Tiraamp kan namni Chaarlii Kiirk ajjeesse du'aan akka adabamu gaafatan adabbii kanarratti ejjannoo attamii qabu?

Kaleessa pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp nama Chaarlii Kiirk ajjeesera jedhamuun shakkame, Taayilar Roobinsan adabbiin du'aa akka itti murtaa'u gaafataniiru. Ofii Tiraamp adabbii du'aarratti ejjannoo attamii qabu?

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US Mana Maree NageenyaaUN waliin haleellaa Israa'el Kaataar irratti raawwatte balaaleffatte

    US Mana Marii Nageenyaa UN waliin Israa'el balaaleeffatte

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Kaataar Dohaatti mooraa mana jireenyaa irratti raawwachuun miseensota olaanoo Hamaas irratti xiyyeeffate balaaleffate.

    Ibsi kallattiidhaan maqaa Israa'el hin ibsine kun, US dabalatee miseensota Mana Maree Nageenyaa 15 hundaan kan deeggarame yoo ta'u, Ameerikaan akka aadaatti tarkaanfii michuushee dhiyoo irratti fudhatamu uggurti turte.

    Ibsi kun akka jedhuutti wixineen UK fi Faransaayiin qophaa'e kun, "Miseensonni mana marichaa barbaachisummaa mudama hir'isuu cimsanii, Kaataar waliin tumsa qaban ibsaniiru," jedha.

    Israa'el ammoo murtee haleellaa kana raawwachuuf itti fudhatee ittisteetti.

    Kaataar waraana Israa'elii fi Gaazaa akka dhaabatu taasisuu keessatti tattaaffii dippilomaasii gidduu seentuu ta'uudhaan gahee olaanaa taphatteetti.

    Marii al-kallatti Hamaas fi Israa'el gidduutti taasifamurrattis giddu-ssntuu taatee tajaajilaa turte.

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haleellaa Israa'el mooraa mana jireenyaa magaalaa guddoo Kaataar Dohaatti argamu irratti raawwachuun, miseensota olaanoo Hamas irratti xiyyeeffateen balaaleffatee jira.

    Kaataar ammoo bara 2012 irraa eegalee biiroo siyaasaa Hamaas kan keessummeessu yoo ta'u, michuu dhiyoo Ameerikaafi buufata xiyyaaraa Ameerikaa guddaa gammoojjii kibba dhiha Dohaatti keessummeessaa jirti.

    Walgahii hatattamaa kun kan gaafatan Kaataar, Aljeeriyaa, Paakistaan ​​fi Somaaliyaadha. Ministirri Muummee Kaataar Mohaammad Biin Abdulrahmaan Al-Taanii walgahicharratti hirmaachuuf gara Niiw Yoorkitti imalaniiru.

    "Haleellaan kun hawaasa addunyaa qormaata dura kan kaa'udha," jechuun al-Taani mana marichaaf kan ibsan.

    "Israa'el, kan namoota gara jabeeyyii finxaaleyyii ta'aniin durfamtu, amalashee ilaalchisee daangaa kamiyyuu bira darbitee jirti. Israa'el maal akka gootu tilmaamun hin dandeenyu. Bakka bu'oonni Israa'el haleellaa kana osoo raawwatanii akkamitti keessummeessuu dandeenya?"

    Ambaasaaddarri Paakistaan ​​Asiim Iftikhar Ahmad gamasaanitiin: "Israa'el, humni dhuunfataa jirtu, carraa nagaa jiru hunda xiqqeessuu fi dhoosuuf waan hunda gochuuf akka jilbeenfatte ifaadha" jedhan.

  2. Kooriyaan Kaabaa namoota fiilmii fi TV biyya alaa ilaalan hedduu ajjeefte: UN

    Aangoo Kiin Jong Un jalatti jireenyi ummataatti cimuufi sodaa keessa jiraachu kaasa gabaasichi

    Madda suuraa, KCNA via EPA

    Mootummaan Kooriyaa Kaabaa namoota osoo fiilmii fi diraamaa TV biyya alaa dowwataniifi qoodanii qabaman dabalatee adabbii du'aa hojiirra oolchuushee dabalaa dhufeera jedha gabaasni waliigalaa UN.

    Mootummaan abbaa irree irra caalaa addunyaa irraa addaan citee kun, ummata isaa daran dhiibbaa jala galchuudhaan bilisummaa isaanii daran daangessuu gabaasichi dabalee ibseera.

    Waajjirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waggoota kurnan darban keessa mootummaan Kooriyaa Kaabaa "jireenya lammiilee gama hundaa irratti" to'annoo cimsuu isaa adda baaseera..

    "Addunyaa har'aa keessatti ummanni cunqursaa akkasii keessa jiru kan biraa hin jiru," jedhe dhabbatichi.

    Komishinarri Olaanaan Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Volkar Tuurk, haalli kun yoo itti fufe, lammiileen Kooriyaa Kaabaa ''dararaa, ukkaamsaa gara jabinaa fi sodaa yeroo dheeraaf obsan caalaaf ni saaxilamu'' jedhan.

    Gabaasni gaaffii deebii lammiilee Kooriyaa Kaabaa 300 ol kanneen waggoota 10 darban keessatti miliqanii biyya ba'anii fi biyyattii keessaa jiran waliin taasifameen namoota fiilmii fi TV biyya alla ilaaniif adabbiin du'aa yeroo baay'ee itti fayyadamaa akka jiru adda baaseera.

    Erga bara 2015 asitti addabbichi akka hojiirra oolfamuuf yoo xinnaate yeroo jahaaf seerri haaraan baafameera.

    Yakki amma biyyattii keessatti du'aan nama adabsiisuu danda'u keessaa tokko qabiyyee miidiyaalee biyya alaa kan akka fiilmii fi diraamaa TV ilaaluu fi qooduudha.

    Sababiin isaas ammoo dursaan biyyattii Kiim Jong Un namoonni odeeffannoo biyya alaa akka hin argannee sirriitti mirkanneessuuf daangaa kaa'aniidha.

  3. 'Yeroon ija koo walirra buusuu hunda natti dhufuu itti fufeera'

    Iskoot Ispeerii

    Kanaan dura barataa waan guyyaan dhumaa sana mudate ilaalchisee akka nutti himuuf BBC gaafate tokko imimmaan isaa to'achu dadhabe dubbiseen ture.

    Iskoot Ispeerii dargaggoon ganna 22, Yunivarsiitii Utaah Vaaliitti barataa waggaa lammaffaa, sagantaa Kiirk Roobii darbe irratti hirmaate ture.

    Hammam akka gammade ture BBCtti hime. Viidiyoowwan Kiirk waggootaaf toora interneetii irratti hordofaa kan ture yoo ta'u, daawwattoota fuulduraa bakka gaarii qabachuun faliim barattoota irratti arguu danda'eera.

    Achiis sagaleen bam jedhu tokko dhaga'ame. Jalqaba namni hundi burjaaja'ee ture. Jalqabarratti tarii ibidda ta'uu danda'a jedheen yaade. Sana booda namni inni "waaqa tolfamaa konsarvaatiivii" jedhuutti, yoo dhiigni mormasaa keessaa dhangala'uun yoo Chaaliin of wallaaluu sodaa guddaadhaan agarre.

    "Ani waan ta'e amanuuf wal'aansoo qabaan ture" jedha, waan arge yoo dubbisu miiraan hudhamaa. "Sammuu koo waan mudate irraa kaasuuf yaaluudhaan."

    Hiriyyoota irratti hirkatee akka ture kaasuudhaan garuu qabeenya mooraa univarsitiitti fayyadamuun miidhaan irra gahe kana furuuf karoorfachuu isaa dubbata.

    "Yeroon ija koo walirra buusee hunda natti dhufuu itti fufeera," jedha. "Eessatti yoon deeme bakka hundatti nan argaan. Irra deddebiidhaan natti dhufaa jira.''

  4. Yeroo namni Chaarlii ajjeessee adamfamaa jiruutti suuraansaa yeroo dhihoo gadhiifame

    Daraggeessa ajjeechaa Chaarliitiin shakkame

    Madda suuraa, Reuters

    Suuraawwan kunneen suuraa nama ajjeechaa Cheerlii Kirkiitiin shakkamee barbaadamaa jiruu kan yeroo dhiyoo ka'ee qorattootaan gadhiifamaniidha.

    Bulchaan Utaah, Spensar Coksi kaleessa galgala akka jedhanitti, hanga ammaatti odeeffannoon eeruu fi gorsi 7,000 ol ummataan dhiyaateera.

    Suuraaleen nama shakkamaa kan amma gadhiifaman kunooti:

    Shakkamaa adamfamaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Shakkamaa

    Madda suuraa, Reuters

  5. Diroonniiwwan Raahsiyaa Poolaand keessatti rukutamuusaanii hordofee NATOn ittsasaa cimse

    Nato'n ittisa isaa cime

    Madda suuraa, Reuters

    Poolaand dirooniiwwan Raashiyaa daangaa qilleensa ishee keessa seenuu beeksiisuu ishee hordofee, biyyoonni miseensa NATO eegumsa cimsuu jechuudhaan loltoota, madfiiwwanii fi meeshaalee ittisa qilleensaa hedduu ergaa jiru.

    Guyyaa Roobii waaree booda diroonniiwwan Raashiyaa sadii gara daangaa qilleensaa Poolaandi keessa galan rukatamuun kuffiisamaniiru.

    Xiyyaaroonni nama maleeyyii gara biraa ammoo erga rukutamanii kuffiifamanii booda naannoo baha Poolaand keessatti argamaniiru.

    Poolaand Mana maree Nageenyaa UN akka dhimma kanarratti mari'atuuf kan gaafattee yoo ta'u, walgahiichii Jimaataa akka gaggeeffamu beelamni qabamee ture.

    Neezarlaandiifi Cheek Riipablikiin loltoota gara Poolaandiitti erguudhaaf kan ibsan yoo ta'u, Liitiweeniiyaan ammoo birgeedii Jarman akka simattuu fi haleellaawwan Raashiyaa Yukireen irra qaxaamuruu akka danda'an akeekkachiisaan ishee qaqabeera.

    Jarmaniin karaa daangaa baha NATO irratti walitti dhufeenya ishee cimsitee akka itti fuftuu fi Poolaandiitti eegumsa naannoo qilleensaa akka bal'iftu beeksiifteetti.

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon gamasaanitiin naannoo qilleensaa Poolaand ittisuudhaaf jeettii waraanaa sadii akka ergan beeksisan.

  6. Hidha gurguddoo Afrikaa lamaan: Hidha Haaromsaafi hidha Aswaan yoo walbira qabamu

    Hidha Aswaaniifi Hidha Guddicha Abbayyaa

    Madda suuraa, Getty Images & BBC

    Afrikaa keessaa yaa'a laga tokkoo irratti kan argaman Itoophiyaa fi Masiriin anniisaa elektirikii maddisiisuudhaanis tokkoffaa fi lammaffaarratti argamu.

    Hanga yeroo dhihootti Hidhi Aswaan Guddichi anniisaa elektirikii meegaa waatii 2100 maddisiisu Afrikaa keessaa tokkoffaa ture.

    Amma garuu Afrikaa keessaa tokkoffaan akkasumas akka addunyaatti hidhaawwan anniisaa elektirikii gurguddaa keessaa tokko kan ta'e meegaa waatii 5150 kan maddisiisu Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaati.

    Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Waxabajjii 30, 2011 lafa daangaa Sudaanitti dhihaatee argamu, Gubaatti hojiinsaa eegale, waggaa 14 booda Fulbaana 09, 2025 eebbifame.

    Itoophiyaan laga waggootaaf faarsuu malee irraa fayyadamtee hin beekne kanarratti pirojektii humna ibsaa ijaaruu eegaluun salphaa hin turre. Odeessa kanarratti dabalataan odeeffannoo argachuuf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  7. Burkiinaa Faasoon lammilee Afrikaaf Viizaa bilisaa eeyyamte‎

    Taraa'ooree

    Madda suuraa, Reuters

    Burkiinaa Faasoon Afrikaanota gara biyyattiitti imalaniif kaffaltii tokko malee akka Viizaa kennitu beeksisterti..

    ‎‎Biyyattiin viizaa bilisaa kan eyyemteef imala daawwattootaa si'eessuufi sochiin shaqaxoota garaa garaas akka saffisuuf haala mijessuudhaaf jedhameera.

    Ministrri Nageenyaa Burkiinaa Faasoo Mahaammuuduu Sana, "Yeroo kanaa eegalee Lammiilee biyyoota Afrikaa, gara Burkiinaa Faasoo dhufan irraa kaffaltiin tokkollee hin eegamu," jedhan.

    Kunis karoora hogganaa waraanaa biyyatti Kaapteen Ibraahim Taraa’oree keessa tokko akka ta'e ibsameera.

    Biyyoota Afrikaa rakkoon Afrikaa Afrikaanotaan furamuu qaba jedhanii amananiif akka mallattootti kan ilaalamu Tara'ooreen adeemsi viizaa bilisaa eeyyamuu kunis carraa paanafrikaanizimii inni leellisu keessatti gumaacha guddaa akka qabaatutu ibsame.

    Asiin duras, biyyoonni akka Gaanaa, Riwaandaa fi Keeniyaa, imaltoota Afrikaaf viizaa bilisaa eyyemuun isaanii ni yaadatama.‎‎

  8. Dubartii Feesbuukiidhaan namoota hedduuf buddeena baasuuf sababa taate

    Meelaat Nigusee

    Madda suuraa, Melat Niguse

    Miidiyaan hawaasaa waan gaariif yoo itti fayyadaman hangam hawaasa keessatti jijjirama fiduu akka danda'u kannneen qabatamaan mul'isan heddu eeruun ni danda'ama.

    Kanneen keessaa dubartii Feesbuukiin waltajjii odeeffannoo bashannanaa irra darbee, furmaata rakkoo namoota hedduu ta'uu akka danda'u hojii fakkeenyummaa qabu hojjachuun mirkaneessite tokkoon wal isin haa barsiifnu.

    Maqaan ishee Meelaat Nigusee jedhama. Kan dhalatte Magaalaa Finfinneetti yoo ta'u, kan guddattee ammoo Booranatti.

    Meelaat ogummaan akkaawuntii baratteen hojii mootummaa hojjaataa turtus amma garuu isa dhiistee dhuunfaa isheetiin Finfinnee keessatti hojjataa jirti.

    Miidiyaa hawaasaa (Facebook) kan fayyadamuu jalqabde waggoota heddu ta'uus hojii tola ooltummaa isheen hojjattu karaa toora miidiyaa kanaa erga qooduu jalqabdee waggota ja'a hin caalu. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin galuu dandeessu.

  9. Hojjattoonni Kooriyaa Kibbaa to'annoo US jala turan gara biyyaatti ergaman

    Xiyyaara lammiilee Kooriyaa kibbaa fe'ee gara biyyaatti akka deebiisu kireeffame

    Madda suuraa, EPA

    Torban darbe keessaa qondaaltoonni Immigreeshinii Ameerikaa bulchiinsa Joorjiyaa, warshaa Haayundaa keessatti sakkata'iinsa akka tasaa taasisaniin lammiileen Kooriyaa Kibbaa 300 ol to'annoo jala oolchanJimaataa har'aa gara biyyaatti gaggeessuuf ta'un ibsame.

    Hojjattoonni kunneen kan gara biyyaatti deebiifaman erga pirezidantiin biyyattiifi hoji gaggeessaa olaanaan dhaabbata Haayundaay hidhaan kun invastimantii irratti dhiibbaa akka qabaatu kaasuun akeekkachiisaniin boodadha.

    Xiyyaarri jeetii Kooriyaa kireeffatame hojjettootaa fi lammiilee Kooriyaa hin taane 14 kanneen sakatta'iinsa kanaan hidhaman fe'ee ture Kamisa akka sa'aatii biyyaatti walakkeessa guyyaa (17:00 BST) Atlaantaa irraa ka'e ture.

    Lammiin Kooriyaa Kibbaa tokko hayyama jireenyaa dhaabbataa gaafachuuf US keessa turuu filate jedhameera.

    Tarkaanfiin gara biyyaattii deebiisuu kunis sababa qajeelfama Waayit Haawus irraa kennameetiin guyyaa tokkoo ol harkifachuu isaa Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Jae Myung Kamisa kaleessaa ibsaniiru.

    Xiyyaarri lammiilee Kooriyaa biyyaattii deebiifaman kanneen fe'e kunis Jimaata waaree booda buufata xiyyaara idil-addunyaa Kooriyaa Kibbaa Incheeyoon ni qaqaba jedhamee eegalam.

  10. Shakkamaa Chaarlii ajjeese adamfamaa jiru irratti odeeffannoo hanga yoonaa qabnu

    Suuraa shakkamaa

    Madda suuraa, FBI

    Angawoonni viidiyoo shakkamaan kun bakka wayita naannawa haleellaa sana itti raawwatee baqatu agarsiisu gadi dhiisuun isaanii ni yaadatama.

    Viidiyoo sanrraa addatti namni kun eenyu akka ta'e baramuu baatuus fuulli isaa hanga tokko ni mul'ata. Uffata gurraacha uffatee, osoo lafa hin bu'iin dura baaxii manaa gubbaadhaa bu'ee yeroo fiiguu ni mul'ata. Kun salphatti adda baasuuu fi to'achuun akka danda'amu kan gargaarudha.

    Hogganaan kutaa nageenya hawaasaa magaalaa Yuutaah shakkamaan kun ammallee Yuutaah keessa ba'ee fagaatera hin jennu garuu ammatti achi keessa jiraa fi hin jiruu waanti agarsiisu hin jiru jechuun miidayatti himan.

    Maddeen michuu BBC Ameerikaa CBS'tti akka himanitti, Poolisiin Qorannoo Yakkaa Ameerikaa (FBI) namoota eenyumma nama kanaa beekanii fi bakka inni jiru ilaalchisee eeruu kennuu danda'an waliin hojjataa jira.

    Qondaaltonni naannoo akka jedhanitti, kutaan Yuutaah nama ajjeechaa sana raawwate irratti adabbiin du'aa akka darbuu gaafachuuf karoorfataniiru

    Reeffi Chaarlii xiyyaaraan gara Airizoonaa, bakka maatii isaa waliin jiraachaa tureetti geeffameera.

  11. Ittaanaan pirezdantii Sudaan Kibbaa yakka ajjeechaa fi gantummaatiin himataman

    Riik Maachaar

    Madda suuraa, Reuters

    Ittaanaan pirezdantii Sudaan Kibbaa jalqabaa, Riik Maachaar gochaa ajjeechaa, gantummaa fi yakka dhala namaa irratti raawwatamuun himataman.

    Himannaan kunis, namoonni tokko tokko tarkaanfii wal waraanaa biyyattii deebisee qabsiisuu danda'a jechuun sodaataa jiru.

    Ministirri Haqaa Jooseef Geeng Akech, himannaan Maachaar irratti baname kunis kan haleellaa baatii Bitooteessa keessa milishoota ittaanaa pirezidantii waliin hidhata qabu jedhamanii raawwataniin kan waliin walqabateedha jedhan.

    Daandiiwwan gara mana jireenyaa isaatti geessu magaalaa guddoo Juubaa keessatti taankiiwwanii fi loltootaan cufamee jira.

    Humnoonni amanamoo Machaariif lolan hanga waliigaltee nagaa bara 2018tti biyya addunyaa haaraa tanaa xumuruttti, waggoota shaniif qaamoolee Pirezidantii Saalvaa Kiir deeggaranwaliin wal waraanaa turan.

    Machaar erga Bitooteessaatii eegalee hidhaa manaa jala kan ture yoo ta'u, UN, Gamtaan Afrikaa fi biyyoonni ollaa hundi tasgabbiin akka ta'u gaafachaa jiru.

    Waliigaltee nagaa bara 2018tti taasifames waldhabdee namoota gara kuma 400tti siqan ajjeese xumure, haata'u malee, hariiroon Machaar fi Kiir gidduu jiru garuu waldhabdee sabaa fi jeequmsa yeroo tokko tokko uumamu keessatti hammaataa dhufeera.

    Guutuummaa odeessa kanaa argachuuf asiin seenuu dandeessu.

  12. Qondaaltoonni viidiyoo haaraa yoo baqatuu agarsiisuu gadhiisan

    Qondaaltonni viidiyoo haaraa wayita shakkamaan bakka itti Chaarlii Kirkiitti dhukaasee sana irraa osoo baqatuu agarsiisu gadhiisan.

    Viidiyoo haaraa shakkamaan kun bakka sanaa baqachaa jiru gadhiisuu isaanii eerree turre. Waan argine kunooti:

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Namtichi Kirkiitti dhukaasuuf shakkamee yeroo baqatuu viidiyoon aagarsiisuu kunooti daawwadhaa
  13. Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan guyyaa Jimaataa ittiin odeesaalee addunyaa mara irraa gabaabsine isin biraan geenyuun amma eegalleerra.

    Bal'inaan odeessaalee keenya dubbiifachuu yoo barbaaddan ammoo Marsarii, keenya, Facebook, ykn WhatsApp akkasumas YouTube keenyaa millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa.

  14. FBI nama achi buutee shakkamaa himeef badhaasa $100,000 dhiheesse

    Poolisiin Qorannoo Yakkaa Ameerikaa (FBI) nama bakka shakkamaan jiru dubbateef dolaara kuma 100,000 dhiheesse.

    Badhaasni kuni "odeeffannoo ajjeechaa Chaarlii Kiirk itti gaafatama ta'anitti nama geessuuf'' kan kennamu akka ta'e ibse.

    Namoonni odeeffannoo qaban eeruu akka kennan gaafatamaniiru. E

    Duratti qondaalonni akka jedhanitti, hanga yoonaa eeruu 130 isaan bira gahuu himanii turani.

  15. Isin guyyaa ayyaanaa akkamiin dabarsitu?

    Ogeettii fayyaa uffata aadaan faayamte
    Ibsa waa'ee suuraa, Ogeettiin fayyaa kuni wanti argadhe ''eebba isaaniiti'' jetti

    Ogeettiin fayyaa kuni Ayyaana Bara Haaraa fi kaan waggoota jahan darbaniif maatii waliin hin dabarsine.

    Mana yaalaa keessatti dhukkubsattootaaf buna danfisaa, miila dhiqaa dabarsiti.

    Maallaqa walitti qabaniis kanneen qoricha bituu rakkatan gargaarti.

    Daawwadhaa!

  16. Viidiyoon battala nami dhukaasa bane baaxirra miliqe mul'ise

    Viidiyoon waraabame yeroo xiinxalamu
    Ibsa waa'ee suuraa, Viidiyoon waraabame yeroo xiinxalamu

    Poolisiin suuraa nama ajjeechaa Chaarlii Kiirkin walqabatu gadhiiiseera.

    Nami kuni umriin isaa barataa kollejjii baratuun wal fakkaata jedhaniiru qorattoonni.

    Namni kuni ajjeechaa michuu Tiraampiin shakkame.

    Namni ajjeechaan shakkame kuni erga haleellaan raawwate booda baaxii kaampaasiirra utaaluun, ''ollaatti baqate'' jedhame.

    Viidiyoon gamoo keessaa waraabamees kana mul'ise.

    Shakkamaan kuni ammallee bakki jiru hin beekamu, barbaadamaa jira.

  17. Amma nu gahe, FBI suuraa 'nama barbaadamu' gadhiise

    Poolisiin Federaalaa US nama kana bakka jiru nutti himaa jechuun hawaasa gargaarsa gaafateera

    Madda suuraa, FBI

    Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin Federaalaa US nama kana bakka jiru nutti himaa jechuun hawaasa gargaarsa gaafateera

    Poolisiin Qorannoo Federaalaa US (FBI) nama ajjeechaa michuu Tiraampiin walqabatee 'barbaadamu' gadhise.

    Nami kana bakka jiru akka eeruu kennu poolisiin hawaasa gargaarsa gaafateera.

    Kuni suuraa jalqabaa ajjeechaa Chaarli Kirkiin walqabatee poolisiin ifa godhedha.

    Nami kuni ajjeechaa isaa keessatti qooda qabaachuu mala jechuun qaamoleen nageenyaa amananii gadhiisanidha.

  18. Ajjeechaa Kirkii hordofuun warri paartii Dimokiraatotaa tokkummaan akka jabaatu waamicha dhiyeessan

    Senetarri Chaak Shumer

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Senetarri Chaak Shumer

    Qondaalonni olaanaa paartii Dimookiraatotaa kaayyoo siyaasaa galmaan ga’achuuf tarkaanfii humnaa fudhatamu balaaleeffachuun, lammiileen Ameerikaa tokkummaasaanii akka cimsan waamicha dhiyeessan.

    Namni Chaarli Kirkii ajjeese garuu amma yoonaatti hin to’atamne, kaayyoon Kirkiin ajjeefameef ammatti hin beekamu.

    Senaatarri Chaak Shuumar akkas jechuun dhaabbata miidiyaa BBC waliin hojjatu CBStti himan,''Yeroon kanatti lammiileen Ameerikaa tokkummaan waanta ta'e ykn ajjeechaa raawwatameef gaddasaanii yeroo itti ibsan,''jedhan.

    Chaak Shuumar quba walitti qaburra, walitti dhufuu qabna jedhan.

    Mana Maree Ameerikaatti hoggaanaan warreen muraasaa Hakiim Jeefiris, yaaduma Chaak Shuumar dhiyeessaniin walfakkaatu dubbatan.

    ''Yeroo kanatti hoggansa lammiilee Ameerikaa walitti fidu barbaachisa'' jedhan.

  19. Sagaleen Chaarli Kirkiii bara baraan jiraata - Tiraamp

    Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp

    Tiraamp sirna yaadannoo haleellaa 9/11 irratti waa’ee du’a Chaarli Kirkiii loltoota fi maatii namoota haleellaa 9/11 irratti du’aniitti dubbachuun eegalan.

    ''Chaarli Kirkiii dhabuu keenya,'' jedhan namoota walitti qabamaniin.

    ''Sagaleen Chaarli fi jajjabinni isaa laphee namoota danuu keessa jiru, keessattuu laphee dargaggoota keessa bara baraan akka jiraatu shakkii hin qabu,'' jedhan.

    Tiraamp erga Chaarli Kirkiii du’ee booda meedaliyaa bilisummaa akka badhaasan himan.

    Meedaliyaan Bilisummaa Ameerikaatti badhaasa kabaja guddoo namoota siviliif kennamu.

    ''Waan tokko qofan waadaa isiniif seena, namoota danuutu sirna badhaasa sanarratti walitti qabamuuf jira'' jedhan.

  20. FBI suuraa shakkamaa akka qabu beeksise

    Qorannoon Poolisii Federaalaa Ameerikaa (FBI) suuraa shakkamaa suuraa kaase akka qabuufi hawaasi yaadda'uu akka hin qabne beeksise.

    Ispeeshaal eejantiin FBI Roobart Boohils, shakkamaa argachuuf guddoo yaalaa akka jiran himan.

    Qondaalli poolisii kuni dhimmichi waan qoratamaa jiruuf waan fuulli shakkamaa kanaa fakkaatu dubbachuu akka hin barbaanne himan.

    Ta'us, ''yeroo gabaabaatti akka qoodan'' dubbatan.

    Qondaalli kuni dabaluunis, shakkamaan miliqe hangam akka fagaate mirkana akka hin kennine himani.