Tiraamp waraana addunyaa gurguddoo lamaan akkatti dhaabsisu timaamuun rakkisaa dha

Madda suuraa, Getty Images
Donaaldi Tiraamp waraana nan dhaaba jechuun filata garuu waraana addunyaa lama yeroo inni aangoorra ture hin turetti bahuuf jedha.
Weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteefi waraana Israa'el Baha Giddugaaa irrati adeemsisaa jirtu.
Gama biraan ammoo Koriyaan Kaabaa sagantaa niwukilaaraa fi baalaastikii itti jabeessaa jirti, Chaayinaan michuu Ameerikaa Taayiwaaniin qabachuuf baaaduunis waan biraa dha.
Tiraamp rakkoo kutaa 2.0'n dhiyaateef kana akkamiin bahataa waan jedhu tilmaamuun rakkisaa dha. Keesumaa jeneraalota isaa duraanii muuxannoo gaarii qaban of biratti otoo hin hiriirsisiin.
Tahus tarkaanfiin fudhachuu danda'u tilmaamuuf rakkisuun isaa waan bu'aa qabu tahuu mala- diinoti maaltu akka tahuuf deemu otoo hin beekiin tursa.
Puutiiniin dhimma Yukireen irrati gara waliigaltee fiduu danda'a? Kiim Joog Uun gara mariitti deebisee fidaa? Beejiing aayiwaan deebistee fidhachuuurraa dhaabuu danda'aa? Iraan milishaa ishee akka dhaabsiftu gochuun haleellaa Isaa'el Ameerikaan deeggaramtee niwukilaaraa Iraan haleeluu irraa ittisuu danda'a?
Dhaaddannoon Tiraamp yeroo duraan aangoorraa ture deebi'anii dhufuu ture, tilmaamaafis rakkisaa ture.
















