Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Libaanos haleellaa hospitaala Beeruti biraatti raawwatameen hedduun ajjeeffaman jette

Haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessatti raawwatteen namoonni lama ajjeeffamanii yoo xinnaate sadi ammoo madaa'aniiru.

Guduunfaa

  • Yaahiyaa Sinwaan ajjeeffame jechuun waraanni Gaazaa dhume jechuun miti- Netaaniyaahuu.
  • Yaahiyaa Sinwaar qondaaltoota Hamaas haleellaa Onkololeessa 7, 2023 duuba turan jedhaman keessaa tokkoodha.
  • Hogganaan Hamaas Yaahiyaa Sinwaar ajjeeffamuu Israa'el mirkanneessite.
  • US Israa'el kaaba Gaazaatti ''imaammata beela akka meeshaa waraanaatti fayyadmuu'' akka itti hin fufneef hordofaan jira jette
  • Iraan Israa'el yoo haleellaa raawwatte ammas 'hammeessitee' akka rukuttu dubbatte
  • Israa'el Sooriyaa haleeluun nama madeessuu miidiyaa mootummaa hime
  • UN haleellaa qilleensaa Israa'el Libaanositti kantiibaa dabalatee namoota 15 galaafate balaaleffate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US waa'een haleellaa boombii Beerutiin akka yaaddesse dubbatte

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maatiyoo Miilar, waa’ee haleellaa boombii Israa’el Libaanos irratti raawwattuu dubbatan.

    Ameerikaan torbeewwan darban keessa haala duula Israa'el Beerut keessatti gaggeeffamaa jirtu irratti mootummaa Israa’el waliin yaaddoo akka itti umee dubbachuu eeruun, kunis sababii baay’inaanni lakkoofsa namoota nagaa haleellichaan miidhaman dabalaa jiruuf akka ta'e kaasan.

    Miller itti dabaluudhaan, haleellaan US Israa’el raawwachuuf barbaachisaa akka ta’eetti ilaaltu akka jiruu fi Waashingitan haala jiru of eeggannoo guddaan ilaaluu itti fufti jedha.

  2. Hogganaan basaasaa Israa'el duraanii Israa'el iddoowwan niwukilaraa Iraan akka rukuttu akka eegu himan

    Hogganaan basaasa waraanaa Israa'el duraanii tokko, Israa'el "marsaawwan" haleellaa Iraan irratti raawwattu keessaa tokkoon iddoowwan niwukilaraa Iraan akka rukuttu akka eegu BBC'tti himaniiru.

    "Kun akka raawwatamuuf an qofti eeguu osoo hin taane, hawaasni addunyaas akka nu deeggaru nan eega," jedhan Yoosii Kuperwasser BBC'tti kan hima.

    ''Iraan meeshaa niwukilaraa malee hangam balaa akka qabdu ilaalaa,'' jedhan daayreektarri olaanaa Ministeera Dhimma Tarsiimoo Israa'el fi itti gaafatamaa basaasaa Raayyaa Ittisa Israa'el duraanii Kuperwasser.

    Gabaasaaleen Muummichi ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaa misaa’elaa jalqaba baatii kanaarratti raawwatameef deebii kennuuf, Israa’el bu’uuraalee waraanaa Iraan qofarratti akka xiyyeeffattu Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayiden mirkaneessu mul'isan.

    Kuperwasser BBC'tti akka himanitti, ''Kun dhugaa akka ta'un amana. Sababiin isaas kun haleellaa Israa'eliin yeroo tokkicha qofa raawwatamu akka hin taane namni hundi hubachuu qaba,'' jedhan.

    Israa'el Iraan irratti haleellaa marsaa baayyee akka raawwattu yoo ilaalle, "Ameerikaanonni yaaddoo waraana naannoo bal'aa irratti qaban xiyyeeffannoo akka kenninu beekuu keenya mirkaneessuu qabna".

    "Eddoowwan niwukilaraa yoo marsaa kanaan haleellamu baates, marsaa itaanuun haleellamu qabu," jedha Kuperwasser.

  3. Gaazaatti namoonni beelaafi buqqa'uu keessaa filachaa jiru - Amnestii

    Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Amnesty International, ''miyooti deeggarsaa bishaaniifi boba'aan danqaa tokko malee hatattamaan Gaazaa qaqqabuu qabu, '' jedhe.

    Hogganaan Amnastii Gidduugalaa fi Kaaba Afrikaa Hebaa Moraayeef, ''Gaazaatti namoonni buqqa'uufi beela'uu keessaa akka filatan taasifamaa jiru, manni fi daandiin isaanii ammoo barbadaaa'eera,'' jedhan.

    Dabluunis, ''baqattoonni kaampii Jabaaliyaa keessa jiran nutti dhukaafamaa sodaatti daakuu fudhachuufillee manaa hin bahan,'' jedhan

    Israa'el gaafa Wiixataa konkolaataawwan 30 nyaata fe'an akka galan eeyyamuu himte.

    Hojjettoonni UN konkolaataan 30 biraa har'a galan jedhanii abdatu, kaampiin Jabaliyaa sababa haleellaa qilleensaa israa'eliin qaqqabuun hin danda'amne.

    Ameerikaan deeggarsi namoomaa akka Gaazaa qaqqabuuf Israa'eliif guyyaa 30 kan kennite yoo tahu yoo didde deeggarsa waraanaa akka kuttu himte.

  4. Libaanositti lakkoofsi namoota ajjeefamanii 41 gahe

    Ministeerri Fayyaa Libaanos lolli Israa'elii fi Hezboollaa baatii darbe erga hammaateen booda namoonni 2,350 ajjeefamaniiru jedhe. Wiixata kaleessaa ammoo haleella qilleensaan namoonni 41 ajjeefaman jedhe.

    Hezboollaa fi Israa'el bara 2006tti waraana dhaabuun booda yeroo Hamaasiifi Israa'el gidduu bara darbe waraanni jalqabu Hezboollaan Gaazaarra goruun Israa'elitti rookeettii dhukaasuu jalqabe.

    Baatii darbe Hezboollaan haleellaa banuun booda gaafa Onkololeessa 1 Israa'el kibba Libaanositti weerara lafoo jalqabuu himte.

    Israa'el oppireeshinii daangaa Libaanos jalqabuun booda namoonni 10,906 miidhamaniiru jedhe ministeerri fayyaa biyyattii.

  5. Hogganaan ittaanaa Hezboollaa 'hin mo'amnu' jedhan

    Hogganaan ittaanaa Hezboollaa Sheek Naayim Qaasiim furmaati lola ammaaf furmaati dhukaasa dhaabuu qofa jechuun Israa'el akeekkachiise.

    Akka isaan jedhanitti Israa'el Libaanos irratti xiyyeeffatte, ''Hezboollaan of irraa ittisuuf iddoo fedhe irratti qiyyaafachuuf mirga qaba,'' jedhe.

    Israa'el Hezboollaa fi Gaazaa haleeluu itti fufti taanaan kaabni Israa'el yaaddoo keessatti turuun hin hafu. ''Furmaatni dhukaasa dhaabuu dha... diddaan keenyi hin injifatamu sababiinsaas kuni lafa keenya waan taheefi,'' jedheera.

  6. US sirna ittisa haleellaa misaa'elaa ammayyaa Israa'elitti ergite

    Loltoonni US gahumsa olaanaa qaban sirna ittisa haleellaa misaa'elaa ammayyaa fe'anii Israa'el seenuu Peentaagon beeksise.

    Loltoonin Ameerikaa kunneen ogeeyyii sirna ittisa haleellaa misaa'elaa yoo ta'an sirni ittisaa kun erminal High-Altitude Area Defense (Thaad) jedhamuun beekama.

    Loltoonni Ameerikaa dabalataa sirna ittisa misaa'elaa kanarra hojjatan guyyootaan booda gara Israa'el imalu jedhame.

    Ameerikaan sirna ittisaa misaa'elaa ammayyaa kana Israa'elitti erguuf murteessuunshee haleellaa irratti qiyyaafatamu kamirraayuu ittisuufi akka ta'etu ibsame.

    Pirezidaantin US Joo Baayidan kayyon meeshaa waraanaa kana gara Israa'elitti erguu "Israa'el ittisuufi" jechuun ibsan.

    Haleellaa Iraan jalqaba ji'a kanaa Israa'el irratti raawwatteef deebin Israa'el kennitu eegamaa jira. Israa'el Iraan yoo haleelte, Iraan ammoo misaa'eloota ammayyaan deebiftee Israa'el haleeluu dandeessi sodaan jedhu jira.

    Pirees Sekireetariin Peentaagon Meejar Jeneraal Paat Raayidar akka jedhanitti, sirni ittisa haleellaa qilleensarraa ammayyaa ta'e gara Israa'elitti geeffamuun "ijjannoo Ameerikaan Israa'el ittisuuf qabdu mirkaneessufi lammiilee Ameerikaa Israa'e keessa jiran haleellaa bilaastik misaa'elii Iraan irraa ittisuufi" jechuuni sirni ittisaa kun yeroo gabaabaa keessatti hojiitti akka seenu himan.

  7. Haleellaan Israa'el Beerut irratti gaggeessitu akka xiqqaatu US irraa mirkaneeffachuu gaggeessan Libaanos himan

    Ministeerri Muummee Libaanos Naajib Mikaatii haleellaan Israa'el Beerut irratti gaggeessitu akka xiqqaatu US irraa mirkaneeffachuu himan.

    Haleellaan Israa'el giddu galaafi kibba Beerutitti gaggeessitu akka kana duraa hamaa akka hin taane US wabii "hamma tokko nuuf kennitetti" jechuuni gaggeessaan biyyattii kan dubbatan.

    Najiib Mikaatii kana kan dubbatan turtii miidiyaa Al Jazeera waliin taasisaniin yoo ta'u, mootummansaanii sanada wixinee waraana dhaabuu Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif galchuuf murteessus himan.

    Gabaasaalen hin mirkanoofne ammoo gaaffii US irraa dhiyaaten Ministeerri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu halellaa magaala Beerut irratti gaggeeffamu akka dhaabatu godhaniiru kan jedhu ture.

    Garuu guyyaa kaleessaa Netaaniyaahun "gara laafina tokko malee" Hezbollaarratti haleellaa akka itti fufan dubbatanii ture.

  8. Magaalaa halkan mana dhugaatirra naanna'uu dhorkite

    Magaalaan guddoo Cheek Rippaabliik, Piraag halkan mana dhugaatii tokko gara biraatti naanna'uu kan dhaabota imalaan qophaa'u dhorkite. Kanas tuuristoota ''namuusa qaban'' hawwachuufi jette.

    Qondaaloti Cheek mana dhugaatii tokkorraa kaanitti kan halkan deeman, fuudhuu ykn heerumuu guyyaa muraasa dura kanneen dhiichisa misirrittii ykn misirroof qophaa'u irratti hirmaatanii dha jedhan.

    Kantiibaan ittaanaa Jirii Poospiisii magaalattiin tuuristoota ''kabajaafi namuusa qaban wajjin muuxannoo qooddachuuf dursa kennitii,'' jedhan.

    Magaalaan Piraag tuuristoota jeeqxoota jettu dhorkuun kan jalqbaa miti- Amstardaam dargaggoota UK dhugaatii fi qoricha sammuu namaa hadoochu fayyadamuuf jecha gara Daach deeman dhorkitee turte.

  9. Gaazaatti ijoolleen 90,000 ol talaallii pooliyoo fudhatan.

    Gaazaatti ijoolleen 93,000tti siqan kan umriin waggaa 10 gadii kaleessa talaallii pooliyoo fudhataniiru jedhe dameen dhimma baqattootaa UN.

    Hamaasiifi Israa'el naannoo, naannootti walitti dhukaasuu addaan kutuun hojjattoonni fayyaa talaallii akka kennan eeyyamuuf waliigalaniiru.

    Hagayya darbe Gaazaatti waggaa 25 keessatti yeroo jalqabaaf daa'imni ganna 10 qaamnisaa gar tokko laamsha'e argameera.

    Duulli talaallii pooliyoo marsaa lammataa kaleessa kan jalqabe yoo tahu, manneen barnootaa gara dahootti geeddaramanii talaalliin itti kennamuu jalqabe Israa'eliin haleelamee namoonni 22 ajjeefamaniiru.

    Dameen dhimma baqattoota Gaazaa UN, ''otoo samiirraa boombiin gadi nam'uu ijoolleef talaallii kennuu hin dandeenyu. Qaamoleen hunduu waliigaltee dhukaasa addaan kutuuf murteessan kabajuu qabu,'' jedhan.

  10. Sirni awwaalchaa hooggansa waraanaa Iraaan Israa'el ajjeefteetti jedhamuu Tehraan keessatti raawwatame

    Sirna awwaalcha ajajaa Oppareshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) kan ta’an Abbaas Nilforoushan dhumaarratti namoonni hedduun magaalaa guddoo Iraan Tehraan keessatti walitti qabaman.

    Nilforoushan haleellaa Israa’el Fulbaana 27 Libaanos keessatti Israa'el raawwatteen hogganaa duraanii Hezbollaa, Hassan Nasrallaa waliin akka ajjeefaman amanama.

    Kaleessa, osoo reeffi qondaala kanaa gara biyyasaatti hin deebifamiin dura sirni awwaalchaa adda addaa lama Iraaq keessatti raawwatameera.

    Ajajaan IRGC, Esmaa'il Qaani, tajaajila kanarratti argamuun, akkuma TV mootummaa Iraan irratti mul’atutti, bakka inni jiru ilaalchisee oduuwwan naannawaa tureef faalleessan.

    Guuyyaa Jimaataa darbe IRGC reeffa Nilforoushaan argachuu isaanii beeksisee ture. Innis Iraan, magaalaa dhalootasaa kan taattee Isfahaan keessatti akka awwaalamu ejensiin oduu AFP gabaaseera.

  11. Baankiin Biyyaalessaa garaagartummaa gatii bittaafi gurgurtaa sharafa alaa baankilee daldalaarratti qajeelfama baase

    Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa garaagartummaa bittaafi gururtaa sharafa alaarra jiru dhibbentaa lamaa ol akka hin taane ajaje.

    Baankichi qajeelfama baankilee daldalaa biyyattii hundaaf ergeen garaagartuummaan sharafa alaa itti bitamuufi gurguramu gidduu jiru hojimaata idala addunyaa waliin akka walfakkaatu godhamuu qaba jedheera.

    Akka qajeelfama haaraa kanaatti, gatiin baankileen doolara tokko itti bitan birrii 113 yoo ta'e, hangi maallaqaa inni guddaan ittiin gurguran birrii 2.26 qofa ofirratti dabalachuu danda'a.

    Itoophiyaan sirna daldalaa gabaa bilisaan hoogganamu hojiirra oolchuuf erga murteessitee booda gatiin sharafa alaa itti bitamuufi gurgurmau gidduu garaagartummaan birrii 10 olii baankilee daldalaa gidduutti mul'achaa ture.

    Fakkeenyaaf, guyyaa kaleessaa Baankiin Daldalaa Itoophiyaa doolaara tokko birrii 112.3957n bitee birrii 123.6353n gurguraa ture. Garaagartummaan gatii bittaa fi gurgurtaa gabaa kaleessaa gidduu jiru yoo xiqqaate birrii 11 akka ture agarsiisa. Dhibbaantaan gaafa ibsamu ammoo yoo xiqqate dhibbeentaa 10 ol ture jechaadha.

    Baankileen daldalaa biroonis amma dura haalli itti hojjeta tureen kan Baankii Daldalaa waliin walfakkaata.

    Baankiin biyyaalessaa qajeelfama haaraa baaseen baankileen daldalaa hundi gatiisaanii baasanii maxxansuu akka itti fufan, komishinii hojii sharafaaf kaffalchiisanis addatti akka beeksisan ajajeera.

    Baankiileen daldalaa boruu kaasee gatii komishiniifi sharafaa walitti ida'anii hojjechuu akka dhaaban beeksiseera.

    Sirreeffama garaagartumaa bittaafi gurgurtaa gidduu jirus boru irraa kaasee akka sirreessu gaafateera.

    Bankiin daldalaa Itoophiyaa murtee kana har'a hojiirra oolcheera.

    Doolaara tokko birrii 113.1308n bitee birrii 115.3934 akka gurguru beeksiseera

  12. UN naga eegdotasaa Libaanos keessaa akka hin baafne beeksise

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajirri naga eegdotaa Libaanos jiru humnootasaa bakka akka gadhiisu gaaffii Israa'el dhiyeessite kufaa godhe.

    Hogganaan damee bobbii eegdota nageenyaa UN Huwaan Piyeer Lakrooksi Niiw Yoorkitti ibsa gaazexessitootaaf kennaniin murteen naga eegdotasaani achuma Libaanos keessa tursiisuu kan darbe deeggarsa mana maree nageenyaa dhaabbatichaa fi miseensota loltuu gumaachanii argachuu hordofee akka ta'e ibsan.

    Dilbata darbe Ministirrii Muummee Isra'eel Benjaamiin Netaaniyaahuu UN ergamasaa Libaanos jiruufi Unifil jedhamu duula amma gaggessaa jiruuf jecha akka dhisee bahu gaafatnii turan. Achi turuun nagaa eegdota UN booda keessa dahannoo loltoota Hezbollaa ta'a jedhan.

    UN garuu loltootasaa tursiisuuf ejjennoo qabatetti cimeera.

    Hogganaan bobbii nagaaa eegdotaa UN loltootnisaanii mallayyoo cuquliisa qaban gaafatama manni maree nageenyaa UN itti kenneefi namoota nagaa eeguuf qabu bahachuuf achuma turuun isaanii barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.

    Israa'el gama isheen nagaa eegdotni kun naannoo daangaatti ulaa lafa jalaa Hezbollaan ijaara ajiru akkasumas misaayelaafi rookkeettiin iddoo qabachuuf hojiin hojjetaa jiru hin dhaabsifne jechuun qeeqxi. Biyyootni lameen waraana gaggeessan booda waliigalteen waggoota 18 dura mallatteessan akka eegamus gahee hin baane jechuun qeeqxe.

    Unifil tibba kana waraanni Israa'el buufata isaarratti haleellaa raawwachuufi loltoota shanis miidhuu gabaaseera.

  13. Haleellaa qilleensarraan kaaba Libaanos iddoo Kiristaanonni baayyinaan keessa jiraatanitti raawwateen 21 du'an

    Haleellaa Israa'el qilleensarraan kaaba Libaanos gandoota hordoftoonni amantii Kiristaanaa baayyinaan keessa jiraatan irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 21 ajjeefamuu fi saddeet madaa'uu ministeerri fayyaa Libaanos ibse.

    Kutaan kaaba Libaanos haleellaa Israa'eliin miidhame kun kibba biyyattii bakka loltoonni Israa'el hidhattoota Hezboollaa haleelaa jiran irraa baayyee fagoodha.

    Lammiileen Libaanos kibba irraa haleellaa Israa'eliin qe'eesaanii gadhiisanii baqatan bakka kana jiraatu.

    Humni waraanaa Israa'el waa'ee haleellaa kanaarratti homa ahin jenne.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu garuu ''Beeruut dabalatee iddoo Hezboollaan jiru hundumaa ni haleella,'' jechuun dhaadateera.

    ''Tarkaanfiin hunduu akkaataa adeemsa oppireeshinii eegalameen fudhatama. Kana tarkaanfiiwwan gidduu kana fudhachaa jirruun mirkaneessineerra. Fuulduraafisa tarkaanfii akkanaa fudhachuu itti fufna,'' jedhe.

    Aab Neetaniyaahuun wayita buufata waraanaa kaaba biyyattii jiru daawwate kana dubbate.

    Bakka kanatti Dilbata darbe haleellaan diroonii Hezboollaan raawwate loltoota Israa'el afur ajjeesee, hedduu madeesse.

    Humni waraanaa Israa'el waa'ee diroonii humna qilleensaa akkaan ammayyaawaa ta'e weeraree kana xiyyeeffannaan qorachaa akka jiru ibse.

    Gareen degegarsa Iraan qabu- Hezboollaan, haleellaa diroonii raawwate kanaan iddoo leenjii loltoota Israa'el- Golani Brigade jedhamu kan magaalaa Biniyaamiinaa keessatti argamurraan miidhaa geessiseera.

    Erga waraanni Gaazaa keessatti eegalee booda haleellaa Israa'el fi Hezboollaa gidduutti waggoota tokkoo oliif raawwate keessatti haleellaan diroonii Hezboollaan amma raawwate kun isa hamaadha jedhameera.

    Hezboollaan akka jedhutti haleellaan diroonii kun haleellaa Israa'el Libaanos keessatti raawwataa jirtuuf deebii kennuuf raawwatame.

    Ji'oota darban haleellaa Israa'el Libaanos keessatti raawwataa jirtuun lubbuun namoota 1,700 darbeera.

  14. Indiyaafi Kaanaadaan dippilomaatota olaanoo himannaa ajjeechaatiin ari'atan

    Indiyaa fi Kaanaadaan sababiin waldhabdeen ajjeechaa bara darbe Kaanaadaatti nama foxoquu leellisu tokko irratti raawwateen walqabatee cimaa dhufeen ergamtoota isaanii olaanoo dippilomaatota biroo waliin ari’aniiru.

    MM Kaanaadaa Jastin Tirudo akka jedhanitti, mootummaansaanii deebii kan kenne erga poolisiin himannaa amanamaa ergamtoonni Indii ajjeechaa Hardeep Singh Nijjar keessatti kallattiin hirmaatan jedhu hordofuu jalqabee booda.

    Poolisiin Kaanaadaa ergamtoonni Indii "ajjeechaa, saamichaa fi gocha jeequmsaa" keessatti hirmaachuu fi deeggartoota sochii Khalistan-lelliisan, kan Indii keessatti Siiks'f biyya walaaa barbaadu irratti xiyyeeffachuu isaanii himate.

    Delhiin himannaa kana ''waan hin taane'' jechuun kuffisuun, Tirudeen bu’aa siyaasaa argachuuf hawaasa Sikh guddaa Kanaadaa keessaa gammacha jechuun himatte.

    Dureen Kaanaadaa Turuundeen Wiixata waaree booda kallattiidhaan TV irratti haasaa taasisaniin, Indiyaan Kaanaadaa keessatti gochaa ''yakkaa deeggaruudhaan dogongora'' raawwatteetti, mootummaansaanii bu'aa qorannoo irratti deebii kennuu qabu jedhan.

    ''Ragaaleen Tajaajila Poolisii biyyaaleessa Kaanaadaa, Poolisii Maawuntiid Kaanaadaa Rooyaal'n ifa taasifaman kan bira darbamu hin qabaatu'' jedhan MM Kaanaadaa kun.

    "Innis gara dhuma tokkootti na geessa, kunis sochii yakkaa nageenya ummata Kaanaadaa keessaatti yaaddoo ta'u itti fufee dhaabuun barbaachiisaadha. Kanaafiidhas kan tarkaanfii fudhanne.''

    Indiyaan himannaawwan hundaa cimsiitee kan haalte yoo ta'u, Kaanaadaan himannaashee deeggaruudhaaf ragaa omaatuu hin qabdu jetti.

    Erga Minisitrri Mummee Kanaadaan ragaa amanamaa ergamtoota Indii ajjeechaa Nijjar waliin walqabsiisu qabdi jedhanii booda hariiroon Delhii fi Otaawaa gidduu jiru boora'aa dhufeera.