Tarii gabaasi kaleessaa isin jala darbeera yoo ta'e taatee ijoon haleellaa Israa'el kunooti:
Israa'el Kibxata waaree booda hoggantoota Hamaas Dohaa, Kaataar keessatti haleellaa irratti raawwatte.
Miidiyaaleen Israa'el haleellaan kun xiyyaarota waraanaa Israa'el 15 fayyadamuun kan raawwatame yoo ta'u, meeshaa waraanaa 10 bakka tokko irratti dhukaafamuu gabaaseera.
Namoonni Dohaatti ijaan argan akka jedhanitti, dhohinsa adda addaa hanga saddeet dhaga'aniiru.
Hamaas miseensonni isaa shan akka ajjeefaman ibse garuu hoggansi isaa olaanaa lubbuun hafe himeera.
Israa'el, Kaataarii fi Hamaas haleellaa kana ilaalchisee maal jedhan?
Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, hoggantoota olaanoo Hamaas kanneen haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el irratti raawwatamee, booda waraanaa Gaazaaf ka'umsa ta'e qindeessan irratti xiyyeeffate waan "guutumaa guutuutti sirriidha" jedhan.
Hamaas haleellaan kun ''yakka fokkisaa, weerara ifa ta'ee fi kan dudhaa fi seera idil-addunyaa hunda ifatti cabsuudha'' jedheera.
Kaataar gama sheetiin haleellaan kun seera idil-addunyaa ifatti cabsuu, akkasumas namoota Kaataar keessa jiraniif ''balaa hamaa'' ta'uu ibsiteetti.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, ''akkaataan har'a itti raawwatame nutti hin gammanne'' jedhan. Haleellaan kun raawwatamu isaas waraana Ameerikaa irraa kan bare yeroo haleellichi gaggeeffamaa turetti akka ta'e dubbataniiru. Akkasumas Hamaas dhabamsiisuun ''galma maludha'' jedheera.
Hoggantoonni biyyoota akka UK, Faransaay fi UN haleellaa kana balaaleffataniiru.