Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe

Ameerikaa, kibba Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamoo daldalaa tokkotti bu'uun balaa mudateen namoonni lama du'an, 18 miidhaman jedhan qondaalonni.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Abbaan warraakoo osoo mana jiraate bobbaaf mana fincaanii hin dhaqu ture'

    Gorsi barruuleen dargaggootaa tokko "jaalalleenkee osoo hin beekin dhoksaan attamiin bobbaaf bahuu dandeessa" jedhu irratti dhiyaate Jiin Moorii irratti dhiibaa umurii guutuu uume.

    Sirummaa gorsi tokko, dubartii tokko hiriyyaashee waliin halkan dabarsuuf yoo yaaddeetti mana fincaanii deemuu akka hin barbaadneef qoricha ajaja ogeessa fayyaa malee bitamu fudhachuu akka dandeessu yaada akka kenne yaadati.

    Dubartiin ganna 35 tun amala kana keessaa muraasa akka fudhatte dhiheenya kana kan hubatte yoo ta'u, qaaniisuu garuu haala fayyaa hamaa haguugee ture jetti.

    Abbaa warraa ishee waliin jalqaba yeroo wal baran, hanga inni manaa bahutti bobba'uuf taa'uuf mana fincaanii hin dhaqxu turte ykn yoo inni darbii gamoo olaanurra jiraate isheen ammoo gara ''harka dhiqachuutti fiiguun bishaan gadi diisuun fincoofti'' turte.

    Odeessa kanarratti dabalata dubbiisuuf asiin seenuu dandeessu.

  2. Joorjiyaa keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman mormii dhageessisan

    Mormitoonni Joorjiyaa kumaatamaan lakkaa’aman magaalaa guddoo Tibiliisii ​​keessatti haala siyaasaa biyyatti keessa jiruu fi aangoo dabarsuu diduu Pirezdaantii biyyatti morman.

    Mormicha irratti poolisiin jeequmsa kaasaan jechuun mormitoota irratti gaazii imimmaanessuu fi qawwee bishaanii fayyadameera. Mormitoonni ammoo ibiddaa fi dhagaa darbachuun waldhabdeen uumame.

    Pirezdaantii haaraa biyyatti ta'uuf Dilbata kana kakuu raawwachuuf qophaa'aa kan turan taphataa kubbaa miilaa duraanii Maanchistar Siitii Mikheil Kavelashvili, paartii waggootaaf biyya bulchaa tureen michuu ta'uutu himama.

    Filannoon biyyattiitti gageeffamullee, hoggantuun biyyaattii yeroo ammaa Saalome Zourabichvili harka Raashiyaatu keeessa jira, filannoon seeraan ala jechuun aangoo gadhiisuu didaa jiru.

    Ergasii booda mormiin itti fufeera. Gareen mormitootaa gurguddoon afran Kaavelashvilii diduudhaan paarlaamaa lagataniiru.

    Ameerikaanis torbee kana muummicha ministeera Joorjiyaa duraanii fi hundeessaa dhaabbata Joorjiyaan Dream Bidzina Ivanishvili irra qoqqobbii keessee jirti.

  3. Waa'ee Daandii Qilleensa Jeju balaan mudatee waan beeknu

    Daandii Qilleensa Jeju (Jeju Air) daandiin xiyyaaraa Kooriyaa Kibbaa keessaa "lakkoofsa tokkoffaa" gatii xiqqaan tajaajila kennuu ta'uu isaa marsariitii isaa irratti beeksiseera.

    Daandiin Qilleensaa kunis bara 2005 kan hundeeffame yoo ta'u, hojjettoota gara 3,000tti tilmaaman qaba.

    Daandiin Qilleensaa Jeju Air kunis magaalota Eeshiyaa-Paasifiik, Jaappaan, Chaayinaa, Filiippiinsii fi Taayilaandi dabalatee, tajaajila kallattiiwwan balalii hedduu Kooriyaa Kibbaa keessatti kenna.

    Daandiin xiyyaaraa kun hanga Amajjii bara 2024tti gara magaalota 44tti kan balali'u yoo ta'u, xiyyaarota isaa 42 n guyyaatti gara 220 balalii taasisa.

  4. Itti aanaan pirezidaantii zoonii balaa addaa labsan

    Pirezidaantiin itti aanaan biyyattii, Cho'i Saang-mook, Muu'aan keessatti zoonii balaa addaa labsan.

    Kunis mootummaa giddugaleessaa, mootummaa naannoo fi miidhamtootaaf deeggarsa maallaqaa akka dhiyaatu taasisa.

    “Amma erga xiyyaarrii gamana kana daandii balalii irraa maquun balaan qaqabee lubbuun namoota hedduu galaafatameen booda haala hamaa ta’e qabna,” jedha Cho'i jedha akka ibsi waajjira isaaniitti.

    "Miidhamtoota taatee kanaa hedduudhaaf gadda guddaan qaba. Kanneen miidhaman dafanii akka fayyaniif waanan danda'u hunda nan godha. Namoota miidhamaniif jajjabina hawwa, maatii gaddi irra ga'eefis jajjabina koo dhaama."

    Itti aanaa kunis ibsa kanaan dura bakka balaan xiyyaaraa itti qaqabee qaamaan deemuun dowwachusaanii waajjiirrii pirezidanii hime.

    Cho'ii tattaaffii baraarsaa kanaaf gargaaran akka kennan humna namaa, eegumsa fayyaa fi meeshaaleen akka dhiyaatanii kallattii kennusaanii waajjirri isaanii ibse.

    Mootummaan maatii gaddi irra gahe deeggaruuf waan danda'u hunda ni taasisa jedhan dabaluun.

    Cho'ii Jimaata darbe rakkoo siyaasaa biyyattii keessatti mudatee erga itti aanaan pirezidaantiin duraanii aangoo irraa kaafamanii booda ture kan hogganaa yeroof biyyattii akka dursaniif kan muudaman.

  5. Dureewwan Daandii Qilleensa Jeju mataa gadi qabachuun ummata dhiifama gaafatan

    Hojii Gaggeessaa Olaanaan Daandii Qileensa Jeju balaa xiyyaaraa mudateef ifatti mataa gadi qabachuun ummata dhiifama gaafatan.

    Ibsa gabaabaa miidiyaaleef kennaniin, Hojii Gaggeessichi, Kiim E-baa'e fi hoggantoonni dhaabbatichaa kaan waliin ta'udhaan mataasaanii lafatti gadi qabuun dhiifama gaafatan.

    Hojii Gaggeessaa olaanaan kunis amma hojiisaanii inni duraa namoota sababii balaa kanaatiin gaddarra jiran deeggaruudha jedhan.

    Daandiin Qilleensaa kunis ganamarraa kaasee marsariitii isaa gara gurraachaatti jijjiruun gabaafameera.

    Lakkoofsi namoota balaa kanaan du'an 120 qaqabuu Tajaajilli Balaa Ibiddaa biyyattii beeksiiseera.

  6. Namoonni balaa xiyyaara Kooriyaa Kibbaan du'an 120 gahe

    Hammi namoota balaa xiyyaara Kooriyaa Kibbaa kan halkan edaa mudateen du'anii ammaa gara 120 ol guddachuun Ejansiin Balaa Ibidda Biyyattii beeksiise.

    Akka ejansichi himeetti namoota lubbuun hafan lamaa , dhiira tokkoo fi dubartiin tokko, lamaanuu hojjattoota balalii xiyyaarichaati. Isaanis karaa eegee xiyyaarichaa keessatti argaman.

    Kanneen lubbuun hafan lamaanuu battalumatti gara hospitalaa geeffamuun himame.

    Kooriyaan Kibbaa yeroo dhiheenyaa as rakkoo siyaasaatiin jeeqamaa kan jiru yoo ta'u, torbanoota muraasa darban keessaa paarlaamaan biyyattii pirezidantiifi ministira mummee bakka pirezidantii aangorraa ari'atame bu'e aangoorraa kaasuun ni yaadatama.

    Pirezidantiin biyyattii duraanii seeraa waraanaa haaraa hojiirra oolchuu hordofuun mormii ka'een aangoorraa akka bu'u taasifame.

  7. Hojjattoonni balaa ibidda xiyyaara boba'aa jirruu wayita dhaamsuuf yaalan

    Waraabbii viidiyoo nama ijaan argeerraa BBCn argate akka agarsiiseetti, osoo xiyyaarichi ibiddi itti qabatee gubataa jiruu hojjattoonni lubbuu baraarsaa fi balaa ibiddaa bakkicha yoo gahan agarsiisa.

    Kunoo viidiyoo kana ilaalaa.

  8. Viidiyoo yeroo balaan xiyyaarri Kooriyaa Kibbaa mudate

    Wayita balaan xiyyaara daandii qilleensa Idil-addunyaa Mua'aanitti mudachuun yoo xinnaate imaltoota 85 galaafatee kanneen ijaan argan akkasiin viidiyoon waraaban.

    Sababii taatee kanaatiin balaliin buufata xiyyaaraa kanaa hundi haqamuun gabaafameera.

  9. Daandiin Qilleensaa Jeju balaa qaqabeef dhiifama gaafate

    Daandiin Qilleensa Jeju balaa qaqabeef dhiifama gaafate.

    "Nuti warri Daandii Qileensa Jeju namoota taatee balaa Buufata Xiyyaaraa Mu'aan irratti qaqabeen miidhaan irra gahe hundaa mataa keenya gadi qabannee dhiifama gaafanna," jedha ibsi gara Afaan Ingiliffaatti hiikame.

    "Taatee kanaaf deebii kennuudhaaf waan dandeenyu hunda ni goona. Dhiphina mudateef dhiifama."

    Sababni balaa kanaa hanga ammaatti kan hin beekamne yoo ta'u, miidiyaaleen biyya keessaa garuu simbirroota sirna xiyyaarichaa keessa seenuun mudachuu mala jechuun gabaasan.

    Balaan kun seenaa daandiiwwan qilleensa Jeju, daandii qilleensaa gatii xiqqaa Kooriyaa Kibbaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'e fi bara 2005 hundeeffame keessatti balaa lubbuu namootaa galaafate isa jalqabaati.

  10. Amma nu gahe, Balaa xiyyaaraa Kooriyaa Kibbaatti mudateen yoo xinnaate namoonni 85 du'an

    Kooriyaa Kibbaatti xiyyaarri imaltoota 181 fe'ee ture buufata xiyyaaraa keessatti kufee yoo xinnaate lubbuun namoota 85 darbuu isaa tajaajilli balaa ibiddaa biyyattii beeksise.

    Xiyyaarri kunis daandii xiyyaaroonni yoo qubataniifi ka'an irra balalii'an irraa bu’uun dallaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Muu'aan kan kibba lixa biyyattiitti argamu keessatti blaan kun mudachu dhaabbati oduu Yonhap gabaase.

    Xiyyaarri abbuumaan saa kan Jeju Air ta'e kunis imaltoota 175 fi hojjettoota xiyyaaraa 6 fe'ee, Taayilaandi Baangkok irraa deebi'aa osoo jiruu wayita qubachuuf jedhuutti balaan kun qaqabuun gabaafame.

    Hanga ammaatti namoonni lama lubbuun kan argaman yoo ta’u, hojiin baraarsaa ammallee itti fufee akka jiru qondaalli balaa ibiddaa dhaabbata oduu Rooyitarsiif himaniiru.

    Odeessa kana waan haaraasaa jala buunee isin biraa geenyaa nu hordofaa.

  11. Tamsaasa kallattii keenya eegalleera

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti nagaa isiniif dhaamna.

    Kunoo tamsaasa kallattii keenya kan guyyaa Dilbataa amma eegalleera.

    Isinis yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa gagabaabsiine asin ni argattu.

    Odeessaalee kaaniif ammoo marsariitii https://bbc.in/3PaWIJo, Facebook https://bbc.in/3PhNYRL fi WhatsApp Chaanaalii https://bbc.in/41TfkFh keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa gaarii!

  12. Battala Dr Teedroos haleellaa buufanni xiyyaaraa Yaman jalaa lubbuun itti hafan

    Hogganaa olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Dr Teediroos Adihaanoom haleellaa buufata xiyyaara Yaman irratti Israa'el raawwattee jala amma xiqqoof lubbuun ooluunsaanii gabaafameera.

    Kunoo battala taatee haleellaan sun itti mudateetti waraabbii viidiyoo kana ilaalaa.

  13. Amma nu gahe, Putiin osoo badiin kan Raashaatii hin jedhiin xiyyaara kufee cacabeef dhiifama gaafate

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin xiyyaara imalaa naannoo qilleensaa Raashiyaa keessatti kufee namoonni 38 du'uusaaniif, pirezidaantii biyya ollaa Azaarbaajaan dhiifama gaafatan, Garuu Raashiyaan itti gaafatamummaa qabdi jechuu irraa of qusate.

    Puutiin balaa xiyyaara guyyaa ayyaana Qillee mudaterratti yaada yeroo jalqabaa kennaniin, ''taatee gaddisiisaa'' kun kan mudate yeroo sirnoonni ittisa qilleensaa Raashiyaa diroonii Yukireen dammaqinaan ofirraa deebisaa turanitti ta'uu dubbataniiru.

    Xiyyaarri kun Cheecheniyaa keessa qubachuuf osoo yaaluu sirna ittisa qilleensaa Raashiyaa irraa dhukaasa jala akka seene gabaafameera. Kunis Galaana Kaaspiyaan akka qaxxaamuru dirqisiise.

    Garuu ammoo Kaazaakistaan ​​keessatti lafa dhahee caccabuudhaan namoota 67 xiyyaara sana keessa turan keessaa 38 du'an.

    Kireemlin ibsa Sambata haraa baasteen, Puutiin pirezidaantii Azarbaajaan Ilhaam Aliyev bilbilaan akka dubbisan ibseera.

    "Vilaadmiir Puutiin taatee gaddisiisaa naannoo qilleensaa Raashiyaa keessatti mudateef dhiifama gaafachuun, ammas maatii namoota lubbuun darbaniif jajjabina guddaa ibsanuun, kanneen miidhamanis saffisaan akka fayyan hawwaniiru," jedha ibsichi.

    Sambataan dura Kireemlin balaa xiyyaaraa kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine ture. Garuu aanga'oonni aviyeeshinii Raashiyaa sababa haleellaa diroonii Yukireen Cheecheniyaa irratti raawwateen haalli naannichaa ''baay'ee walxaxaa'' ta'uu dubbatanii ture.

    Ogeeyyiin aviyeeshinii fi namoonni biroo Azarbaajaan keessa jiran ammoo sirni GPS xiyyaarichaa jaamsa elektirooniksiitiin kan miidhame ta'u fi sana booda haleellaa misaa'ela ittisa qilleensaa Raashiyaa irraa kan ka'e akka miidhame amanu.

    Namoonni xiyyaaricha keessaa lubbuun hafan xiyyaarichi osoo hin kufin dura dha'annaa guddaa dhaga'uu isaanii kan gabaasan yoo ta'u, kunis xiyyaarra akka irratti xiyyeeffate agarsiisa.

    Azarbaajaan Raashiyaa ifatti himachuu baatus, ministirri geejjibaa biyyattii xiyyaarichi yeroo lafa bu'uuf yaalu alaafi keessaan ''giddu-galummaa alaa'' jala waan tureef miidhaan irra gaheera jedhan.

    Qondaaltonni ittisa Ameerikaa Jimaata darbe, kufaatii xiyyaarichaatiif itti gaafatamtuun Raashiyaan akka ta’e akka amanan himanii turan.

    Bilbila Dilbata darbe bilbilaniin Puutiin xiyyaarri Daandii Xiyyaaraa Azarbaajaan Muddee 25 buufata xiyyaaraa Grozny Cheecheniyaa qubachuuf irra deddeebi’ee yaaluusaa beeksisaniiru. Y

    Yeroo sanatti Grozny, Mozdok fi Vladikavkaz diroonii Yukireeniin haleelamaa kan turan yoo ta’u, sirni ittisa qilleensaa Raashiyaa haleellaa sana ofirraa deebisaa ture jedhan Puutiin akka ibsi Kireemlinitti.

    Moskoo qorattoonni Raashiyaa qorannoo yakkaa akka jalqaban hubatteetti. Azarbaajaan ammoo qorannoo akka eegaltu kanaan dura beeksistee turte.

  14. Manni Maree Nageenya UN Somaaliyaatti ergama haaraa Tasgabbiifi Deeggarsa Gamtaa Afriikaaf hayyama kenne

  15. Saakaan 'wal'aansa baqaqsanii yaaluun' booda ji'a lamaaf hin taphatu- Arteettaa

    Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa Bukaayoo, Saakaa erga miidhamni sarbaa isaarra ga'een wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameefii booda ''ji'oota lamaa oliif'' tapharraa fagaachuu danda'a jedhe.

    Taphataan fuulduratti ba'ee qarqara irra taphatu kun tapha Arsenaal goolii 5 fi 1n Kiristaal Paalaas mo'aterratti boqonnaa dura miidhamee dirreedhaa ba'e.

    Taphataan kun erga Muddee 21, 2024 deeggarsaan dirreedhaa ba'e, ergasii taphatti hin deebine.

    Bukaayoo Saakaa Arsenaaliif taphataa murteessaadhaa, bara kana dorgommii taphootaa hundarratti hanga yoonaa goolii sagal galcheera. Taphoota 24 taphaterratti kubbaa gooliif ta'u 13 mijeessee kenneera.

    Dabalataan dubbiisuuf ammoo asiin argattu.

  16. Naayijeeriyaan Niijar tasgabbii dhabsiisuuf Faransaay waliin ta’uu haalte

    Naayijeeriyaan himannaa, hogganaan waraanaa Niijar, Birgaadar Janaraal Abduraahmaan Tichiiyaani, Faransaay waliin ta’uun biyya juntaan durfamtu tasgabbii dhabsiisuuf jechuun dhiyeessan haalte.

    Jeneraal Tichiiyaani gaaffiifi deebii guyyaa ayyaana qillee taasisaniin, Faransaay gareewwan hidhattootaa naannoo Haroo Chaaditti argaman waliin michoomuun, beekkamtii Naayijeeriyaatiin nageenya Niijar diiguu jechuun himatan.

    “Aangawoonni Naayijeeriyaa tarkaanfii dhoksaa kana kan hin beekne miti,” jechuun ture aanga'aan kana wabeeffachuun AFP kan gabaase.

    Deebii kanaafis, Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Naayijeeriyaa, Nuuhuu Ribaaduu BBC Hawusaattiin, himannaan kun bu'uura kan hin qabnee fi soba ta'uu ibsan.

    Obbo Ribaaduun, Naayijeeriyaan gonkumaa ''Niijar irratti daba hojjachuus ta'e balaan kamiyyuu akka ishee mudatu hin hayyamtu'' jedhan.

    Ministirri Odeeffannoo Naayijeeriyaa, Mohaammad Idriis gamasaanitiin, himannaan kun bu'uura kan hin qabnee fi ''tooftaa qaama biraatti qabachuun kufaatii bulchiinsa isaanii haguuguuf kaayyeffatedha'' jedhan.

  17. Tiraamp manni murtii olaanaa biyyatti dhorkaa TikTok akka tursiisuuf gaafatan

    Pirezidantii filatamaan Ameerikaa, Doonaald Tiraamp, furmaata ''siyaasaa irratti'' hojjataa jiraniifu manni murtii olaanaa biyyatti dhorkaa TikTok irra kaa'uf ture akka tursiisuuf gaafatan.

    Abookaatoonni isaanii guyyaa Jimaataa mana murtichaatiin Tiraamp, ''TikTok dhorkamu ni mormu. Yeroo aangoo qabataniitti rakkoolee jiraniif furmaata siyaasaa fayyadamu barbaadu'' jechuun yaadasaanii galchaniiru.

    Manni Murtichaa silaa Amajjii 10, 2025 abbaa qabeenyaa miidiyaa hawaasaa kanaafi lammii Chaayinaa kan ta'e Baayitidaans, dhaabbatasaa dhaabbata Ameerikaa ta'e tokkootti akka gurguru ykn ammoo gaafa Amajjii 19 dhorkaan akka irra kaa'amuf falmii dhagahuf jira.

    Kunis guyyaa Tiraamp aangoo itti fudhatuun guyyaa tokkoon dura jechuudha.

    Aanga'oonni Ameerikaa fi qaamooleen seera tuman TikTok fi abbaan qabeenyaa dhaabbatichaa, mootummaa Chaayinaa waliin hidhata qabu jechuun yoo himatan, dhaabbatichi garu kana ni haala.

    Himannaan Appii TikTok kan US keessatti fayyadamtoota miiliyoona 170 qabu kanaatis, Kongireesiidhaan baatii Eblaa keessa akka seeraatti kan raggaasifame yoo ta'u, Pirezidaantiin Joo Baayidanis seericha mallatteessuun seera akka ta'uf ragaasisaniiru.

    TikTok fi Baaytadaans seericha mormuudhaan himannaawwan garaagaraa kan dhiyeessan yoo ta'u, kunis bilisummaa dubbachu Ameerikaa balaarra buusa jechuun falmaniiru.

    Hanga ammaattis qaamni dhaabbilee kanneen nan bita jedhe dhiyaate sababii hin jirreef carraan cufamuu Appichaa harka mana murtii olaanaa Ameerikaatti kufeera.

  18. Uummata bakka sooftii baala biqiltuu bobbaa ittiin ofirra haxaa'an biqilfatan

    Naannoo keessa keessattuu baadiyaatti ummannii wayita mana fincaanii dhaquutti baala akkamiitiin fayyadama? Tarii akkuma naannootti garaagara ta'u danda'a.

    Waraqaa lallaafaa erga mana fincaanii taa'ameen booda ittiin ofirraa haxaa'an hojjechuuf addunyaa guutuutti waggaa waggaan mukkeen miiliyoona tokko ta'an ni ciramu.

    Uummanni biyya ollaa, Keeniyaatti, garuu bakka waraqaa ykn sooftii kanaa, barootaaf biqiltuu baala lallaafaa qabdu tokko biqilchuun itti fayyadama.

    Baha Keeniyaa bulchiinsa Meeruu keessa biqiltuun Lush jedhaniin tokko lafa guutee mul'ata. Odeessa kanarratti bal'inaan dubbiisuudhaaf asii galu dandeessu.

  19. Hogganaan kirpitoo fi lammiin Kooriyaa Kibbaa dabarfamee UStti kennamuuf

    Abbaan qabeenyaa maallaqa kirpitoo fi lammiin Kooriyaa Kibbaa, Duu Kiwoon, sababii kufaatii tookiin (token) dijitii lama; TerraUSD fi Luna'tiin wal qabatee, Montenegro irraa gara Ameerikaatti dabarfamee kennamuuf.

    Ji'ootaaf, US fi Kooriyaan Kibbaan, hanni dhaabbata tookin duuba jiru kufu taasisuun, kunis doolaara biiliyoona 40 (£31.7bn) invastaroorarraa liiqeeffate fudhachuufi gabaan kirpitoo addunyaa raasuu himachuun, Kiwoon dabarsamee akka kennamuuf gaafataa kan turan.

    Biiyi Awuuroppaa Montenegro sababii US ykn Kooriyaa Kibbaa waliin waliigaltee shakkamaa dabarsanii kennuu waliin mallateessan hin qabneefuu dhimmichi mana murtiitti falmuun dirqama ta'e.

    Haaluam kanaanis falmiin baatiiwwan 18 darbaniif taasifamaa ture amma xumura argate.

    ''Ministeerri Haqaa, Bojaan Bozovic murtii himatamaa Kiwoon Duu Hyung gara Ameerikaatti akka dabarfamee kenamu raggaasisu baasan,” jechuun Ministeerri Haqaa ibsa baaseen beeksiseera.

    “Ulaagaaleen seeraan tumaman harki caalaansaanii gaaffii himatamaan dabarfamee kennuu qaamolee aangoo qaban kan Yunaayitid Isteetis Ameerikaa irraa dhiyaate kan deeggaran ta’uun xumurameera,” jedha ibsichi.

    Itti dabaluudhaanis, Kiwoon mataansaa Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa, biyyoota lamaanitti dabarfamee akka kennamuuf hayyamuu isaa ibseera.

    Ji'a Guraandhalaa keessa, qaamoleen Ameerikaa seera tumu Kiwoon fi dhaabbata isaa Terraform Labs ''hanna iccitiiwwan qabeenya kirpitoo doolaara biiliyoona hedduutti tilmaamamu qindeessuun'' himatee ture.

  20. Azarbaajaan xiyyaarrishee osoo hin kufin dura 'giddu-galummaa alaatiin' Raashiyaa irratti rukutame jette

    Ministirri geejjibaa Azarbaajaan xiyyaarri Daandii Qilleensaa Azarbaajaan Muddee 25 kufe, rippabiliika kibba Raashiyaa Cheecheniyaa keessa bu'uuf yaaluun isaa, "giddu-galummaa alaatiin" keessaa fi alaan miidhame jedhan.

    "Namoonni lubbuun hafan hundinuu osoo adda hin baafamin, xiyyaarri kun wayita samii Grozny irra turetti sagalee dho'iinsa sadii dhaga'uusaanii ibsan," jedha Rashaad Naabiyev.

    Xiyyaarri kun galaana Kaazaakistaan ​​ce'ee gara Kaazaakistaan ​​osoo hin deebii'iin dura sirna ittisa qilleensaa Raashiyaa irraa akka itti dhukaafame yaadama. Achitti kufees lubbuun namoota 38 galaafate.

    Dabalata dubbisuuf asiin ni argattu.