US Mana Maree NageenyaaUN waliin haleellaa Israa'el Kaataar irratti raawwatte balaaleffatte
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Kaataar Dohaatti mooraa mana jireenyaa irratti raawwachuun miseensota olaanoo Hamaas irratti xiyyeeffate balaaleffate.
Ibsi kallattiidhaan maqaa Israa'el hin ibsine kun, US dabalatee miseensota Mana Maree Nageenyaa 15 hundaan kan deeggarame yoo ta'u, Ameerikaan akka aadaatti tarkaanfii michuushee dhiyoo irratti fudhatamu uggurti turte.
Ibsi kun akka jedhuutti wixineen UK fi Faransaayiin qophaa'e kun, "Miseensonni mana marichaa barbaachisummaa mudama hir'isuu cimsanii, Kaataar waliin tumsa qaban ibsaniiru," jedha.
Israa'el ammoo murtee haleellaa kana raawwachuuf itti fudhatee ittisteetti.
Kaataar waraana Israa'elii fi Gaazaa akka dhaabatu taasisuu keessatti tattaaffii dippilomaasii gidduu seentuu ta'uudhaan gahee olaanaa taphatteetti.
Marii al-kallatti Hamaas fi Israa'el gidduutti taasifamurrattis giddu-ssntuu taatee tajaajilaa turte.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haleellaa Israa'el mooraa mana jireenyaa magaalaa guddoo Kaataar Dohaatti argamu irratti raawwachuun, miseensota olaanoo Hamas irratti xiyyeeffateen balaaleffatee jira.
Kaataar ammoo bara 2012 irraa eegalee biiroo siyaasaa Hamaas kan keessummeessu yoo ta'u, michuu dhiyoo Ameerikaafi buufata xiyyaaraa Ameerikaa guddaa gammoojjii kibba dhiha Dohaatti keessummeessaa jirti.
Walgahii hatattamaa kun kan gaafatan Kaataar, Aljeeriyaa, Paakistaan fi Somaaliyaadha. Ministirri Muummee Kaataar Mohaammad Biin Abdulrahmaan Al-Taanii walgahicharratti hirmaachuuf gara Niiw Yoorkitti imalaniiru.
"Haleellaan kun hawaasa addunyaa qormaata dura kan kaa'udha," jechuun al-Taani mana marichaaf kan ibsan.
"Israa'el, kan namoota gara jabeeyyii finxaaleyyii ta'aniin durfamtu, amalashee ilaalchisee daangaa kamiyyuu bira darbitee jirti. Israa'el maal akka gootu tilmaamun hin dandeenyu. Bakka bu'oonni Israa'el haleellaa kana osoo raawwatanii akkamitti keessummeessuu dandeenya?"
Ambaasaaddarri Paakistaan Asiim Iftikhar Ahmad gamasaanitiin: "Israa'el, humni dhuunfataa jirtu, carraa nagaa jiru hunda xiqqeessuu fi dhoosuuf waan hunda gochuuf akka jilbeenfatte ifaadha" jedhan.