Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Poolaandirratti haleellaa raawwachuuf hin karoorfamne jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Ministeerri ittisa Raashiyaa haleellaa halkan darbe lixa Yukireen irratti raawwatameen erga Waarsaawu dirooniiwwan Raashiyaa 19 naannoo qilleensaa ishee seenuu ibsiteen booda, Poolaand keessatti bakka kamiyyuu haleeluuf karoora akka hin qabne ibse.
Haleellaa Yukireen irratti raawwatamu ilaalchisee odeeffannoo guyyaa guyyaan baasan keessatti: "Meeshaalee dachee Poolaandi keessa jiran kamiyyuu irratti xiyyeeffachuuf yaadamee hin turre" jedhan.
"Dirooniiwwan fageenya dheeraa balali'an UAV haleellaa [Yukireen irratti] fayyadaman kan km 700 [maayilii 435] hin caalledha.
"Kanas ta'e sana dhimma kanarratti ministeera ittisa Poolaandi waliin marii gaggeessuuf qophiidha."
















