Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el bakka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 yaadataa jirtuutti Beeruuti haleelte
Israa'el har'a wayita haleellaa Hamaas waggaa tokkooffaa yaadataa jirtuutti Kibba Libaanoos kan Hezboollaan baayyinaan keessa buufate haleelte.
Guduunfaa
- Dho'insi guddaan buufata xiyyaaraa cinaatti dhaga'ame
- Iraan biyyi Israa'el gargaartu kamiyyuu 'kan irratti xiyyeeffattu' ta'uu ibsite
- US Israa'eel tumsuuf kutannoo qabdi- Isteet Depaartimant
- Erga Joo Baayidan dhimma Israa'el-Iraan irratti dubbataniin booda gatiin boba'aa %5 dabale
- raan Israa'el irratti misaa'el dhukaafte
- Israa’el Libaanos keessatti lola lafoo daangaa'aa Hezboollaa irratti xiyyeeffate bahuu ibsite
- Toora tamsaasa kallattii isa haaraa kanaan dura ture
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Filannoo US 2024: Adeemsa filannoo keessatti 'Electoral College' maali?
Jireenyi hammam walxaxaa ta'aa akka dhufe warri qoratan Badhaasa Noobeelii injifatan
Badhaasni Noobeelii damee xiinsammuu ykn fayyaatiin kennamu kan bara 2024 saayintiistota US lama Viktoor Ambiroosiifi Gaarii Raavkaniif kenname.
Saayintistootni lameen microRNA irratti qoranoo gaggeessaniin badhaasa kana argachuu danda'an.
Bu'aan qorannoo isaanii dachee kana irratti jireenyi hammam walxaxaa ta'aa akka dhufe ibsuuf gumaacha godheera. Qaamni namaa akkamiin tishuuwwan gosa adda addaa hedduurraa akka tolfame agarsiiseera.
MicroRNA warri jedhaman qacceen sanyii dhala namaa(kan akkaataa jireenya namaa akeeku) jireenya lubbuu qabeeyyii qajeelcha.
Qorattootni lameen dhimma kana irratti qorannoo gaggeessan badhaasa qarshii £810,000 ta'u qixxee qooddatu jedhameera.
Akka qorannoo kanaatti qaamni namaa odeeffannoo qaccee sanyii walfakkaatu qaba. Haata'uyyuu malee seelonni namaa bifaafi hojiidhaan hedduu gargar ta'uu ibsan.
Waraanni Israa'el Hezboollaan misaayela 135 natti dhukaase jedhe
Erga ganama har'aa Hezboollaan rookeetiiwwan 135 daangaa Libaanosirraan dhukaaseera jedhe Waraanni Israa'el.
Onkololeessa 8, 2023 irraa qabee Israa'eliifi Hezboollaa gidduu guyyaa guyyaan walitti dhukaasuun ture. Kunis borumtaa guyyaa Hamaas Israa'el haleeluun waraanni Gaazaa akka jalqabu tahe dha.
Hezboollaan Israa'el irratti duula kan jalqabe lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiran deeggaruun yoo tahu hamma dhukaasni dhaabbatuttis haleellaa akka itti fufu himeera.
Mancaatii Gaazaatti qaqqabe qulqulleessuun hanga waggaa 15 fudhata jedhame
Waraanni Gaazaa badii lubbuu fi namoomaa qaqqabsiiseen cinaatti mancaatiin qaqqabbe qulqullaa'uuf waggoota hedduu akka fudhatu UN beeksise.
Sagantaa kunuunsa Naannoo dhaabbataichaa Gaazaa deebisanii ijaaruun waggoota dheeraa akka fudhatu akeekkachiise.
Sirni bishaaniifi balfa qulleessii Gaazaa ''guutummaatti'' haala jedhamuu danda'uun dhabamsiifameera jedha.
Balfi meeshaalee waraanaa waliin walqabatee Gaazaa keessa kuufame biyyoofi bishaan faalee rakkoo fayyaa guddaa baatee jiraas jedheera.
Mancaatiin sababa waraana kanaan qaqqabe toonii miliyoona 40 ol akka ta'us tilmaame.
'Kanneen nu biraa kufan ni yaadanna,' Netaaniyaahuu
Yaadannoon namoota haleellaa Hamaas gaafa Onkololeessa 7 lubbuun isaanii darbee addunyaa maratti kabajamaa kan jiru yoo tahu Netaaniyaahuu siidaa namoota lubbuun darbee daawwataniiru.
MM Israa'el kuni kanneen butaman manatti deebisuuf kakuu isaanii kan haaressan yoo tahu, loltoota waraana kanaan ajjeefamanifis ergaa gadda ibsaniiru.
''Guyyaa kana, iddoo kanattiifi iddoowwan birootti namoota keenya nu biraa kufan, kanneen butamanii jiran akkasumas gootota keenya.
Siidaa jara kanaa biratti dungoo ibsuun,''waggaa tokko dura ajjeecha jumlaa keessa darbine, akka uummataatti wal-duukaa dhaabanne, akka leencaatti.''
Namoonni nagaa akkaa ol miidhamaniiru jedhan pirezidant Joo Baayidan
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waggaa tokkoffaa Hamaas Israa'eliin itti haleelee sababeeffachuun haasaa godhaniin waraana waggaaf tureen ''namoonni nagaa akka malee gidiraa argan,'' jedhan
Ibsa Waayit Haawus baaseen ''hammina dubbachuuf rakkisuu'' fi ''lubbuu marartuu guyyaa sana hatame,'' jedhan.
Kunis haasaa waggaa tokko dura Baayidan Israa'eliif, ''qofa kee miti' jechuun kennan irraa kan irra deebi'ame dha.
''Har'as tahe yeroo hunda, namoota butaman sanaafi maatii isaanii nan yaadadha,'' jechuun ilaalcha farra warra seemii dagaaguu balaaleffatan.
''Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuufi namoota butaman manatti deebisuuf,'' nan hojjedha. Libaanos keessatti ammoo karaan nagaa waaraa itti fidan tokko dippiloomaasii dha jedhan.
Pirezidantichi, ''gaafa Onkololessa 7 waan warra Filisxeemiif guyyaa dukkanaa seenaa yaadatu dha,'' jechuun haasaa isaanii xumuran.
Rogeessi mormiituu Raashiyaa osoo Yukireeniif loluu ajjeeffame
Ildaan Daadiin, roggeessi bulchiinsa Puutiin mormuudhaan beekamu, osoo Kiiv irra goree Yukireen keessatti lolarra jiruu ajjeeffamu gareen isa mirkaneessuu beeksiise.
Dubbii himtuun garee kanaa, Manni maree siiviilii, Daadiin ajeeffamu BBCtti kan himte yoo ta'u, itti dabaluunis, ''nama gootaafi gootummaa kanaan yaadatamaa jiraatas'' jette.
Rogeessii mirga namootaaf falmaa ture kunis baataaliyoonii qabsaa'oota tola-ooltootaa jala ta'un biyyasaa Raashiyaa waraanaa ture.
Daadiin naannoo Kaarkiiv, adda waraanaa kaaba Yukireen irratti osoo lolaa jiru madfii humnoota Raashiyaatiin dhokaafameen akka ajjeeffametu gabaafame.
Mormituun siyaasaa lammii Raashiyaa biyya mabaa jiraattu tokkos du'a Daadii BBC'f mirkanneessite jirti.
Rooggeessii mirga namaatiif falmaa ture Ildaar Daadiin Raashiyaa keessatti hiriira mormii nagaa dursuudhaan nama beekamu ture.
Seera keeyyata 212.2 isaanuma irraan dhiibbaa qaqabsiisuuf akka raggaasifame himameenis hidhamuuf kan jalqabaa yoo ta'u, keewwanni kunis hanga har'aatti 'keewwata Daadiin'' jedhamuun waamama.
Keewwan seeraa kunis irra deddeebiin kan lammiilee hiriirawwan mormii qopheessan adabuuf oola. Kunis dhadannoo qabatanii adabaabaayiitti bahu kan dabalatuudha.
Daadiin hidhaan waggaa lamaa fi walakkaan itti murtaa'e kutaa adabbii keessa kaa'amnaan battalumatti lagannaa nyaataa eegale. Sana booda eegdonni mana hidhaasaa akka inni lagannaa sana dhaabu gochuuf isa dararan.
Bara 2017tti erga mana hidhaatii gadhiifamee booda osuma hin turiin Moskootti harka isaa hidhamee dallaarratti fannifamuu dararaan irratti raawwatamaa akka ture ibse. Gara jabummaa fi daraaraan irratti raawwatamee ture sunis isa cabsuuf akka ture ragaa bahe.
Hezbollaan Israa'el dura dhaabbachuuf 'ofiitti amanumaa' qaba jedhe
Ibsa haaraa haleellaa Hamaas Onkololeessaa 7 yaaddachuuf baaseen, Hezbollaan ''weerara Israa'el qolachuuf'' dandettii isaatti 'kan ofitti amanu'' ta'u ibsuun fi lola itti fufuudhaaf dhaadate.
Hidhattoonni Libaanos keessa buufatan kunneenis Hamaas waliin michuu fi lamaanuu Iraaniin deeggaramuu fi gargaarsi maallaqaas kennamaaf.
Hezboollaan taatee Onkololeessa 7 akka gochaa ''gotummaatti' ibsuudhaan, dhiibbaawwan ''seenaa'' qabaata jedhe.
Achi ''Israa'eliif'' iddoon hin jiru hanga fedhe yeroo fudhatuus buqqaafamun ishee waan hafu miti'' jedhe.
Akkasumas Hezbollaan haleellaa Onkololeessa 7 hordofee waraanaa Gaazaaa fi Libaanos keessaatiif ''US fi michoota ishee'' kan balaaleeffachuun, "isaantiu itti gaafatamummaa guutuu fudhata'' jedhe.
Dilbata kaleessaa Hezboollaa fi Israa'el gidduu lola hamaatu ture, wantoonni ijoon mudatan kunooti
- Humni waraanaa Israa'el iddoowwan basaasaa fi kuusaa meeshaalee waraanaa Hezboollaa magaalaa Beerut keessa jiran hedduu haleeluu ibse. Beeruut keessa dhohiinsa gurguddaatu ture. Kunis erga waraanni Israa'el lammiileen Libaanos akka naannawa sana gadhiisanii ba'an ajajaniiti sa'aatii muraasa booda.
- Halkan Dilbataa sagaleen meeshaalee waraanaa qilleensarra dhukaafamanii kutaalee Israa'el adda addaa keessatti dhagahamaa ture. Aanga'oonni Israa'el rookeetiiwwan akkamiin ittisa qilleensaa isaanii cabsuun akka seenan fi magaalaa Hayifaa keessatti dhohiinsa uuman qorataa jiru. Haleellaa kanaan hedduun miidhamaniiru.
- Xiyyaarri UK lammiilee biyyattii Libaanos keessaa biyyatti deebisuuf ramadame inni dhumaa Buufata Xiyyaaraa Barmiingihaam qubateera. Kanaan booda imalli akka hin jirre aanga'oonni ibsaniiru.
- Balaliin hedduun haqamanis, Iraan garuu imala qilleensarraa akka itti fuftu ibsiteetti. Iraan wayita Israa'el haleellaa misaa'elaa Tahraaniif deebii kennuuf dhaadataa jirtutti tarkaanfii kana ibsite.
- Gama kaaniin magaalaa Kibba Israa'elitti argamtu Beersheba keessatti dhukaasa banameen poolisiin dubartii taate tokko duuteetti, namoonni 10 madaa'aniiru jedhan aanga'oonni
- Humni qilleensaa Israa'el ajajaa Hezboollaa Kadir Alii Xawiil ajjeesuu ibse
Haleellaa Hezboollaan kaaba Israa'el irratti raawwateen 10 madaa'an
Misaa'ela Libaanos irraa halkan darbe kaaba Israa'el Haayifaa fi Tiberiyaas irratti dhukaafameen namoonni kudhan madaa'uu isaanii MDA Tajaajila Ambulaansii Israa'el (MDA) beeksiseera.
Namoota miidhaman hedduun isaanii caccabaa miisaa'eliitiin, caccabaa ofilaalle fi foddaa irraacaccabeen kan ka’e madaa’uu isaanii MDAn dabalataan beeksiise.
Misaa'elichis reestoraantii, manneenii fi daandii guddaa haleeluu kan hime waraanni Israa'el, itti dabaluudhaan, misaa'eloonni Hezbollaa akkamitti sirna ittisa qilleensaa Israa'el cabsuu akka danda'an qorachaa jiruu jedha.
Hezbollaan ammoo dhaabbilee waraanaa irratti xiyyeeffatee akka ture dubbata.
Waraanni Israa'el guutummaa Gaazatti dawoo Hamas haleelaa jirti-IDF
Wayita Israa’el haleellaa gareen Hamaas Onkoloolessa 7 daangaa Gaazaa qaxxaamuruun Israa’el seenanii namoota gara 1,200 ajjeesuu fi kanneen biroo 250 ol ammoo booji’amanii turaniif sirna yaadannoo qopheessa jirtutti, Kibba Gaazaa irraa gara Israa’elitti misaa'iloonni afur dhukaafamuu isaanii waraanni Israa’el beeksiseera.
Misaa'iloota kana keessaa sadii humna qilleensaa Israa’eliin kan fashalaa'e yoo ta’u, tokko ammoo lafa duwwatti akka bu’e ibsameera.
Israa’el deebii kanaaf duula haleellaa qilleensaa bakka Gaazaa keessatti argamu irratti raawwachuu kan jalqabde yoo ta’u, boodarra ammoo loltoota gara naannoo sanaatti ergite.
Dubbi himaan waraana Israa’el akka jedhanitti, Humni Ittisa Israa’el (IDF) amma guutummaa Gaazaa keessatti bakka dahannaa Hamaas ta’e haleelaa jira.
Dhohinsi cimaan halkan mudate Beeruuti raase
Israa'el har'a waggaa tokkoofaa Hamaas haleellaa irratti banuun namoota 1200 ta'an ajjeessee kanneen 250 ol itti butee fudhate bakka yaadataa jiraniitti, haleellaa cimaa Beerut irratti raawwatte.
Dhohinsa magaalicha raase haala kanaan viidiyoo gabaabaan waraabbamee ture, daawwadhaa.
Tamsaasa keenya kallattii eegalleera!
Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.
Tamsaasa keenya Wiixata har'a kunoo tokko jedhee eegalleerra. Yoo nu hordoftan odeeffaalee ijoo biyya keessaafi addunyaa mara irraa gagabaabsiinee karaa kanaan ittiin isin biraan geenya.
Bakka nagaa oolaa!
Haleellaan Israa’el hospitaalonni kibba Libaanos muraasni akka cufaman dirqisiiseera
Sambata darbe sababa haleellaa qilleensaa Israa’eliitiin guutummaa kibba Libaanos keessatti hospitaalonni cufamaa jiraachu gabaasne turre.
Yoo xiqqaate hospitaalonni afur hojiisaanii addaan kutaniiru. Haleellaa Israa’el torban lamaaf hospitaalotaa fi hojjettoota eegumsa fayyaa Libaanos irratti raawwatteeen yoo xiqqaate dhaabbilee 37 cuftee hojjettoota yaalaa hedduu akka ajjeese Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.
Ergasii itti gaafatamaa Hospitaala Saalaah Ghaanduur kan kibba Libaanos Bint Jbeil keessatti argamu kan Abbaa Taayitaa Fayyaa Islaamaa Hezbollaa waliin hidhata qabuun geggeeffamu Dr Mohaammaad Suulemaan dubbisneerra.
Jimaata darbe sa’aatii biyya keessaa sa’aatii 18:00 irratti waraanni Israa’el kan wal qunname yoo ta’u, ogeeyyiin fayyaa gargaarsaa Abbaa Taayitaa Fayyaa Islaamaarraa dhufan sa’aatii afur keessatti hospitaala gadhiisuu akka qaban akeekkachiiseera jedha.
Sa'aatii lamaa fi walakkaa booda, kallattiidhaan yeroo sadii hospitaalicharratti dhukaafamee rukute. Kanaanis doktoroota shan dabalatee, hojjettoonni fayyaa sagal miidhaman.
Arfan isaanis haala hamaa keessa jiru. Sana boodas hojjattoonni yaalaa hospitaala keessaa baqatan.
Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) guyyaa Sambataa ganama akka jedhetti, ''halkan keessa'' ''wiirtuu ajajaa masjiida keessa jiru'' kan Hospitaala Saalaah Ghaanduur cina haleelle.
BBCn dhimma kanarratti yaada argachuuf IDF gaafatee deebii eeggataa jira.
Israa'el ajajaa Hezboollaa ajjeesuu himte
Haleellaan Israa'el Libaanos keessatti itti fufeera. Humni waraanaa Israa'el ajajaa Hezboollaa Kadir Alii Xawiil jedhamu ajjeesuu himeera.
Akka ibsa waraana Israa'elitti Kadir ajajoota Hezboollaa duraan ajjeefaman Muhammad Hayidar fi Hasan Naziir al-Ra'iinii waliin hojjetaa ture.
Ajajoonni sadeen misaa'ela farra taankii Amajjii darbe Kaaba Israa'el magaalaa Kfar Yuval jedhamtu haleele sochoosaa turan jedha humni waraanaa Israa'el.
Erga waraanni Israa'el qondaala Hezboollaa- Kadir Alii Xawiil ajjeesuu ibsee gama Hezboollaan haga ammaa wanti jedhame hin jiru.
Israa'el ammas haleellaa biraa Kibba Libaanositti gaggeessuuf karoorsuu ibsuun, namoonni bakka kana akka gadhiisan akeekkachiiste.
Gandoota 25 ta'an keessaa namoonni akka ba'an ajaja haaraa labsiteetti Israa'el.
Qaamni Hezboollaan hidhata qabu hunduu jireenyisaa balaa keessa jira kan jedhe ibsan Israa'el haaraa baaste, namuu bakka kana gadhiisee akka ba'uu fi wayita nagaan bu'u deebi'uu akka danda'an eere.
Yoom akka deebi'an haala nageenyaarratti hundaa'uun akka beeksisu hime.
Haleellaa Israa'el Gaazaatti mana barnootaafi Masjiidarratti raawwatteen namootni 26 ajjeefaman
Ministeerri Fayyaa Gaazaa haleellaa qilleensaa Israa'el Masjiidaafi mana barnootaa buqqaatota daheessetti raawwatteen namootni 26 ajjeefamuu gaabaase.
Haleellaan kun mana barnootaa Ibin Rashiid jedhamuufi Masjiida yaadannoo wareegamtoota Al-Aqsaarratti Dilbata barii raawwatame jedhe Ministeerri Fayyaa Gaazaa.
Humni waraanaa Isra'eel gidduugala ajajaa Hamaas bakka lameen qubataniiru jedherratti xiyyeeffachuu hime.
Viidiyoo BBCn dhugummaasaa mirkaneesserratti masjiidicha keessa dhiigni lola'ee, reeffii namoota du'aniis jiraachuu agarsiisa.
Mana barnootaa bakka namootni keessa qubatanitti haleellaa qaqqabeen gamoon ibiddaan gubateera.
Israa'el Hamaas manneen barnootaafi dhaabbilee namootni nagaan itti tajaajilaman akka dahootti fayyadamaa jechuun himateera.
Hamaas himannaa kanaan dhara jedheera.
MM Libaanos dhukaasi hatattamaan akka dhaabbatu gargaarsa gaafatan
Najiib Mikaatii dhukaasi hatattamaan akka dhaabbatuuf hawaasi idiladdunyaa Israa'el irratti akka dhiibbaa uumu gaafatan.
Aab Najiib mootummaansaanii waamicha dhukaasa dhaabuuf taasifamaa jiru deeggaruu akka itti fufu ibsaniiru.
Waamichi waloo dhukaasi akka dhaabbatu gaafatu torbee darbe Faransaay fi US akkasumas Gamtaa Awurooppaa fi biyyoota Arabaa yaada kana deeggaraniin labsame.
Libanos dhiibbaan Israa'el irratti godhamuu eegale akka itti fufu kan deeggaran ta'uu fi Israa'el seerota idiladdunyaa kabajuun hatattamaan akka dhukaasa dhaabdu gaafatan.
Ministirri Muummee Libaanos kun deeggarsa Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon taasisaniifis gammachuun simatan.
Pirezidant Maakron Israa'el Libaanos keessatti haleellaa eegaluun sirrii akka hin taanee fi meeshaaleen waraanaa Israa'eliif ergaman akka qoqqobaman yaada kennanii turan.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu yaada Maakroon kana qeequun deebii kennaniiru.
Inumaa yaadi kun kan nama qaanessuudha jechuun, yeroo kanatti biyyi Israa'el hin deeggarre warra michuu Iraan ta'an qofa jedhan.
Sa'aatii 24 darbe Libaanos fi Israa'el akkamiin dabarsan?
Sa'atii 24 darbe keessatti dhimmoonni jajjaboon Baha Giddugaleessaa keessatti mudatan:
- Israa'el kibba Libaanos handaara magaalaa Beeruut iddoo hidhattoota Hezboollaan qabamuu himtu irratti haleellaa qilleensaa 30 ol raawwatte. Beeruut halkan hamaa fi suukanneessaa keessa bulte
- Haleellaa dhohiinsa uumeen abiddi fi aarri magaalaa Beeruut gubbaarraan samii hauugee ture, jiraattonni naasuudhaan qe'eesaanii keessaa wayita baqatan mul'ataniiru
- Haleellaan kun erga waraanni Israa'el lammiileen bakka kanaa akka bahan akeekkachiisee fi loltoota Hezboollaa 440 waraana lafoon ajjeesuu ibsee mudate
- Daangaa kibba Libaanos irraan ammoo rookeetiiwwan 30 ta'an irratti dhukaafamuu Israa'el ibsiteetti. Kallattii kanaan loltoota Israa'el cabsanii seenuuf turan of duuba deebisuu hime Hezboollaan
- Haleellaa biraa Israa'el kaaba Libaanos magaalaa Tiripoolii jedhamurratti raawwatteen qondaalli Hamaas biraan ajjeefamuunis gabaafameera.
- Dhihoo kana namoonni kuma 200 caalan Libaanos irraa gara Siiriyaa baqachuu UN ibseera
- Gaazaa keessatti ammoo Israa'el masjiidotaa fi manneen barnootaa irratti haleellaa raawwachuun yoo xiqqaate namoota 24 ajjeesuun 93 madeessite
Humni waraanaa Israa'el dhukaasa Hezboollaa hedduu qilleensarratti fashalsuu ibse
Halkan kibba Libaanos qarqara magaalaa Beeruut haleelaa kan bulte Israa'el, dhukaasa Hezboollaarraa irratti qiyyaafatame hedduu ammoo qilleensarratti fashalsuu ibsiteetti.
Halkan keessa dhukaasni hedduun daangaa Libaanos keessaa gara Israa'el dhukaafamee akka ture ibse humni waraanaa Israa'el.
Garuu daangaa Israa'elitti ce'ee balaa hin qaqqabsiifne jedhe. Caccabaan meeshaalee dhukaafamanii samii keessaa wayita lafatti harca'u rifaatuun uumamuurraa kan hafe balaan qaqqabe jin jiru jedhe waraanni Israa'el.
Akkasumas dooniin misaa'elaa humna galaanaa biyyattii dirooniiwwan lama kallattii bahaan galaana meediteraaniyaanii irraan dhukaafaman fashalsuus ibse.
Humni qilleensaa ammoo dhukaasa kallattii bahaan handaara galaanaa Gush Dan jedhamurraa qiyyaafatame fashalsuu ibse waraanni Israa'el.