Sirni eebbaa Hidha Haaromsaa Itoophiyaa har'a Guubaatti bakka keessummoonni hedduu argamanitti gaggeeffame.
Sirni eebbaa kun agarsiisa maarshi baanii, sabaa fi sablammootaan dabaalamee miidhagee gaggeeffamaa jira.
Dookimantariin waa'ee Abbayyaa ibsu sagantaa kana irratti dhiyaateera. Mootonni biyyoota adda addaa madda laga Abbay barbaaduuf akka namoota bobbaasaa turanii fi waa'ee laga Abbayyaa kan ibsudha.
Itoophiyaan waggoota dheeraa dura Abbayiin hidhuuf yaaddus osoo hin milkaa'iin ture.
Artistoonni Itoophiyaa hedduu waa'ee laga Abbay sirbaniiru. Faarsaniiru. Garuu Abbay hidhamee misoomaaf ooluun ulfaataa ture.
MM duraanii Mallas Zeenaawwii Hidha Haaromsaa Guddicha Gubaa irratti akka hojjetamu murteessan. Murteedhaan jalqabsiisan. Humna, maallaqaa fi beekumsa lammiilee Itoophiyaan akka hojjetamu murteessan.
Osoo hin turiin garuu lubbuun isaanii darbe. MM duraanii Haayilemaariyaam Dassaaleny harkaa fuudhuun itti fufan.
MM Abiy Ahimed akkuma aangoo qabataniin gara hidhichaatti imaluun rakkoo hedduu keessa kan gale pirojeektichi bifa haaraan hojjetamuu jalqabe.
Kaampaaniiwwan haaraan idil-addunyaa seenuun akka jalqaban taasifame. Dhiibbaan dippilomaasii garuu akka malee hammaatan.
Ameerikaa hanga Masirii Itoophiyaa dhiibbaa keessa galchuuf yaalameera. Mana Maree nageenyaa UN irratti yeroo 15 ajandaa tahuun maqaan Itoophiyaa ka'uun falmaa turte.
Itoophiyaan garuu pirojeekticha osoo hin dhaabiin itti fufte. Masirii fi Sudaan waliin cinatti marii itti fufteetti.
Ameerikaa fi Gamtaa Afrikaa jaarsummummaan gidduu seenuun waliigalteerra akka gahan yaalaa turan.
Garuu hin milkoofne. Itoophiyaan %85 bidhaan laga naayil gumaachiti. Masiriin garuu hamma bishaanii argadhu na jalaa hir'isa jechuun dura dhaabbatte.
Garuu Itoophiyaan hidha kana misooma waloofan oolcha jechuun hanga dhumaatti kutannoon hojjette.
Osooma dhiibbaa guddaan jiru hidhicha yeroo adda addaa afur bishaaniin guuttee xumurte. Aannisaa maddisiisuu jalqabe. Kun jalqabbii ''bayyaannachuu'' Itoophiyaa akka tahe amanama.
Fulbaana 9 bara 2025 Itoophiyaan hidhicha eebbisiiste. Uummanni biyyattii kutaalee adda addaa keessaas gammachuu isaanii ibsachaa jiru.