Sirreeffamaan lammii Ameerikaa gurraachi tokko osoo hin du'iin dura, viidiyoon mana sirreessaa Niiw Yoork keessatti polisootaan garmalee yoo reebamu agarsiisu ifa ta'e.
Sirreeffamaan gaheessa umuriin waggaa 43, Roobart Biruuksi reebamee guyya ittaanu manuma sirreessaa keessatti du'e.
Qorannoo mana sirreessaa Maarsii sirreeffamaan kun keessatti ajjeeffameetti taasifame hordofee, bulchaan Niiw Yoork Kaachii Hoochiil, qondaaltoota miidhaa kana keessatti hirmaatan 13 fi narsiin mana sirreessichaa hojiirraa akka hari'ataman ajajan.
Waajjirri Abbaa Alanagaa waliigalaa Niiw Yoorki, Leetishiyaa Jeems, du'a Roobarti irratti qorannoo banuu beeksiisan.
Viidiyoon guyyaa Jimaataa gadi dhiifame kun Roobarti siree qorannoo fayyaatiif harkiisaa hidhamee bakka taa'eetti poolisoonni fuulaa fi qaamaa saalaasaa irra deddebiin yoo rukutan agarsiisa.
Qondaalli mana sirreessichaa tokko ammoo osoo Roobartii reebuu hin eegaliin dura yoo waan ta'e afaansaa keessa galchu mul'ata.
Qondaalli biraa ammoo sirreffamaa harikaasaa cancalaan hidhame kopheedhaan garaa keessa yoo reebu agarsiisa.
Viidiyichi dabalataan qondaalli tokko morma Roobarti hudhee qabuun erga siree qorannoo irraa kaaseen booda deebiisee humnaan yoo kuffiisuu agarsiisa.
Sirreeffamaan kunis miidhaan irratti raawwatameen boromtaasaa du'e. Sababiin du'a Roobarti mormiisaa hudhamee ta'u qorannoowwan marsaa jalqabaa mirkanneessan.
QOndaaltoonni mana sireessaa kunneen sababii itti Roobarti gara dhaabbata qorannoo kanatti geessaniif ifa miti. viidiyichis asagale hin qabu.
Haatii alangaa tunis, ''vidiyoo kanas sababii addaa tibba ayyaanaatti gadi dhiisaniif qabu'' jedhan.
''Viidiyoowwan kanneen ifa kanan taasiseef sababiin maatii Roobartiif ittigaafatamummaa fi dirqama qabuufiidha. Kana malees, jiraattoota Niiw Yoorkiif iftoomiinaafi ittigaafatamummaa agarsiisuufan'' jedhan haatii angaa Laatishiyaa Jamsi.
Roobarti himannaa haleelaatiin hidhaan waaggaa 12 itti murtaa'e akka ture Asosheeti Pirees gabaaseera. Garuu gara namana sirreessaa Maarsiitti kan dabarfame guyyaa itti reebame sanaadha.
Abookaatoon maatii Roobarti Elzaabeet Maazur ibsa kennaniin, ''viidiyoowwan kunneenis haleellaa sukkanneessaa fi cimaa'' kan agarsiisaniidha jedhan.
''Jiraachu qabaata ture. Sirreeffamoonni mana sirreessaa Maarsii keessaa jiran hundi miidhaan nurra gahaadhaan sodaan jiraachu akka hin qabne beeku qabu'' jedhan abookaatoon maatii Roobarti.
Bulchaan Niiw Yoork gama saanitiin, ''nu naasiseera akkasumas nu aarseera'' erga jedhaniin booda, kanneen haleellaa kana keessatti hirmaatan ittigaafatamo gochuuf akka murteessan dubbatan.
''Bulchiinsa Niiw Yoorkiin namoota seera cabsaniif obsi omaa hin jiru. Kanneen gochaa kana keessatti hirmaatan hunda itti gaafamoo taasisuuf kutannoo qabna'' jedhan itti dabaluudhaan.