Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Libaanos haleellaa hospitaala Beeruti biraatti raawwatameen hedduun ajjeeffaman jette

Haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessatti raawwatteen namoonni lama ajjeeffamanii yoo xinnaate sadi ammoo madaa'aniiru.

Guduunfaa

  • Yaahiyaa Sinwaan ajjeeffame jechuun waraanni Gaazaa dhume jechuun miti- Netaaniyaahuu.
  • Yaahiyaa Sinwaar qondaaltoota Hamaas haleellaa Onkololeessa 7, 2023 duuba turan jedhaman keessaa tokkoodha.
  • Hogganaan Hamaas Yaahiyaa Sinwaar ajjeeffamuu Israa'el mirkanneessite.
  • US Israa'el kaaba Gaazaatti ''imaammata beela akka meeshaa waraanaatti fayyadmuu'' akka itti hin fufneef hordofaan jira jette
  • Iraan Israa'el yoo haleellaa raawwatte ammas 'hammeessitee' akka rukuttu dubbatte
  • Israa'el Sooriyaa haleeluun nama madeessuu miidiyaa mootummaa hime
  • UN haleellaa qilleensaa Israa'el Libaanositti kantiibaa dabalatee namoota 15 galaafate balaaleffate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hezbollaan Kibba Libaanos keessatti loltoota Israa’el waliin lafoo wal waraanuu gabaase

    Hezbollaan har’a kibba Libaanos keessatti Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) waliin lola lafoo walitti dhiyaachuun gaggeessaan jira jedha.

    Akka gareen kun jedhutti, Quuzah keessatti ''qawwee gosoota adda addaatiin'' waraana Israa'el waliin walitti dhukaasaa jiru. ''Loltoota diinaa keessaa namoonni baayyeen miidhamaniiru'' jedha.

    Walitti bu'iinsa kana ilaalchisee IDF hanga ammaatti yaada hin kennine.

    Addatti ammoo, Hezbollaan gara fageenya bahaatti loltoota Israa’el Maarkaabaa dabalatee, gandoota daangaa Libaanos keessatti argaman irratti akkasumas gara kaaba Israa’el kan taatee Misgaav Am keessatti rookkeettii itti dhukaasuu dubbata.

  2. Uummata kaaba Gaazaa kuma dhibbaaf bakki nageenyaa dhaqan hin jiru - Waldaa Addeessa Diimaa

    Gaazaatti ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu haleellaa Israa'el sa'aatii 24 darban keessatti raawwatteen lubbuun namoota 65 galaafate jedhe.

    Waldaan Adeessa Diimaa Filisxeem (PRCS) haalli kaaba Gaazaa ''balaa guddaa irra darbuudhaan'' jechuudhaan, balaa haleellaa qilleensaa itti fufiinsaan mudatuun ''bakki nageenya qabu'' kan lammiileen Filisxeem itti dahatan hin jiru jechuudha.

    Dubbi himtuun Nebal Farsakh BBC News tti akka himanitti, harkifannaa gargaarsaa - gargaarsi jalqabaa torban lama keessatti Isniina darbe - ''rakkina namaa daran caalu'' fideera.

    Dubbi himtuun Nebaal Faarsaakh BBC News'tti akka himanitti, harkifannaa gargaarsaafi torban lama keessatti gargaarsi jalqabaa Wiixata darbe seenuun, ''rakkina namaa daran cimaa'' qaqqabsiiseera.

    "Daa'imman, dubartoonni haleellaa irra ga'aa jiru. Hedduunis lubbuu isaanii dhabaa jiru," jetti. "Kanneen miidhaman hedduunsaaniis tajaajila yaalaa hatattamaa osoo hin argtiin dhiiganii du'aa jiru."

    Guyyoota lamaan dura Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii, namoonni kuma 400 ol ammalleen kaaba Gaazaa keessa akka jiran ibseera.

  3. Konkolaattonni fe'umsaa 50 gargaarsa gara kaaba Gaazaatti geessaa jiru jette Israa'el

    Guyyaa sadaffaaf walitti aansuun erga qondaaltonni olaanoo Ameerikaa lama Israa’el gargaarsa dabalataa gara Gaazaatti akka galchitu gaafachuuf xalayaa mallatteessanii booda konkolaattonni fe’umsaa gara kaabaa akka malee miidhame keessa akka seenan beeksifameera.

    Kunis torban lamaaf yeroo UN gargaarsi gara kaabaatti hin seenne jedhe hordofeeti.

    Waraanni Israa’el akka jedhetti, konkolaattonni fe’umsaa 50 gargaarsa namoomaa kanneen akka nyaata, dhiyeessii yaalaa, bishaanii fi meeshaalee gaaddisa Joordaaniin kennitu dabalatee, fe’an har’a karaa qaxxaamuraa riqicha Allenby fi qaxxaamuraa Ereez Weest'n gara kaaba Gaazaatti dabarfamaniiru.

    Waraannichi akka jedheetti, gargaarsi hundimu ''sakatta'iinsa nageenyaa gadi fageenyaan'' booda akka dabarfamuu fi ''akkaataa seera idil-addunyaatiin gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti akka seenu haala mijeessuufi salphisuuf'' akka hojjetan dubbata.

  4. Dararaan 'sadarkaa kanaan dura argamee hin beeknerra gaheera' - Libaanostii bakka buutuu UN

    Libaanositti qindeessituun addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Jeanine Hennis-Plasschaert, haleellaa Israa’el har’a Kibba Libaanos magaalaa Naabaatih irratti raawwatteef deebii kennan.

    Haleellaa osoo kantiibaan magaalattii walgahii garee muddamaa irratti hirmaataa jiranuu gamoo bulchiinsa magaalaa Naabaatieh rukuteen, namoonni jaha ajjeeffamanii, kaan 43 ammoo madaa’aniiru.

    ''Seera namoomaa idil-addunyaa cabsuun guutummaa guutuutti fudhatama hin qabu,'' kan jedhan Hennis-Plasschaert, ''namoonni siiviilii fi bu'uuraaleen siiviilii yeroo hunda eegamuu qabu'' jechuun ibsu.

    "Qaamonni dhimmisaa ilaallatu hundi hatattamaan dhukaasa isaanii dhaabuun furmaata dippilomaasii kan fedhii lammiilee dhugoomsuu fi tasgabbii naannichaa tarkaanfachiisuu danda'uuf balbala banuun yeroon isaa ammadha," jetti.

  5. Gargaarsi Gaazaa akka gahu gochuuf kutannoo qabna jedha UNitti ergamaan Israa'el

    UN Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ambaasaaddarri Israa’el Daani Daanoon, biyyoota birootiin haalli namoomaa Gaazaa keessa jiru hammaataa dhufuutti yaadda'u ibsuu hordofuun, biyyisaanii gargaarsi Gaazaa akka ga’u “michoota keenya idil-addunyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabdi” jedhan.

    Walgahii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii magaalaa Niiw Yoorkitti geggeeffame irratti kan dubbatan Daanoon, gargaarsi naannicha gahuuf harkifachuusaaf Hamaas komatu.

    "Hanqinni gargaarsaa hin jiru" kan jedhu Ergamaan kun, "hanga gargaarsa gara Gaazaatti geeffamaa jiru yommuu ilaaltan, rakkoon jiru loojistikii irratti. Kunis gargaarsi gara namoota gargaarsa barbaadanitti akka deemu malee gara harka Hamaas akka hin deemneef mirkaneeffachu qabu."

    Gargaarsi namoomaa torban lamaaf erga fe'umsarratti harkifateen booda torban kana konkolaattota fe’umsaatiin Gaazaa seenaa jira.

    US guyyoota darban keessa Israa’el irratti dhiibbaa kan goote yoo ta’u, xalayaan jalqaba torbee kanaa miliquun miidiyaa harka seenee tokko akka jedhutti, haalli namoomaa Gaazaa keessaa yoo hin fooyya’in Waashingitan gargaarsa meeshaa waraanaa Israa’eliif kennitu muraasaa akka addaan kutu ibsa.

  6. Xayyaarri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa balaliirra osoo jiruu aarri keessatti mul'ate

    Xayaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa balaliirra osoo jiruu aarri keessatti mul'achuu daandin qilleensichaa beeksise.

    Daandin Qileensa Itoophiyaa fuula miidiyaa hawasaa isaa gubbaatti akka ibsetti, aarri xayyaaricha keessatti kan mul'ate balalii biyya keessaan yoo ta'u, xayyaarichi buufata xayyaaraa Finfinnee jiruu ka'ee gara Dirre Dawaa yeroo imalaa jirutti.

    "Guyyaa har'aa balaliin Daandii Qilleensa Itoophiyaa lakkoofsa ET248 Finfinnee ka'ee gara Dirre Dawaa osoo imalaa jiruu buufata xayyaaraa Dirre Dawaa qubachuuf osoo qophii gochaa jiruu aarri keessatti mul'ateera," jechuuni daandin qillensichaa fuula miidiyaa hawasaa isaa gubbatti kan ibse.

    Aarri mul'atus xayyaarichi nagaan qubachuufi imaltoonni xayyaara irraa nagaan bu'uu isaanis beeksise.

    Sababa aaarri mudateef qorataa akka jiru kan beeksise daandin qilleensichaa rakkoo mudateef imaltoota dhiifama gaafateera.

  7. Daandiin Qilleensaa Luftaanzaa imaltoota Yuhudootaa balaliirraa dhorke doolaara miiliyoona 4 adabame

    Imaltoonni muraasni qajeelfama qorannoo Covid-19 hin kabajne jechuun imaltoota Yihuudotaa 128 ol waggaa lamaan dura akka hin balaliineef kan dhorke daandiin qilleensaa Jarman- Luftaanzaan Ministeera Geejibaa Ameerikaatiin adabbiin doolaara miiliyoona 4 itti murtaa'eera.

    Imatoonni kunneenis Niiw Yoork irraa ka'uun karaa Firaanki Farsiin gara Budaapeestiitti imalaa kan turan yoo ta'u, xiyyaariichii erga Firaankfarti erga isaan buuseen booda deebiisee hin fe'u jechuun diduutu ibsame.

    Ministeerri Geejiba Ameerikaa, Luftaazaan imaltoota irraan miidhaa loogii qaqqabsiiseera jedheera. Imaltoonni akka hin balaliineef dhorkaman hunduu Ayihudoota yoo ta'an, sababii imaltoota muraasaatiin sababii ilamtoota muraasaatiin, irra caalaansaanii wal kan hin beekne, waliin kan hin turre hunda ''akka garee tokkootti lakkaa'uun'' dhorkeera jedhe.

    Ministeerichi haala mirgoota siiviilitiin wal-qabateen, addabbii maallaqaa olaanaa himannaa enyummaatiin walqabatee murtaa'e ta'unsaa ibsameera.

    Luftaanzaan mormii himannichaa dhaabuudhaan adabbii maallaqichaa kanfaluudhaaf kan waliigale yoo ta'u, garuu ''loogii hin raawwanne'' jedheera. Taatee kanaanis ''gaddisiisaa fi gochaa sirrii hin taanee dogongora odeeffannootiin raawwatameedha'' jedheera.

    ''Tola ooltummaan Luftaanzaa ambaasaaddara sabdaneessuummaa fi wal danda'u adda durummaan hojiirra oolchudha'' jechuun ibsicha keessatti kan hammate yoo ta'u, Lufataanzaan qorannoo taasifamu irratti waliin ta'uudhaaf akkasumas leenjii hojjattootaa irratti xiyyeeffachuu ibseera.

  8. Naayijeeriyaatti taankariin boba'aa dhowuun namoota 94 galaafate, 50ni guddoo miidhaman

    Balaan kun kan mudate bulchiinsa kaaba biyyattii Jigawa jedhamu keessatti yoo ta'u, namoonni hedduun wayita boba'aa dhangala'e waraabbachuuf ba'anitti dhohiinsa uumameen dhuman.

    Namoonni 94 battaluma sana gubatanii dhuman, 50 kan caalan ammoo baayyee miidhamanii amma hospitaala magaalaa Ringim keessatti yaalamaa jiru.

    Poolisoonni namoonni gara boba'aa dhangala'ee kana akka hin dhaqne dhorkaa turan, garuu namoonni humna poolisii ol ta'uun heddumminaan bakkichatti argaman.

    Dubbi himaan poolisii Lawal Shiisu Adam ''namoonni boba'aa waraabbachuuf gara konkolaataa kanaa akk hin deemne dhorkaa turre.

    Garuu namoonni heddumminaan ba'an humnaan nu caaluun gara konkolaataa kanaatti deemuun boba'aa waraabbachuu eegalan, battaluma kanatti abiddi uumame,'' jechuun haala ture BBCtti himan.

    Namoonni hedduun erga gubatanii booda reenfasaaniiyyuu baruun hin danda'amne.

    Naayijeeriyaa keessatti boba'aan dhohuun balaa uumuun kan baratamedha. Balaan akkanaa yeroo garii rakkoo daandii fi konkolaataa seeraan qabuu dhabuurraa madda jedhama.

    Fulbaana darbes konkolaataan boba'aa fedhe kan namoota fe'een walitti bu'uun namoonni 59 dhumaniiru.

  9. Hindiitti doorsiisoon haleellaan boombii sobaa naasuu uume

    Sababii dorsiisoon haleellaa boombii sobaa raawwatameetiin wal qabatee yoo xinnaate xiyyaaroonni Indiyaa 10 sa'aatiiwwan 48 darban keessatti balaliinsa sa'aatii dheeraaf tursiisuu fi kallattii jijjirachuudhaaf dirqamaniiru.

    Kanaan wal qabatee Kibxata kaleessaa haleellaan boombii akka irratti raawwatamu kan dorsiifame xiyyaarri Daandii Qilleensa Eksipres Inidyaa Air irratti dhoohiinsi yoo mudate jedhamuun akka bakka ummanni itti baayyaturraa akka fagaatuuf jeettiiwwan humna qilleensaa Siingaapooriin dabaalamuun akka qubatu taasifameera.

    Taatee kanaan sa'aatiiwwaniin dura ammoo, magaalaa guddoo biyyattii Deelii irraa gara magaalaa Amerikaa Chiikaagoo balalii'aa kan ture xiyyaarri Air India of eeggannoo dursaatiif jecha Kaanaadaa akka qubatu taasifameera.

    Dorsiifni boombii sobaa daandiiwwan qilleensaa Indiyaa irratti aggaamamuun waan barameedha. Haata'u malee sababiin dorsiisoon haleellaa boombii Wiixata irraa kaasee haalaan dabalee maal akka ta'e ifa miti.

    BBC Siivil Aviyeeshinii Indiyaa fi aanga'oota Nageenyaa Geejiba Daandii Qilleensaa irraa dhimmicharratti deebii argachuuf gaaffiin karaa imeeliitiin dhiyeessee deebii hin arganne.

    Dorsiifni haleellaa kun kan dhiyaatu daandii qilleensaa tokkicha irratti qofaa miti. Daandiiwwan qilleensaa Air India, Indiyaagoo, Ispaayisjeetti fi Air Flights jedhaman irrattis doorsiisni haleellaa boombii dhiyaateera.

    Balaliinsiiwwan idil-addunyaa guyyaa Wiixataa Mumabaayii ka'an sadi irratti erga doorsiifni haleellaa boombii karaa toora X (tiwitaraatiin) dhiyaateen booda, kallattiisaanii akka jijjiratan taasifameera. Ergaa kanaan haala wal qabateenis poolisiin mucaa tokko to'annoo jala oolcheera.

  10. Haleellaan Israa'el naannoo Naabatieh ''waan akka giingoo ibiddaa'' uumuu dubbatan bulchaan

    Haleellaan Israa'el naannoo Naabatieh ''sabbata ibiddaa'' uumuu dubbatan bulchaan

    Akkuma ammaan dura gabaasnetti, haleellaan Israa'el hedduun Kibba Libaanos keessa, Naabatiah irratti raawwatameen, kantiibaa magaalattii dabalatee, yoo xiqqaate namoota shan ajjeeseera.

    Dhaabbanni oduu AFP bulchaa Naabatieh, Haawaayidaa Tuurk kan haleellaan 11 magaalattii fi naannawashee haleelluu himan waliin dubbateera.

    Haleellaan kunis waan akka ''sabbata ibiddaa uume'' jedhan.

    Haleellaan kun kan raawwatame erga haleellaan Israa'el kanaan dura raawwate bakka gabaa magaalattii barbadeessee guyyoota muraasa boodadha.

  11. Lammiin Raashiyaa guyyoota 67 bidiruudhaan galaanaarra bolalii'aa ture lubbuun argame

    Lammiin Raashiyaa tokko baatii lamaa ooliif erga galaanaa baha Raashiyaa bakka Okitiski jedhamuutti bidiruudhaan galaanaarra bolali'aa tureen booda lubbuun argame.

    Aanga'oonni Raashiyaa akka jedhaniitti namni umuriinsaa waggaa 46 fi Miikaa'el Piichugiin jedhame kun kan argame barbaacha qiyyeessitoota qurxummiitiin yoo ta'u, miseensoonni maatiisaa isa waliin turan lama garu du'unsaanii himameera.

    Namni kunis bakka irraa ka'erraa fageenya kiilomeetira kuma tokkoorratti kan argame yoo ta'u, manasaatii kan bahe jalqaba baatii haggayyaa keessa ta'uun himameera.

    Namni kunis reeffa obbooleessa isaa fi mucaa obboleessa isaa kan waggaa 15 kan waliin manaa bahees bidiruu keessa ture keessatti waliin argameera.

    Haatii warraa nama kanaa akka dubbatteetti, jarreen sadan gara galaanaatti kan qajeelan qurxummii guddaa ilaaluudhaaf yoo ta'u, yoo xinnaate nyaataa torban sadiif ta'u qabatanii akka imalan ibsite.

    Haatii waraa akka jeteetti abbaan waraashee lubbuun hafuusaatiif qaamni isaa guddaa ta'unsaa gumaacha taasisuuf akka dande'e dubbatti.

    Namni kunis osoo imalicha hin eegaliin dura qaamnisaa ulfaatina kilograama 100 kan qabu yoo ta'e, guyyoota 67f erga bidiruunsaa jalaa rakkoo umachuun galaanaarra tureen booda ulfaatinnisaa walakkaan oliin hir'ateera jedhameera.

  12. Haleellaa Israa'el magaalaa Libaanos, Nabatieh irratti raawwatteen kantiibaa dabalatee 5 du'an

    Maddeen bakka sanarraa akka BBC'tti himanitti, Israa'el ganama kana magaalaa kibba Libaanositti argamtu, Nabatieh qilleensarraan haleelaa turte.

    Kanneen ijaan argan haleellaan kun ''shororkeessaa fi akkaan kan nama rifaasisu'' ta'uu himan.

    Haleellaan hamaan sagal ta'u qilleensarraan daqiiqaa soddomaaf magaalattii haleeluu ibsan.

    Haleellaan qilleensaa kun gamoo bulchiinsa magaalaa kan rukute yoo ta'u wayita sanatti kantiibaan magaalattii akkaataa rakkoo namoomaa magaalattii keessatti mudateef furmaata barbaaduun danda'amurratti walga'iirra ture.

    Jiraataan magaalattii tokko wayita ambuulaansonni gara gamoo rukutameetti fiigan arguu hime.

    Ministeerri fayyaa biyyattii haleellaan kun raawwatamuu mirkaneesseera. Jalqaba haleellaan kun raawwatetti naoonni shan akka ajjeefamnis ibseera.

  13. Haleellaan Israa'el itti fufe, namoonni Beeruut jiran wabii hin qaban

    Ministirri muummee Libaanos Najiib Mikaatii, Israa'el haleellaa magaalaa Beeruut fi naannawasheetti raawwataa jirtu irraa of akka of qusattu gochuu keessatti ''US akka wabii taatuuf'' abdii kennuufii erga Al Jaziiraa irratti dubbatanii sa'aatii 24 booda Israa'el har'a obboroodhaan halelelaa qilleensaa Beeruut keessatti bante.

    Wayita af-gaaffiin Aab Najiib Mikaatii darbaa turettiyyuu Beeruut keessatti dirooniiwwan basaasaa Israa'el qilleensarra marsaa turan.

    Jeettiiwwan waraanaa Israa'el ammoo magaalattii keessatti sagalee akkaan nama rifaasisu, kan dhohiinsa meeshaa waraanaan gadi hin taane dhageessisaa turan.

    ''US haleellaa Israa'el Beeruut fi naannawasheetti raawwachaa jirtu ni dhaabsifti'' oduun jedhu US irraa dhagahamuu erga eegalee tureera.

    Miidiyaaleen Israa'el MM Beenjamiin Netaaniyaahuu erga Pirezidantii US waliin dubbatanii booda haleellaa raawwataa jiran gidduun dhaabuuf akka jiran waan akeeku gabaasaniiru.

    Netaaniyaahuun garuu yaada akkanaa qabaachuu waakkateera. Ammallee iddoo Hezboollaan jiru jedhu hordofuun akka haleellaa raawwatu dhaadate.

    Qiyyaafannoon waan barbaade yoo ta'eyyuu haleellaan kan raawwataa jiru garuu uummata Libaanos irratti. Ergaansaa jiraattonni magaalaa Beeruut wabii akka hin qabne agarsiisa.

  14. Israa'eel Gaazaa keessatti ajajaa Hamaas fi 'shororkeessitoota' 50 ol ajjeesuu himte

    Israa'eel wayita amma qilleensaa fi lafarraa Libaanos haleelaa jirtu kanatti, waraanni ishee Gaazaa gara kibbaatti argamtus lolta itti fufee jira.

    Odeeffannoo haaraa ganama har’aa baaseen, waraanni Israa’el haleellaa xiyyaaraa kaaba Gaazaa irratti raawwateen ajajaa kutaa diroonii Hamaas ajjeesuu ibseera.

    Ajajaan maqaasaa Maahmuud al-Maabhouh jedhamuun beekamu kun haleellaa diroonii gara naannoo Israa’elitti dhukaasaa ture jedha. Hamaas ammallee kanarratti yaada hin kennine.

    Israa'el waraannishee naannoo Gaazaa Jabaliyaatti akkasumas ''shororkeessitoota'' 50 ol ''dhukaasa dhiyoo fi haleellaa qilleensaatiin'' ajjeesuu dubbatti.

    Kibxata darbe ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, Israa’el Onkoloolessa 7 irraa eegalee Gaazaa keessatti namoota 42,344 ajjeesteetti.

    Kaleessa Ameerikaan Israa’el Gaazaa keessatti namoomaa balaadhaaf saaxilamaniif gargaarsa akka guddiftu ykn gargaarsi waraanaa Ameerikaa muraasa akka addaan citu guyyoota 30 kenniteetti.

  15. Irsaa'el meeshaalee waraanaa Hezboollaa lafa jala dhokfaman irratti xiyyeeffachuu himte

    Har'a ganama barii magaalaa Beeruu gama kibbaatti haleellaan qilleensarraan raawwatameera.

    Kunis kan dhufe Israa’el gara torban tokkoo keessatti ajaja jalqabaa kan ta'een jiraattoonni Dahieh keessaa akka baqataniif erga himteen boodadha.

    Israa’el guyyaa guyyaan haleellaa boombii magaalattii irratti darbachuu fi ajaja baqachuu kudhanootaan lakkaa’aman erga kennitee booda, torban darbe haleellaa Beerut irratti raawwattu dhaabdeetti, hojiin lafa irraa kibba Libaanos keessatti hojjettu fi haleellaan qilleensaa biyyattii hafe irratti raawwattu itti fufus.

    Haleellaa Israa’el yeroo dhumaatiif Beerut irratti raawwatte, kan Onkoloolessa 10tiin, yoo xiqqaate namoota 22 ajjeesee, 117 ammoo madaa’uu ministeerri fayyaa Libaanos beeksisee ture.

    Waraanni Israa’el haleellaan isaa ganama har’aa kan meeshaa waraanaa Hebollaa mana kuusaa lafa jalaa keessatti argamurratti xiyyeeffachu hime.

  16. Iraan haleellaa Israa'el kamiifuu deebii kennuudhaaf qophiidha jechuun akeekkachiifte

    Wayita ammaa yeroo Israa'el Libanos fi Gaazaa haleelaa jirtu kanatti, naannichi yoom akka Iraan irratti tarkaanfii fudhattu arguudhaaf eeggataa jira.

    Onkololeessa 1, 2024 Iraan Misaa'eloota 200 ta'an Israa'el irratti dhukaasuudhaan baayyeen isaanii fashaleeffamanii ture. Yeroo sanattis Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun Iraan ''gochaa kanaaf gatii baafti'' jedhan illeen hanga ammaatti deebiin waraanaa omaa hin raawwatamne.

    Ministirri Dhimma Alaa iraan wayita halkan darbe Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutarez waliin dubbataniitti, Israa'el tarkaanfii kan fudhattu yoo ta'e Iraan deebii kennuudhaaf qophiidhaa jedhan.

    ''Iraan tasgabbii fi nageenya naannichaa eeguuf tattaaffii hunda kan gootu yoo ta’u, Israa’el irraa kan ka’e adeemsa kamiyyuu irratti deebii murteessaa fi gaabbii hin qabne kennuudhaaf guutummaatti qophooftuudha'' jechuun Abbaas Araaghchi Gutereezitti himusaanii ministeerri dhimma alaa Iraan.

  17. Israa'el guyyaa shan keessatti yeroo jalqabaaf qilleensarraan Beeruut haleelte

    Humni waraanaa Israa'el erga haleellaa qilleensaa Libaanos keessatti raawwatee torban ga'uuf deema. Haleellaa qilleensaa eda raawwateen iddoowwan gareen Hezboollaa meeshaalee waraanaa kuufatuu fi keessa riphee jiru irratti akka xiyyeeffate ibse.

    Gama kaaniin rookeetiiwwan 50 ta'an gara kaaba Israa'el magaalaa Safed jedhamtutti dhukaafamaniiru.

    Haleellaan qilleensaa Israa'el kun erga aanga'oonni Libaanos kibbaa fi baha biyyattii keessatti haleellaa qilleensaa Israa'eliin lammiilee hedduun ajjeefamuu ibsaniiti dabalamee raawwate.

    Kallattii kibbaanis waraanni Gaazaa itti fufeera. US Israa'el deeggarsa namoomaa Gaazaaf akka haala mijeessituuf akekkachiisa guyyaa 30 kenniteef.

    Yoo kana hin raawwanne ammoo rakkoon biraan isheerra ga'uu akka danda'u kan akeekkachiiste US, adda durummaan kan eerte waa'ee deeggarsa meeshaalee waraanaati.

    Xalayaan Dilbata darbe US michuushee Israa'eliif barreessite kun akeekkachiisa cimaa kan of keessaa qabu yoo ta'u, wayita Israa'el kaaba Gaazaa keessatti haleellaa raawwachuun lammiilee nagaa hedduu ajjeestetti ture.

  18. Tmasaasa kallattii eegalleerra

    Ashamaa hordoftootaa. Tamsaasa keenya kan guyyaa Roobii kunoo amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaafi biyya keessaa irraa asiin argattu.

    Guyyaa gaarii qabaadha!

  19. Libaanos Hezbollaaf gatii baasaa jirti- Pirezidantii israa'el

    Pirezidaantiin Israa’el Isaa’ak Herzog har’a magaalota kaabaa Haayifaa fi Kiriyaat Biiyaalik daawwachuun Libaanos gocha Hezbollaa kanaaf “gatii kaffalaa jirti” jechuun akeekkachiisaniiru.

    Naannoleen lamaanu torbeewwan darban keessa rookkeetii fi diroonii Hezbollaatiin rukutaman. Dilbata darbe haleellaa diroonii buufata waraanaa naannoo Hayfaatti argamu irratti xiyyeeffateen loltoonni Israa’el 4 ajjeefamanii 58 madaa’anii ture.

    Ibsi waajjira preezdaantii irraa bahe akka jedhutti, Herzog giddugala yaalaa Hayfaatti argamu daawwachuun loltoota yeroo lwaraana Libaanos keessatti madaa’an waliin wal arganiiru.

    ''Hebollaan yeroo hunda Haayifaa fi naannooshee sodaachisaa ture ammas itti jira, ummanni Haayifaa cimaafi dandamachuu danda'a,'' jedhan Herzog jedha ibsichi.

    "Addunyaan hubachuu qabdi, Libaanos waliin daangaa irratti furmaata wal hubannoo irra ga'uuf yeroo dhiyeessineerra. Kan nama dhibu Hezbollaan irra deebiin yeroon dide."

    Itti fufuudhaanis, "Mee ummata Libaanositti hima: sirna shororkeessummaa hamaa Hezbollaan durfamuuf gatii kaffalaa jirtu," jedhan.

    "Biyya yeroo ta'e boonstuu Baha Giddu Galeessaa turte Libaanos, amma jireenya gaarii fi kabajamaa osoo hin taane gatii kaffalaa jirta, gatiinsaas ulfaataa fi cimaa dhufeera."

  20. Netaaniyaahuun dhukaasa dhaabuu gama tokkoon Libaanos akka mormu Maakroonitti hime

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Libaanos keessatti ''dhukaasa dhaabuu gama tokkoon'' waliigaluu akka morman ibsi waajjirasaanii irraa bahe mul'ise.

    Ibsichi akka jedhutti, marii bilbilaa Pirezidaantii Faransaay Emaanu'eel Maakroon taasisaniitiin, Netaaniyaahuun dhukaasa dhaabuun gama tokkoon ''haala nageenyaa'' akka hin jijjiirree fi ''akka tureetti akka deebisu'' qofa akka ta'e dubbatan.

    Israa’el qophii Hezbollaan akka irra deebi’ee hin hidhannee fi deebiisee of ijaarree hin dhowwine kamiyyuu irratti akka walii hin galle Maakroonitti himaniiru jedha.

    Dubbiin kun kan dhagahame yeroo Maakroon Israa'el akka murteewwan UN kanneen naannoo Filisxeem qabachuu akka dhaabdu jedhuu dabalatee, Israa’el akka murteewwan hordoftuuf dhiibbaa gochaa jiruuttiidha,

    “Netaaniyaahuun biyyisaanii murtee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin waan uumamuushee dagachuu hin qaban” jechuun kaabinee isaaniitti akka himan, hirmaataan walga’ii kanaa AFP'tti himan.