Hamaas ''akeekkachiisa dhumaa'' Tiraampiin booda ''yaada'' Ameerikaa irratti marii eegale

Madda suuraa, Reuters
Hamaas akkaataa itti Gaazaatti dhukaasa dhaabuu danda'u irratti mariisistoota US irraa ''yaadni tokko tokko'' kennamuufii hime.
Gareen hidhattootaa kun yaadawwaan dhiyaatan irratti mari'ataa kan jiru yoo ta'u yoo waraanni kun ifatti akka xumuramu labsame, namoota butaman 48 gadhiisuuf qophii ta'uu ibseera.
Yaadota kana gara waliigaltee bal’aa fedhii ummata keenyaa guutuutti guddisuuf jiddu-galeessitoota waliin sochiin taasifnu itti fufas jechuun dabalee ibseera.
Qondaalli Filisxeem tokko BBC'tti akka himanitti, karoorri Ameerikaa dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 sa'aatii 48 jalqabaa keessatti hidhamtoota Filisxeem mana hidhaa Israa'el keessatti hidhamanii hunda hiikuuf ture.
Karoorri kunis dhaabbataadhan dhukaasa dhaabuuf kan kaayyeffate ta'uu himameera.
Kunis kan ta'e erga Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Hamaas waliigalteerra akka ga'uuf "akeekkachiisa dhumaa" kennanii boodadha.
Israa'el ibsa dabalataa osoo hin kennin yaada pirezidaantichaa fudhachuu ishee ibsiteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Gidiiyoon Saareer, biyyi isaanii waliigaltee namoota booji'aman hunda hiikuu fi Hamaas hidhannoo hiikkachuu kan hammatu irra ga'uuf qophii ta'uu ibsaniiru.
Garuu Ministirri Muummee Israa'el, Beeniyaamin Netaaniyaahuun lammiileen Filisxeem gara miliyoona tokkootti dhiyaatan kanneen naannoo Gaazaa beelaan miidhaman keessa jiraatan hatattamaan akka gadhiisan akeekkachiisaniiru.
Israa'el Wixaata kaleessaa haleellaa Gaazaa irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeeffamuu maddeen hospitaala ibsaniiru.












