Tiraampi kaabinoota haaraa muuduun Waayit Haawusiif of qopheessaa jiru

Filannoo Ameerikaa: Doonaaldi Tiraampi Filooriidaa iddoo mana jireenyaa isaanii irraa kaabinota haaraa muuda ajiru. Ministirri Dhimma Biyya Keessaa baqattoota seeraan alaa biyyaa baasa jedhan muudaniiru

Guduunfaa

  • Kaataar qooda jaarsummaa Israa'el fi Hamaas gidduu qabdu addaan kutte
  • Ji'a kana Raashiyaan baay'ee miidhamte - UK
  • Gaazaa keessatti kan du'e harki 70 dubartootaafi ijoolleedha - UN
  • Ameerikaan shira Iraaniin nama Tiraampiin ajjeesuuf ture himatte
  • Waayit Haawus akka hoggantuuf dubartiin Tiraamp muudan eenyu?
  • Tiraampi filannoo injifachuufi yaalii ajjeechaarraa oluusaaf 'goota' - Puutiin
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kaamalaa Haaris: Seenaa jireenyashee suuraan

  2. Miseensa paarlaamaa US lakkoofsi hin xumuramiin jiruun Riippablikaanonni dursaa jiru

    Baayyiina teessoo bakka bu'oota Ummataa US

    Amma Doonaald Tiraamp Pirezidaantii Ameerikaa itti aanu ta’uuf injifachuun barameera.

    Akkasumas, Rippabilikaanonni teessuma Seenetiillee deebi’anii to’achuu isaanii berameera.

    Dorgommii cimaan hordofamuu qabu kan biraa hafeera-teessuma Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataati.

    Rippabilikaanonni mana maree bakka bu'ootaa kan dhuunfatan yoo ta'e, paartiin kun Kongireesiifi Waayit Haawus to’annaa jala galchuu danda'a jechuudha.

    Michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS dorgommiin kun Rippabilikaanotaaf ta'eera jedha, haata'u malee hanga teessoowwan hafan mirkanaa'anitti hin beekamu.

    Hubannoof: Kongireesiin qaama seera baastuufi kan mana maree olaanaa miseensota 100 qabuufi Seenetii jedhamuun beekamuu, akkasumas mana maree gadii miseensota 435 qabu kan Mana Maree jedhamutti qoodamudha.

    Teessoon mana maree kanaa tokkoon tokkoosaa, kan filannoodhaan dura Rippabilikaanotaan dhuunfatame wal-harkaa fuudhinsaaf dhiyaateera.

    Paartiin tokko sagalee caalmaa argachuudhaaf teessoo 218 qabaachutu barbaachisa.

  3. Loltoonni Kooriyaa Kaabaa yeroo jalqabaaf loltoota Yukireen waliin wal waraanan

  4. Haleellaa Israa'el baha Libaanos keessatti raawwatteen namoonni 40 ajjeefaman- Ministeera fayyaa

    Haleellaa Israa'eliin namoonni 40 Baha Libaanos keessatti ajjeeffaman

    Madda suuraa, Reuters

    Helleellaa qilleensaa Israa'el baha Libaanos keessatti guyyaa Roobii raawwatteen yoo xinnaate namoonni 40 ajjeeffamuu ministirri fayyaa biyyattii beeksise.

    Qondaalonni Israa'el ammoo haleellaan bulchiinsoota Baalbeek fi Beekaa keessatti raawwaameen kan duula garee Hezboollaa kanneen Iraaniin deeggaram irratti kiyyeeffateedha jedhan.

    Ministirri Aadaa Libaanoos gamasaatiin, haleellaan qilleensaa inni tokko gamoo bara jaarraa Otomaankan naannawa hambaa Roomaa magaalaa Baalbek, kan hambaa addunyaa Unesco'n galmaa keessatti argamu irrattis miidhaa guddaa geessiseera jedheera.

    Haleellaan Israa’el Roobii kunis erga waraanni Israa'el (IDF) akeekkachiisa namoonni naannicha keessaa akka bahaniif kenneen booda ture kibba Beerut irrattis kan mudatame, .

    Waraanni Israa'el kun wiirtuuwwan ajaja Heboollaa, kuusaa meeshaa waraanaa fi bu’uuraalee misoomaa biroo haleeleera jedheera.

    Boodarra akeekkachiisni Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) Beeruti keessatti ollaawwan kanneen dhiheenya buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Libaanosi kan haleellaa Israa'el magaalaa guddoo biyyattii irratti haleellaa jirtuu hojii balaliinsaa isaa itti fufeetti argaman dabalatee, naannoolee afur kibba Beerut kan haguuguudhu..

    Baay'ee osuma hin turin suuraaleen wayita ibiddi guddaaan fi aarri gurraachi furdaan gara samii halkanii keessaa Beerut keessaa ol ka'ee yaa'u mul'an.

    Gama biraatiin ammoo, rookkeettiin loltoota Hezbollaatiin Libaanos irraa dhukaafamee kaaba Israa’el naannoo kibutz jedhamutti nama lammii Israa’el tokko ajjeesuu ogeeyyiin fayyaa himan.

  5. Ajajaan olaanaa waraaana Naajeeriyaa waggaa 56tti du'an

    Ajajjaa olaanaan waraana Naayijeriyaa waggaa 56tti du'an

    Madda suuraa, Getty Images

    Ajajaan olaanaa Waraana Naajeeriyaa Leetanaan Janaraal Taa'oreed Laagbaajaan erga ''yeroo muraasaaf dhukkubsatanii'' booda umurii waggaa 56tti du'uusaanii pirezidantiin biyyattii Boolaa Tinubuu beeksisan.

    Aanga'aan kun halkan Kibxataa Leegoositti du'an. Haata'u malee, mal dhukkubsataa akka turan ifatti hin himamne.

    Dubbi-himaan pirezidantii, Baayoo Onaanugaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaatiin kennaniin, pirezidantiin biyyattii maatii Janaraal Laagbaajaatiif ''gadda itti dhagahame ibsaniiru'' jedhan.

    ''Pirezidanti Tinubuun lubbuun Janaraal Laagbaajaa akka nagaan boqattu hawuudhaan gumaacha olaanaa isaan biyyaaf taasisan leellisaniiru'' jedha ibsi dubbifame.

    Du'aan boqochuun aanga'aa kanaa Humnoota Waraanaa Naajeeriyaatiif kasaaraa guddaa ta'u kaasuudhaan, ''dulawwan nageenya keessoo hedduu keessatti gahee olaanaa baheera'' jedheera.

    Ajajaan waraanaa Olaanaan gulantaa waraana Naajeeriyaa keessatti sadarkaa isa olaanaa qabudha.

    Jeneraal Laagbaajaan aangoo kanarratti kan muudaman ji'a Waxabajjii bara 2023 yoo ta'u, kunis erga Pirezidaant Tinubuun aangoo qabatanii yeroo muraasa booda ture.

    Yeroo baay'eedhaaf hojiirraa fagaatee kan ture yoo ta'u, yeroo muraasaas dhukkuubiisaanii adda hin baaneef wal'aansa argachuudhaaf biyyaan ala ture. Yeroo muraasaa ija ummataatti mul'achu dhabuunsaanis yaaddoo keese ture.

  6. Injifannoon Tiraamp Yukireen, Baha Giddu-galeessaafi Chaayinaaf maal jechuudha?

  7. Tiraamp mo'achuu hodofee gabaan Biitikooyiinii (Bitcoin) garmalee dabale

    Bitcoin

    Madda suuraa, Getty Images

    Karoorri Tiraamp taaksii gibira hir'isuu fi taariif dabaluuf qabataniin walqabatee qaala'insi gatii akka dabalu eegamus invastarootni (abbootiin qabeenya) garuu maallaqa qusatan irraa dhalli argatan waan dabaluuf bu'aa guddaa akka argatan abadatan.

    Investimantiin doolaaraan hojjetanis gatii akka baasuuf abdatan.

    Doolaaraan cinaatti gatiin Biitikooyinii (Bitcoin) akkuma kana haala mul'atee hin beekneen dabaluun gabaafameera.

    Bitcoin maalidha, akkamiin hojjeta? kan jedhurratti odeeffannoo dabalataa dubbiifadha.

    Deeggaraa Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

  8. Dureessi addunyaa Iloon Maask pireezidantummaa Tiraamp irraa maal buufata?

  9. Awustiraaliyaan ijoollee waggaa 16 gadii miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne dhorkuuf

    Daa'imman umuriin waggaa 16 miidiyaa hawaasaa dhorkuuf

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Awustiraaliyaa ijoollee waggaa 16 gadi ta'an miidiyaa hawaasaa kamuu akka hin fayyadamne dhorkuuf seera baasuuf.

    Wixineen seeraa paarlaamaa biyyattiif torban dhufu keessa dhiyaachuuf jiruun miidhaa miidiyaan hawaasaa daa'imman biyyattiirraan gahaa jiru ''ittisuurratti'' kan xiyyeeffate ta'uu ministirri muummee biyyattii Antoonii Albaaneez dubbatan.

    ''Seerri kun haadhaa fi abbootiifiidha. Akkuma ijoolleekootii nageenyi ijoollee keenyaa interneetiirratti nu dhukkubseera. Mootummaan Awustiraaliyaa seera kanaan isin waliin jirra jechaa jira'' jedhan minisitrri muummee biyyatti.

    Bal'inni wixinee seera kanaa paarlaamaarratti dhiyaachuun mariin kan irratti taasifamu yoo ta'u, dhorkichi duraanuu miidiyaa hawaasaarra jiran irratti hojiirra akka hin oollee beekiiseera mootummaan.

    Haata'u malee, maatiin hayyama kennaniifiyyu daa'imman waggaa 16 gadi miidiyaa hawaasaa fayyadamuu hin danda'an.

    Daa'imman miidiyaa hawaasaa akak hin fayyadamneef dhorkuudhaaf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun itti gaafatamummaa abbootii qabeenyaa miidiyaa hawaasaa akka ta'u mootummaan kaaseera.

    Ministirri Mummee Awustiraaliyaa daa'imman fayyadamtootaarratti adabbiin omaa akka hin jiraanne jedhanilleen seericha kabachiisuun to'attoota interneetii Awustiraaliyaa kan ta'e Komishiniin E-Safety akka ta'u ibsaniiru.

  10. Bareedduun Ruwaandaa machooftee oofuun hidhamte hidhaatii baate

    Bareedduu Ruwaandaa (Divaayin Muheetoo)

    Madda suuraa, Miss Rwanda

    Shamarreen bareedduu Ruwaandaa (Miss Rwanda) machooftee konkolaataa oofuun hidhaan ji'a sadii itti muramee turus mana hidhaatii akka baatu ajajni kenname.

    Shamarreen kun dorgommii miidhaginaa biyyattiirratti hirmaachuun mo'attee 'Giiftii Miidhaginaa' [Miss Rwanda] jedhamteetti.

    Shamarree umuriin ganna 21 Divaayin Muheetoo hayyama konkolaachisummaa osoo hin qabaatin konkolaachisuufi machooftee konkolaachisuun torbanootan dura himatamtee turte.

    Machooftee yeroo konkolaachisaa turtetti, muka meexxii miihaginaaf magaala keessa dhaabameefi muka ibsaatti bu'uunis qabeenyarratti miidhaa geessisteetti.

    Bareedduun Ruwaandaa guyyaa 18 waajjira poolisiitti erga hidhamtee booda akka hiikamtu manni murtii ajaje.

    Shamarreen kun obboleessi ishee ittaanaa komishinara poolisii biyyattiiti.

  11. Kaamalaan ce’umsa nan deeggara jette, Tiraamp muudama gurguddoo kennuuf

    Doonaald Tiraam fi haadha warraasaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraamp pirezidantii 47ffaa US ta’uun osoo Waayit Haawus hin seeniin muudama gurguddaa kennuuf qophiitti jira. Kun ammoo morkattuu isaa kan turte Kaamalaa Hariis mo’atamuushee amantee “aangoo nagaan dabarsuu” akka deeggartu waadaa galuushee hordofeeti.

    Morkii filannoorratti mo’amuusheen booda haasaa taasifteen, Kaamalaa Hariis akkas jechuun deeggartootatti dubbatte: “namoonni baayyeen bara dukkanaatti akka seenaa jiraniitti itti dhaga’amuusaa nan beeka, garuu bu’aa hunda keenyaatiif kun akkasisi miti.”

  12. Tamsaasa kallattiin isniif dhiyeessinutti deebineerra.

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Filannoo US 2024 dabalatee oduu biyya keessaafi addunyaa amma ta'aa jiru kallattiin isiniif dhiyeessuu jalqabdeerra.

    Kallattiin nu hordofaa.

  13. Bu'aa filannoo kana ni fudhanna, ce'umsa aangoo nagaa qabeessaaf ni hojjenna- Hariis

    Kaamlaa Hariis firlannoo bara 2024 injifatamuu booda haasaa gochuutti jiraniin bu'aan filannoo isa qabsaa'aniif, isa barbaadaniifi hawwan'' akka hin taane dubbatan.

    Ammoo bu'aa filannoo kana nan fudhadha. jedhan.

    ''Dorgommii goonuu akka itti dorgommaniis boonnu natti dhagaahama'' jedhan.

    Ilaalcha ''garaagartummaa keenya caala waanta tokko nu godhu qabna/'' jedhuufi irra deddeebiin dubbatan irra deebi'an.

    Mira jeeqame keessa jiraachuu kan himan Haris ''gadduun yoo jiraates abdii kutuu hin qabnu'' jedhan.

    ''Bu'aa filannoo kana fudhachuu qabna'' kan jedhan Haris bu'urri dimookrasii injifatamuus simachuudha jedhaniiru.

    Bu'urri dimookrasii bu'aa filannoo fudhachuudha. kanatu Dimookrasii abbaa irrummaarraa adda baasa'' jedhan.

    Amanummaan isaanii uummataafi heera USf ta'uus himan.

    Deggartoota isaanii dargaggoota gadda keessa jiraniin homaa miti jechuun jajjabeessaniiru.

    Humna qabdu aboo qabdu abdii hin kutiinaa jedha dargaggootaan.

  14. Joo Baayiden, Tiraampiin baga gammadde jedhan

    Pirezidaanti Joo Baayiden, Doonaaldi Tiraampi filannicha mo'achuutti naga gammadde jedhaniin.

    Waayit Haawus akka ibsetti bilbilaan Baayiden, Tiraampi waliin yeroo dubbatan, ''aangoo karaa nagaa dabarsuuf qophii tahuu'' himaniiru.

    Tiraampi Waayit Haawus deemuun akka isa dubbisuuf afeeraniiru.

    Baayiden Kamisa boruu ''haala bu'aa filannoo fi dabarsa aangoo irratti'' biyyattiif ergaa dabarsu.

    Akkasumas Kamalaa Haarisiif bilbiluun duula filannoo seena qabeessaa fi jabaa tahe gaggeessuu isheef baga gammadde jedhaniiru.

    Kamalaa Haaris akkasuma Tiraampiin baga gammadde erga jetteen booda tokkummaa biyyattii irratti waliin hojjechuuf waliin mari'ataniiru.

    Baayiden waliin tahuun aangoo karaa nagaa dabarsuu fi hookkarri akka bara 2020 akka hin mudanneef waliin hojjechuuf qophii tahuu himte.

  15. Kamalaa Haaris Tiraampiif bilbiltee mo'amuushee amante

    Kamalaa Haaris

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kamalaa Haaris

    Pirezidaantii Itti Aantuu US, Kaamalaa Haaris, morkataa ishee Rippaabilkaanii Tiraampiif bilbiltee baga gammadde ittiin jette.

    Michuu BBC kan tahe CBS akka gabaasetti, Haaris yeroo bilbilteefii aangoo karaa nagaa dabarsuuf qophii tahuu fi Ameerikaanota hundaaf pirezidaantii tahuu akka qabu Tiraampitti himte.

    Gargaaraan ishee akka himetti, yeroo Yuunvarsiitii Howaarditti deeggartoota isheef dubbii taasiftu bal'inaan dhimma kana irratti ni dubbatti.

    Kaamalaa Haaris erga Joo Baayiden sababa umurii isaaniin dorgommii keessaa bahanii ture yeroo gabaabaatti kaadhimamtuu Dimokiraatotaa tahuun kan dorgomte.

    Pirezidaantii dubartii jalqabaa Ameerikaa taate jedhamee eegamus hin milkoofne.

  16. Tiraamp Filannoo US 2024 mo'ataniiru, himannaawwan yakkaa irratti banaman amma booda akkam ta'u?

  17. 'Tiraamp falaasama siyaasaa homaa hin qabu'- Joon Booltan

    Joon Booltan, Gorsaa Dhimma Nageenya Biyyaalessaa duraanii Tiraampi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Joon Booltan, Gorsaa Dhimma Nageenya Biyyaalessaa duraanii Tiraampi

    Gorsaan Dhimma Nageenyaa duraanii US, Joon Booltan, Paartiin Rippaabilkaanii mo'achuutti ''Chaayinaa fi Raashiyaan gammadaniiru'' jedhan.

    Putiinii fi Tiraampi torbanoota dhufan keessa osoo bilbilaan mari'atanii homaa nan hin raaju jedhan.

    ''Akkan yaadutti Putiin akkam godhee akka Tiraampitti taphatu ykn dhiyaatu beeka. Sana fayyadamee hanga Raashiyaan irraa fayyadamtutti hojjeta,'' jedhan.

    Yeroo aangoosaa waggaa afurii dhufan akkamiin gaggeessuu danda'a jedhamanii kan gaafataman Joon Booltan, '' Tiraampi falaasama gaggeessummaa hin qabu, keessumaa dhimma nageenya biyyaalessaa irratti,'' jechuun deebiisan.

    Akkaataa inni itti hoggansa isaa ilaalu fedha Doonaaldi Tiraampii fi kan biyyi Ameerikaa barbaaddu irraa addummaa hin qabu'' jedhan.

    Joon Booltan gorsaa nageenya biyyaalessaa Tiraampi turan.

    ''Akkan yaadutti, jalqaba irratti namoota siyaasa keessatti diinoota isaa turan waan haloo bahu natti fakkaata. Kun ammoo heera mootummaa keenyaaf qormaata taha,'' jedhan.

  18. Injifannoo Tiraamp booda suurawwaan miira namootaa mul'isan

  19. Vilaadmir Putin, Tiraampi mo'achuutti maaliif hin dubbanne?

    Vilaadmir Putinii fi Doonaaldi Tiraampi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Vilaadmir Putinii fi Doonaaldi Tiraampi

    Dureewwaan biyyoota hedduu injifannoo Tiraampi hordofee erga baga geessanii dabarsaa jiru. Hanga yoonatti ergaan kun Vilaadmir Putin biraa hin dhaga'amne

    Putiin Doonaaldi Tiraampiin baga gammadde jechuuf karoora qabaachuu isaa quba hin qabuu jetti dubbi himtuun pirezdaantichaa Kireemliin Dimitir.

    Yeroo duula filannoo Tiraampi, Vilaadmir Putiniin qeequu irraa of qusataa ture.

    Kamalaa Haaris garuu Putiniin ''mootummaa abbaa irree ajjeesuun beekamu'' jechuun qeeqxe.

    Tiraampi deeggarsi maallaqaa US, Yuukireeniif kennitu sirrii akka hin taane gaafataa ture.

    Kanaaf Kireemliin Putin mo'achuu isaatti gammaduu yoo ifatti labsite iyyuu waan nama raaju miti.

    ''Pirezidaanti Putin Doonaaldi Tiraampiin baga gammadde jechuuf karoora qabaachuu homaa quba hin qabu,'' jette.

    ''Dagachuu kan hin qabne kallattiinis tahe al-kallattiin Ameerikaan michuu keenya waan hin taaneef waraana nurratti gaggeefamu kamuu keessaa harka qabdi,'' jedhan.

    Yeroo duraan Tiraampi filatame gammachuu guddaa keessa kan turte Raashiyaan hariiroo US-Raashiyaa fooyyessa jettee abdattee turte. Garuu hin taane.

    Hayyoonni siyaasaa Soochiitti marii irra turan yoo filannoo kana xiinxalan, namni tokko isaan keessaa Tiraampi jalatti Ameerikaan olaantummaa adunyaa irratti qabdu dhabdi jedhe.

    Namni biraan ammoo filannoon Ameerikaa kun ''mul'ata Raashiyaan adunyaaf qabdu'' waliin kan adeemuufi isheef mijatudha jedhe.

  20. Tiraamp injifachuu hordofee gatiin doolaaraafi Bitcoin dabale

    Namoota sagalee kennaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraamp filannoo pirezidantummaa injifachuun erga tilmaamamee booda gatiin doolaaraa dabaleera.

    Karoorri Tiraamp taaksii gibira hir'isuufi taariif dabaluuf qabataniin walqabatee qaalayinsi gatii akka dabalu eegamus invastarootni(abbootiin qabeenya) garuu maallaqa qusatan irraa dhalli argatan waan dabaluuf bu'aa guddaa akka argatan abadatan. Investimantiin doolaaraan hojjetanis gatii akka baasuuf abdatan.

    Doolaaraan cinaatti bitcoin'niinis haala mul'atee hin beekneen dabale. Tiraamp wayita duula filannoo gaggeessan,''Bitcoin fi Cryptocurrency dhaan Ameerikaa teessoo addunyaan godha'' jedhanii turan.

    Gatiin doolaaraa maallaqa akka paawundii, yuuroo fi Yeen (Kan Jaappaan) waliin bira qabaan 1.4%n dabaleera.

    Gatiin Bitcoin doolaara 6,000n dabalee amma $75,371.69 gaheera. Kunis gatii riikardii ta'ee himamaa jira.

    Tiraamp Bitcoin fi crypto irratti ejjennoo gaarii waan qabaniif filatamuun isaanii damee kanaaf oduu gaarii ta'eera.