Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp kan namni Chaarlii Kiirk ajjeesse du'aan akka adabamu gaafatan adabbii kanarratti ejjannoo attamii qabu?

Kaleessa pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp nama Chaarlii Kiirk ajjeesera jedhamuun shakkame, Taayilar Roobinsan adabbiin du'aa akka itti murtaa'u gaafataniiru. Ofii Tiraamp adabbii du'aarratti ejjannoo attamii qabu?

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hamaas ''akeekkachiisa dhumaa'' Tiraampiin booda ''yaada'' Ameerikaa irratti marii eegale

    Hamaas akkaataa itti Gaazaatti dhukaasa dhaabuu danda'u irratti mariisistoota US irraa ''yaadni tokko tokko'' kennamuufii hime.

    Gareen hidhattootaa kun yaadawwaan dhiyaatan irratti mari'ataa kan jiru yoo ta'u yoo waraanni kun ifatti akka xumuramu labsame, namoota butaman 48 gadhiisuuf qophii ta'uu ibseera.

    Yaadota kana gara waliigaltee bal’aa fedhii ummata keenyaa guutuutti guddisuuf jiddu-galeessitoota waliin sochiin taasifnu itti fufas jechuun dabalee ibseera.

    Qondaalli Filisxeem tokko BBC'tti akka himanitti, karoorri Ameerikaa dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 sa'aatii 48 jalqabaa keessatti hidhamtoota Filisxeem mana hidhaa Israa'el keessatti hidhamanii hunda hiikuuf ture.

    Karoorri kunis dhaabbataadhan dhukaasa dhaabuuf kan kaayyeffate ta'uu himameera.

    Kunis kan ta'e erga Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Hamaas waliigalteerra akka ga'uuf "akeekkachiisa dhumaa" kennanii boodadha.

    Israa'el ibsa dabalataa osoo hin kennin yaada pirezidaantichaa fudhachuu ishee ibsiteetti.

    Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Gidiiyoon Saareer, biyyi isaanii waliigaltee namoota booji'aman hunda hiikuu fi Hamaas hidhannoo hiikkachuu kan hammatu irra ga'uuf qophii ta'uu ibsaniiru.

    Garuu Ministirri Muummee Israa'el, Beeniyaamin Netaaniyaahuun lammiileen Filisxeem gara miliyoona tokkootti dhiyaatan kanneen naannoo Gaazaa beelaan miidhaman keessa jiraatan hatattamaan akka gadhiisan akeekkachiisaniiru.

    Israa'el Wixaata kaleessaa haleellaa Gaazaa irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeeffamuu maddeen hospitaala ibsaniiru.

  2. Lammiileen Hidha Abbayyaarraa maal eegu?

    Itoophiyaan hidha waggoota 14 darbaniif laga guddicha addunyaarratti ijaaraa baate Kibxata boruu eebbisiisti.

    Hidhi kuni Itoophiyaa Masrii fi Sudaan keessumaa Masrii waliin muddama dheeraa keessa ishee galcheera.

    Lammiileen kiisa ofii baasanii, sabbata hiikanii, humnaafi yaadaan hidha kana milkeessaniiru.

    Daawwachuuf:

  3. Galaana Diimaa keessatti keebiliin adda cituusaatiin tajaajilli intarneetii gufate

    Dhaabbanni teekinoloojii guddichi Maakiroosooft kun tajaajilli kennaa ture UAE fi biyyoota Eeshiyaa muraasa keessatti Sambattan kana adda citee akka ture beeksise.

    Baha Gigdduugaleessaatti saffiisni intarneetii hir’achuun, tajaajilli giddugala odeeffannoo dhaabbatichaa akka harkifatu taasise.

    Waraana Israa’el Gaazaatti taasistuun walqabatee kan qeeqamu Maakiroosoft, miidhaan keebilii galaana jalaa awwaalamanirra qaqqabe maal akka ta’e ifatti hin ibsine. Garuu karaa tajaajilli intarneetii kun daddarbu gara biraatti geeddaruu ibse.

    Keebiliin galaana jala awwaalame kun odeeffannoo ardiilee gidduutti daddabarsuun tajaajila kenna, kanaaf tajaajila intarneetiif bu’uuradha.

    Sambata darbe dhaabbanni Maakiroosooft akka beeksisetti, keebiliin intarneetii Galaana Diimaa keessatti cituusaatiin tajaajilli intarneetii harkifachuu mala jedheera.

    Tajaajila interneetii addunyaa kan hordofu Neet Bilook, keebiliin Galaana Diimaa adda cituusaatiin Hindii fi Paakistaan dabalatee biyyoota baayyee keessatti tajaajilli intarneetii adda cituu ibseera.

  4. Hamaas haleellaa lubbuu namaa galaafateen booda ibsa kenne

    Akkuma gabaasaa turre, haleellaan dhukaasaa ganama har'aa Yerusaalem keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoota jaha ajjeeffamuusaanii kaan hedduun miidhaan irra gahuu, ministirri dhimma alaa biyyattii beeksiise.

    Namoonni qawwee hidhatan lama gochaa kana duuba jiraachuufi poolisiin Israa'el ''isaan irratti tarkaanfii fudhachuu'' himeera.

    Hanga ammaatti gareen haleellaa kana raawwanne jedhe hin jiru, haata'u malee, Hamaas ibsa baaseen gocha haleellaa raawwatame kana ''ni jajna'' jechuun sochii waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwachaa jirtuuf ''deebii uumamaatii'' jedheera.

    Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 kibba Israa'el irratti haleellaa kan bane yoo ta'u, kanaanis namoonni gara 1,200 ta'an ajjeefamanii, kaan 251 ta'an ammoo booji'amaniiru.

    Deebii kanaatiif waraanni Israa'el Gaazaatti duula eegale. Ergasii boodas haleellaa Israa'el Istiriippicha keessatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 64,522 ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa naannoo sanaa kan Hamasiin geggeeffamu.

    Akkasumas, kunis gabaasa du'a torban darban keessa hanqina nyaataatiin mudate kan dabalatuu ture.

  5. Angawoonni gandoota namoonni haleellaa raawwatan keessaa dhufanitti marsanii hordofaa jiru- Neetanyaahuu

    Saa'aatii muraasaan dura Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaanyaahuun bakka taateen dhukaasaa itti banameetti argamuun miidiyaleetti afaan Ibrootaatiin dubbataniiru.

    Yeroo ammaa kanatti aanga'oonni gandoota namoonni haleellaa raawwatan irraa dhufan ''hordofaa fi marsaa'' akka jiran himaniiru.

    Netaanyaahuun maatii miidhamtootaaf ergaa jajjabinaa dhaamuun, namoota madaa'aniis saffisaan akka fayyan abdiin qaba jedhan.

    ''Waraana adda hedduu'' jechuudhaan Netaaniyaahuun, Israa'el bara kana keessaa haleellaawwan dhibbaan lakkaa'aman fashaleessitee jirti, haata'u garuu ganama har'aa kana gochuu hin dandeenye jedhan.

    Haleellaa ganama kana hidhattoonni lama atobusii irratti bananiin namoonni ajjeeffaman jaha gahuufi kaan muraasni miidhaa qaamaaf saaxilamuun gabaafameera.

  6. Oppireeshinii qorannoo irratti hundaa’een meeshaaleen konkolaataa hedduu hataman to’atamuu poolisiin Magaala Finfinnee hime

    Magaala Finfinnee kutaa bulchiinsa Lidataa aanaa 7 bakka addaa Gollaa Mikaa’el jedhamutti, meeshaalee konkolaataa hatamanii bituun deebisanii namoota gurguran irratti poolisiin qorannoo gaggeessaa turuu hime.

    Namoota qorannoodhaan adda bahan irratti Poolisiin ajaja to’achuu fi sakatta’uu baasuun mana sharaa tokko irratti sakatta’insa gaggeessuu hime.

    Sakatta’insa gaggeesseenis bakkeewan adda addaatii hatamuun meeshaalee konkolaataa kuufaman ibsaa duubaa 175, ibsaa fuulduraa 236, faaya konkolaataa keessaa adda addaa 593, aasxaa konkolaataa 144, gommaa 74, ispookiyoo [daawwitii cinaa] 94 fi meeshaalee konkolaataa adda addaa hedduu to’annoo jala oolchuu hime.

    Meeshaan jijjiirraa konkolaataa najalaa badeerra namni jedhu qaamaan dhiyaatee waajjira poolisii kutaa bulchiinsa Lidataatti dhiyaachuun akka iyyachuu danda’us ibseera.

    Poolisiin magaala Finfinnee shakkamtoonnis to’annoo jala ooluu ibseera. Hanni meeshaalee konkolaataa magaalaa Finfinnee keessatti akak hammaatee ture himamaa ture.

  7. Bara kana namoonni hireesaanii baruuf urjii lakkoofsiifatan maaliif baayyatan?

    Lakkoofsi namoota urjii lakkoofsifachuun [astrology] hiree isaanii baruuf dhama'anii addunyaa guutuutti dabalaa dhufeera.

    Gaa'ila, hojii, dorgommii fi hiree jireenya isaanii baruuf urjii lakkoofsifachuun waan barame tahaa dhufe.

    Garuu maaliif? Waan kun amantaa moo ogummaadha?

    Kunis haala jireenya jaalalasaanii, ykn rakkoo jireenyaa ykn haala jireenyaa isaanii kanneen haala tarree urjiirratti hundaa'udhaan ilaallatan ykn guyyaa dhalootasaanii lakkaawwachuun carraa isaanii gara fuulduraatif qophaa'aniidha.

    Haalli kunis namoota kaaniif kan kofalchiisuu ta'ulleen namoota haala kanatti amananiif garuu waan dhugaati. Dbalataan waa'ee odeessa kanaa dubbifachuuf asiin seenaa.

  8. Yerusaalemitti haleellaa hidhattoonni bananiin namoonni jaha du'uu ogeeyyiin fayyaa himan

    Haleellaa dhukaasaa Yerusaalemitti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni jaha ajjeeffamanii 12 madaa'uu ogeeyyiin fayyaa (Paramedics) himan.

    Tajaajilli ambulaansii 'Magen David Adom' namoota ajjeeffaman keessa tokko nama umuriin isaa waggaa 50 keessa ta'e, kaan hafan sadii ammoo dhiirota umuriin isaanii waggaa 30 keessatti argaman ta'uu adda baaseera.

    Namoonni 12 rasaasaan madaa'an ammoo gara hospitaalota naannoo sanaatti argamaniitti kan geeffaman yoo ta'u, namoonni hedduun ammoo fuullee ykn daawwitii caccabeen madaa'uusaanii dabaluun ibseera.

    Poolisiin Israa'el akka jedhetti, haleellaan kun kan raawwatame bakka 'Ramot Junction' jedhamuufi kan kaaba-dhiha qarqara magaalaatti argamutti mudate.

    Itti dabaluudhaanis, ''shororkeessitoonni lama ajjeeffamaniiru'' jedhe.

    TV Chaanaalii 12 Israa'el akka gabaasetti, namoonni qawwee hidhatan kunneen osoo loltoonni itti dhukaasee isaan hin ajjeessiin dura atobusii keessa seenuudhaan dhukaasa banuun namootarraan miidhaa qaqabsiisan.

  9. Hayyuu Afaan Oromoo siyaasa Noorwey keessatti ifaa jiru Amaanu'eel Raagaa eenyu?

    Itoophiyaa irraa Noorwey galee waggaa kudhan keessatti lammii biyyichaa kan tahe, Dr. Amaanu'eel Raagaa amma siyaasa biyyattii keessatti dorgomaa jira.

    Waggaa kudhan dura Noorwey kan gale Dr. Amaanu'eel Raagaa Bulchiinsa magaalaa 'Gamle Oslotti' Itti Aaanaa Pirezidaantii paartii Kiristiyaan Dimokiraatik tahuun filannoo irratti dorgomaa jira.

    Barsiisaa Yuunvarsiitii Jimmaa kan ture Dr. Amaanu'eel Raagaa Yaadatee barnoota isaa PhD Yuunvarsiitii Finfinneetti osoo barachaa jiruu yeroo sochiin qeerroo Itoophiyaa keessaa hammaate biyyaa bahuun Noorwey gale.

    Biyyichatti erga lammummaa argatee osooma hojii barsiisummaa hojjetuu Paartii Kiristiyaan Dimokiratik Paartii jedhamutti makamuu hime.

    ''Bara 2015 gara Noorwey deeme. Digirii sadaffaa osoon hojjedhuun gara dhumaatti barnootaaf jecha gara Noorwey deeme. Waraqaa qorannoon dhiyeessun qaba ture. Guutummaa odeessa kanaa dubbifachuuf karaa kanaan seenuun argachu dandeessu.

  10. Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman Netanaahuun waliigaltee namoota butaman gadhiisisu akka mallattteessan dhiibbaa uumuuf hiriira bahan

    Namoonni 15,000 hiriira daandirratti bahuun waraanni Gaazaa akka goolabamu fi Minisitirri Muummee Israa’el Beenjamiin Netanaahuun waliigaltee namoota butaman gadhiisu akka mallatteessan gaafatan.

    Maatiin fi deeggartoonni namoota butamanii Yerusaalemii fi Tel Aviivitti hiriira bahan.

    Namoota butaman 48 keeessaa 20 qofatu hafe jedhamee amanama.

    Israa’el ifatti waliigaltee namoota buraman hanga tokkoni gadhiisiisa jedhamee abdatamu kanarratti ifatti yaada hin kennine.

    Kanaan dura garuunamooonn butaman hundi akka gadhiifaman gaafachaa turte.

    Netanaahuun garuu Hamaas guutummaatti injifachuutu namoota butaman gadhiisisa jedhanii amanu.

    Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas Kibba Israa’el haleeluun namoota bute, haleellaa sanaan namoota 1200tu ajjeefame.

    Israa’el Hamaas guummnaatti dhabsiifna jettee haleellaan bnatw yoo xitt lubbuuunamoota 64,368

    Dabarse.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ragaan kanaa amansiisaa ta’uu ibse.

    Israa’el garuu taragaa qabatamaa ta'uu isa ani shakkiti.

    Kun kanaan otoo jiruu humni waraana Israa’el haleellaa Gaazaaatti raawwatu cimsuun karoorsaa jira.

  11. Lammiilee Kooriyaa Kibbaa Ameerikaatti sababii immigireeshiin to'ataman gadhiisiisuuf waliigalteerra gahame

    Kooriyaan Kibbaa lammiileeshee warshaa Haayundaay keessatti immigrashiniin qabaman hiiksiisuuf Ameerikaan waliigalteerra geesse.

    Mootummaan Kooriyaa Kibbaa lammiileeshee sababii duula immigireshinitiin Ameerikaa bulchiinsa Joorjiiyaatti kan argamu warshaa Haayundaay keessatti taasifameen to'ataman gadhiisiisuuf Ameerikaa waliin waliigalteerra gahamuun ibsame.

    Ittigaafatamaan waajirri Pirezidantii Kooriyaa Kibbaa adeemsi bulchiinsaa yoo xumurame, kanneen to'ataman gara manasaaniitti deebiisuuf xiyyaara Chaartarii gara Ameerikaatti akka ergan dubbatan.

    Ittigaafatamaan waajjira Pirezidantii Kaang Huun Siik aanga'oonni biyyattii gara fuulduraatti taateewwan akkasii akka hin umamne ittisuuf sirna viizaa fooyyeessuuf yaalaa akka jiran ibsan.

    Kooriyaan Kibbaa waliigaltee akkasii kanarra kan geesse, aanga'oonni Ameerikaa pirojektoota invasitimantii biyya biraa guddaa keessaa tokko kan ta'e warshaa oomisha konkolaataa Haayundaay keessatti karaa seeraan alaatiin osoo hojjatanii argaman jedhamuun to'annoo jala oolfamuu hordofeeti.

    Ameerikaatti namoota humnoonni nageenya to'atan 475 keessaa 300 ol ta'an lammiilee Kooriyaa Kibbaati.

  12. Seenaa anniisaa elektirikii Itoophiyaa meegaa waatii 6 hanga 60,000tti

    Itoophiyaatti hidhi anniisaa elektirikii maddisiisu inni jalqabaa bara 1932 laga Aqaaqii irratti kan hojjetame, Hidha Abbaa Saame'eel jedhamudha.

    Hidhi kun hanga bara 1970tti tajaajila kennaa ture.

    Waggaa 85 booda yeroo ammaa biyyattiin hidha bishaanii anniisaa meegaa waatii kuma 5 caalaa maddisiisu hojjechuurra geesseetti.

    Bara 2011 hojiinsaa kan eegale Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa waggaa 14 booda barana xumuramee eebbaaf qophaa'uu mootummaan Itoophiyaa ibseera.

    Hidhi kun dandeettii anniisaa meegaa waatii 5000 ol maddisiisuu akka qabu ragaan Humna Ibsaa Itoophiyaa ni mul'isa. Dabalataan dubbiifachuuf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  13. 'Filisxeemoota hidhaa jiraniif nyaata gahaan hin kennamu' - Mana murtii Israa’el

    Mannii Murtii Olaanaa Israa’el akka jedhutti, biyyattiin nyaata gahaa hidhamtoota Filisixeemiif hin kennitu jechuun akka fooyya’u qabu akeekkachiise.

    Abbootiin murtii biyyattiin hidhamtootaaf soorata gahaa kennuuf dirqama seeraa akka qabdu Dilbata darbe kana ibsan.

    Filisxeemoonni kumaatamaaan lakkaa’aman himannaa shororkeessummaa dabalatee himannaa irratti dhiyaatu biroon waggootaa mannen hidhaa Israa’el keessa turu.

    Mariin Gaazaatti dhukaasa dhaabuu danqameera, Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Dilbata halkan Hamaasiif ’’akeekkachisa isa xumuraati’’ jedhan baasan.

    Tiraamp Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’eloota butaman Gaazaa gadhiisisuuf oolu akka fudhatan akeekkachiisan.

    Miidiyaa hawaasaa isaanii Tiruuz Sooshal jedhamurratti Israa’el yaada isaan dhiyeessan fudhachuu ibsuun, ''Hamaasillee yeroon otoo irra hin tariin yaadicha yeroon fudhachuu qabu amma'' jedhan.

    Tiraamp ''akeekkachisni koo kun isa xumuraati, kanarra lammaffaan hin jiru'' jedhan.

    Hamaas deebii laateen battalatti waltajjii mariitti akka deebi’uuf qophii ta’uu ibse.

  14. Hooggantoonni Awurooppaa waraana Yukireeniirratti mariyachuuf Ameerikaa dhufu-Tiraamp

    Hoggantoonni biyyoota Awurooppaa Wixata ykn Kibxata haala waraana Yukireen goolabuun danda’amurratti mariyachuuf Ameeerikaa akka dhaqan Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp himan.

    Tiraamp Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin haasa’uuf akka jiran ibsuun Raashiyaa qoqqobuutti akka ce’an ibsaniiru.

    Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zelelniskiin Raashiyaa qoqqoobuu karoorsuun’’yaada sirriidha’’ jechuun biyyoonni Awurooppaa biroo Raashiyaan anniisaa dhiyeesitu akka hin binne gaafatan.

    Raashiyaan haleellaa qilleensarra hamaa Yukireenirratti banuun namoota afur ajjeestee, gamoowwan mootummaa Yukireen magaalaa Kiiv keessatti argaman yeroo jalqabaaf haleeelte.

    Raashiyaan yoo xiqqaate dirooniiwwan 810 f misaayiloota 13 Yukireeenitti dhukaaste.

    Tiraamp ''haala adeemaa jiruu hundatti hin gammadne'' jechuun deeebii kennan.

  15. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii keenya toban kanaa eegalleerra.

    Odeessa biyya keessaa fi alaa asiin argattu.

    Odeessaalee kaan balinaan argachuuf ammoo karaa Marsariitii keenya, WhatsApp, YouTube ykn Facebuuk keenya dhaqaa.

    Oolmaa gaarii!