Magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti daandii namoonni itti baay'atan irratti abbaa seeraa olaanaa konkolaataa keessatti itti dhukaafame ajjeefamuun ummatatti naasuu uume.
Ogeessi seeraa kabajamaa fi itti gaafatamaan mana murtii falmii paartilee siyaasaa duraanii, Maatiiw Kiyaalo Imbobu, Kibxata galgala konkolaataa isaatiin gara manaatti osoo deemaa jiruu, namni qawwee hidhate tokko mootaraan erga konkolaataa isaatti dhiyaatee booda itti dhukaasuun ajjeesse.
Namoonni ijaan argan dhukaasa rasaasaa hedduu dhaga'uu isaanii gabaasan.
Kaka'umsi haleellaa abbaa seeraa kanaan, kan ajjeechaa riifaasiisaa jalqaba bara kana miseensa mana maree tokko irratti raawwatame fakkaatu, kanaa hin beekamu. Qorannoon gaggeeffamaa jira.
Waldaan Ogeessoota Seeraa Keeniyaa ajjeechaa kanaan ajjeechaa ''jibbisiisaa'' jechuun ibsuun, yakki kun ''saffisaa fi cimsamee ilaalamuu qaba'' jedheera.
Dorsiisa abbootii seeraa mudatu irratti yaaddoo qabaachuu ibsuun, ajjeechaan kun ''mallattoo ajjeechaa dursee murtaa'e hunda kan mul'isuudha'' jechuun ibseera.
Pirezidantiin LSK Feez Odhiyaaambo ibsa kennaniin, ''Yeroo baayyee abbootiin seeraa sababii hojii hojjetaniitiif jedhan miidhamtootaafi kan irratti xiyyeeffataman ta'aniiru,'' jedhan.
Ajeechaan kunis naannoo walqunnamtii daandii Lang'ata-Maagaadi, kan dhiheenya giddugala daldalaa namoonni itti baayyatu cinatti, bakka qabeenya 'Karen estate' kan jidduugala magaalaa guddoo irraa fageenya kiilomeetira 10 (maayilii jaha) irratti argamuutti ture.