Tiraamp kan namni Chaarlii Kiirk ajjeesse du'aan akka adabamu gaafatan adabbii kanarratti ejjannoo attamii qabu?

Kaleessa pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp nama Chaarlii Kiirk ajjeesera jedhamuun shakkame, Taayilar Roobinsan adabbiin du'aa akka itti murtaa'u gaafataniiru. Ofii Tiraamp adabbii du'aarratti ejjannoo attamii qabu?

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gareen marii keessa hirmaatu du'a ooleera - Hamaas

    Hamaas ibsa baaseen gareen isaanii Dohaatti marii taa'u lubbuun ooluu ibseera.

    ''Jila mariif [deeme] diinni ajjeesuu akka fashale mirkaneessuu barbaanna,'' jedheera.

    Dabaluunis, haleellaan raawwate ''shakkii ol Netaaniyaahuufi mootummaan isaanii waliigalteerra gahuu akka hin barbaanne mirkanesseera,'' jedhe.

    Ibsi Hamaas baase namoonni jaha biroo garuu ajjeefamuu ibse.

    Hamaas ibsa duraan baaseen haleellaan garee isaa Dohaatti jaarsummaa keessa hirmaaturratti akka xiyyeeffate ibsee ture.

  2. 'Yoo Hamaas wixinee Tiraamp fudhate waraanni Gaazaa ni goolabama’ - Netanaahuu

    Ministira Muummee Israa’el Beenjamiin Neetanaahuu

    Madda suuraa, Gettyimages

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Israa’el Beenjamiin Neetanaahuu

    Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Neetanaahuun yoo Hamaas wixinee Tiraamp dhiyeesse fudhatee waraanni Gaazaa battaluma sana goolabamaa’’ jedhan.

    Netanaahuun jiraattoota Gaazaatiin’’ mirga keessanii fi egeree keessaniif ka'aa falmadhaa, nu waliin nagaa buusaa, akkasuma wixinee dhukaasa dhaabu Tiraamp dhiyeessan fudhaa,’’ jechuun dhaaman.

    Dilbata darbe kana Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaaburra akkaataa gahuun danda’amutti yaada Ameerikaan dhiyeessan muraasa simateera.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaaniirratti akkas jedhan;

    ''Namni kamiyyuu warrii butaman qe’eesaaniitti akka deebi’anii fi waraanichi akka goolabamu barbaadu, Israa’el yaadicha akkuma fudhatte Hamaas yaadicha yeroon simachuu qabu ammadha,'' jedhan.

  3. Masriin Hidha Itoophiyaa mormuun UN'tti xalayaa barreessite

    Hidhi Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaarte dureewwan biyyoota Baha Afrikaa bakka argamanitti eebbifameera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hidhi Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaarte dureewwan biyyoota Baha Afrikaa bakka argamanitti eebbifameera

    Masriin Itoophiyaan hidha ijaartee eebbisiisuun hojii eegalsiisuushee mormuun Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti xalayaa barreessite.

  4. 'Israa'el haleellaa walabummaa Kataar sarbe raawwatte'- Guutereez

    Barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez

    Madda suuraa, Gettyimages

    Ibsa waa'ee suuraa, Barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez

    Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez haleellaa Israa’el Dohaatti raawwatte balaaleffachuun,''walabummaafi daangaa Kataar kan sarbe'' jedhan.

    ''Haleellaan kun biyya dhukaasni akka dhaabbatuu fi namoonni butaman hundi akka gadhiifaman qooda gaarii qabdurratti raawwatame'' jedhan.

    Guutereez ''qaamni hundi dhukaasni guutummaatti akka dhaabatu hojjachuu qaba’’ jechuun waamicha dhiyeessan.

  5. 'Israa’el haleellaa qaqqabeef ittigaafatamummaa guutuu fudhatti' - Netanaahuu

    Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Netanaahuu qondaalota olaanoo biyyattii biroo waliin

    Madda suuraa, Shin Bet Media

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Netanaahuu qondaalota olaanoo biyyattii biroo waliin

    Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Netanaahuun haleellaa qondaalota olaanoo Hamaas Kataaritti raawwateef ‘’Israa’el ittigaafatamummaa guutuu fudhatti’’ jedhanii miidiyaa hawaasaarratti maxxansan.

    ''Haleellaa kana Israa’el addatti wixineessite. Adduma raawwatte, Ittigaafatummaa isaas guutummaatti fudhatti'' jedhan.

    Wayita haleellaan qondaalota Hamaasirratti raawwatamu Netanaahuun Waajjira Muummee Tika biyyaattii keessa turan.

    Haleellichi qindoominaan Tika biyyattii fi Waraana Israa’eliin raawwatame jedha Dubbi himaan Shiin Beet.

    Amma yoonattii miidhaan qaqqabee sirnaan hin baramne.

  6. Iraan haleellaa Israa’el Kataaritti raawwatte balaaleeffatte

    Iddoo haleellaan itti raawwate

    Madda suuraa, Rooyitars

    Dubbi-himaan Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Ismaa’el Baghahi, tarkaanfiin Israa’el kun seera idil-addunyaa kan sarbu jedha.

    Haleellaan kun biyyoota naannichaa fi hawaasa addunyaaf akeekkachisa cimaadha jedhe.

    Siyaasa Israa’el keessatti leellistumman maqaan isaa kan dhahamu fi Ministirri Faayinaansii Israa’el Bezalil Ismootriich haleellaan raawwatame ''tarkaafii sirriidha''jedhani jajan.

    ‘‘Shororkeessitoonni addunyaarratti eessatiyyuu miliquu hin danda’a‘‘ jedhe.

    Iraanii fi Israa’el ji’oota muraasa dura erga kallattiin wal lolaa turanii booda dhukaasa dhaabuurraa qaqqaban.

  7. Hamaas jila marii nagaa hirmaatanirratti Israa'el xiyyeeffachuu ibse

    Kkonkolaataa fuldurasaattii aarii ol ka'ee mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas haleellaa Israa'el Kataar keessatti hoggantoota olaanoo garichaarratti raawwachuu beeksifteen, jila marii garichaa Dohaatti argaman irratti xiyyeeffachuu ibse.

    Qondaalli Hamaas jilli marii nagaa Hamaas osoo Doohaatti walgahii taasisaa jiranuurratti xiyyeeffatamuu isaa BBC'tti hime.

    Haaluma walfakkaatuun, qondaaltonni Israa’el hoggantoota olaanoo Hamaas kanneen Kataar keessatti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu mirkaneesse.

  8. Amma nu gahe, Israa'el magaalaa guddoo Kataar keessatti qondaalota olaanoo Hamaas irratti haleellaa raawwachuu beeksifte

    Israa'eel qondaaloota Hamaas haleelluu beeksiifte

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el magaalaa guddoo Kaaxar keessatti qondaalota olaanoo Hamaas irratti haleellaa raawwachu beeksiifte.

    Waraanni Israa'el qondaalota Hamaas olaanaa irratti haleellaa baayyee sirrii ta'e kana Dohaa keessatti raawwachuu mirkanneesse.

    Ibsi waraanni Israa'el haleellaa kana ilaalchisuun baasee kun garuu eddoo saa adda baasuun hin eerre.

    ''Haleellaa raawwatame kanaan dura meeshaa waraanaa baayyee sirrii ta'aniifi odeeffannoo tikaa dabalataa fayyadamuu dabalatee, miidhaa namoota nagaa irra gahu salphisuudhaaf tarkaanfiiwwan fudhatamanii ture,'' jechuun ibsichi dabaluun..

  9. Gareen Itoophiyaa Seeraa Liyoon morkataa jira

    Abubakar Nuuraa

    Madda suuraa, EFF

    Ibsa waa'ee suuraa, Karri eegaa Itoophiyaa, Abubakar Nuuraa, tapha Masriirratti ga'umsa agarsiiseen leellifamaa ture

    Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Gulaallii Waancaa Addunyaaf garee Seeraa Liyoon morkataa jira.

    Taphni kuni tapha saddeettaffaa gareen kuni taphataa jiru akka ta'e gabaafameera.

    Gareen Itoophiyaa torban darbe Kaayirootti garee Kubbaa Miilaa Masrii morkatee 2fi 0'n mo'amee ture.

    Rakkoon naamusaa uumameera jechuun taphicha booda Itoophiyaan Koree Naamusa FIFAtti himata galfatteetti.

    Taphni garee Itoophiyaa biyya Laayibeeriyaa, dirree Monorooviyaatti taphatamaa jira.

    Itoophiyaan dirree sadarkaa isaa eeggate dhabuun dirree biyyoota ormaatti akka taphataa jiru ni beekama.

  10. Yukireenitti namoonni miindaa sooramaa fudhachuuf hiriiran 21 ajjeefaman

    Hoogganaan bulchiinsa Doonesk suuraa konkolaataa poostaa deddeebistu haleellaan irra qaqqabe maxxansan

    Madda suuraa, Vadym Filashkin/Telegram

    Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaan bulchiinsa Doonesk suuraa konkolaataa poostaa deddeebistu haleellaan irra qaqqabe maxxansan

    Haleellaa xiyyaaraa Raashiyaan Baha Yukireenitti raawwatteen yoo xiqqqate namoonni 21 ajjeeffaman.

    Namoonni haleellaa kanaan miidhaman namoota Doonesk, ollaa Yiroovaa jedhamu keessatti mindaa sooramasaanii fudhachuu hiriiran turan.

    Hogganaa bulchinsa Doonesk Vaadiyim Filaashkin akka himanitti, hojjattoonni yeroo balaa naannicha kan turan yoo ta’u, namoonni danuun madaa’aniiru.

    Yirovaan magaalaa Isloviyaaniskitti argamtu yoo taatu, dirree waraanaa bakkaa loltoonni Raashiyaa lafa qabanitti dhiyaatti.

    Haleellaan kun torbanoota dhiyoon asitti namoonni nagaa danuun kan itti ajjeefaman keessaa tokko.

    Xumura ji’a Hagayyaa bara 2025tti magaalaa guddoo Yukireen Kiivitti halkan tokkotti namoonni 23 ol ajjeeefamuun ni yaadatama.

  11. Leenjisaan duraanii Tootanihaam Foorast leenjisuufi

    Postekogluun Totanihaamiin waggaa lamaaf leenjisaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Postekogluun Totanihaamiin waggaa lamaaf leenjisaniiru

    Aange Postekogluun gara Nootingihaam Foorast imaluun Nuunoo Espiritoo bakka bu'uuf jedhu.

    Nuunoon Wiixata galgala Foorast leenjisuu kan dhaaban.

    Kan isaan bakka bu'uuf jedhanimmoo leenjisaa duraanii Tootanihaam Aange Postekogluudha.

    Postekogluun bara dorgommii darbe kilabiin isaan leenjisan 17ffaa waan xumureef hojiirraa gaggeeffaman.

    Haa ta'u malee, Tootanihaam waancaa Yuuroppaa Liig akka fudhatu taasisaniiru.

  12. Gaazaatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii '64,605 qaqqabe'

    Jiraatootta Gaazaa qe'eerraa baqatan

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Jiraatootta Gaazaa qe'eerraa baqatan

    Ministeerrii Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu akka ibsetti, namoonni 83 sa’aatii 24 darban keessatti ajjeefaman.

    Onkololeessa bara 2023 irraa kaasee hanga yoonaatti yoo xiqqaate namoonni 64,605 ajjeefamuu ibsi Ministeerichi baase akeeka.

    Kana malees, lubbu- baraartota wajjiin namoota gamoo jijjjige jalatti awwalaman bira gahuu hin dandeenye jedhe.

    Lakkoofsa Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibsu kana Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi jaarmiyaaleen idil- addunyaa biroo akka madda amasiisaatti fudhatu.

    Kun haala kanaa otoo jiruu, Waraanni Israa’el ammatti Filisxeemonni magaalaa keessaa akka bahan ajaje.

    Barreeffamoonni gaggabaabaan jiraattonni magaalicha gadhiisanii bahan ajaju gamoowwan diigaman irratti harcaafame.

    Barreeffamoonni kun kaartaa bakka itti baqataniifi akka bakka sanaa baqatan ajaja.

  13. 'Siidaa Cophaa' Gubaa Hidha haaromsaa cinatti ijaarame eebbifame

    Siidaa Cophaa Hidha haaromsaa Guddicha biratti ijaarame

    Madda suuraa, FMC

    Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa Cophaa Hidha haaromsaa Guddicha biratti ijaarame

    Hidha Haaromsaa Guddicha cinatti kan ijaarame Siidaan Cophaa' Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo fi MM Baarbaados Miyaa Mootilaa eebbifameera.

    Mallattoo Copha Dhiigaa, Dafqaa fi Bishaanii tahuu kan agarsiisu siidichi mul'ataa fi abjuu hidha haaromsaa agarsiisa jedhan.

    Kunis uummanni Itoophiyaa hundi hidhicha milkeessuuf copha dafqaa, dhiigaa isaan gumaachan yoo tahu copha bishaanii haroo akkanaaf dhaqabsiisuu agarsiisa jedhame.

    Siidichi uummata biyyattii hidhicha irratti hirmaatan agarsiisa.

  14. Dhiibbaa dippilomaasii guddaa keessatti injifannoo Itoophiyaan galmeessite, Hidha Haaromsaa

    Itoophiyaan Hidha haaromsaa guddicha Fulbaana 9 bara 2025 bakka keessummoonni eebbisiiste

    Madda suuraa, FBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan Hidha haaromsaa guddicha eebbisiiste

    Sirni eebbaa Hidha Haaromsaa Itoophiyaa har'a Guubaatti bakka keessummoonni hedduu argamanitti gaggeeffame.

    Sirni eebbaa kun agarsiisa maarshi baanii, sabaa fi sablammootaan dabaalamee miidhagee gaggeeffamaa jira.

    Dookimantariin waa'ee Abbayyaa ibsu sagantaa kana irratti dhiyaateera. Mootonni biyyoota adda addaa madda laga Abbay barbaaduuf akka namoota bobbaasaa turanii fi waa'ee laga Abbayyaa kan ibsudha.

    Itoophiyaan waggoota dheeraa dura Abbayiin hidhuuf yaaddus osoo hin milkaa'iin ture.

    Artistoonni Itoophiyaa hedduu waa'ee laga Abbay sirbaniiru. Faarsaniiru. Garuu Abbay hidhamee misoomaaf ooluun ulfaataa ture.

    MM duraanii Mallas Zeenaawwii Hidha Haaromsaa Guddicha Gubaa irratti akka hojjetamu murteessan. Murteedhaan jalqabsiisan. Humna, maallaqaa fi beekumsa lammiilee Itoophiyaan akka hojjetamu murteessan.

    Osoo hin turiin garuu lubbuun isaanii darbe. MM duraanii Haayilemaariyaam Dassaaleny harkaa fuudhuun itti fufan.

    MM Abiy Ahimed akkuma aangoo qabataniin gara hidhichaatti imaluun rakkoo hedduu keessa kan gale pirojeektichi bifa haaraan hojjetamuu jalqabe.

    Kaampaaniiwwan haaraan idil-addunyaa seenuun akka jalqaban taasifame. Dhiibbaan dippilomaasii garuu akka malee hammaatan.

    Ameerikaa hanga Masirii Itoophiyaa dhiibbaa keessa galchuuf yaalameera. Mana Maree nageenyaa UN irratti yeroo 15 ajandaa tahuun maqaan Itoophiyaa ka'uun falmaa turte.

    Itoophiyaan garuu pirojeekticha osoo hin dhaabiin itti fufte. Masirii fi Sudaan waliin cinatti marii itti fufteetti.

    Ameerikaa fi Gamtaa Afrikaa jaarsummummaan gidduu seenuun waliigalteerra akka gahan yaalaa turan.

    Garuu hin milkoofne. Itoophiyaan %85 bidhaan laga naayil gumaachiti. Masiriin garuu hamma bishaanii argadhu na jalaa hir'isa jechuun dura dhaabbatte.

    Garuu Itoophiyaan hidha kana misooma waloofan oolcha jechuun hanga dhumaatti kutannoon hojjette.

    Osooma dhiibbaa guddaan jiru hidhicha yeroo adda addaa afur bishaaniin guuttee xumurte. Aannisaa maddisiisuu jalqabe. Kun jalqabbii ''bayyaannachuu'' Itoophiyaa akka tahe amanama.

    Fulbaana 9 bara 2025 Itoophiyaan hidhicha eebbisiiste. Uummanni biyyattii kutaalee adda addaa keessaas gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

  15. Sirna eebba Hidha Haaromsa Guddichaa haala ho'aan gaggeeffame

    Dursaa Jibuutiifi Keeniyaa wayita golgaa eebbaa eebbisanii bananiitti

    Madda suuraa, FBC

    Sirni eebba Hidha Haaroomsa Guddicha Itoophiyaa har'a haala ho'aafi bakka bu'oonni biyyootaafi naannoo affeeraman argamaniitti eebbiifame.

    Fakkeenyaaf dureewwan biyyoota biraa kanneen akka Pirezidantii Keeniyaa, Jibuutii Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaatiin alattis Ministirri Mummee Iswaatiinii Ruuseel Miisoo Dilaamiinii, Ministira Mummee Baarbaadoos Mr Amoor Motilii fi Dura Taa'aa Komishinii Gamtaa Afriikaa Alii Yuusuuf sirna kanarratti argamaniiru.

    Suuraalee bakka eebbaa irraa maddee garaa garaa irraa argan muraasni kunooti:

    MM Abiyii fi dureewwan biyyoota biraa

    Madda suuraa, FBC

    Bakka siran eebba Hidha Guddichaa Gubaarraa

    Madda suuraa, FBC

    MM Abiy, Giiftii duree Taayyach, Pir, Somaali fi Jibuutii

    Madda suuraa, EBC

  16. Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaan Masriirratti olaantummaa itti gonfatte

    Mallattoo duula Hidhi kan kooti jedhuun gaggeeffamee ture

    Madda suuraa, AFP/Getty Images

    Itoophiyaan waggoota kurnan darbaniif waltajjiiwwan idil-addunyaarratti Masrii irratti olaantumaa dippilomaasii gonfachuun Hidha Guddicha laga Abbayyaa irratti ijaarte xumuruun eebbaaf geessee jirti.

    Hidhi Itoophiyaan ijaarte kun hidhawwan gurguddoo addunyaa keessaa tokko yoo ta'u, Itoophiyaan waliigaltee bara kolonii Ingiliziin biyyoota Kaaba Afrikaa [Masiriifi Sudaaniif] abbummaa bishaan Naayil irratti olaantummaa kenniteef 'nan ilaallatu' jechuuni hidha kana ijaartee kan xumurte.

    Hidhi Laga Abbayyaa irratti maallaqa guddaa dolaara biliyeena shanitti dhiyaatuun ijaarame kun miira lammiilee Itoophiyaa kan akkaan dammaqseedha.

    Lammiileen Itoophiyaa sababa rakkoo siyaasafi waraanaan wantoota garaa garaa irratti tokko ta'uu dhiisuu malu, garuu Hidha Abbayaa irratti hunduu yaada wal-fakkaataa qabu. Itti fuftanii odeessa kanarratti dubbiifachuudhaaf asiin seenaa.

  17. Hojii gaggeessaan Hidha Haaromsaa Guddichaa milkiin xumursiisan Injiiner Kiflee Horroo eenyu?

    Injiiner Kiflee Horroo

    Hojii gaggeessaan pirojektii Xaanaa Balas duraanii Injiiner Kiflee Horroo du'a injiiner Simmanyaw Baqqalaa booda, hojii gaggeessaa olaanaa hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa tahuun erga muudamanii pirokticha xumuruun eebbaaf dhaqabsiisan.

    Injiiner Kiflee Horroo erga hojii gaggeessaa ta'anii muudamanii yeroo baay'ee miidiyaa irratti dubbataa hin turre.

    Haa tahu malee tibbana OBNtti yoo dubbatan hidhi haaromsaa kun uummata Itoophiyaaf ''akka pirojeektii tokkootti qofa ilaaluu hin qabu.

    Biyya kanaaf bu'aa gurguddaa qaba. Afrikaafis akkasuma. Uummanni mootummaa cina tokkummaan dhaabbanaan waan hojjetamne akka hin jirre agarsiisa,'' jedhan.

    Dabalataan ''pirojekticha biyyoonni gurguddoon dinqisiifataniiru. Biyyi kun horii kana eessaa fiddee ijaarte? Nutu gargaare hanga jedhanitti gahaniiru,'' jedhan.

    ''Seenaan beelaa, seenaan rakkinaa yeroo dhiyootti ni darba jedheen yaada,'' jechuun dubbatan. Guutummaa odeessa kanaa dubbifachuudhaaf asiin seenaa.

  18. 'Mataa ol qabannaa' Itoophiyaa kan ta'e hidha aannisaa guddicha Afriikaa ijaaruuf aarsaa gaafate

    Geexenesh Gabbiso elektirisitiin ollaa ishee akka qaqabu abdatti

    Madda suuraa, Amensisa Negera / BBC

    Injinaroota meekaaniikaa dargaggoo Itoophiyaa ta'aniif dursee kan qalbiisaanii hawwatu bal'ina eddoo ijaarsa hidha Haaromsa Guddichaati.

    Kanneen dhibbootaan lakkaa'aman haala cimaa keessatti hidha madda anniisaa elektirikii bishaanii Afrikaa isa guddaa ta'ee fi Laga Naayil Cuquliisa (Biluu Naayil) qaxxaamuree jiruuf bu'uura qotaa turan.

    Moges Yeshiwaas bara 2012tti ogummaa isaa irratti muuxannoo gaarii argachuuf hawwiin guddaa qabachuun bakka fagoo dhiha Itoophiyaa sana yeroo gahu umuriin isaa dargaggoo waggaa 27 ture.

    Xumuramuun pirojektichaa biyyasaa jijjiiruuf kan qophaa'e yoo ta'un alatti jireenya isaas jijjiireera.

    Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) kan biyyattiif anniisaa ibsaa kennuun alatti qaxanichaafis humna elektirikii kennuuf gargaaru Kibxata har'a ifatti eebbifama. Dabalata dubbiifachuuf karaa kanaan seenaa.

  19. Hidhi Haaroomsa Guddicha Itoophiyaa har'a ifatti eebiifame

    Hidha Guddicha Abbayyaa

    Madda suuraa, ETV

    Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa har'a Fulbaana 9, 2025 bakka dureewwan biyyoota garaagaraa fi aanga'oonni olaanoon mootummaa argamaniitti ifatti eebbiifameera.

    Sirna eebba hidha Guddichaa kanarrattis piresidantii Keeniyaa Wiiliiyaam Ruutoo, Pirezidantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayaardiit, Pirezidantii Jibuutii Ismaa'el Omaar Giileeh fi pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaamud argamaniiru.

    Dureewwan biyyoota biraa sirna eebbaa kanarratti argaman keessaa pirezidantiin Keeniyaafi Jabuutii kanneen golgaa sirna eebba hidha Guddichaa banuun eebbiisan keessatti argamu.

    Akkasumas Ministira Mummee Itoophiyaa duraanii Obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi fi Ittaanaa Ministira Mummee duraanii Obbo Damaqa Makooniin dabalatee, qondaaltoonni mootummaa olaanoon sadarkaa garaagaraarratti argamanis sirnicha irratti hirmataniiru.

  20. Sooriyaan Israa'el haleellaa qilleensaa irratti raawwachuu himatti

    Buufata eeguuma UN

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Israa'el haleellaa qilleensaa kutaalee Giddugaleessaa fi dhiha Sooriyaa keessatti raawwachuu dhaabbanni oduu mootummaa biyyattii Wiixata kaleessaa galgala beeksise.

    Ministeerri Dhimma Alaa Sooriyaa haleellaa qilleensaa kun mirga walabummaa fi tasgabbii naannoosaa "ifatti cabsa" jechuun balaaleffate jechuun Rooyitars gabaaseera.

    Dhimma kanarratti ammatti yaadni Israa'el irraa kenname hin jiru. Kanaan dura ministirri ittisaa, Israa'el Kaatz ''humnoonni nageenya Israa'el halkanii fi guyyaa naannoo waraanaa hunda keessatti duula gaggeessaa jiru'' jedheera.

    Israa'el erga ji'a Muddee keessa pirezidantiin duraanii Sooriyaa Baashaar al-Asaad aangoorraa kaafamanii booda guutuu Sooriyaa keessatti haleellaa hedduu raawwattee jirti.

    Israa'el yeroo sanatti meeshaaleen waraanaa ''harka garee finxaaleeyyii'' akka hin galleef socho'aa akka turte ibsiteetti.

    Haleellaan jedhame kunis naannoo Hooms fi Paalmyraa, akkasumas magaalaa qarqara galaanaa kan taatee Laataakiyaa irratti akka ta'e 'Sana'n Wiixata galgala ibseera.

    Dhaabbanni Hordoffii Waraanaa kan Biriteen keessatti argamu 'Observatory for Human Rights Siiriyaa (SOHR)' ''haleellaan Israa'el naannoo Homsitti raawwatte kutaa waraanaa kibba magaalattii irratti kan xiyyeeffatedha'' jedheera.

    Miidhaa irra gahe irratti wanti tokkollee hin jiru.

    Bara kana Israa'el haleellaa 97 - haleellaa qilleensaa 86 fi hojii lafaa 11 - akka SOHR ibsutti.