Doonaald Tiraamp himannaa shira filannoo Abukaatoo Addaa Jaak Ismiiz isarratti dhiyaaterratti ragaa fuula 1,800 ol qabu gadhiisuunsheetti haadha seeraa tokkoon ''nama hunda caalaa hamtuu'' jechuun waaman.
Kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Waayit Haawus kun akka jedhanitti, haatii murtii mana murtii aanaa Ameerikaa, Taanyaa Chutkaan ragaa haaraa kana hanga filannoo ji'a dhufuutiin boodaatti akka tursiiftuuf gaaffii dhiyeessan diduunshee ''filannoo gidduu seenuu'' akka ta'e dubbatan.
Xiinxaltoonni seeraas galmeen dhimmicharratti dhiyaate abbootiin alangaa tarkaanfii qorannoo dhaabuunsaanii seera keessoo qajeelcha haqaatiifilannoo guyyoota 60 dhufan keessatti gaggeeffamurratti dhiibbaa qabaachuu danda’u irratti falmii gaggeessanii ture.
Haata'u malee haatii murtii, Chutkan, murtiishee keessatti galmeewwan kanneen kan dhoksiitu yoo ta'ee, sun mataansaa akka gidduu seenummaa filannootti fudhatamuu danda'a jechuun falmaniiru.
"Manni murtichaa odeeffannoo ummanni karaa biraatiin argachuuf mirga qabu sababii bu'aa siyaasaaiif iftoomuunsaa fiduu danda'utiif qofa yoo dhorke, dhorkaan sun mataansaa filannoo gidduu seenuu ta'uu danda'a. Yookan ammoo fakkaachuu danda'a," jechuun barreessite.
Bara darbe dubartii Teeksaas tokko dhimma Tiraamp kana kaasuudhaan haadha murtii Chutkan irratti ishee ajjeessuudhaaf doorsisuun himatamtee turte.
Galmee uldaataan abbaa fuula 1,889 Jimaata darbe gadhiifame kunis, kutaalee seenaa jireenyaa ittaanaa pirezidaantii duraanii Maayik Peensii fi ibsa idilee inni bu’aa filannoo bara 2020 akka hin haqamneef kennan dabalatee, baay’eesaa odeeffannoodhuma duraan ummanni beekuu irra deebiiin kan iftoome.
Odeeffannoo haaraan yaada Mr Ismiiz ji'a darbe dhiyeessan keessaa qofaadha.
Jimaata darbe nama miidiyaa warra Raayiit-wiing kan ta'e Daan Boonginoo waliin podkaastii irratti kan dhiyaatan Tiraamp, haadha murtii Chutkaan arrabsuun gorsituu addaa ''saree dhukkubsattuu'' jechuun waamuunsaanii ni yaadatama.
Himannaan Tiraamp kunis jeequmsa Amajjii 6, 2021 Kaappitoolii Ameerikaa irratti kan xiyyeeffatuu fi Tiraamp seeraan ala bu'aa filannoo ittiin baatii sadiin dura Joo Baayideniin injifatanii okkoraan galagalchuufshira xaxan jechuun himatame.
Gaaffii fi deebii sanarrattis Tiraamp namoota Kaapitoolii weeraruun himatamiin hidhamaman, lammiilee Ameerikaa Jaappaan kanneen Waraana Addunyaa Lammaffaa keessatti hidhamanii turte waliin wal fakkeessan.