Ashamaa akkam bultanii tamsaasni keenya kallattii eegale
Odeessaalee addunyaa fi biyya keessaa jala jalaan hordofaa isin biraan geenya.
Nu waliin turaa!
Filannoo Ameerikaa: Doonaaldi Tiraampi Filooriidaa iddoo mana jireenyaa isaanii irraa kaabinota haaraa muuda ajiru. Ministirri Dhimma Biyya Keessaa baqattoota seeraan alaa biyyaa baasa jedhan muudaniiru
Odeessaalee addunyaa fi biyya keessaa jala jalaan hordofaa isin biraan geenya.
Nu waliin turaa!
Pireezidantiin filatamaa US Donaald Tiraamp dubartii duula filannoosaa hogganaa turte Suuzaan Waayilis yeroo inni bara dhuftu aangoo fudhatu hoggantuu Waayit Haawus akka taatu ibse.
Suuzaan, '' seenaa Ameerikaa keessatti injifannoo siyaasaa isa guddaa akkan milkeessu na gargaarte,''cimtuu, hubattuu, na furmaataa akkasumas akka addunyaatti kabajamtuufi dinqisiifamtuu dha,'' jedhe.
''Suuziin seenaa keessatti dubartii jalqabaa Waayit Haawus hogganuun waan isheef malu dha,'' biyya keenya akkasheen boonsitu shakkii hin qabu,'' jedhe.
Suuzaan dubartii ganna 67 yoo taatu dubartii jalqabaa Waayit Haawus akka hoggantuuf filatamte dha.
Haasaa injifannoo yeroo taasisetti Tiraamp Suuzaaniin ''dubartii bareedduu garuummoo kan badaa namatti hin dhiyaanne,'' jedheeraani.
''Yeroo baayyee duubaa hojjetti caasaa siyaasaa US keessatti dubartii akkaan sodaatamtu dha,'' jedhe.
''Suuziin Ameerikaa irra deebiin guddisuuf dadhabbii malee hojjetti,'' jedhe.
Galmeen seenaashee nama akkaan sodaatamtu garuu immoo badaa hin beekamne jedhaani.
Siyaasa keessatti hojjechuun waggaa tokko otoo hin guutiin duula filannoo Ronaald Regan bara 1980tti makamte.
Bulchiinsa Filooriidaa keessatti dhalatte keessatti jijjiirama siyaasaa ijoo tahe fideetti.
Nama daldalaa Riik Iskoot muuxannoo siyaasaa muraasa qofa qabu bulchaa Filooriidaa akka tahu kan goote yoo tahu, Iskoot amma seenaatar US taheera.
Suuzaan Tiraamp wajjin yeroo duula filannoosaa bara 2015ti kan barte yoo tahu duula Filooriidaatti geggeefamnee wajjin hogganteetti bara 2016ttis Hiilaarii Kiliintaniin mo'achuu danda'eera.

Madda suuraa, Reuters
Leenjisaan Nootiingihaam Foorest Nuunoo Espiriitoo saantos leenjisaa cimaa Piriimer Ligii ji'a Onkoloolessaa tahuun filame.
Nootingihaam ji'a Onkolooleessaa keessa taphoota sadii mo'achuun tapha tokko ammoo qixa baaniiru.
Leenjisaa qofa osoo hin taane taphataan sarara duraa Nootiingihaam Kiriis Wuud taphataa cimaa ji'a Onkoloolessaa tahuun filameera. Taphoota 10 irratti galchii 8 lakkoofsise.
Bara darbes kilebichaaf galchii 14 lakkoofsisee ture.
Kun seenaa kilebichaa keessatti yeroo jalqabaaf argame. Taphataan lammii Niwzelaandis taphataa cimaa Pirimer Liigii tahee badhaameeru hin jiru.
Kiriis Wuud seenaa kana jijjiire. Foorest gabatee Piriimer Liigii irraa qabxii 19'n sadarkaa 3ffaa irra jiru.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Reuters
Tibbana pirezdantii haaraa US ta'un kan filataman Doonaald Tiraamp af-ggaaffii filannoon booda yeroo jalqabaatiif taasisaniin, karoora jumlaan biyyaa ari'uu isaaniif ''gatiin bahuu hin jiru'' jedhan.
Kaleessa NBC News waliin af-gaaffii taasisaniin akka jedhanitti:

Madda suuraa, Reuters
Poolisiin Nezarlaand giddugala magaalaa Amastardaamiitti walitti bu’iinsi erga mudateen booda namoota 57 to’annaa jala oolche. Kunis dargaggoota naannichaa fi deeggartoota kubbaa miilaa Israa’el kan hirmaachise jedhameera.
Ministirri Mummee biyyatti, Dick Iskuuf, ''haleellaa farra Yihudootaa'' kana kan balaaleffatan yoo ta'u, ministirri mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun ammoo ''xiyyaaronni baraarsaa'' lama gara Amastardamiitti ergamaa jiru jedhan.
Kunis erga waraanni Israa'el ''taateewwan ciccimoo fi jeequmsaa Israa'el irratti raawwataman'' jechuun ibse boodadha.
Dubbi himtuun poolisii, miidiyaa Dachiitti akka himtetti, jeequmsi naannoo Addabaabayii Daam giddugala magaalaa guddoo biyyattiitti uumameera jechuun, garuu eenyu fa'i akka harka keessaa qabu hin dubbanne.
Deeggartoonni kilabii Israa'el -'Maccabi Teel Aviiv' tapha waancaa Awurooppaa irratti Ajax waliin tapahachuuf gara Amastardamiitti imalanii turan.
Iskuuf taatee kana haala sodaachisaa ta'een hordofuusaanii ibsuun, Netaaniyaahuu waliin haasa'uusaanii fi ''warri yakka kana raawwatan hordofamanii seeratti akka dhiyaatan'' cimsanii dubbataniiru.
Tapha garee Israa'elii fi mormitoota deggertoota Filisxee hirmaachiseen durayyuu, Adabaabaayii Daam keessatti hidhaa fi rakkoon uumamee kan ture yoo ta’u, deeggartoonni daandii dhiheenyatti argamurratti ibidda qabsiisuu fi alaabaa Filisxeem cirusaanii gabaafameera.
Haata'u malee, tapha booda ammoo jeequmsi guddachaa dhufe. Poolisiin jeequmsa kana keessatti eenyu akka hirmaate ifa miti jechuun, warri dhimmicha keessa jiran uffata gurraacha uffataniiru jechuun miidiyaalee biyya keessaatti himeera.

Filannoon pirezidantummaa US Sadaasa 05, 2024 gaggeeffame. Garuu carraan kaadhimamtoonni baayyina sagalee ummataa argataniif filannicha mo'achuu dhabuu jiraachuu danda'a.
Sababni isaa US keessatti pirezidantiin kallattiin sagalee ummanni kenneen miti kan filatamu. Waan 'electoral college' jedhamu qabu. Warra pirezidantii filatantu as jiru.
Ofii adeemsi kun akkamiin hojjeta? Adeemsa filannoo keessatti 'Electoral College' maali?

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp duula filannoosaa qindeessuun kan milkoofte Suuzii Waayils hoggantuu waajira Waayit Haawus gochuun filate. Suuzii itti-gaafatamtuu Waajira Waayit Haawus godhee filachuun Tiraamp aangoo gurguddaarratti namoota tibba kana ni muuda jedhamanii eegaman keessaati.
Tiraam isteeetiiwwan torba murteessoo irratti xiyyeeffachuun duula gaggeessaa turan keessaa tokko kan taate Nevaadaa keessattis mo'achaa jiru.
Kun ammoo qabxii isaa 301 akka qaqqabu taasiseera. Pirezidantii ta'uuf kan barbaachisu qabxii 270 yoo ta'u, Aab Tiraamp qabxii kana qaata darbe.
ASHAMAA! Akkam jirtu hordoftoonni BBC News Afaan Oromoo bakka jirtan maratti?
Oduu dhimma Filannoo US 2024 fi isa waliin walqabatan irratti kallattiidhaan isiniif dhiyeessinu kunoo amma jalqabneerra.
Dhiyaadhaa!
Pirees Sekireetariin Waayit Haawus pireezidant Baayidan filannoo keessaa of baasuu isaarti gaabbii hin qbauu jette.
Keriin Zhoon Piyeer ibsa kenniteen filannoo keessaa bahuuf ''murtee sirrii akka dabarse amana'' jedhan. Uummata Ameerikaafi waan sirriidha'' jedhee yaadaa jette.
Duulli filannoo Kaamlaa Hariis pirezidant Baayidaniif kaka'umsa akka uumeef dubbatte.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Tiraamp filannoo injifatee Waayit Haawusitti deeb'uu ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii kenneera.
Putiin sagantaa Soochiitti gaggeeffamaa jiru irratti miidiyaaleetti kan dubbate yeroo ta'u, Tiraamp pireezidantii ta'ee filamuusaatti baga gammadee jedheera.
Rooyitarsi akka gabaasetti hooggana warra Rippaablikaanii kanatti dubbachuuf qophii ta'uu dubbateera.
Dabaluunis Tiraamp yeroo jalqaba pirezidantii ta'ee tajaajilaa ture dhiibbaan hin malle (bully) irra gaheera jedhee akka amanu pirezidant Putiin himeera.
Yaalii ajjeechaa Adoolessa darbe irratti aggaamame, amalli itti muddama sana booda ture keessa darbeen ''dinqameera'' jedhe. ''Goota'' jechuunis isa ibse.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Raashiyaa Volodimiir Zeleniskii injifachuu Donaald Tiraamp booda karoora Tiraamp ittiin waraanaa Yukireen saffisaan dhaaban quba akka hin qabne dubbate.
Yaa'ii Hawaasa Siyaasaa Awurooppaa Hangarii magaalaa Budapeestitti qophaayerratti haasaa kan godhe Zeleniskiin karoora Tiraamp waraana dhaabuuf qabatan irratti waliin dubbatee akka hin jirre hime.
Dabaluun Tiraamp waraana kana dafee goolabuuf fedha qabaachuusaa akka amanu dubbate. Ammoo wantichi ni milkaaha jechuu miti jechuusaa Rooyitarsi gabaaseera.
Tiraamp waraana kana ''guyyaa tokkottiin goolaba'' jedheera.

Baayiden dubbii yeroo jalqabaaf filannoo US booda taasisaniin ‘’yeroo pirezidaantummaa keenyaa seenaa qabeessa ture’’ jedhan.
‘’Dorgommii kana mo’amneerra, Ameerikaan abjattan sun akka deeggartaniin isin waamti,’’ jedhan.
Baayiden dinagdee jabaa galmeessuun akka bara aangoo isanaii xumuraa jiranis dubbatan.
Kaabinootaa fi namoota waliin hojjetan hundaa galateeffataniiru. ‘’Waaqayyo Ameerikaa fi isin haa eebbisu,’’ jedhan.

Joo Baayiden uummata Ameerikaaf ergaa dabarsaa jiru. Baayiden namoota gariif yeroo injifannoo isaaniitti gammadanidha, kaaniif ammo yeroo mo’amanidha jedhan.
‘’Biyyo tokkuma filatti. Filannoo biyyi fudhate kabajnee fudhanna,;; jedhan.
‘’Yeroo mo’attu qofa miti kan biyyakee jaalattu. Yeroo yaadakee fudhatu qofa miti kan ollaakee jaalattu,’’ jedhan Baayiden.
Itti fufuun ‘’yeroo pirezidaantummaa seena qabeessa ture,’’ jedhan.
‘’Amma yeroo pirezidaantummaa nuuf kenname xumuruuf guyyoota 74 qabna. Guyyoota hundumaa hafan mee kan yaadataman haa goonu,’’ jedhan.
Hanqinootni ykn dadhabinni waan oolchuu hin danda’amnedha garuu abdii kutachuun dhiifama hin qabu,’’ jedhan.
‘’Hunda keenyatu mo’ame’’ garuu ‘’amalli ittiin beekamnu’’ akka deebinee kaanu agarsiisa jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp marsaa lama walitti aananii hin jirree injifachuun pirezidaantii ta’uun isaanii waan Ameerikatti hin baramne galmaan ga’aniiru.
Seenaa pireezidaantota Ameerikaa keessaa namni seenaa wal fakkaataa qabu tokko qofatu ture. Girover Kileveland namni jedhamu kanaan dura akkuma Tiraampi marsaa walitti aananii hin jirre lamaaf Ameerikaa bulcheera. Kileveland Pirezidaantii Ameerikaa 22ffaa fi 24ffaa ta’uun tajaajilan. Tiraampis Pirezidaanti Ameerikaa 45 fi 47 ta'uun isaanii seenaani seenaa Pireezdaantota Ameerikaa keessaatti Kileveland fi Tiraampi kan wal fakkeessu.Pireezdaantootni biroo marsaa tokko qofa bulchan10 ni ta'u.Kan erga mo'amanii deebi'ee dhufuu danda'an garuu lamaan kana qofa
Kilivilaandi paartii Dimookiraatotaa irraa injifachuun, bara 1885 hanga 1889tti marsaa jalqabaa isaanii kan tajaajilan yoo ta’u, sana booda akkuma Tiraamp aangorraa bu'anii waggaa afur booda duula filannoo biraa gaggeessee injifachuun bara 1893 gara Waayit Haawusitti deebi'e.

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp bara aangoosaa jalqabaa irraa kaasee waraanni ''ni gahan'' gara jedhuutti yaadaa akka jiran miseensi Kongireesii Rippabilikaanotaa tokko sagantaa BBC Radio 4’s Today’tti himan.
Piitar Seesishin ''yeroon aangoo Tiraamp kan ammaa isa kan kana duraatiin adda ta'uu mala. Sababiinsaas wantoota haala adda ta'een hojjachuu danda'u waan baratee qabuufidha'' jedhan.
Itti dabaluudhaanis, Tiraamp amma yaadaa dhimma akka ''Yukireen fa'i irratti qaban tokko tokko bilchaateera'' jedhu. Kanaaf, ''jeequmsa osoo hin taane tasgabbiif'' kan yaadan ta'uu dubbatan.
Gama biraatiinis imaammata ijoorratti kallattii dhiyeessuudhaafis ''naamusa gahaa'' ni qabaata jechuun Seesishin dubbatan.
Waldhabdee Baha Giddu-galeessaa ilaalchisees, Tiraamp ''Ministira Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu dhaggeeffachuuf fedhii guddaa akka qabaatu'' kan himan yoo ta'u, Tiraamp ''waraana keessa akka hin galleef qaroodha'' jedha.

Donaald Tiraamp erga Waayit Haawus gadhiisanii bahanii waggoota afuriin booda, lammiileen Ameerikaa miliyoonaan lakkaa’aman carraa lammaffaa kennuufiin erga filatanii booda, deebi’anii seenuuf jiru.
Dorgommii pirezidaantummaa irraa kan fagaatan, Rippabilikaanonnis teessoo Weest Virginiyaa, Ohaayoo fi Montaanaa erga garagalchanii booda, Seenetii Ameerikaa deebi’anii to’ataniiru.
Dorgommiin teessoo mana maree bakka bu’oota uummataa hedduun ammallee hin mirkannoofne. Haata'u malee, irra caalaansaa yeroo ammaa kanatti Rippabilikaanotaaf ta'aa jiraachuu michuu BBC Ameerikaa CBS News gabaaseera.
Yoo milkaa’e, Tiraamp baatii Amajjii keessa kakataniitti paartichi akka mana maree, Seenetii fi Waayit Haawus to’annaa jala galchu dandeessisa.
Walumaagalatti, duula filannoo falmii cimaadhaan guutameen booda Rippabilikaanotaaf gamuma hundaan daandiin kan sirrateef ta'u waan hin oolle fakkaata.

Madda suuraa, Reuters
Doonaald Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi'uu isaanii mirkaneeffatanillee, ammallee ifatti pirezidaantii hin taane. Waajjira Ovaalitti deebi'uuf ji'a lamaa ol ykn guyyoota 74 eeguu qabu.
Akkaataan aangoo wal harkaa fuudhiinsa pirezidantota Ameerikaa kan biyoota kaanitiin baayyee addadha.
Fakkeenyaaf, UKtti Ministirri Mummee haasaan biyyattii Siir Istaaarmar baatii Adooleessaa keessaa kan aangoon itti darbe, filannoon xumuramee sa'aatiidhuma muraasa keessatti ture.
Kunis ministirri mummee biyyattii duraanii Riishii Sunaak osoo meeshaa isaalleen hin qixeeffatiin dura namni haaraan ministira muummee ta'uun muudame.
Atilaantikii guutuutti aangoo wal haarkaa fuudhuun kun xiqqoo yeroo dheeraa fudhata.
Kanaaf, Tiraamp hanga Amajjii 20tti sirna waadaa seenuu kan hin raawwannee yoo ta'u, hanga sanattis dhimmoonni gama siyaasaatiin inni raawwachuu danda'u murtaa'aa ta'ulleen, Joo Baayiden aangoo irra turu.