Itoophiyaan Masiriin 2-0 erga mo'amtee booda Koree Naamusa FIFAtti himata galfatte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Itoophiyaan tapha gulaallii waancaa Addunyaan Kaayirootti 2-0'n erga Masiriin mo'amtee rakkoo naamusaa na mudateera jechuun Masiriidhaan FIFA'tti himatte.

Federeeshiniin Kubba Miilaa Itoophiyaa rakkoon naaamusaa tapha Itoophiyaa fi Masirii irratti mudateera jedhe.

Xalayaa federeeshinichi Koree Naamusaa FIFAtti ergeen dhimmoota gurguddoo lama irratti tahuu eereera.

Ibsaa ija taphataatti ibsuun jeequu fi yeroo faaruun biyyaalessaa Itoophiyaa faarfamu kabaja dhorkachuu akka tahe ibseera.

Yeroo rukuttaan peenaaliitii lamaan kennaman taphattootni keenya keessumaa karra eegaatti ibsaan humna qabu deeggartoota irraa itti ibsamuun xiyyeeffannoo isaa akka jeeqamu godheera,'' jedhe federeeshinichi.

''Waan kun haqummaa taphichaa irratti dhiibbaa guddaa uumeera.''

Akkaataa Danbii Ittiin Bulmaataa fi Nageenya Istaadiyeemii FIFA [maxxansa 2022] keewwata 19 muraa 2 [C] bahetti, meeshaalee ibsaa addaa kennan gara istaadiyeemii fidanii dhufuun ykn fayyadamuun dhorkaadha.

Itti dabaluun federeeshinichi ''Akkaataa danbii Koree Naamusaa FIFA [maxxansa 2023] keewwata 16 bahe [ nageenyaa fi tasgabbii tapha irratti] ibsuun deeggartoonni naamusa agarsiisan kamiif itti gaafatamu'' jedha jechuun xalayaa barreessuu ibseera.

  • Tapha irratti deeggartoonni qabxiilee kanneen raawwachuun seeraan adabsiisa:
  • Wantoota adda addaa taphattootatti darbachuu
  • Rokkeettii ykn meeshaalee gubatan ykn abidda uuman fayyadamuu
  • ibsaa kallattiin ija taphataatti ifu [laser point] fi meeshaalee elektirooniksii kamuu fayyadamuun seeraan nama gaafachiisa jedha

Federeeshiniin Kubba Miilaa Itoophiyaa qabxiilee kanneen eeruun waan deeggartoota Masirii irraa taphattoota isaa irra gahe himateera.

Deeggartoonni biyyichaa wantoota kanneen irra deddeebiin fayyadamuun isaanii taphicha qofa osoo hin taane nageenya taphattootaas balaarra buuseera jechuun himate.

Himanni biraa Federeeshiniin Kubba Miilaa Itoophiyaa dhiyeesse faaruu biyyaalessaa Itoophiyaa ilaalchiseeti.

Taphni jalqabuun dura yeroo faaruun biyyaalessaa Itoophiyaa faarfamu deeggartoonni Masirii fiishkaa afuufuun, iyyaa fi amaloota gaarii biraa hin taane agarsiisuun kabaja dhowataniiru jechuun himate.

''Jechoota, mallattoo adda addaa, wantoota adda addaa fi kaan fayyadamuun ergaa hin taane dabarsuuf yaaluun bakka ispoortiitti fudhatama hin qabu. Faaruu biyyaalessaaaf kabaja kennuu dhabuu dabalatee'' jedha Danbiin Naamusaa FIFA bara 2023 bahe.

''Amaloonni akkasii kunneen qajeeltoowan FIFA kabaja, haqummaa taphaa fi wal kabajuu garee biyyaalessaa kan cabsudha'' jedha Xalayaa federeeshiniin Kubba Miilaa Itoophiyaa barreesse.

FIFA waan guyyaa taphichaa taphattoota Itoophiyaa irratti raawwate qorachuun tarkaanfii barbaachisaa tahe akka fudhatuuf gaafateera.

Masiriin tapha Itoophiyaa waliin taasifte irratti rukuttaa peenaaliitii lama argatte lakkoofsisuun injifatte.

Tapha banaa irraa galchii lakkoofsifte hin qabdu. Deeggartoonni kumaatamaan tapha kanaaf akka galan kan eeyyamte Masiriin erga weerara koroonaan as yeroo jalqabaaf ture.

Mohaammad saalaa fi Omaar Maarmush rukuttaa peenaaliitii argatan galchiitti jijjiiraniiru.

Itoophiyaan garee ''A'' keessaa taphoota toorba irraa qabxii jaha argachuun biyyoota jaha keessaa shanaffaa irra jirti.

Masiriin ammoo taphoota torba irraa qabxii 19 walitti qabachuun garicha dursaa jirti.

Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa Seeraa Liyoon waliin boru kan taphatu yoo tahu gulaallii Waancaa Addunyaa kana akka kufe mirkanaa'eera.

Wal morkiin biyyoota lameenii kubba miilaan garasitti dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaan waggoota 14 oliif hojjettee eebbisiisuuf jettuuti.

Masiriin hidha kana waggootaaf osoo mormituu Itoophiyaan ijaartee xumurte.

Fulbaana kana keessa hidhi kun kan eebbifamu taha.