Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp kan namni Chaarlii Kiirk ajjeesse du'aan akka adabamu gaafatan adabbii kanarratti ejjannoo attamii qabu?

Kaleessa pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp nama Chaarlii Kiirk ajjeesera jedhamuun shakkame, Taayilar Roobinsan adabbiin du'aa akka itti murtaa'u gaafataniiru. Ofii Tiraamp adabbii du'aarratti ejjannoo attamii qabu?

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp michuusaa ajjeefame meeedaliyaa bilisummaa badhaasuuf

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Chaarli Kirkii erga ajjeefamee booda medaaliyaa bilisummaa Pirezedantummaa badhaasuuf akka jiran ibsan.

    Guyyaan badhaasni kun ittii kennamu garuu ammatti hin ibsamne.

    Tiraamp guyyaa sanatti namoota baayyeetu walitti qabamuuf jira jedhan.

    Tiraamp sirna yaadannoo haleellaa 9/11 irrattii kan dubbatan gara boodaa isin biraan geenya.

  2. Qorattoonni qawwee Kiirk itti ajjeefame jedhamee yaadamu argatan -FBI

    Qorattoonnii meeshaa waraanaa Chaarlii Kiirki itti ajjeefame jedhamee yaadamu argachuu himani.

    Ispeeshaal eejantiin Poolisii Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) Roobart Bool waa'ee meeshaa kanaa himaniiru.

    ''Haleellaa kaleessaa keessa meeshaa hojiirra oole jennee amannu,'' qorattoonni argataniiru jedhan.

    Bakki meeshaan kuni argame bakka namichi haleellaa raawwachuun shakkame itti baqate jedhamee yaadamudha.

    Mallattoo ''Faana kophee'' akkasumas ''ashaaraa harka'' shakkamaa argachuun qoratamaa akka jirullee himan.

    Qondaalli FBI kuni eeruu 130 ol isaan dhaqqabeef hawaasa galateeffataniiru.

    Gama kaaniin, qondaalli poolisii Utaah yeroo dubbatan, shakkamaan ''umriin isaa [nama] kollejjii baratu'' akka ta'e himaniiru.

    Kolleejjii sirriitti qorachuu isaa himuun ala ''ammatti odeeffannoo himaatuu hin gadhiisnu,'' jedhan.

  3. UK'tti Ambaasaaddarrii Ameeerikaa aangoorraa ariyatame

    Yunaayitid Kingidamitti Ambaasaaddarri Ameerikaa Piitar Maandelsan aangoorraa kan ariyatame hariiroo namticha ijoollee waliin saal-qunnamtii raawwachuun balleessaan iitti muramee Jeefirii Ippistaayin waliin qabuun walqaba.

    Ministirri Waajjiraalee biyyoota alaa Istiifan Daahutii paarlaamaa biyyattiitti akka himanitti, Maandelsan hariiroo jabaan Ippistaayin waliin qabu’’ kan yeroo muudamuurra gargari’’ jedhe.

    Dhaamsi imeelii Maandelsan bahe murtoon balleeessaa jalqaba Ippistaayinii irratti darbe dogoggora jechuu isaa Istiifan Daahutii himeera.

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmer imeeliin Piitar Maandelsan Jeefirii Ippistaayiniif erge’’ kan balaaleefffatamu’’ jedhan.

  4. NASA’n lammiileen Chaayinaa sagantaa qorannoo dhaabbatichaa keessa akka hin hojjanne dhorke

    NASA’n lammiilee Chaayinaa viizaa Ameerikaa qaban dhaabbata qorannoosaa tokko keessa akka hin hojjanne dhorke.

    Lammiileen Chaayinaa akka kontiraaktaraa fi barattootaatti qorannoo keessatti gumaaacha qaban Fulbaana 5 , 2025 irraa kaasuun tajaajila dhaabbatichi kennu hunda akka hin arganne dhorkamuu Biluumbarg beeksise.

    Dhaabbatichi gabaasa sana booda lammiileen Chaayinaa tajaajila NASAtti akka hin gargaaramne, meeshaalee fi neetiworkii dhaabbatichaatti akka hingargaaramne dhorkamuu mirkaneesse.

    Chaayinaan sagantaa aburraa hawaa ishee cimsuun Ameerikaa yaaddessuun, biyyoota dinagdee guddaan qaban lamaan kana gidduutti dorgommii cimseera.

    Astirooneetoonni Chaayinaa dhaabbata qorannoo hawaa addunyaa (ISS) irraa kanaan dura dhorkamanii turan.

    Kunis, sababa Waashingiteen NASA’n odeeffannoo Chaayinaaf akka hin qoodne uggureef ta’uun eerameera.

  5. Qondaalonni mootummaa battala Chaarliin itti ajjeefame irratti maal jedhan?

    Qorattoonni FBI fi Dippartimantiin Nageenyaa Utaah erga Chaarliin ajjeefamee ibsa jalqabaa kennaniiru.

    Ibsa kanaan dura shakkamaan tokko to'atameera jedhanii ture daarikterri FBI, Kaash Paatel.

    Qondaalonni waan bakka Chaarliin itti ajjeefame ilaalchisee jedhan kunooti:

    • Kiirkii eegdota dhuunfaa isaan gara hospitaalaatti geeffame, achitti lubbuun isaa darbe
    • Dhukaasichaan booda namni tokko hatattamaan to'annoo jala ooleera, garuu haleellicha keessaa harka hin qabu jechuun ni gadhiifame.
    • Dubbii qondaalonni kennan wal dhaha, Poolisiin ammayyuu shakkamaa adamsaa jiraachuu hime, kaan ammoo to'annoo jala ooluu himan.
    • Bulchaan naannichaa Kooksi daariktera FBI wlaiin dubbachuu himanii, shakkamaan to'annoo jala jira jedhan.
    • Kaameeraan naannichaa CCTV nama haleellaa kana raawwate waraabeera, uffata gurraacha guutummaan kan uffatee fi gamoo fuuldura Chaarliin taa'aa ture tokko irraa dhukaasuu hin hafne jedhame.
    • Bulchaan Utaah, Ispeenser Kooksi, Ameerikaanonni ''wal jibbuu dhiisuu qabu'' jechuun ergaa dabarsan. Ajjeechaa Chaarlii Kiirki ''ajjeechaa siyaasaati'' jedhan.
    • Hogganaan poolisii Yuunvarsiitii bakka Chaarliin itti ajjeefamee poolisoonni jaha nageenya akka kabachiisaniif ramadamanii akka turan himan.
    • Namoonni 3,000 ol sagantaa Chaarlii Kiirki hordofuuf bahanii akka ture himan.
  6. Ogeessi seeraa Keeniyaa Naayiroobiitti itti dhukaafame ajjeefamuun rifaatuu uume

    Magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti daandii namoonni itti baay'atan irratti abbaa seeraa olaanaa konkolaataa keessatti itti dhukaafame ajjeefamuun ummatatti naasuu uume.

    Ogeessi seeraa kabajamaa fi itti gaafatamaan mana murtii falmii paartilee siyaasaa duraanii, Maatiiw Kiyaalo Imbobu, Kibxata galgala konkolaataa isaatiin gara manaatti osoo deemaa jiruu, namni qawwee hidhate tokko mootaraan erga konkolaataa isaatti dhiyaatee booda itti dhukaasuun ajjeesse.

    Namoonni ijaan argan dhukaasa rasaasaa hedduu dhaga'uu isaanii gabaasan.

    Kaka'umsi haleellaa abbaa seeraa kanaan, kan ajjeechaa riifaasiisaa jalqaba bara kana miseensa mana maree tokko irratti raawwatame fakkaatu, kanaa hin beekamu. Qorannoon gaggeeffamaa jira.

    Waldaan Ogeessoota Seeraa Keeniyaa ajjeechaa kanaan ajjeechaa ''jibbisiisaa'' jechuun ibsuun, yakki kun ''saffisaa fi cimsamee ilaalamuu qaba'' jedheera.

    Dorsiisa abbootii seeraa mudatu irratti yaaddoo qabaachuu ibsuun, ajjeechaan kun ''mallattoo ajjeechaa dursee murtaa'e hunda kan mul'isuudha'' jechuun ibseera.

    Pirezidantiin LSK Feez Odhiyaaambo ibsa kennaniin, ''Yeroo baayyee abbootiin seeraa sababii hojii hojjetaniitiif jedhan miidhamtootaafi kan irratti xiyyeeffataman ta'aniiru,'' jedhan.

    Ajeechaan kunis naannoo walqunnamtii daandii Lang'ata-Maagaadi, kan dhiheenya giddugala daldalaa namoonni itti baayyatu cinatti, bakka qabeenya 'Karen estate' kan jidduugala magaalaa guddoo irraa fageenya kiilomeetira 10 (maayilii jaha) irratti argamuutti ture.

  7. Bara qoccolloon Itoophiyaa fi Ertiraa hammaate fi taateewwan ijoo bara darbe

    Itoophiyaan bara haaraa 2017 pirezidantii haaraa filachuun eegalte. Sana dura Pirezidantii dubartii jalqabaa kan turan Sahla Worqi Zawudee ''callisuu'' akka filatan barreessanii turan.

    Pirezidantiittiin garuu rakkoon akka calliisuu filatan isaan taasise qaama kam irraa akka isaan mudatee fi maala akka ta'e ifatti kan jedhan hin jiru.

    Kana hordofuun guyyaa muraasa booda Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa kora idilee waggaa 4ffaa gaafa guyyaa 07/10/2024 taa'een Ambaasaaddar Taayyee Asqasillasee pireezidantii Rippabliika Federalaawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa gochuun muudeera.

    Pirezidant Taayyeenis akkuma filatamaniin Manni Maree Bakka Bu'oota Uummtaa fi Manni Maree Federeeshinii hojii bara haara jalqabuu labsan.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf karaa kanaan seenuun argachuu dandeessu.

  8. 'Ameerikaaf guyyaa dukkanaati'- Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Tiraamp ajjeechaa suukaneessaa Chaarlii Kiirki irratti raawwateen ''baay'ee gaddeera, baay'ee aareera,'' jedhan.

    Ergaa viidiyoodhaan miidiyaa hawwaasaa isaanii 'Truth Social' irratti maxxansaniin, ''Chaarliin miliyoonota nama dammaqsedha.

    ''Har'a yeroo naasuu fi ulfaataa kana keessa warri isa jaallatanii fi isa beekan tokkummaan dhaabbatanii jiru. Chaarliin nama biyya isaa jaalatuu fi jireenya isaa guutuu biyya isaa Ameerikaaf dhaabatedha'' jedhan.

    ''Dhugaa fi bilisummaaf dhaabachuun nama fakkeenya guddaa tahudha. Namni akka isaa dargaggootaan jaalatame hin jiru.''

    ''Chaarliin nama amantaa baay'ee jabaa tahedha. Amma inni amma boqateera. Gara Waaqayyoo deemeera,'' jedhan Tiraamp.

    ''Waaqayyo maatii Kiirki, haadha warraa isaafi ijoollee isaa haa jajjabeessu,'' jedhan Tiraamp.

    ''Ameerikaaf guyyaa dukkanaati,'' jechuun ergaa isaanii goolaban. Ameerikaan alaabaan biyyattii gadi siquun akka mirmirfamu ajajjeetti.

  9. Fulbaana 11: Taatee sa'aatii 8 seenaa Ameerikaa keessatti yaadatamaa hafe

    Fulbaana 11, 2001, Ameerikaatti guyyaa idilee hin turre. Yerichi yeroo murteessa seenaa Ameerikaa fi Addunyaa keessatti yeroo hundaa yaadatamu fuula addunyaa jijjiire ta’ee yaadatama.

    Guyyaa sanatti yeroo wal fakkatatti xiyyaarotni imaltootaa US butamuun gamoowwan Niiw Yoork fi Waashingitan kan akka mallattoo dinagdee, siyaasaafi aangoo waraanaa UStti ilaalaman buusuun lubbuu heddu gaaga'e ture.

    Xiyyaarota kan bute jedhaman garee bade balleesitoota al qaayidaa yoo ta'u yoo xiqqaate namoota 2,996 kan itti ajjaeefamaniidha.

    Haleellaan kun US keessatti haleellaa isa cimaafi kan dhiibbaan isaa hanga har'aattilleen mul'atudha.

    Taateen kun akkamiin raawwatame? Seenaa keessatti akkamiin yaadatama ? guutuu isaa asii argattu

  10. Lammiileen Chaayinaa namoota butuu fi humnaan hojjachiisuun himataman hidhaan adabaman

    Lammiileen Chaayinaa torba kanneen lammiilee Maalaawwii gara Afrikaa Kibbaatti geessuu fi hojii humnaa dirqiin hojjachiisan,manni murtii Afrikaa Kibbaa tokkoo tokkoo isaaniitti hidhaa waggaa 20 itti murteessera

    Dhiironni afranii fi dubartoonni sadi kunneen jalqaba bara kanaatti mana murtii Afrikaa Kibbaatiin daddabarsa namaa fi namoota ukkaamsuudhaan himanni irratti dhiyaate.

    Murtiin isaanii kun kan kennames erga aanga'oonni naannoo warshaa Johaanisbarg keessa jiru tokko keessatti sakkatta'insa gaggeessuun lammiilee Maalaawii 91, kanneen keessaa 37 daa'imman, haala suukaneessaa ta'een hojjechaa jiran adda baasuun to'annoo jala isaan oolchee gara waggaa jahaatiin boodadha.

    Namoota daddabarsuun Afrikaa Kibbaatti yaaddoo guddaa kan ta'e yoo ta'u, biyyattiin akka "ka'uumsa, karaa daaddabarsaa fi bakka itti ukkumfaman akka taatetti ilaalamti jedha mootummaan.

    Gareen gurmaa'uun namoota butu kun, himannaa 160 himataman keessaa 158 irratti yakkamaa ta'uun isaanii mirkanaa'eera.

    Isaan keessaa godaantonni seeraan alaa Afrikaa Kibbaatti akka hafan gargaaruu fi hojii isaanii galmeessuu dhabuufi galmee galii isaanii dhabuudhaan seera hojjetaa biyyattii cabsuu fi kanneen biroo ni dabalata.

    Sakatta'iinsi warshaa sana keessatti kan raawwatame erga aanga'oonni hojjetaa miliqe tokko irraa odeeffannoo argateen boodadha.

    Boodarra hojjettoonni leenjii sirrii ykn meeshaalee nageenyaa malee torbanitti guyyoota torba shiftoota sa'aatii 11 hojjechuuf akka dirqaman ifa ta'eera.

    Akkasumas mindaa xiqqaa Afrikaa Kibbaa sa'aatii tokkoof doolaara 1.64 (£1.22) irraa baayyee gadi aanaa ta'ee kan kaffalamu yoo ta'u, boqonnaa yoo barbaadan kaffaltiin isaanii irraa kutamaa ture.

  11. Waa'ee ayyaanota ganamaa Oromoo bari'uu birraa himan kana beektuu?

    Oromoon bara haaraa jedhee yeroon itti kabaju wayita roobni guddaan darbee, ililliin birraa daraaruu fi malkaan taliila ta'udha jedhu ogeessonni aadaa fi seenaa Oromoo.

    Waqtiin kun kutaalee Oromiyaa gaaraagaraa keessatti gargar bahuu mala jechuun ture kana dure BBCtti kan himan hayyuun aadaa fi seenaa Obbo Dirribii Damisee.

    Itti dabalunis akka lakkoofsa biyyaatti Fulbaana 14-16 gidduutti haaluma ayyaantuun murteessuun ayyaana Masqalaa ykn Gubaa jedhamuun kabajama jedhan.

    Ayyaanni kun ayyaana abbaan Gadaa itti hinnaa bahee ibsaa ibsee bara haaraa itti labsudha jedhu Obbo Dirribiin.

    Dhiirris dubartiinis akkuma naannoo naannoo isaaniitti baratameen sirba adda addaatiin ayyaanicha bareechatanii dabarsu. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin keessaa.

  12. Hogganaan Kooriyaa Kaabaa ejjennoo intalli isaa akka bakkasa buutuf qabu cimsaa akka jiru ejensiin basaasaa Kooriyaa Kibbaa ibse.

    Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un sadarkaa intalli isaanii Kiim Ju Ae akka bakka buutuusaa taaatuu dandeessutti cimsaa waan jiran fakkaata jedha dhaabbanni basaasaa Kooriyaa Kibbaa.

    “Kim Ju Ae daawwannaa mootummaa ijoo irratti Kiim Joong Un waliin jiraachuun ishee beekamtii guddaa argachaa kan dhufte yoo ta'u, hoggantuu Kooriyaa Kaabaa gara fuula duraa ta'uu isheef tataffiinisheen gochaa jirtu kan mul’isudha,” jedhe ejensichi.

    Kooriyaan Kaabaa yoom aangoo kana abbaa ishee irraa akka dhaaltu karoora jiru ilaalchisee waanti beeksise jiraachuu baatus Kim Ju Ae dhuma bara 2022 irraa eegalee ummata duratti bakkeewwaan agarsiisa waraanaa, qorannoo meeshaa waraanaa fi sirna mootummaa irratti mul’achaa jirti

    Ejensiin basaasaa Kooriyaa kibbaa kun taateen kun qaama tooftaa bal’aa Piyoongiyaang egeree sirnichaa keessatti nama aangotti darbu suuta suutaan namoota biyya keessaa fi idil-addunyaatti ishee beeksisuuf qabdu ta’uu agarsiisa jedhe

    Bara 2011 booda du’a abbaa isaanii Kiim Joong Il hordofuun aangoo kan qabatan Kiim Joong Un sirna aangoo maati irraa maatitti darbu kanaan yoom aangoo isaa kana intala isatti dabarsu waanti beekamu hin jiru

  13. Israa'el Yaman irratti haleellaa raawwachu himte

    Haleellaa guyyaa har'aa Israa'el Yaman Sana'aa keessatti raawwatteen yoo xinnaate namoonni 35 ajjeeffamanii kanneen 131 ta'an biraa ammoo miidhaan irra gahuun gabaafame.

  14. Amma nu gahe, Haleellaa Israa'eliin 35 ajjeefaman, 131 miidhaman - Yaman

    Ministeerri Fayyaa Yaman Huutiidhaan hoogganamu akka jedhetti, haleellaa guyyaa har'aa Israa'el raawwatteen namoonni 35 ajjeefamaniiru.

    Namoonni 131 ta'an gara biraa ammoo miidhamaniiru jedheera.

    Israa'el ''kaampiiwwan waraanaa'' Sana'aa fi Al-Jawiifitti argaman haleeluu himtee turte.

    Dabaluunis, ''waajjira muummee kutaa ololaa waraana Huutiifi kuusaa boba'aa'' irratti xiyyeeffachuullee ibsitee turte.

    Dubbiii himaan waraana Huutii garuu haleellaan gaazexeessitoota dabalatee bakkeewwan namoonni nagaa jiraatan irratti xiyyeeffate jedhe.

    Akka yaadachiisaatti, Israa’el kaampii waraanaa, waajjira muummee miidiyaa Huutii fi bakka boba’aa itti kuusan irratti xiyyeeffachuu kan himtu yoo ta’u, Huutiin ammoo dhaabbilee gaazexaa lama dabalatee bakkeewwan siiviiliitu halelamee jedhu.

  15. Amma nu gahe, Yaman haleellaa Israa'el qolachuuf misaa'ela dhukaasuu himte

    Waraanni Israa'el Yaman keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu mirkaneesseera.

    Dubbii Himaan Waraana Yaman ammoo ibsa karaa Telegiraama gubbaatti qoodaniin, humni ittisa qilleensaa biyyattii misaa'elota hedduu dhukaasuu fi haleellaa Israa'el baay'ee qolachuu himeera.

    Dabaluunis, qaamoleen haleellaa raawwachuu dhufan keessaa muraasa ''ofirra deebi'uuf dirqaman'' jedheera.

    Dhukaasni raawwatame ''gara caalu'' fashalaa'eeras jedhe.

  16. Amma nu gahe, Waraanni Israa'el Yaman haleeluu mirkaneesse

    Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) Yaman irratti haleellaa raawwachuu mirkaneesse.

    Barreeffama miidiyaa hawaasummaa X gubbaa gadhiiseen, humni qilleensaa Israa'el ''kaampiiwwan waraanaa'' Sana'aafi Al-Jawiifitti argaman haleeluu hime.

    ''Kaampiiwwan'' lamaanuu hidhattoota Huutiitu sochoosa jedheera.

    Dabaluunis, ''waajjira muummee kutaa ololaa waraana Huutiifi kuusaa boba'aa'' irratti xiyyeeffachuullee ibse.

    Haa ta'u malee, haleellaa meeqa raawwatuu isaa hin dubbanne. Miidiyaan Huutitti hidhata qabu garuu yoo xiqqaate haleellaan jaha raawwatuu ibse.

  17. Amma nu gahe, Israa'el magaalaa guddoo Yaman haleelte - miidiyaa Huutii

    Israa'el yoo xiqqaate haleellaa qilleensaa ja'a magaalaa guddoo Yaman Sanaa irratti raawwachushee miidiyaaleen Huutiin hidhata qaban gabaasan.

    Gareen finciltootaa Iraaniin deeggaramu kun, bara 2014 irraa eegalee kaaba dhiha Yaman hedduu to'ateera.

    Erga Israa'el Hamaas Gaazaa keessaarratti Onkoloolessa bara 2023 waraanaa eegaltee kaasee, Huutiin yeroo hunda Israa'el irratti misaa'ela furguggisuu fi Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessatti ammoo dooniiwwan daldalaa haleeluun, Filisxeemoota Gaazaa keessa jbira dhaabbachuuf socha'aa jirra jedhan.

    Israa'elii fi US kanaan dura deebii kennuuf haleellaa qilleensaa raawwataniiru.

  18. Israa'el magaalaa Gaazaatti gamoo olka'aa gara biraa haleelte

    Waraanni Israa'el Dubbii himaan Humni Raayyaa Ittisa Israa'el, Avichaay Adraa'ee akeekkachiisa jiraatonni Buufata Gaazaa fi naannoo ollaa kibba Rimaal akka bahaniif toora X irratti ganama kana maxxanseen, Gamoo Taabliiyaa ol dheeraa 'Tower 2' adda baaseera.

    Barreeffama sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 10:45 (08:45 BST) irratti barreesseen Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) yeroo dhiyootti gamoo kana akka haleelu beeksiseera.

    Akka biyya keessaatti sa'aatii 11:55tti miidiyaaleen Filisxeem gamoon kun rukutamee akka jige gabaasaa turan.

    Sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 13:00 dura, IDF haleellaa kana raawwachuu amanuudhaan, sababii Hamaas "meeshaalee basaasaa gamoo kana keessaa qabuu fi bakka humnoonni IDF naannoo sana jiran hordofuuf buufataalee to'annoo keessa dhaabeef" gamoo kana irratti xiyyeeffadheera jedhe.

  19. Hoggantoonni Hamaas Dohaa bilbila kaasaa hin jiran

    BBC'n hoggantoota Hamaas afurii fi eegdota isaanii kanneen yeroo Israa'el haleellaa Kaataariitti irratti raawwatteetti walgahiicharra akka turan amanaman qunnamuuf yaalii godheera.

    Isaan keessaa tokkoon isaanilleen haleellaa qilleensaa hordofee bilbila hin kaasan ykn ergaa barreeffamaatiif deebii hin kennine.

    Haleellaa Israa'el ilma hogganaa Hamaas Khaalil al-Haayaa Gaazaa keessaa, hogganaa waajjira isaanii fi qondaala tikaa Kaataar dabalatee, lubbuun namoota jaha galaafateera.

    Lakkoofsi bilbilaa BBCn irratti bilbile tokko tokko deebii malee kan waamaa turan yoo ta'u, bilbilli itti bilbilame kaan ammoo haguggii neetiworkiitiin ala ta'uu agarsiisanu.

    Hamaas ibsa ofiisaa baaseen, hoggantoonni isaa yaalii ajjeechaa Israa'el irraa lubbuun hafuu isaanii ibseera.

    Haata'u malee, waa'ee fayyaa isaanii ykn isaan keessaa namni tokko miidhamuu fi dhiisuu isaa gadi fageenyaan hin ibsine.

  20. Gaazaatti lakkoofsi namoota du'anii 64,656 gahe - Hamaas

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, sa'aatii 24 darban keessatti qofa namoonni 41 Istirippicha keessatti ajjeefamaniiru.

    Sana dabalatee baayyinni lakkoofsa namoota Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee haleellaa Israa'el Gaazaatti keessatti raawwateen yoo xiqqaate 64,656 ta'a jedhe itti dabaluun.

    Haleellaa dhiheenya kana raawwatame hordofuun namoonni miidhaman hedduun caccabaa gamoo jala akka jiran kan ibse yoo ta'u, yeroo ammaatti gareen baraarsaa bira gahuu hin dandeenye.

    Lakkoofsi ministeerichaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dhaabbilee addunyaa biratti akka amanamaa ta'etti ilaalama. Haata'u malee, lammiilee nagaa fi loltoota addaan hin baasu.