfa baasuu irratti ejjennoo ishee beeksisuun hedduu ajaabsiisera. Ejjannoon ishee kun tarii Paartii Rippabilikaa abba manaa isheen durfamu jijjirsisuu danda'aan waan hawwiin eegamu ta'eera.

    Filannoo Ameerikaa baatii dhufu gaggeeffamu keessatti ulfa baasuun dhimma ijoodha.

  20. Haleellaa cimaa eda Beerut raaseen booda aarri samii aguugee mul'ataa jira

    Yeroo suuraan kun kaafamutti Beerut keessatti akka biyyaatti sa'aatii 10:00tti dhihaateera.

    Halkan gara biraa kan haleellaa qilleensaa cimaa Israa'elitiin booda aarri duumessa dukkanaa'aa samii magaalattii keessaa mul'achaa ture.

    Suuraaleen haaraan ganama kana magaalaa guddoo biyyattii irraa kaafaman muraasni kunooti: