Aanga'oonni olaanoon US gargaarsi namoomaa Gaazaa seenu akka dabaluu qabu cimsanii dubbataa turan. Gidduu kana ammoo xalayaan Israa'el akeekkachiisu US irraa barreeffameera.
Israa'el yoo gargaarsi ga'aan akka Gaazaa seenu hin eeyyamtu ta'e gargaarsi meeshaa waraanaa Ameerikaarraa argattu rakkoo keessa galuu akka danda'u xalayaa kana keessatti eerameera.
Guyyoota sadan darban gargaarsi namoomaa kaaba Gaazaa seenuu danda'aara. UN akka jedhutti torban lamaaf gargaarsa bakka kanaan ga'uun hin danda'amne ture.
Israa'el dhiyeessii gargaarsa namoomaa Gaazaa keessatti fooyyessuu keessatti ga'eeshee akka baatu xalayaa akeekkachiisu namoota mallatteessan keessaa tokko ministira ittisaa US Liyod Ostin.
Peentagon akkuma ministeera dhimma alaa biyyattii torbee kana keessa gargaarsi namoomaa gara Gaazaa seenu fooyya'iinsa agarsiisaa jiraachuuf beekamtii kenneera.
Garuu ammallee ergaawwan xalayaa akeekkachiisaa kana keessatti eeraman hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaan akka hojjetu ibseera.
Eda halkan ministirri ittisaa US gitasaa kan Israa'el waliin bilbilaan waa'ee gargaarsa namoomaaf haala mijeessuu dubbatan.
Duraan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri US tarkaanfiin Israa'el fudhachaa jirtu imaammata namoota beelessuu hojiirra oolchuu akka hin taane gochuuf US xiyyeeffannaan hordofti jechuun mana maree nageenyaatti himanii turan.
Israa'el gargaarsa namoomaa Gaazaa irraa kutuuf karoora akka hin qabne ibsiti.
Israa'el torbee lama dura bakka amma gargaarsi akka seenu addunyaan dhiibbaa uumaa jirtu kanatti haleellaa bifa haaraan eegalte.
Gareen Hamaas bifa haaraan addanatti of gurmeessaa jira jechuudhaan waraana eegalte.
Kaaba Gaazaatti bakki Jabaliyaa jedhamu loltoota Israa'eliin marfamee jira. Jiraattonni waan nyaatan dhabani dararamaa jiraachuu himatu.