Tiraampi kaabinoota haaraa muuduun Waayit Haawusiif of qopheessaa jiru

Filannoo Ameerikaa: Doonaaldi Tiraampi Filooriidaa iddoo mana jireenyaa isaanii irraa kaabinota haaraa muuda ajiru. Ministirri Dhimma Biyya Keessaa baqattoota seeraan alaa biyyaa baasa jedhan muudaniiru

Guduunfaa

  • Kaataar qooda jaarsummaa Israa'el fi Hamaas gidduu qabdu addaan kutte
  • Ji'a kana Raashiyaan baay'ee miidhamte - UK
  • Gaazaa keessatti kan du'e harki 70 dubartootaafi ijoolleedha - UN
  • Ameerikaan shira Iraaniin nama Tiraampiin ajjeesuuf ture himatte
  • Waayit Haawus akka hoggantuuf dubartiin Tiraamp muudan eenyu?
  • Tiraampi filannoo injifachuufi yaalii ajjeechaarraa oluusaaf 'goota' - Puutiin
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp sagalee kennanii ''miira ofitti amanamummaan qaba,'' jedhan

    Tiraamp fi Melaaniyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Donaaldi Tiraamp Filooriidaa iddoo Paam Biich jedhamutti sagalee kennuun boodaa gaazexeessitoota dubbatan.

    Haati warraasaanii Melaaniyaan illee waliin sagalee kenniteetti.

    Tiraamp yeroo sagalee kennaa turanittii ''miira ofitti amanamummaan qaba,'' jedhan.

    Kofiyyaa diimaa ittiin beekaman keewwachuun, ''miira ofitti amanamummaan qaba, Rippaabilikaanoti humnaan bahaniiru,'' jedhan.

    Tiraamp hiriira dheeraa arguu isaanittii ''kabajni'' itti dhagahamuus dubbatan.

    ''Eda kaleessaa dhisifannee gallee,'' jedhan duula filannoo isaanii kaleessaatti akeekuun.

    ''Amma waan gaariirra jirra,'' jedhan.

  2. Itoophiyaan doolaara miliyoona 738 Sudaan Kibbaaf liqeessite

    Liqaa mootummaan Itoophiyaa Sudaan Kibbaaf kennuuf jedhe doolaara 738 paarlaamaan biyyattii raggaasise.

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Liqaa mootummaan Itoophiyaa Sudaan Kibbaaf kennuuf jedhe doolaara 738 paarlaamaan biyyattii raggaasise.

    Liqaa mootummaan Itoophiyaa Sudaan Kibbaaf kennuuf jedhe doolaara 738 paarlaamaan biyyattii raggaasise.

    Liqaan kun ijaarsa daandii daangaa qaxxaamuru Sudaan Kibbaa hojjettuuf akka oolu ibsameera.

    Murtoon kun waliigaltee biyyoonni lameen bara 2023 daandii wal isaan qunnamsiisu km 220 hojjechuuf waliigalan kan tumsu akka tahes ibsameera.

    Sudaan Kibbaa liqaa kana waggaa kudhan keessatti kaffaltee kan xumurtu yoo tahu kaffaltii isaa garuu waggaa shan booda jalqabdi.

    Kaffaltiin isaa ammoo maallaqa callaa ykn boba’aa jikita ykn kan hin calalamiin Itoophiyaaf kennuun akka tahus himameera.

    Yeroo liqaan kun raggaasifamu miseensi paarlaamaa tokko akkas jedhan.

    ''Jalqaba labsii kana yoon ilaalu miira wal makaatu natti dhagahame. Tokkoffaa gammachuudha.

    ''Sababni isaa biyyi keenya liqeeffachuurra dabartee.. bayyanattee.. liqeessuu eegaluu isheetti gammadeera. Gama kaaniin nuti rakkinoota ofii qabna. Idaa mootummaa, hanqina bajataafi liqii alaa fa’i osoo nurra jiruu pirojektii kana akkamiin maallaqaan deeggaruu dandeenya? Maddi maallaqa kanaa eessa isa jedhu akka ifa naaf ta’u barbaadeeni.''

  3. Haati warraa, Haariis abbaan warraa immoo Tiraamp filatanii manatti siyaasa hin haasofnu jedhan

    Haadha warraa fi abbaan warraa Laawuraafi Roojar lammiilee Ameerikaa miiliyooan 80 sagalee kennan keessaati.

    Wiiskoosinitti Laawuraan Haariis filachuu himtee Ameerikaa keessatti dubartoonni ''gara dubbaatti'' akka deebi'an hin barbaadu jetti, abbaa warraashes kanaan akka amansiifte yaaddi ture.

    Tahus boodarra akka isa hin amansiifne hubatte.

    Abbaan warraashee Roojar ''badaa lama keessaa isa fooyya'aa tokko filadhe'' jechuun Tiraampiin filachuu itti hime. Dhimma ulfa baasuu irratti ilaalcha jabaa tahe qaba.

    Jarri lameen manatti waa'ee siyaasaa akka hin haasofne himan, Laawuraan gaa'elli isaanii biyya addaan wal-qoodduuf fakkeenya akka tahu himti.

    Laawuraa fi Roojar
  4. Kutaalee Ameerikaa bakka murteessodha jedhaman keessatti sagalee meeqatu argama?

    .

    Filannoo Ameerikaa kana keessatti bakkeewwan murteessoo fi sagalee guddaa qabu jedhamanii adda ba'antu jiru.

    Wayita sagaleen lakka'amu bakkeeewwan kunneen dhiibbaa akkami akka geessisaniif ijji namootaa kutaalee swing states ykn sagalee guddaa filannoo kana murteessu jedhamee eegamu irra jira

    Filannoo pirezidaantii keessatti, kutaaleen biyyaa namoota baay'ee qaban qabxii dabalataa, ykn sagalee filannoof gatii qabu. Guutummaa US keessatti walumaa galatti sagalee filannoo 538tu dhiyaate

    Kan injifate kaadhimamaa 270 fi isaa ol argate ta'a.

    Kutaaleen biyyaa torba filannoo kanaaf furtuu jedhaman sagalee wa'ligalaa filannoo 93 gidduu qabu.

  5. Raashiyaan filannoo kana fudhatama dhabamsiisuuf yaalaa jirti - Tajaajila Nageenyaa Ameerikaa

    .

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbileen nageenyaa Ameerikaa "humnoonni biyya alaa" filannoo Ameerikaa irratti amantaa dhabsiisuuf yaalaa jiru jedhe.

    Ejensichi Raashiyaa dabalatee humnoonni biyya alaa biroo ''filannoo Ameerikaa irratti amantaa ummanni qabu mancaasuun qoqqoodinsa uumuuf'' yaalaa akka jiran ibseera.

    Ibsa waloo Waajjira Daarektarri Nageenya Biyyaalessaa, FBI fi Ejensii Nageenya Saayibarii kennaniin gareewwan Raashiyaa waliin hidhata qaban qindeessitoota filannoo irratti jeequmsa kakaasuun filannoon kun soba ta’uu oduu sobaa tamsaasaa akka jiran himaniiru.

    Ibsichi "gareewwan dhiibbaa Raashiyaa qaban" dhiheenya kana qindeessitoonni filannoo keessumaa kutaalee biyyattii ijoo keessatti saanduqa filannoo guutuudhaan filannoo kana jal'isuuf yaalan jechuun oduu sobaa maxxansuu isaanii eereera.

    Ibsichi itti dabaluudhaan guyyoota itti aanan keessatti oduun akkanaa daran babal’achuu mala jedhamee eegama jira.

    Ibsi waloo waajjiraalee kunneen baase akka jedhutti Iraan Ameerikaaf ''balaa alaa guddaa'' ta'uu ibseera. Tehrani fi Moskoono lamaan isaanii iyyuu filannoo Ameerikaa keessa seenuuf yaalaa akka jiran gabaafamaa jiraatus isaan garuu ni haalu.

  6. Zimbaabuweetti matta'aa hambisuuf poolisiin yeroo hojiirra jiru bilbila akka hin fayyadamne dhorkite

    Poolisiin yeroo hojiirra jiru raadiyoo qunnamtii qofa akka fayyadamutu hayyamama

    Madda suuraa, AFP

    Mootummaan Zimbaabuwee seera poolisoonni yeroo hojiirra jiran bilbila harkaa akka hin fayyadamne dhorku hojiirra oolchera.

    Sababni isaa ammoo malaammaltummaa poolisiin raawwatamu to'achuuf akka ta'etu amanama. Kanaaf qondaaltonni poolisii hundinuu hojii isaanii eegaluun dura buufata isaaniitti bilbila harkaa isaanii hoggantoota isaanitti kennuu qabu. Dhimmaa hokiif ammoo raadiyoo qunnamtii qofa akka fayyadamantu hayyamama. Bilbila isaanii yoo fayyadamuun dirqama ta'ellee yeroo boqonnaa isaanii qofa fayyadamuu qabu.

    Labsicha keessatti sababni uggura kanaa eeramuu baatuus qaama Mootummaan Zimbaabuwee malaammaltummaa poolisii to'achuuf tattaaffii taasisu keessaa tokko akka ta'etti bal'inaan ibsama

    Kunis kan ta'e erga viidiyoon miidiyaa hawaasaairratti qoodame wayita qondaaltonni tiraafikaa lama magaalaa guddoo biyyattii Hararetti konkolaattota geejjibaa uummataa irraa mata'aa fudhatan saaxilee booda, magaalaa guddoo biyyattii Harargee keessatti qondaaltonni tiraafikaa lama to'annoo jala ooluu isaanii guyyoota muraasa boodadha.

  7. Kooriyaan Kaabaa yeroo filannoon U.S gaggeeffamaa jirutti misaa'ela heddu gara galaanaatti dhukaaste

    Misaa'ela Kooriyaa Kaabaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaabaa yeroo Ameerikaan filannoo gaggeessaa jirtutti bilaastik misaa'elii torba gara galaanatti dhukaaste

    Kooriyaan Kaabaa har'a ganama obbooroon bilaastik misaa'elii torba dhukaaste. Biyyattiin misaa'eloota kana kan dhukaaste, yeroo filannoon U.S gaggeeffamaa jirutti.

    Kooriyaan Kaabaa misaa'oloota kanneen dhukaasuunshee shaakala waraanaa Ameerikaa, Kooriyaan Kibbaafi Jaappan waliin ta'uun gaggeessaa jiran mormuuf akka ta'e beeksiste.

    Obboleettii gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun kan taate Kiim Yoo Joong shaakala waraanaa biyyoonni sadan taasisan balaaleffachuushee miidiyaan Kooriyaa Kaabaa KCNA gabaase.

    Ministeerri Ittisaa Jaappaan akka beeksisetti misaa'eloonni Kooriyaan Kaabaa dhukaaste gosa bilaastik misaa'elii fageenya gabaabaa imalu yoo ta'u, km 400 imaluun qarqara galaana Jaappaanitti kufe.

    Waraanni US gamasaan Kooriyaan Kaabaa misaa'eloota kanneen dhukaasuushee booda humna waraanaa Kooriyaa Kibbaafi kan Jaappaan wajjin mariyachuu beeksise.

    Kooriyaan Kaabaa torbee tokko keessatti si'a lammaffaa misaa'ela dhukaasuu isheeti. Torbee darbe misaa'ela ardii qaxxaamuru dhukaastee turte.

    Filannoo Ameerikaan wal-qabsiisun Kooriyaan Kaabaa misaa'ela dhukaasuuf qophii gochaa jiraachuushee odeeffannoo tikaa qabatamaan qaba jechuun Kooriyaan Kibbaa torbee dabe beeksistee turte.

    Akkuma Kooriyaan Kibbaa jette, osoo filannoon U.S gaggeeffamaa jiruu Piyoongyaang bilaastik misaa'elii torba dhukaaste.

  8. Tiraamp duula na filadhaa bara 2024 xumuran

    Doolaand Tiraamp duula na filadhaa isa dhumaa xumuran

    Madda suuraa, Reu

    Tiraamp duula filannoo bara kanaa isa dhumaa Miichigaan Giraand Raapids keessatti akka sa'aatii biyyaatti 02:09 irratti xumuran.

    Duulli filannoo isaa xumuraas qabiyyeewwan ijoo diinagdeefi dhimma godaantotaan walqabate ture.

    Baqataa kamuu seera kabachiiftoota ykn lammii Ameerikaa kamuu ajjeessan irratti murteen du'aa akka darbuu dabalatee, gaaffiiwwan filannoo muraasa irra deebiin kaaseera.

    Akkasumas, pirezidantiin duraanii kun haasaasaa irra caalaadhaan Kaamalaa Hariisiifi Joo Baayidan, akkasumas wanta waggoota arfan darban keessatti galmeessan qeequurratti kan xiyyeeffate ture.

    Haata'u malee, ''rakkoo biyyi keenya mudataa jiru hunda nan sirreessa'' jedhe.

    ''Booda bu'aa dansaa argachuuf akka jiruun yaada'' jechuun hirmaattootatti himan. ''Michigaaniitti injifachuuf akkan jirruu yaada.''

    Sirna cufiinsa duulaarratti ijoolleen Tiraamp waltajjii gubbaatti isa waliin dhaabbachuun leelliisuudhaan hundi akka sagalee kennuuf jajjabeessan.

    ''Dhumarratti, sagalee keessaniin Kaamalaa hari'achuun Ameerikaa baraaruuf jirra. Taaksiifi qaa'a'insa jireenyaa hir'isuun akkasumas baatii keessan hir'isuun kanfaltii keessan ol kaasuun warshaalee kumaatama gara Ameerikaafi Mishigaaniitti deebiifna. Baayyeenis jechan ani jaaladhu 'taariifa'tti fayyadamaa jiru'' jedheera.

  9. Iraan shamarree yunivarsiitii keessatti qullaa mul'achuun hidhamte akka gaddhiistu gaafatamte

  10. Arizoonaan warra sagalee lakkaa'an eeguufi dirooniifi isnaayipara qophii goote

    Dallaa shiboo Arizoonaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dallaa shiboo elektirikaan ijaarame, teknoolojii sibila adda baasu, dallaa jabaafi eegdota hidhatan akkasumas wanta moombii adda baasu jira.

    Kuni hundi qophii Arizoonaan hojjettoota filannoo sagalee lakkaa'an balaarraa eeguuf godhameedha. Qophiin nageenyaa achi jiru kan buufata xiyyaaraa ykn mana hidhaatti mul'atuun walgita.

    Ammoo kunis gahaa ta'uu dhabuu danda'a yaada jedhuun diroonii fi loltoota fardeen fayyadamaniifi poolisoota qarree gamoorraa isnaayipara dhukaasan qopheessaniiru.

    Bulchiinsi kun bara 2020 filannoo gaggeefameen gidduugaloota muddamni itti dhalate keessaa tokko. Tiraamp ni mo'ata jedhamee osoo eegamuu sagalee 11,000 ta'uun caalamee mo'atame. Boodas waliin dhahuun raawwatamuu himate.

    Supparvaayizarri kaawuntii Marikoopaa Biil Geets warra sagalee kennuu imalaniin ''akka hubatan kaniin barbaadu kun buufata waraanaa akka hin taanedha'' jedhan. Ammoo yaaddoo hin qabaatiinaa, maatii keessan waliin deemaa, dimookrasii keessatti hirmaadhaa'' jedhe.

    Humnaa ol qophoofneerra ta'a ammoo kanaa ol yoo hammaateefus qphaa'aa isa gaarii hawwinaa jedhan hogganaan Poolisii Marikoopaa Sheriif Raas Iskiiner.

  11. Raashiyaan "filannoo kanaaf yaaddoo guddaadha" - US

    Filannoo Ameerikaa har'a gaggeeffamaa jiruuf "Raashiyaan yaaddoo guddaadha" jedhan dhaabbileen nageenyaa US ibsa waloo kennaniin.

    Dhaabbileen nageenyaa US: Biiroo Daayirektara Nageenya Biyyaalessaa (ODNI), Biiroo Nageenyaa Federaalaa (FBI), Ejansii Nageenya Saayibariifi Dhaabbilee Misoomaa (CISA) kaleessa ibsa waloo kennaniini Raashiyaan odeeffannoo sobaa garaa garaa tamsaasun filannoo Ameerikatti yaaddoo ta'uu ibsan.

    Namooni "addumatti Raashiyaa waliin hidhata qaban" viidiyoowwan akkasumas barreeffamoota sobaa qopheessun "haqa qabeessummaa filannichaa faaluf, adeemsa filannoo keessatti namoota sagalee kennanitti sodaa uumuufi lammiilen Ameerikaa sababa garaa garummaa siyaasan haleellaa walirratti raawwataa waan jiran fakkeessu" jedha ibsi waloo qaamolee nageenyaa US kun.

  12. 'Pirezidantii itti aanu ta'uuf ani qophaa'eera' -Kamaalaa Hariis

    Kaamalaa Hariis

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaamalaa Hariis duula filannoo Filaadelfiyaatti gaggeessaa jirturratti dhiyaachuun haasaa deeggartootaaf taasifterratti 'ani pirezidantii itti aantu ta'uuf qophaa'eera' jette.

    Haasaashee xumuraa kanaan "Ameerikaan maal akka taate agarsiisuu keessaniif galatoomaa" jechuun deegartoota jajatte.

    Dhimma kana keessa walumaan jirra kan jettu Kaamalaan, " duulli keenya hawwiifi mul'ata ummata Ameerikaa dhugoomsuuf karaa dandeenyurra nu oofaa jira. Nuuf abdiin jira; waliin taanee wanti hojjechuu dandeenyu nama gammachiisa."

    "Seenaa siyaasa sodaafi qoqqoodinsaan bara hedduuf gaggeeffamaa ture jijjiiruudhaaf" filattoonni carraa qabu jette Kaamalaa Hariis.

  13. Tiraamp fi Kaamlaan duula filannoo dhumaarratti

    Deeggartoota kaadhimamtoota pirezidantii US

    Madda suuraa, Getty Images

    Filannoo US 2024 har'atiin kaadhimamtoonni lamaan-Kaamlaa Hariisiifi Doonaald Tiraamp hiriira deeggarsaa ishee dhumaarratti argamuun duula filannoo isaanii gaggeeffachuuf jedhu.

    Tiraamp gara Michigaan-Giraand Raappiids bakka deeggartoonni isaa dursanii walitti qabamanii isa eegaa jiranirratti argamee haasaa taasisuuf achi qajeeleera.

    Kaamlaan ammoo Pensilveeniyaatti argamtee duula dhumaa gaggeessaa jirti. Namoonni bebbeekamoo warri akka Katii Peerii fi Leedii Gaagaa ishee ishee dursanii achitti argamuun deeggartoota dadammaqsaa jiru.

    Kaadhimamtoonni lamaan duula isaanii kan goolaban isteetiiwwan bu'aa filannoo murteessuu danda'u jedhaman sagaleen filattootaa walitti dhiyaatu (swing states) jedhamanitti ta'a.

  14. Dorgomtoota Filannoo US 2024 ijoollummaa hanga har'aatti

    Dogomtoota Filannoo US 2024

    Madda suuraa, Alamy

    Duula filannoo Ameerikaa guutuu keessatti filattoonni suuraa kaadhimamtoota lamaan kanneen waltajjii irratti haasaa taasisanii, namoota duulicha irratti hirmaatan nagaa fuudhanii fi xiyyaara keessaa bahaniitiin guutamanii mul'atu.

    Kunis garaagarummaa kallattii ilaalcha eenyu akka ta'anii fi eessaa akka dhufan agarsiisuudha.

    Dur osoo Waayit Haawus maal akka ta'e illee hin beekiinii yeroo dheeraa dura... Kaamalaa Haaris fi Donaald Tiraamp suuraan isaanii armaan olitti mul'atan lamaan isaanii umuriin isaanii waggaa sadii turan.

    Kaadhimamaa pirezidaantii paartii Dimookiraatotaa Haaris waggoota jalqabaashee Kaalifoorniyaa Oklaand keessatti kan dabarsite yoo ta’u, kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Tiraamp ammoo kutaa Niiw Yoork Kuuwiins keessatti guddatte.

  15. 'Filannoon US kan lammilee biyyattii qofa ilaallatu miti'

    Kaadhimamtoota Filannoo US 2024

    Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Guraandhala bara 2023 daawwannaa tasaa Kiiv keessatti taasisuun gita isaanii Yukireen Volodymyr Zelenskii waliin wal arguun wayita tumsa isaanii agarsiisafi turanitti, saayireniin qilleensaa ykn meeshan of eggannoo balaan duraa iyyaa ture.

    “Waan tokko... kan yeroo kamiyyuu caalaa cimaa ta'e wayiitu natti dhaga’ame,” jechuun boodarra Pirezdaantichi yaadateera. “Ameerikaan addunyaaf Abdiidha.”

    Filannoo pirezidaantii torban dhufu gaggeeffamu irratti lammiileen Ameerikaa erga sagalee isaanii kennanii booda, amma eenyu akka abdii addunyaati ofiin jedhu kana ilaaluuf eegaa jirti.

    Kamaalaa Harris kan "yeroo tasgabbii hin qabne kana keessatti Ameerikaan duubatti deebi'uu akka hin dandeenye ifaadha" jettee amanuun faana Baayiden hordoftu? Moo Doonaald Tiraampi “Giloobaalizimii utuu hin taane Ameerikaanizimii” jedhanii abdatantu daandicha qabata ?

  16. Filannoo US 2024

  17. Filannoo US 2024

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora tamsaasa kallattii kanaan odeeffannoo Filannoo US 2024 isiniif dhiyeessina.

    Amma jalqabeera.

    DHiyaadhaa!

    Namoota filachaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images