Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US Israa'el deeggarsa Gaazaa mijeessuuf guyyaa 30 qabdi ykn meeshaan waraanaa irraa cituu mala jette
US akeekkachiisa Israa'elitti barreessiteteti. Israa'el deeggarsi namoomaa Gaazaa keessatti bifa fooyya'aa fi ga'aa ta'een akka lammiilee rakkoo keessa jiran bira ga'uuf haala mijeessuu akka qabdu, kana raawwachuufis guyyaa 30 qofa kenniteef US.
Yoo kana hin raawwanne ammoo rakkoon biraan isheerra ga'uu akka danda'u kan akeekkachiiste US, adda durummaan kan eerte waa'ee deeggarsa meeshaalee waraanaati.
Xalayaan Dilbata darbe US michuushee Israa'eliif barreessite kun akeekkachiisa cimaa kan of keessaa qabu yoo ta'u, wayita Israa'el kaaba Gaazaa keessatti haleellaa raawwachuun lammiilee nagaa hedduu ajjeestetti ture.
US Gaazaa keessatti rakkoo lammiileen keessa jiraniin daran yaadda'uu qabiyyee xalayaa kana keessatti eerameera.
Israa'el ji'a darbe keessa deeggarsa namoomaa kaabaa fi kibba Gaazaa gidduu geejjibsafamuun irra ture keessaa dhibbeentaa 90 dhorkuun uummata rakkatee gargaarsa eeggatu dararuu ibseera xalayaan kun.
Israa'el ajaja US diduun tarkaanfii kana akka fudhachaa jirtus eera.
Israa'el xalayaa kanaaf deebii kennuuf xiinxalaa jirti jedha qondaalli biyyattii tokko.
Biyyattiin dhimma kana ''xiyyeeffannaan ilaati,'' akkasumas ''yaaddoowwan ka'aniif deebii kennuuf'' michuu ishee US waliin ni hojjetti jechuun ejjennoo biyyasaa ibse qondaalli Israa'el eenyummaansaa hin eeramne kun.
Israa'el kaaba Gaazaatti Hamaasiin lolaa aka jirtuu fi deeggarsa namoomaatti daandii cufuun gufuu itti ta'uuf karoora akka hin qabne ibsitee turte.
Xalayaan akeekkachiisaa US barreessite- kan amma ministeera dhimma alaan mirkanaa'e- jalqaba marsariitii Axios jedhamurratti gabaafame.
Ministirri dhimma alaa US Antonii Bilinken fi ministirri ittisaa biyyattii Liyood Ostin irratti mallatteessaniiru.
''Rakkoo deeggarsa namoomaan walqabatee Gaazaa keessatti mudataa jiru ilaalchisuun yaaddoo US qabdu ibsuuf xalayaa kana barreessaa jirra. Mootummaan keessan tarkaanfii ariifachiisaa fi amansiisaa akkasumas itti fufiinsa qabu fudhachuun ji'a kana keessatti rakkoo kanaaf furmaata akka kaa'u gaafanna,'' jedha xalayaan kun.
Israa'el Gaazaa keessatti lammiilee miiliyoona 1.7 qe'eerraa buqqisuun iddoo dhiphoo al-Mawasi jedhamutti akka walirratti heddummaatanii jiraatan dirqamsiifteetti jedha xalayaan kun.
Uummanni hedduun iddoo dhiphoo tokko keessa jiraachuun ammoo dhibeewwan daddarboo, keessattuu kanneen tuttuqqaan daddarbaniif isaan saaxiluu eere.
Qabiyyeen xalayaa kanaa itti fufuun akkas jedha:
''Keessattuu tarkaanfii mootummaan Israa'el dhiheenya kana fudhateen baayyee yaaddofneerra. Meeshaalee daldalaa gara biyya keessaa galanitti gufuu ta'uu, Fulbaana keessa deeggarsa namoomaa kaabaa fi kibba Kaazaa gidduu geejjibsiifamuu qabu keessaa dhibbeentaa 90 dhorkuu fi deeggarsa gara Gaazaa seenu kaan irra dhiibbaa cimaa kaa'uun tarkaanfiiwwan Israa'el fudhataa jirtuudha. Kana cinaatti seera dhabdummaa fi saamichi hammaateera. Kun hundi walitti dabalamee rakkoo Gaazaa daran hammeesseera.''
Xalayaan kun Israa'el guyyoota 30 keessatti haala kana sirreessuun deeggarsi Gaazaa haala fooyya'aa ta'een akka itti fufu gochuu qabdi jedha.
Yoo kana hin raawwattu ta'e garuu ''imaammata US Israa'el irratti qabdurratti dhiibbaa guddaa qaba,'' jedha.
Seera US kan biyyoota deeggarsa namoomaatti gufuu ta'an meeshaa waraanaan qoqqobu eeruun barraa'e xalayaan kun.
Israa'el ''kaaba Gaazaa addatti baasuurraa akka of qusattus,'' gaafata xalayaan kun. Seerri mootummaa Israa'el kan lammiilee kaaba Gaazaa irraa gara kibbaatti godaansisu akka hin jirre eere.
Israa'el kanaan dura deeggarsa namoomaa gara Gaazaa seenu akkasumas Gaazaa keessa geejjibsiifamutti gufuu akka hin taane fi maddi rakkoo UN deeggarsa sirnaan raabsuu dhabuusaati jechuun himataa turte.
Akkasumas Hamaas deeggarsa namoomaa saamaa jira jechuun rakkoo deeggarsa namoomaa garee kanatti maxxansiti Israa'el. Hamaas garuu himannaa akkanaa ni waakkata.
Caamsaa darbe Israa'el magaalaa kibba Gaazaatti argamtu Raafaa keessatti haeellaa lafoo eegaluu dura Pirezidantiin US Joo Baayiden meeshaalee waraanaa garii Israa'el irraa akka kutan ibsanii turan.
Baayiden tarkaanfii isaanii kanaaf guddoo qeeqaman. Keessattuu warri dimokiraatotaa MM Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu faana hiriiruun Baayiden akkaan qeeqan.