Bu'aan filannoo US yoom beekama?

Filannoowwan pirezidantummaa tokko tokko irratti namni injifannoo argate guyyaadhuma sagaleen itti kenname halkan beekama, ykn ammoo boriituusaa ganama ibsama.
US Isteetota hedduu keessatti morkiin filannoo cimaa ta'uun walqabatee miidiyaaleen bu'aa filannoo ibsuuf obsuun kan isaanirra jiraatu ta'uu hin oolu.
Kaadhimatuun dhaaba Dimookratotaatiifi Pirezidantii itti aantuun ammaa Kaamlaa Hariis fi kaadhamimaan Rippaablikaanotaa pirezidantii duraanii Doonaald Tiraamp torbanootaaf morkii cimaa gaggeessaa jiru.
Sagaleen itti wal injifatan garaagartummaa xiqqaan yoo ta'e sagaleen irra deebiin lakkaa'amuu qaba. Isteetota murteessoodha jedhaman akka Pensilvaaniyaatti garaagartummaan jiru kan dhibbenetaa walakkaa yoo ta'e isteeta sana guutuu keessatti sagaleen irra deebiin lakkaa'amuu qaba.
Bara 2020tti garaagartummaan injifataa fi mo'amaa gidduu ture qabxii dhibbeentaa 1.1 xiqquma waan caaluuf Baayidantu injifate.
Turtiin bu'aa filannoo eeguu kun himannaawwan adeemsa filannoon kana eegamu caalaas dheerachuu danda'a. Ammayyuu sagaleen kennamuu eegaluu dura himannaawwan seeraa 100 ol ta'an dhaaba Rippaablikaaniirraa dhiyaateera. Himannaan kunniin gariin kan filattoota ulaagaa hin guunnefi adeemsa filannoo biroon walqabatu.
Wanti biraan bu'aan filannoo ibsamuurraa akka turu taasisu buufatalee sagaleen itti kennamutti jeequmsi yoo dhalatedha.
Filannoon bara 2020 Kibxata Sadaasa 3 gaggeeffame. Midiiyaaleen US garuu hanga bu'aan Penselvaaniyaa ibsamutti eeguun guyyaa afur booda Sadaasa 7, Joo Baayidan filannicha injifachuu gabaasan.
Filannoowwan sana duraarratti garuu abbaan injifate kan ibsame yeroo gaabaabaa keessattidha.
Bara 2016tti Tiraamp injifachuun kan himame guyyaa filannoo buleeti.
Bara 2012tti Baraak Obaaman injifachuu akka danda'u bu'aan jalqabaa kan ibsame guyyaadhuma sagaleen kennametti ture.
Yoo bu'aan filannoo mormame maaltu ta'a?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sagaleewwan kennaman marti erga lakkaa'amanii raawwatanii booda hojii ellektoraal kollijjiitu hoojjetama.
Tokkoon tokkoon isteetotaarraa sagaleen ellektoral adda baha. Wantii guddaan injifataa filannoo kanaa adda baasu hojii iellektoraal vootii kana adda baasuudha.
Isteetotni sagalee ellektoraalii isaanii kaadhimamaa injifateef erga kennanii booda Mudde 17 walgahii taa'amuun mirkaneeffamuu qaba.
Achii booda Amajjii 6 Kongireesiin US walgahee sagalee ellektoraalii kenname erga lakkaa'ee raggaasee booda pireezidantii haaraa ifatti beeksisa.
Tiraamp filannoo bara 2020 irratti adeemsa Kongireesiin hojii mirkaneessufi labsuu wayita hojjetu mormii dhageessisuun hokkorri akka dhalatu sababa ta'e.
Itti aanaan isaa Maayik Peens bu'aa kana fudhatam akka dhabsiisu gaafatus Peensi ni dide.
Hokkorri erga dhaabateefi miseensonni Koongireesii hojitti deebi'anii boodas rippaablikaanotni bu'aa fudhachuu diduun sagalee kennanis, Tiraamp mo'amuu jalaa hin baane.
Ergasii rifoormiin hojiirra akka oolu godhame seera baaftotni bu'aa ellektoraalii Istootnin mirkaneessanii ergan jijjiiruun akka ulfaatu godheera.
Namootni adeemsa filannoo taajjaban bara kana wantootni bu'aa filannoo ibsuun akka barfatu taasisan sadarkaa isteetaafi isaa gaditti mudachuu malu jedhu.
Tiraamp bu'aan filannoo alanaa kun ''haqa, dhugaa fi qulqulluu'' yoo ta'e akka fudhatu ibsee jira.
Kadhimamaan pirezidantii ta'ee filamu Amajjii 20 bara 2025 waadaa galuun pirezidantii US 60ffaa ta'uun hojii eegala.












