Biyyoonni lixaa du'a Sinwaar dhukaasa dhaabuu abdatu garuu waraanni dhaabbachuun hin mulatu
Israa’eloonni, Filisxeemonni Gaazaa fi hoggantoonni addunyaa ammallee Israa’el hogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaar ajjeesuunshee rakkoo baha jiddugaleessaa keessatti uumameef maal jechuu akka ta’e adda baasuuf yaalaa jiru.
UK, US fi Jarmaniin du’a isaa akka gufuun ijoo dhukaasa dhaabuu Gaazaa galmaan ga’uu buqqifameetti ibsan.
Joo Baayiden battalumatti akkuma ilaalcha lammiilee Filisxeem hedduun dhageeffameetti, xumurri waraana kanaa ammallee akka hin mul'anne amanan. Garuu ammoo, pirezidaantiin Ameerikaa waraana Libaanositti xumura gochuun ni danda’ama jedhan.
Hamaas, Hezbollaa fi Iraan ajjeechaa Sinwaar irratti deebii wayita kennaniitti tokkummaan dhaabachu kaasuudhaan, du'a Sinwaar “wareegama” jechuun ibsan.
Akkasumas ''Filisxeem hanga bilisa baatuutti'' lollichi akka hin dhaabbanne akeekkachiisan.
Garuu Libaanos keessatti Teraan waliin qaawuu kan umamee fakkaata. Tehraan biyyi deeggaraa olaanaa maallaqaa fi waraanaa Hezbollaa taate murtee UN 1701, kan waldhabdee dhumaa garee waraana fi Israa’el gidduutti bara 2006tti xumure, irratti ofiin Faransaay waliin mari’achuuf erga yaada dhiheessitee booda “giddu-galummaadhaan ifatti” himatamte.
Bakka kamiittu qaamni waraanaa Israa’el Cogat, kan gargaarsa namoomaa gara Gaazaatti qaxxaamuruu to'atu, konkolaattonni fe’umsaa kudhanootaan lakkaa’aman “nyaata, bishaan, meeshaalee yaalaa fi meeshaalee dahoof tajaajilan” fe’anii Jimaata kaleessaa kaaba Gaazaa seenaniiru jedhe.
Yeroo muraasa booda ammoo ministirri Israa'el Amiichaayi Chiklii BBC'tti akka himanitti, Israa'el kaaba Gaazaa irratti uggura kaa'uun, kaampii baqattootaa Jabalia dabalatee, dhiyeessiin naannoo sana akka hin geenye dhorkite.
Humnoonni Israa’el gara torban lamaaf naannicha keessa duula cimaa lubbuu namaa galaafatugaggeessaa turan.