Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Duudhaan haa kabajamu jenne malee Irreecha hin dhufiinaa hin jenne"
Waldaan Walgargaarsaafi Misooma Maccaafi Tuulamaa mata duree "Safuu walii haa qabaannu'' jedhuun ibsi tibbana dhimma irreechaa irratti baase ijoo dubbii ta'eera.
Waldichi ibsa baase kanaan 'Waggoota lamaan darban hordoftoonni amantii biroo bakka irreeffannaa erga seenaniin booda akka amantaa isaaniitti Qaddasuun, Zammaruu fi manzumaa dhageessisaa turani' jedhe.
Gochi kuni aadaa Irreecha Waaqeffaannaa waliin kan walfaallessu akka ta'es ibse.
Ta'ulleen Hordoftoonni amantii adda addaa amantaa ofii akka qabatanitti adeemsa irreechaa irratti warra hirmaatanitti garuu gammachuu qabna jedhe.
Waldichi ibsa baase kana keessatti 'Akkuma Foolleen beeta maqdasa keessa seenee Goobee hin dhiichifne, akkuma shamarran Oromoo Masjiida seenanii shinooyyee hin sirbine, bakka Irreechi kabajamu hundatti dhimma amantaa ofii keessanii lallabuu, qaddasuu, Zammarruu fi Manzuumaa dhageessisuu akka dhaabdan kabajaan Gaafanna" jedhe.
Dhimma ibsa bahee kanarratti kan dubbisne Pirezidaantiin Waldaa Walgargaarsaa fi Misoomaa Maccaa fi Tuulamaa Obbo Dirribii Damusee aadaa fi duudhaan irreechaa karaa gadhiisaa deemuutu ibsa kana akka baasnuuf nidirqamsiise jedhan.
"Waggaa lamaan kana rakkoo akkanaa sirritti argine. Achi keessa dhaabbatamee wangeelli sabbakama. Kabaroon rukutamee qiddaaseen adeemsifama. Yoo akkanatti itti fufe boru nu'is Foolleen Orooroo qabatee itti dhaqee Kawoo dhiichisa".
"Dubbiin yoo deemee deeme achi dhaqa. Safuu waliif haa qabaannu, kan keessanis bakka keessanitti miidhaga, kan keenyas bakka keenyatti miidhagadha.
''Akka Oromummaattimmoo irreeffachuunis mirga. Sagaduunis mirga. Hunduu bakka bakka qabaadha kan jenne" jedhan.
Irreechi aadaa Waaqeffannaa keessaa tokko ta'uu kan ibsan Obbo Dirribiin, aadaan kunimmoo babal'atee hordoftoonni amantii biroos itti fayyadamuu danda'a jedhan.
"Oromoon amantaa biraa hordofu Irreeffannaan kuni aadaa abaabilee fi akaakileekooti nan irreeffadha yoo jedhe mirga isaati. Nujalaa waan balleessu hin qabu.
"Ibsa baasne keessattis hin irreenfatinaa, hin dhufinaa, amantaa keessan jijjiiraa hin jenne.
''Kan jenne amantaa keessan qabadhaa, yoo feetan akka amantaa keessanitti uffadhaatii garuu amantaa biraa lallabuun, faarfachuun, manzumaan hin danda'amuudha kan jenne" jedhan.
Warri jilaaf irreecha bahu kuni akka aadaa Amantii waaqeffannaatti Mareewoo, Gabbisayyoo fi sirba aadaa kutaalee oromiyaa adda addaatiin jilicha miidhaksuun heeyyamamaa ta'uus ibsan.
Haalli waggoota lamaan darban iddoowwan irreechaatti mul'ate kuni yoo itti fufe duudhaan kuni karaa gadhiisa jedhanii yaaddoo qabaachuus himu Obbo Dirribiin.
"Yoo akkuma ammaa kanatti itti fufe namatu gara darba, ijoolleetu gara darba, bakki kuni charchiidhamoo, masjiidamoo bakka waaqeffannaati kan jedhutu gara darba. Kanaaf baayyee nuyaaddessa" jedhan.
"Nuti warra saddeet ta'ee malkaa dhaqedha" kan jedhan Obbo Dirribiin, Warra amantaa biraa hordofuu fi Irreecha jaalatee dhufe waaqeffattoonnis nijaalatu jedhan.
Waldichi kana murteessuuf aangoo qabaa?
Ibsa Waldaan walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa irreecha ilaalchisee baase hordofee gaaffiin ka'u waldichi aangoo kana murteessuu qabaa? Kan jedhudha.
Gaaffii kana kan Gaafanne Obbo Diirribiin, waldaan Maccaa fi Tuulamaa Irreechaf itti reebamee itti dhabee asiin gahe jedhu.
"Akka irreechi irreeffatamu, akka wayyaan aadaa gadi bahu kan hunda dhabnee saddeet, sagal taanee itti reebamnee itti dhabnee tottolche waldaa Maccaa fi Tuulamaati. Kanaaf kuni sirriidha, kunimmoo sirrii miti jechuuf mirga qabna"
"Nuti humnaan hin dhoowwine. Kuni sirrii miti yaa sirratu jechuummoo mirga qabna. Heeyyamalleen itti qabna" jedhan.
Barri Irreechaa dhufaa jiru kunis bara nagaa, bara araaraa fi bara milkii akka ta'uuf hawwii qaban ibsan.
"Hundi keessanuu Irreecha koottaa. Garuu amantaa biraa bakka irreechaa kanatti hin lallabinaa.Aadaa Oromoo agarsiisaa. Irreechi Har'a Addunyaarra bakka Oromoon jiru mararratti Irreeffatamaa jira. Kuni ittuma haa fufu" jechuun dhaaman.