Uummata bakka sooftii baala biqiltuu bobbaa ittiin ofirra haxaa'an biqilfatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Naannoo keessa keessattuu baadiyaatti ummannii wayita mana fincaanii dhaquutti baala akkamiitiin fayyadama? Tarii akkuma naannootti garaagara ta'u danda'a.

Waraqaa lallaafaa erga mana fincaanii taa'ameen booda ittiin ofirraa haxaa'an hojjechuuf addunyaa guutuutti waggaa waggaan mukkeen miiliyoona tokko ta'an ni ciramu.

Uummanni biyya ollaa, Keeniyaatti, garuu bakka waraqaa ykn sooftii kanaa, barootaaf biqiltuu baala lallaafaa qabdu tokko biqilchuun itti fayyadama.

Baha Keeniyaa bulchiinsa Meeruu keessa biqiltuun Lush jedhaniin tokko lafa guutee mul'ata.

Jiraataan Meeruu, Beenjamiin Muteembiyee biqiltuu maqaa saayinsaawaan isaa Plectranthus barbatus jedhamu kana soorataaf osoo hin taane waraqaa mana fincaanii gochuun fayyadamuuf biqilcha.

''Akaakayyuu kiiyyarraan baradhe, erga bara 1985 kanumattin fayyadama. Baayyee lallaafaadha, fooliinsaas gaariidha,'' jedha Beenjamiin.

Biqiltuun kun kan baala qabu ta'ee hanga meetira lamaa dheerata. Baallisaa hanga waraqaa mana fincaanii warshaadhaan oomishamanii gaha. Lallaafaa ta'ee waan akka dabbasaa wayii qaba. Bakka ho'aatti biqila. Afrikaa bakka hedduutti akka biqilu himama.

''Kun waraqaa mana ficaaniif kan barootaaf tureera. Mana keenyatti namni hunduu baala kana fayyadama. Waraqaawwan ammayyaa kaniin bitu, yoo baalli kunniin hundi saanii buqqa'aniidha,'' jedha Beenjamiin.

Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti gatiin waraqaa mana fincaanii akkaan dabaleera. Sababni ammoo waraqaawwan kana tolchuuf galteen barbaachisu dabaluu isaati.

Akka waldaan omishtootaa Keeniyaa jedhutti, gatii waraqaawwan mana fincaanii amma jiru keessaa dhibbeentaa 75-80 kan ta'u baasii galtee oomishaa bituuf oola.

Yeroo ammaa waraqaan mana fincaanii guutuu addunyaatti gabaa guddaa argate muka fayidaa biraarra hin oolleerraa isa hojjetamuudha.

Akka qorannoon dhaabbata dhimma kunuunsa naannooorratti hojjetu Edge, jedhamuun dalagame mul'isutti addunyaarratti mukkeen miliyoona tokko ta'an waggaa waggaan omisha waraqaa mana fincaaniif jecha ni ciramu.

Indaastiriiwwan hojii kana keessatti hirmaatan mukkeen fayidaa biraatiif hin oolle bosonaa ciruun fayyadamu. Kun ammoo cirama bosonaa, haphachuu heddummina lubbuu qabeeyyii, dhiqamuu biyyee fi rakkoolee naannoo miidhan biroof sababa ta'a.

Muuziyeemii Biyyaalessaa Keeniyaa keessatti ogeessa baala mukaa kan ta'eefi biqiltuuwwan aadaarratti qo'annoo kan gaggeesse Maartiin Odiyaamboo miidhaa omishni waraqaa mana fincaanii qabu kanaaf furmaatni as dhiyoo jira jedha.

''Plectranthus barbatus biqiltuu Afrikaatti mana ficnaaniitti hojiirra ooludha. Yeroo ammaa kana daraggeeyyiin hedduun waayee biqiltuu kanaa quba hin qaban. Ammoo naannoo waan hin miineef filannoo waraqaa mana fincaanii ammayyaa ta'uu danda'a'' jedha Martiin.

Keeniyaa keessa namootni hangamii biqiltuu kana akka itti fayyadaman ragaan hin jiru. Akka Maartiin jedhutti garuu kutaalee Afrikaa hedduu keessa waan biqiluuf baadiyyaa keessa namni hedduun dhimma itti baha.

Biqiltuun kun ji'a muramee 1-2 gidduutti deebi'ee gaha.

Maartiin Muuziyeemii keessatti wayita waayee biqiltuu kanaa barsiisu namootni argaman dabalaa jiru. Akkamiin biqiltuu kana fayyadamuun akka danda'amu baruurratti fedha guddaa horachaa jruu jedha.

Biyyoota kaan keessatti bakka waraqaa mana fincaanii isa ammayyaa buusuuf ykn cinaatti fayydamuun haala danda'amu irratti hojjetamaa jira.

Roobiin Giriinfiild rogeessa dhimma kunuunsa naannooti. Dhaabbata miti mootummaa US Filooridaatti hundeesse qaba. Biqiltuu kana waggoota shaniif fayyadamaa jira.

Giriinfiild duula ''waraqaa mana fincaanii kee guddifadhu' jedhuun biqiltuu kana gara 100 ta'u qe'eessaatti guddisaa jira. Namni tola akka kutatee guddifachuu eegalu jajjabeessa. Namootni 100n lakkaa'aman akka itti fayydaman gochuu dubbata.

Baala mukaatti fayyadamuu namni hiyyummaa wajjin walitti hidha kan jedhu namni kun, waraqaadhumti inni ammayyaayyuu mukarraa akka tolfamu ibsa.

Giriinfiild namoota baala kana fayyadaman irraa deebii gaarii argachuu dubbata.

''Namoota baala kana yaaluuf of qusataniif ergan dhaamu ''of ta'aan jira, baala mukaa qe'eetti guddiseefi lallaafaa ta'een bobbaa ofirraa haxaa'a'' kan jedhudha.

Biqiltuun kun garuu dhugumatti wanta namootni hedduun itti fayyadaman ta'aa?

Biqituu kana bal'inaan dhaabanii fayidaa kanaaf oolchuun ammatti hin eegalamne. Ammoo kaampaniiwwan akka WEPA kan Awurooppaa keessatti waraqaa mana fincaaniif oolu omishuun beekamu mala biraatiin dhiibbaa omishinisaa naannoorraan gahu xiqqeessuuf hojjechaa jira. Muka soofamee bahe addeessuuf wanta fayyadaman jijjiiruun kan naannoo hin faalle gochuutti jira.

Giriinfiild yeroo mani fincaanii bobbaa kompostiitti jijiiruun dhufu isas akka fayyadamu dubbata. kaayyoonsaa maloota naannoo hin faalle fayyadamuudha. Kompostiin bobbaarraa hojjetu biqiltuun nyaataaf oolu akka salphaan omishamu gargaara kan jedhu namni kun baala biqituu kanaa fayyadamuun naannoof bu'aa qaba jedha.

Biqiltuun kun biyyi itti dhorkamus jira. Fakkeenyaaf Afrikaa Kibbaatti akka aramaa weerartuutti waan lakkaa'amuuf biqilchuunis ta'e gurguruun dhorkaadha jedha Wendy Applequist.

Biqiltuuwwan weerartuun heddummina lubbuu qabeenyyii miidhuun addunyaa waggaa waggaan doolaara biliyoona 423 baasisu.

Saayintistii kan ta'e Weny bakka murtaahetti guddinaafi bal'inasaa hordoifaa biqiltuu kana guddisuun ni dand'ama yaada jehdu qaba.

Garuu ammoo baalli biqiltuu kanaa akkuma warqaa mana fincaanii isa ammayyaa fudhatam akka qabaatu gochuuf danqaan ijoon fudhatam hawaasa salphaatti argachuu dhabuudha. Beenjamiin Odiyaamboo garuu Keeniyaa keessa abdiin jira jedha.