Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Libaanos haleellaa hospitaala Beeruti biraatti raawwatameen hedduun ajjeeffaman jette

Haleellaa Israa'el magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessatti raawwatteen namoonni lama ajjeeffamanii yoo xinnaate sadi ammoo madaa'aniiru.

Guduunfaa

  • Yaahiyaa Sinwaan ajjeeffame jechuun waraanni Gaazaa dhume jechuun miti- Netaaniyaahuu.
  • Yaahiyaa Sinwaar qondaaltoota Hamaas haleellaa Onkololeessa 7, 2023 duuba turan jedhaman keessaa tokkoodha.
  • Hogganaan Hamaas Yaahiyaa Sinwaar ajjeeffamuu Israa'el mirkanneessite.
  • US Israa'el kaaba Gaazaatti ''imaammata beela akka meeshaa waraanaatti fayyadmuu'' akka itti hin fufneef hordofaan jira jette
  • Iraan Israa'el yoo haleellaa raawwatte ammas 'hammeessitee' akka rukuttu dubbatte
  • Israa'el Sooriyaa haleeluun nama madeessuu miidiyaa mootummaa hime
  • UN haleellaa qilleensaa Israa'el Libaanositti kantiibaa dabalatee namoota 15 galaafate balaaleffate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biyyoonni lixaa du'a Sinwaar dhukaasa dhaabuu abdatu garuu waraanni dhaabbachuun hin mulatu

    Israa’eloonni, Filisxeemonni Gaazaa fi hoggantoonni addunyaa ammallee Israa’el hogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaar ajjeesuunshee rakkoo baha jiddugaleessaa keessatti uumameef maal jechuu akka ta’e adda baasuuf yaalaa jiru.

    UK, US fi Jarmaniin du’a isaa akka gufuun ijoo dhukaasa dhaabuu Gaazaa galmaan ga’uu buqqifameetti ibsan.

    Joo Baayiden battalumatti akkuma ilaalcha lammiilee Filisxeem hedduun dhageeffameetti, xumurri waraana kanaa ammallee akka hin mul'anne amanan. Garuu ammoo, pirezidaantiin Ameerikaa waraana Libaanositti xumura gochuun ni danda’ama jedhan.

    Hamaas, Hezbollaa fi Iraan ajjeechaa Sinwaar irratti deebii wayita kennaniitti tokkummaan dhaabachu kaasuudhaan, du'a Sinwaar “wareegama” jechuun ibsan.

    Akkasumas ''Filisxeem hanga bilisa baatuutti'' lollichi akka hin dhaabbanne akeekkachiisan.

    Garuu Libaanos keessatti Teraan waliin qaawuu kan umamee fakkaata. Tehraan biyyi deeggaraa olaanaa maallaqaa fi waraanaa Hezbollaa taate murtee UN 1701, kan waldhabdee dhumaa garee waraana fi Israa’el gidduutti bara 2006tti xumure, irratti ofiin Faransaay waliin mari’achuuf erga yaada dhiheessitee booda “giddu-galummaadhaan ifatti” himatamte.

    Bakka kamiittu qaamni waraanaa Israa’el Cogat, kan gargaarsa namoomaa gara Gaazaatti qaxxaamuruu to'atu, konkolaattonni fe’umsaa kudhanootaan lakkaa’aman “nyaata, bishaan, meeshaalee yaalaa fi meeshaalee dahoof tajaajilan” fe’anii Jimaata kaleessaa kaaba Gaazaa seenaniiru jedhe.

    Yeroo muraasa booda ammoo ministirri Israa'el Amiichaayi Chiklii BBC'tti akka himanitti, Israa'el kaaba Gaazaa irratti uggura kaa'uun, kaampii baqattootaa Jabalia dabalatee, dhiyeessiin naannoo sana akka hin geenye dhorkite.

    Humnoonni Israa’el gara torban lamaaf naannicha keessa duula cimaa lubbuu namaa galaafatugaggeessaa turan.

  2. Tamsaasa keenya kallattii eegalleerra

    Ahsmaa Hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hudnatti.

    Tamsaasa keenya kan Sambta har'aa kunoo amma eegalleera.

    Olmaa garii qabaadhaa!

  3. ‘Eenyullee du'a Sinwariif gadduu hin qabu' -Staarmar

    Ministirri Mummee UK Kiir Isaarma, ''namni kamiyyuu du'a hogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaariif gadduu hin qabu'' jedhan.

    Barliin keessatti haasaa kan taasisan Staarmar akkas jedhan: "Dhiigni lammiilee israa'el nagaa, kanneen Onkoloolessa 7 fi shororkeessummaa waggoota dheeraatii ajjeeffamanii harkasaarra jira. Akkasumas dhiigni ummata Filisxeem kanneen jeequmsaa fi goolii inni kaaseefi itti gammadun keessatti rakkatanii harkasaa irraa jira."

    Bal'inaan, Staarmar mirga ofi- ittisuu Israa'el deeggaruu ittina fufa garuu ammoo, ''furmaanni waraanaa hin jiru, deebiinsaa dippilomaasiidha'' jedha.

    "Amma yeroo kana akka gaariitti fayyadamuu qabna... Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu, booji'amtoota hunda hatattamaa fi haal-duree tokko malee gadhiifamuu, gargaarsa namoomaa hatattamaan argachuufi daandii gara furmaata mootummoota lamaaniitti deebi'uudha," jedha Staarmar.

    Israa'eliif akeekkachiisuudhaanis, "addunyaan gargaarsa namoomaa irratti kana booda hin obsitu" jedhu. Ejensiin Gargaarsaa fi Hojii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (Unrwa) hojii saanii akka itti fufu hayyamamuu qabas jedhan.

  4. Waraanni Israa'el suuraalee dabalataa bakka Sinwaar dhokatee tureeirratti sakatta'iinsa raawwate gadhiise

    Waraanni Israa’el suuraalee diroonii haaraa kan yeroo loltoonnisaa gamoo Yaahiyaa Sinwaar keessa ture, kan naannawa Tal El Sultan Raafaatti argamu fi bakka inni itti ajjeefame irratti xiyyeeffatan agarsiisu gadhiiseera.

    Humni ittisaa Israa'el (IDF) yeroo du'a Sinwaar dura turan irratti odeeffannoo dabalataa kan kenne yoo ta'u, loltoonni Israa'el naannoo sana erga sakatta'anii booda garee "shororkeessitoota" isaanitiin "boombii itti darbannaan" rasaasa itti dhukaasan jedheera.

    Loltoonni Israa'el gamoowwan "shororkeessitoonni" itti baqachuuf yaalan irratti dhukaasa banan jechuudhaan dabaltaan ibse.

    ''Loltoonni ganama ittaanu yeroo sakkata'iinsa gaggeessaniitti reeffi hogganaa Hamaas, Yaahiyaa Sinwaar adda baafameera,'' jedha wanaanni Israa'el ibsa isaa kanaan.

    IDFn meeshaalee waraanaa lakkoofsisaanii hin ibsamnes akka argate dubbata.

  5. Xaaliyaanii fi Libaanos 'waraana dura furmaanni dippilomaasii dhufuu akka qabu' walii galan

    Ministirri Muummee Xaaliyaan Joorjiyaa Melooniin, Ministira Muummee Libaanos Naajib Mikaatii waliin wal arguuf magaalaa guddoo Libaanos Beeruut keessatti argamanii jiru.

    Mikaatiin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, lamaan isaaniitu waldhabdee kibba Libaanos irratti mari’achuudhaan “furmaanni dippilomaasii waraana, jeequmsaa fi badiisa dura dhufuu akka qabu, akkasumas dursa kutannoo guutuu Israa’el dhukaasa dhaabuuf galteen akka bakka bu’uu” waliigalaniiru.

    Mikaatiin akka jedhanitti, dhukaasaa dhaabun dhimma hunda caalaa xiyyeeffannoo aragchuu qabu akka ta'e gutasaaniiJoorjiyaa Melooniif mirkaneesssuu ibsan.

    Buufataalee humna yeroo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Libaanos (Unifil) ta'an irratti xiyyeeffachuun ''fudhatama kan hin qabneedha'' erga jedhaniinbooda, irra deebi'iin ergamni nagaa eegsisuu ''cimuu qaba'' jedhan.

    Israa’el weerara lafoo waraanshee kibba Libaanoos keessatti taasiste hordofuun ji’a kana keessa loltoonni nagaa eegdota Unifil shan erga madaa’anii booda bal’inaan qeeqamaa jirti.

    Humnoonni Israa’elis nagaa eegsisan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii eddiiwwansaanii akka gadhiisan gaafataa turan.

  6. Baayidan Libaanositti dhukaasa dhaabuun ni danda'ama, garuu waraanni Gaazaa cimaadha jedhan

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, Libaanoos keessatti dhukaasa dhaabuudhaaf hojjachuun ni danda'ama, garuu Gaazaa keessatti dhugomsuun cimaa ta'a jedhan.

    Baayidan yaada kana kan dubbatan daawwannaa guyyaa tokkoof Barliiniitti taasisaniin wayita Chaansilara Jarman Olaaf Scholz, pirezdantii Faransaay Emaanu'eel Maakroon fi Ministira Mummee Biriteen Kiir Staarmar waliin mari'ataniitti.

    Haleellaa misaa'elaa Iraan Israa’el irratti raawwatteef akkamittii fi yoom deebii akka kennitu irratti hubannoo yoo qabaataniif gaazexessitootaan kan gaafataman Joo Baayidan, eeyyee qaba jechuun deebisanii garuu kana caalaa bal’inaan osoo hin ibsine darban.

    Iraan Onkoloolessa 1 misaa’ela balistikii 200tti ta'an gara Israa’elitti dhukaaftei. Misaa'eloonni sunis irra caalaan isaanii rukutamanii kufuu waraanni Israa'el ibsunsaa ni yaadatama.

  7. 'Filisxeem hanga bilisa baatutti qabsoon keenya itti fufa' - Hamas

    Hogganaansaa kan jalaa ajjeefame Hamaas, hanga bilisummaatti qabsoo ittan fufa jedhe.

    Dameen waraanaa Hamaas Birgeedin al-Qasiim ibsa har'a baasen, "Filisxeem hanga bilisoomtutti qabsoon akka itti fufu beeksise.

    Deemsa qabsoorratti gatii qaalii kaffaluun akka nama mudatu kan eere dameen waraanaa Hamaas kun, qabsoo isaa keessattis gaggeessitoonnis loltoonnisaa "aarsaa" ta'uuf qophii ta'uu beeksise.

    "Diinaf harka hin laannu" kan jedhe Birgeedin al-Qasiim "hanga Filisxeem bilisoomtutti" qabsoo akka hin dhaabne ibse.

    Israa'el wajjiin lolatti kan jiru Hezbollanis Yaahiyaa Siinwaar du'uuttu baay'ee akka gadde ibsuun "deeggarsa uummata keenya Filisxeemif goonu itti fufna" jedhe.

  8. Waraanni Israa’el miseensota Hezbollaa 1,500 ajjeesuu ibse

    Waraanni Israa’el erga waldhabdeen garee hidhattootaa kana kana waliin qabu hammaatee as loltoota Hezbollaa gara 1,500 ajjeesuu ibse.

    Barreeffama toora X irratti barreesseen, Letanat Jeneraal Heerzi Haalevii tilmaamni lakkoofsa namoota ajjeefamanii kanneen finxaaleeyyii (conservative) akka ta'e ibsuun, "hanga danda'ametti Hezbollaa rukutuuf baay'ee kutannee jirra" jedhan itti dabaluun.

    Gama biraatiin ammoo Hezbollaan Kaabaa Israa’ee Saafeed keessatti walakkeessa guyyaatti loltoota Israa'el irratti dirooniiwwan ''squadron of swoop'' jedhaman dhukaasuun ''kaan ajjeessuun hedduu madeessuu'' hime.

    Haata’u malee BBC dhimma kana madda walabaa irraa addatti hin mirkaneessine.

  9. Taatee daangaa Joordaan booda loltoonni Israa’el lama madaa’uu IDF beeksiseera

    Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) taatee namoota qawwee qaban lama Joordaan irraa gara biyyaattiitti qaxxaamuran ajjeesan irratti odeeffannoo haaraa kenneera.

    Akkuma kana dura gabaasne, IDF qabsaa'ota "akka tasgabba’an" godheera jechuun nama sadaffaa bakka sanaa baqate kibba Galaana Du'aa (Deed Sea) irra barbaadaa akka jiran dubbateera.

    Odeeffannoo dhiheenya kana baaseeniin IDF akka jedhutti, loltoonni lamaan ''daangaa irraan meetira muraasa qaxxaamuranii'' dhukaasa Israa'eliin osoo hin ajjeefamiin dura dhukaasa bananiiru.

    Yeroo lola kanaatti miseensonni waraana Israa'el lama, loltuu tokkoo fi khumni eeggataa tokko haala "salphaa" ta'eefi "giddu galeessa" ta’een madaa'aniiru.

    Loltoonni lamaan kunneneis ammatti wal'aansaaf gara hospitaalaatti geeffamaniiru jedha waraanni Israa'el

  10. Hogganaan Hamaas du'uunsaa "qabsoo finiinsa" jette Iraan

    Ajjeefamuun hogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaar erga kaleessa dhagahamee booda Iraan amma dhimmicharratti dubbatte.

    Yaahiyyaa Sinwaar dhiira du'a osoo hin sodaatiin hanga dhumaatti gootummaan falmateedha," jechuudhaan ministiirri dhimma aalaa Iraan, Saayid Abbaas fuula X isaanii gubbatti barreessudhan Yaahiyaa Sinwaar jajan.

    Suura reeffa Siinwaar kan [huccuu lolaa fi hidhannoo godhatee jiru] eeruun "qabsaa'ota naannichaa Filisxeem ta'anii fi kaanifis mallattoo qabsoo fi cichoominaati" jedhan.

    Dabaluunis, "kaayyoon qabsoo Filsixeem bilisa baasuu yeroo kamuu caalaa amma dadammaqee jira" jedhan ministiirri dhimma alaa Iraan saayid Abbas.

  11. Amma nu gahe, Qondaalli hamaas olaanoon du'a Yaahiyaa Sinwaar mirkanneessan

    Qondaallii olaanaan Hamaas du'a hogganaa gareessaanii Yaahiyaa Sinwaar mirkanneessan.

    Kaaliid al-Haayaa ibsa karaa viidiyootiin kennaniin ''Yaahiyaan qabsoorratti du'eera'' jedhan. Itti dabaluudhaanis duuti Yaahiyaa Sinwar garichaaf ciminadha jedhan.

    Qondaalli Hamaas kun ibsa kennaniin, gareen kun hawwii ummata Fiisxeem galmaan ga’uuf daandiisaa itti fufa kan jedhu yoo ta’u, du’i Sinwaar garee kana cimsuu malee hin dadhabsiisu jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, hanga weerarri Gaazaa irratti raawwatame dhaabbatuu fi humnoonni Israa’el Gaazaa keessa jiran guutummaatti ba’aniitti booji’amtoonni Israa’el akka hin deebifamne dubbatan.

    Al-Haayaan hogganaa Hammaas Sinwaaritti aanuudhaan qondaalaa olaanaa garichaati.

  12. Baayiidaniifi Schoolziin du'a Sirwaan akka yeroo jijjiramaatti ilaalan

    Duuti hogganaa Hamaas Yaahiya Sinwaar ''yeroo haqaa'' bakka bu'a jedhu preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan.

    Baayidan kana kan dubbatan Chaansilara Jarman Olaaf Schoolz waliin Barliin keessatti yeroo mariyatanitti.

    Baayidan Sinwaar dhiiga lammiilee Ameerikaa, Israa’eel, Filisxeem, Jarmanii fi kanneen biroo hedduu harka isaa irraa qaba yoo jedhan, hoggantoonni lamaanuu duutisaa carraa akka kennu waliigalan.

    Schoolz akka jedhanitti, kufaatiin Sinwaar ''abdii qabatamaa dhukaasa dhaabuu Gaazaa fi waliigaltee booji'amtoota Hamaas gadhiisuuf'' akka ta'u abdii qaba jedhan.

    Baayidan ministira muummee Israa'elitti akka himan dubbataniiru: "Carraa kanas daandii nagaa barbaaduuf haa fayyadamnu, kunis egeree fooyya'aa Gaazaa Hamaas malee."

    Baayidan turtiisaanii Barliin keessatti ministira mummee UK Kiir Staarmar fi kan Faransaay Emaanu'eel Maakroon waliin ni mari'atu. Akkasumas taateewwan Baha Giddu Galeessaa keessatti raawwatamaniifi waraana Raashiyaan Yukireen keessatti raawwattu irratti ni mari'atu jedhamee eegama.

    Baayidan gaazexeessitootatti akka himanitti, biyyoonni lixaa qabsoo lubbuun jiraachuuf yukireen taasisaa jirtu keessatti deeggarsasaanii akka itti fufaniif kan himan yoo ta’u, deeggarsa waraana Yukireen “dabaluu” fi bu’uuraalee misoomaashee barbadaa’an cimsuuf gargaarsa dabalataa ta'u akka qabu dubbatan.

  13. Ajjeechaan dureewwan keenyaa "sochii keenya hin dhaabu" - qondaala Hamaas

    Qondaalli olaanaan Hamaas dureewwan garichaa ajjeessuun ''garicha hin balleessuu'' jechuun dubbatan. Qondaalli Hamaas kun garuu waa'ee ajjeefamuu Yaahiyaa Siinwaar osoo hin mirkaneessin bira taran.

    Miseensi Biiroo Siyaasaa Hamaas, Baaseem Nayaim ibsa baasaniin, "Israa'el hoggantoota keenya ajjeesuudhaan sochii keenyaa fi qabsoo uummata Filisxeem xumuruu jechuudhaan waan amantu fakkaata," jedhan.

    Naayim itti fufuudhaan, Israa’el waan kana fakkaatu yoo dubbattu kan yeroo jalqabaa miti. Ajjeechaa hoggantoota Hamaas duraanii eeruudhaan isaanis dhaloota dhufuuf “mallattoo” ta’an jechuun dubbata.

    Itti fufuun Hamaas sochii bilisummaa “kan dhabamsiifamuu hin dandeenyeedha” jechuun, garee kunis hireensaa “injifannoo yookaan wareegamadha” jedhee amana jedhan.

    "Eeyyee dhugaadha namoota jaallatamoo, keessattuu hoggantoota ajaa'ibsiisoo ta’an keenya dhabuun baay’ee nama dhukkubsa, namas aarsa,” jechuudhaan, “haata'u malee, wanti nuti mirkaneeffannu dhumarratti injifannoo akka argannudha; kunis bu'aa namoota bilisummaasaaniif qabsaa’an hundaafiidha.''

  14. Libaanos Iraan 'dhimmakoo keessa seente' jechuun himatte

    Himannaan akkanaa Libaanosii fi Iraan gidduutti waan baratame miti.

    Ministirri Muummee Libaanos Najiib Mikaatii haala hin eegamneen Iraan dhimma biyyasaanii keessa seenuu qeeqan.

    Kan isaan mufachiise ammoo haasaa Afa-yaa'iin paarlaamaa Iraan waa'ee kibba Libaanos irratti taasise ta'uu ibsan.

    Afa-yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohammad Baqer Qalibaf Labsii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii- UN Resolution 1701 jedhamurratti Faransaay waliin mari'achuuf yaada kaa'e.

    Waraanni Israa'el fi Hezboollaa bara 2006 akka goolabamu seera UN kanatu gargaare.

    Ergasii UN nageenyi lammiilee Libaanos akka mirkanaa'u haala mijeessuuf dirqamni itti kenname.

    Aab Mikaatiin dubbii Iraan irraa dhagahame kana ''akka itti hin taanetti dhimma Libaanos keessa seenuudha,'' jechuun balaaleffatan.

    ''Waardiyyummaa fudhatama hin qabne lammiilee Libaanosiif dhaabbachuuf yaaluudha,'' jechuun yaada Iraan qeeqan.

    Kibba Libaanos keessatti bal'inaan socho'uunsaa kan himamu Hezboollaan Libaanos keessatti ergama Iraan akka raawwatutti ilaalama.

    Ammoo deeggarsa meeshaalee waraanaa fi maallaqaa hunda Iraan irraa argata.

    Kun ammoo paarlaamaa Iraan keessatti deeggarsa guddaa qaba. Haala kanaan Iraan mootummaa Libaanos irratti dhiibbaa guddaa uumti.

    Afya-yaa'iin paarlaamaa Iraan Qalibaf dhuma torban darbee Libaanos ture. Ministira muummee Libaanos waliinis walargeera.

    Aab Mikaatiinis bakka ambaasaaddarri Iraan hin jirretti namni bakka bu'e dhihaachuun yaada kana akka ifa godhu gaafatanii akka turan ibsan.

    Mariin labsii 1701 irratti gaggeeffamu kamiyyuu karaa mootummaa fi biyya Libaanos ta'uu qabas jedhan.

  15. MM Israa'el Netaaniyaahuun walgahii nageenyaa waamuuf jiru

    Miidiyaaleen Israa’el, ajjeechaa hogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaar hordofuun, ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun har’a gara boodaa walgahii nageenyaa waamuf akka jiran gabaasaa jiru.

    Walgahiin kunis sa'aatii akka biyyaatti sa'aa 13:00tti (11:00 BST) irratti waajjira muummee waraana biyyattii kan Kirya Teel Aviiv keessatti akka gaggeeffamu himammaa jira.

    Ministiroonni mootummaa fi qondaaltonni nageenyaa marii waliigaltee booji’amtootaa ittiin hiiksiisuu ta'u danda'a jedhameerrattii akka xiyyeeffatan gabaasaaleen dabaluun kaasaa jiru.

  16. Israa'eloonni Netaaniyaahuun waliigaltee magaa gochuun booji'amtoota akka oolchuuf akka dhiibbaa taasian gaafatan

    Israa’el erga kaleessa du’a Yaahiyaa Sinwaar labsiteen booda maatiin booji’amtoota 101 kanneen Hamaasiin fudhatamuun ammalleen Gaazaa keessatti hafanii, Teel Aviiv keessatti walitti qabaman.

    Miseensoonni maatii kunneenis waggaa darbeef bakka sanatti hiriira gochuun, mootummaan Israa'el firootasaanii gara manaatti debiisuuf marii haaraa akka jalqabu gaafachaa turan.

    Einav Zangauker, kan ilmisaa Maataan Zaangauker booji'amuun Gaazaatti argamus bakka hiriiraa sanatti argamuun, MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu: "namoota booji'aman hin awwaalinaa" jechuun gaafattee jirti.

    ''Amma ummatatti gadi bahiitii mari'adhu, kaka'umsa Israa'el haaraa kaa'i'' jette.

    "Ilmakoo Maataaniifi booji'amtoota gara biraa ammalleen ulaa lafa jalaa keessa jiraniif yeroonsaa baayyee deemaa jira. Ati suuraawwan injifannoo qabda. Marii eegali!'' jechuun gaaffatte.

    "Netaaniyaahuun yoo yeroo kanatti hin fayyadamuun kan mariidhaaf kaka'umsa haaraa hin eegallee ta'e, waraanaa dhaabuu yoo a'elleen,

    "Netaaniyaahuun yeroo kanatti fayyadamee amma ka'ee jalqabbii haaraa Israa'el lafa kaa'uu baannaan, baasii waraana kana xumuruufis ta'e, waraana kana dheeressuuf carraaqqii gochuun namoota booji'aman gatuudhaan bulchiinsa isaa jabeessuuf murteesseera jechuudha.

    "Hanga boojii'amtoonni hundi gara manasaaniitti deebi'utti abdii hin kutannu."

  17. IDF loltoota Joordaan irraa gara Israa'eliitti ce'an ajjeefne jedhe

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) loltoota lama kan Joordaan irraa gara daangaa biyyattiitti seenan ajjeessuu beeksiise.

    Waraanni Israa'el ibsa gabaabaa afaan Ibrootaatiin toorasaa X irratti maxxanfameen, kibba 'Deed Sii' irraa "shororkeessitoota hedduu adda baaseera" jedha.

    Loltoonni Israa'el gara naannoo sanaatti ergamuun loltoota kannen ''dhabamsiisaniiru'' jedha. Raayyaan ittisa Waraanaa ammas naannichatti sakatta’iinsa dabalataa gaggeessaa jiraachuu ibseera.

  18. Aanga'oonni gameeyyiin Hamaas ajjeefaman hunduu bakka buufamaniiru- Lammiilee Filisxeem

    Ajjeefamuun hoogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaar garee kanaaf kufaatii guddaa ta'us, lammiileen Filisxeem Gaazaa keessatti yaadasaanii kennan garuu hooggantoonni Hamaas kaan yoo ajjeefaman kaan bakka bu'aa yoona ga'an jedhan.

    Kanaafuu hoogganaa kana ajjeesuun waraanni Israa'el fi Filisxeem waggoota kurnaan lakkaa'amaniif gaggeeffamaa ture xumurame jechuu akka hin taane ibsan.

    Diinummaan naannawa kana keessatti babal'ateera. Ajjeechaa Sinwaar irratti Iraan yaada kenniteen ''miirri diddaa cimee itti fufa'' jette.

    Gareen Libaanos keessa socho'u, Hezboollaan Israa'el irratti waraana cimsuun haaloo ba'uuf dhaadateera.

  19. Biyyoota kam fa'aatu Raashiyaaf meeshaalee waraanaa dhiyeessa?

    Rashiyaan waraanaa waggaa lamaaf Yukireen waliin gaggeessituuf waggaa waggaadhaan meeshaalee waraanaa gosa hedduu miliyoona hedduun lakkaa'aman gara adda waraanaatti ergiti.

    Dhukaatuwwaniifi rasaasni kunneen hedduunsaanii kan biyyoota michuushee ta'an irraa argaman ta'utu himama.

    Biyyoonni lixaa dandeettii waraanaa Raashiyaa dadhabsiisuuf yaaluudhaan Raashiyaarra qoqqobbii kaa'anis, Chaayinaa, Iraaniifi Kooriyaan Kaabaa fa'i Raashiyaaf deeggara meeshaa waraanaa taasisuun deeggaraa akka jiran himama.

  20. Dhaabbanni gargaarsaa haleellaa Gaazaatti mana barumsaa dahootti jijjiirame irratti raawwatame balaaleffate

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaan Filisxeemota Gaazaa keessaa gargaaru haleellaa qilleensaa Israa’el mana barumsaa kaaba naannichaatti dahoo baqattoota Jabaliyaa ta'erratti raawwatte balaaleffate.

    Itti aanaan daayreektaraa dhaabbata Unrwa Saam Rooz sagantaa BBC Today jedhamutti akka himanitti,haleellaa naannoo dubartootaa fi daa'imman keessatti dahataniitti raawwatame kanaan namoonni 28 lubbuu dhabaniiru.

    Waraanni Israa’el ibsa kenneen, haleellichi hidhattoota garee Hamaas fi garee Islaama Jihaad, kanneen Mana Barumsaa Abbuu Huseen keessa socho’an irratti xiyyeeffate jedhe.

    Rooz akka jettutti Israa'el "bakka itti deeman waan hin jirreef" namoota nagaa eeguudhaaf Israa'el kana caalaa gochuu qabdi, kunis taateewwan manneen barnootaa Unwra irratti xiyyeeffatan keessaa isa tokkodha jedhan.

    Hidhattoonni Hamaas gamoo mana barumsichaatti fayyadamaa jiru yoo ta'eef gaafatamanii, "dogoggorri lama sirrii hin taasisu" jechuudhaan falmuun, waan ta'e irratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafateera.