Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe

Ameerikaa, kibba Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamoo daldalaa tokkotti bu'uun balaa mudateen namoonni lama du'an, 18 miidhaman jedhan qondaalonni.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Tamsaasa kallattii eegalleera.

Ashaamaa hodoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti. Tamsaasa kallattii kan ittiin guyyaa guyyaan odeessaalee ijoo addunyaa kanaa isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

Kanaafuu akkuma barame odeessaalee ijoo asiin hordofuu hin dagatiinaa isiniin jenna. Odeessaalee biraa bal'inaan argachuuf ammoo karaa Facebook, Chaanaalii WhatsApp haaraa banneen nu hordofaa.

Tamsaasa kallattii keenya kanaan duraa ammoo asiin argadhaa.

Oolmaa gaarii qabaadhaa!.