Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe

Ameerikaa, kibba Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamoo daldalaa tokkotti bu'uun balaa mudateen namoonni lama du'an, 18 miidhaman jedhan qondaalonni.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa.

  2. Raashiyaa fi Yukireen booji'amtoota waraanaa dhibbaan lakkaa'aman wal jijjiiran

    Raashiyaa fi Yukireen waliigaltee jaarsummaa Yunaayitid Arab Emireets (UAE)tiin booji’amtoota waraanaa dhibbaan lakkaa’aman waljijjiiran.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa, loltoota Yukireen 150 booji’amanii turan loltoota Raashiyaa lakkoofsaan wal qixa ta’aniin wal jijjiruu hime.

    Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelenksii lammiileen Yukireen 189 gara biyyaatti deebi’uu ibsaniiru.

    Itti dabaluudhaanis, kanneen gadhiifaman keessaa "ittistoota Azovstaal fi Maariupuul", warshaa niwukilaraa Chernobyl fi Snake Island akka ta'an dubbataniiru.

    Caamsaa bara 2022 keessa, Raashiyaan magaalaa buufata doonii kibba baha Yukireen Maaripuul erga to'atteen booda lola ji'ootaaf taasifteen injifannoo labsite, loltoonni dhumaa warshaa sibiilaa magaalattii Azovstal ittisan harka kennatan.

    Loltoonni Raashiyaa jalqaba weerarasaanii Guraandhala 2022 Yukireen irratti taasisaniin kaaba dhiha biyyattii keessatti argamtu Chernobyl qabatanii kan turan yoo ta’u, boodarra garuu warshaa kana to’acuuf hojjettootasheef deebisaniiru.

    Odoola Isneek (Snake Island) bara 2022tti to'atamee loltoonni Yukireenis booji'aman, garuu boodarra ammoo booji'amtoota Raashiyaatiin waliin jijjiiraman.

    Zelenskiin akka jedhanitti, namoonni nagaa lama Maariupuul keessatti booji’amanis loltoota, saajinootaa, eegdota daangaa fi qondaaltota hedduun Kibxata kanneen gadhiifaman keessaa jiru.

  3. Barataan waggaa 13 hiriyyaasaa ajjeesse hidhaa umurii guutuun adabame

    Manni Murtii Chaayinaa ajjeechaa barataa Bitooteessa darbe keessa raawwatameen wal qabatee barattoota lamarratti hidhaa umurii guutuu fi hidhaa waggaa 12 murteesse.

    Dargaggoonni biyyattii bulchiinsa Hebei keessa jiraniifi maqaan maatiisaani qofaan Zhang fi Li jedhamuun adda baafaman kunneenis, shira xaxanii hiriyyaasaanii maqaansaa Wang jedhame ajjeesuun maallaqa isaa yoo qooddataniitti umuriinsaanii waggaa 13 ture.

    Miidhamaa akkaafaadhaan haleelanii ajjeessuun booda mana kuduraa fi muduraa keessa awwaalan jedhe manni murtichaa ibsa Wiixata har'aa baaseen.

    Itti dabaluunis, ''keessumaa malli isaan itti fayyadaman kan gara jabummaatii'' jedheera.

    Murteen kunis dhimma gara jabinaa yeroo ajjeechaan kun gabaafametti hawaasa keessatti dheekkamsa kaase tureef sarara kan kaa'eedha jedhameera.

    Mucaan ajjeeffame kunis yeroo dheeraaf mana barnootaatti waahillan isaa sadiin doorsifamaa akka ture maatii fi abbookaatoon Bitooteessa keessa himanii ture.

    Manni murtichaa ammoo Wiixata wayita murtee hidhaa dabarsuutti mucaan ajjeeffame kun dargaggoo ajjeessaniin walitti bu'aa akka ture hime.

    Mucaan sadaffaan gara biraa bakka ajjeechaa sana ture fi Maa jedhamuun adda baafame garuu addabbiin irratti hin dabarfamne.

    Gaafa Bitooteessa 3 mucaan Zhaang jedhame gurbaa ajjeeffame, Waang iskuutariidhaa gara mana kuduraafi muduuraatti erga fideen booda, Liin ammoo iskutarii biraatiin Maa waliin bakkicha dhaqan.

    Karaarratti garuu Liin Zhaang Waang ajjeessuuf karoora qabaachu Maatti hime.

    Akkuma bakkicha qaqqabaniin Zhaang akaafaadhaan Waang haleelluu eegale. Liin ammoo ni gargaareen. Maa miidhaa kana erga argeen booda bakkiichaa deeme.

    Isaan boodas dargaggoonni lamaan mucaa ajjeessan erga dhoksanii booda bakkiichaa badan.

    Booda ammoo Zhaang bilbila mucaa ajjeeessee fayyadamuun akkaawuntii isaa keessaa ofiisaa fi Liitti dabarse. Akkasumas erga bilbilasaa keessaa SIM baaseen booda Maan akka caccabsu ajaje.

    Yakkichi erga poolisiin qoratamee mana murtiitti geeffameen booda, gurbaa ajjeechaa raawwate hidhaa umurii guututiin, kan gargaare ammoo hidhaa waggaa 12 itti murtaa'e.

    Gurbaa sadaffaan, Maa, kan yoo ajjeechaan raawwatamu bakkicha ture ammoo akka jidduugala sirreefamaatti gorsa argatu murtaa'e,

  4. Pireezidantoota Ameerikaa lubbuun jiran keessaa hanganni eenyu?

    Pireezidantoota Ameerikaa yeroo ammaa lubbuun jiran shanitu jira. Umuriidhaan hangafti eenyu?

    • Joo Baayidan, bara 2021- ammaa kan tajaajilan, umuriin saanii waggaa 82.
    • Donaald Tiraamp, bara 2017- 2021 kan tajaajilanii fi yeroo ammaa pireezidantii filatamaan umuriin saanii waggaa 78.
    • Joorji Dabliiw Buush, bara 2001- 2009 kan tajaajilan, umuriin saanii waggaa 78 (guyyaa 22'n Tiraamp irra kan ijoollummatan).
    • Biil Kiliintan, bara 1993 -2001 kan tajaajilan, amma umriinsaanii waggaa 78 (guyyaa 44'n Buush irraa kan ijoolummatan).
    • Baaraak Obaamaa, bara 2009 -2017 kan tajaajillan, amma umuriin saanii waggaa 63.
  5. Sidaamaatti namoonni cidha deemaa turan 71 akkamiin lubbuu dhaban?

    Kibba Itoophiyaa naannoo Sidaamaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 71 ol darbuu aanga'oonni beeksisan.

    Taatee kun kan mudate guyyaa Dilbataa konkolaataan fe'uumsaa 'Isuzu' jedhamu namoota cidha adeemaa turan qabatee laga bu'uuni.

    Akka suuraan qoodaman mul'isanitti konkolaataan kuni riqicha irraa maqee gara lagaatti erga kufee booda ture namni baay'een kan lubbuu dhabe.

    Akkaamiin namoonni hammanaa konkolaataa tokkicharra akka yaabbatanis ta'e sababi biraa balaa kanaaf ka'umsa ta'e yoo jiraate ammatti hin baramne.

    Aangawoonni Itoophiyaafi kaan hedduun du'a lammiilee kanaan gadda isaanii ibsaa jiru.

    Dabalata isaa asiin argachu dandeessubalaa kanarratti.

  6. Masrii fi Sudaan Kaayirootti maal mari'atan?

    Ministeeronni dhimma alaa Masrii fi Sudaan, Dilbata kaleessaa Mudde 29, 2024 Kaayirootti erga wal arganii booda ibsa kennaniin, dhimma bishaanii fi deeggarsa Somaaliyaa irratti mari''annee jedhan.

    Biyoonni lamaan nageenya bishaansaanii eeguuf qindoominnii fi tumsi biyyoota lamaanii akka cimu waliigaluu ibsichi eerera.

    Mariin ministira Dhimma Alaa Masrii Baadr Abdalaattii fi gitasaanii Sudaan, Alii Al-Shaariif gidduutti taasifame kun, dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa kan giddu galeessa godhateedha.

    Biyyoonni yaa’aa gadii, Masrii fi Sudaan hidha guddicha Itoophiyaan ijaarte irratti yeroo adda addaa himannaa dhiyeessaa turaniiru.

    Keessumaa Masriin waldhabdee dhimma hidha lagichaarratti Itoophiyaa waliin qabduuf waldhabdee Somaaliyaaf Itoophiyaa waggaa tokkoof ture keessatti Somaaliyaa deeggaraa turteerti.

    Mariin amma taasifame kunis nageenya bishaanii dabalataan, akkamitti akka Somaaliyaa deeggaran irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsa isaaniin eeraniiru.

    Kana malees, waliigaltee Somaaliyaa fi Ityoophiyaa gidduutti Ankaaraatti taasifame dabalatee, dhimma nageenyaa fi dippilomaasii naannichaa irratti mari'ataniiru.

    Pirezidaantiin Masrii Abduul Fattaah Al-Siisiin waliigaltee Soomaliyaa fi Itoophiyaa jidduutti taasisamee ''itti dhiheenyaan hordofaa akka jiran'' ibsuun isaanii gabaafameera.

  7. Biliyeenaroota Afrikaa bara 2024tti sadarkaa qaban shan

    Kunneen dureeyyota Afrikaa keessaa kan qabeenya isaaniin sadarkaa 1 hanga 5 jiraniidha. Akka Afrikaa qofatti utuu hin taane tarree dureeyyota addunyaa keessattilee kan maqaan isaanii eeramuudha.

    Dureeyyoonni kunneen bara 2024 keessa qaala'iinsi jireenyaa, rakkoon nageenyaa fi qormaatni kaan osoo jiruu isaan gabaa keessa turuu danda'aniiru. Mallaqa guddaas argatan.

    Dureeyyoonni kunneen, carraa daldalaa fi qabeenya albduudaa ardiittitti fayyadamuun milkaa'ina kana irra ga'aniiru.

    Tarree dureeyyota Addunyaa bara 2024 Bloomberg Billionaires Index mudde 30, 2024 baase keessaa dureeyyota Afrikaa tokkoo hanga shanii jiran, hanga maallaqaa isaanii fi maal hojjatanii akka milkaa'an hangi tokko kunooti.

    Dabalataan dubbiisuudhaaf karaa kanaa seenuu dandeessu.

  8. Qarqara galaanaa Masriitti qurxummii hamaan turistii ajjeese

    Miidhaa qurxummii hamaan ykn shaarki qarqara Galaana Diimaa Masrii irratti turistoora irraan gaheen tokko du'ee, kan biraa ammoo madaa'uu qondaaltonni biyyattii beeksiisan.

    Qurxummichi miidhaa kan qaqabsiisee guyyaa Dilabataa naannawa magaalaa riizoortii baha Masrii irratti argamuu fi namootni hedduun jalatanitti akka ta'e ministeerri eegumsa naannoo biyyatti ibseera.

    Ministeerichi itti dabaluudhaanis, miidhaan kun kan qaqqabe ''naannoo bishaan gadi fagoo bakka fayyadamuuf daangaa'een ala jiru keessatti'' akka ta'es ibseera.

    Ministeerichi miidhamtoonni lamaan kun lammii biyya alaa ta’uu malee kan biyya kamii akka ta'an hin ibsine. AFP garuu madda ministeera dhimma alaa Xaaliyaan maqaansaa hin ibsamne wabeeffachuun lammii Xaaliyaanii ta’uusaanii gabaaseera.

    Namni miidhaa Shaarkin du'san kunis nama umuriin waggaa 48 yoo ta'an jiraataa Room jedhameera.Namni biraa miidhaan irra qaqqabe ammoo maanguddoo waggaa 68 ta'usaanii maddi oduu kun ibseera.

    Qondaaltonni Masrii akka jedhanitti, turistoonni lamaanuu gara hospitaala Poort Ghaalibitti geeffamaniiru jedhan.

    Taatee kanaan boodas, naannoo sun cufamee qorannoon gaggeeeffamaa akka jiru aanga'oonni beeksisan.

    Waggoota 10 darban keessatti, sababii miidhaa shaarkiin Galaana Diimaa keessatti lubbuun namoota 4 akka darbe mirkanaa’uu ragaan Dhaabbanni Qorannoo Shaarkii walaba ta’e qindeesse ni mul’isa.

    Taateen walfakkaataan yeroo dhumaatiif mudate ji'a Waxabajjii bara 2023 keessa naannoo Hurgudaatti kan mudate yoo ta'u, lammii Raashiyaa umuriin waggaa 24 irra miidhaan qaqabe ture.

  9. Dr. Kumee: 'Waanti isin keessa jiru jireenya akka fiduuf ofii cabsitanii bahuu qabdu'

    Dr Kumalee Tolasaan yaala ijaatiin ogeetti maqaa gaarii horattedha. Yeroo ammaa Yunivarsiitii Jimmaatti sabispeeshaalistii yaala ijaa daa'immaniiti.

    Harmeenshee fakkeenya guddaa akka taateefis dubbatti. Barattootaa fi namoota waldhaansa kennituuf waliinis hariiroo gaarii qabdi.

    Waggoota ogeettii ijaa ta'un tajaajiltetti, namoota hedduuf ifa horteetti.

    Dargaggoo ijjisaa ifa osoo hin argiin waggaa 20f turee fi dubartii ulfa ijjishee jaamee waggaa torbaaf mucaashee sagaleen malee bifaan hin beekne dabalatee wal'aanteetti.

    Kunis baay'ee ishee gammachiisa. Kunoo gaaffiifi deebii Dr Kumaleen BBC Afaab Oromoo waliin taasifte caqasaa.

  10. 'Garbummaatu sitti dhagahama' - Dararaa lammiilee Itoophiyaa Miyaanmaaritti danqaman

    Mubaarak Jamaal umuriinsaa wagga 26. Koollejjii dhuunfaa magaalaa Shaashamanneetti argamu tokkootti gosa barnootaa Ikoonomiksii erga xumureen booda qormaata hin dabarre.

    Yoo waa'ee egeereesaa yaadaa jiru, oduu hojiin ''Taayilaand keessatti ji'aan doolaara 1,500 argamsiisuu jira'' jechuu dhagahe.

    Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Asaasaatti osoo maatii waliin jiraatu 'beeksiifni hojii doolaaraan kanfaltii argamsiisuu' karaa nama inni beekuutiin isa bira gahe.

    Akka ilma angafa qonnaan bulaatti Mubaarak carraa kana dabarsuu hin barbaadne. Maatiisaa gargaaruu akka danda'u abdate.

    Kanaanis ka'ee yeroo gabaabaa keessatti imalaasaa gara Maayinaamar qajeele.

    Gabaasa kanarratti dabalataan dubbisuudhaaf as cuqaasaa.

  11. Filannoo gaggeessuuf hanga waggaa afur fudhachuu akka danda'u dursaan hidhaattota Sooriyaa himan

    Sooriyaa keessatti filannoo haaraa gaggeessuun hanga waggaa afur fudhachuu akka danda’u hogganaan finciltootaa, Ahmad al-Shaaraa gaaffii fi deebii taasisaniin himan.

    Gareen isaanii kan Hayat Tahrir al-Sham (HTS) durfame erga haleellaa taasiseen pirezidaantii duraanii Bashaar al-Asaad aangoo irraa buuse booda, filannoo biyyattii keessatti gaggeeffamuu danda’uuf yeroo yoo ibsan kun kan jalqabaati.

    Gaaffii fi deebii Dilbata miidiyaa mootummaa Sa’uudii, Al Arabiyaa waliin taasisaniin, heera mootummaa haaraa wixineessuun hanga filannootti waggaa sadii fudhachuu akka danda’u dubbatan.

    Akkasumas , sirna Asaad kuffisuu hordofuun, lammiileen Sooriyaa tajaajila mootummaa irratti jijjiirama qabatamaa fi fooyya’iinsa arguu eegaluudhaaf waggaa tokko fudhachuu danda’a jedhan.

    Shaaraan, Sooriyaan sirna seeraashee deebiftee ijaaruu fi filannoo seera qabeessa ta'ee gaggeessuuf, dura lakkoofsa ummataa gaggeessuu qabdi jedhan.

    Shaaraa, kan dura maqaa Abuu Mohaammad al-Jolanii jedhamuun beekamu, erga jalqaba baatii kanaarratti aangoo pirezidaantummaa Asaad kufee booda, aanga'oota haaraa biyyattii hooggaa jiru.

    Erga yeroo sanaatii keessaa garuu HTS attamiin sab-daneettii taatee ayyamiin dhimma kan jedhurratti gaaffileen ka'aa jira.

    HTS garee jihaadistii ta'ee erga jalqabn booda, galma mootummaa seera Islaamummaa (Shari'aan) bulfamu hundeessuuf mirkanneessuuf jeequmsaa jeequmsa keessatti hirmaataa ture. Haata'u malee, waggoota dhiyoo asitti waan darbe sana irraa of fageessee jira.

  12. Umrii Kaartar 100 jechoota 100'n yeroo ibsamu

    Jiimii Kaartar bara 1924 dhalatanii qonna ocholonii maatii isaanii keessa guddatan.

    Siyaasa seenuun bara 1970 bulchaa bulchiinsa Joorjiyaa ta’un filaman.

    Joorjiyaatti walqixxummaan sanyiifi koorniyaa akka dhufu cimsanii carraaqaa turan.

    Bara 1977’tti Pirezidantii US ta’an.

    Boodarra Wiirtuu Kaartar (Carter Center) hundeessuun dalagaa turan.

    Dhaabbanni kuni mirga namoomaa jabeessuufi walitti bu’iinsawwan idil-addunyaa akka furaman tattaafata.

    Kanattis, bara 2002 Badhaasa Nobeelii Nagaa badhaafaman.

    Kaartar umrii 100’tti boqochuun pirezidantoota duraanii US keessaa kan umrii dheeraa jiraatan ta’aniiru.

    Kaartar ijoollee afur, ijoollee ijoollee 11 akkasumas ijoolleen ijoollee isaaniimmoo 14 godhataniiru.

    Haati warraa isaanii Rozaaliin waggoota 77 dura waliin bultii ijaarratan waggaa darbe ture kan boqotan.

  13. Jiimii Kaartar eenyuu turan?

    Pirezidaantiin duraanii kun Onkoloolessa 1 bara 1924tti moggaasa maqaa Jeemsi Earl Carter Jr, jedhuun magaalaa xiqqoo Plains, Joorjiyaa keessatti dhalatan.

    Ijoollee maatiisaanii afur keessaa hangafa turan.

    Abbaan isaanii daldala ocholooniin maatii kan jiraachisaa turan yoo taʼu, haati isaanii Liiliyaan immoo narsii turte.

    Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessatti ammoo, taphataa kubbaa miilaa cimaa turan.

    Achiis waggoota torbaa humna galaanaa Ameerikaa keessatti dabarsan. Yeroo sanattis ture kan haadha warraa sanii Roozaaliin waliin gaa'ila dhaabbatan.

  14. Waa'ee Jiimii Kaartar dureewwan maal jedhan?

    Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Jiimii Kaartar waggaa 100 isaaniitti du’aan boqotaniiru.

    Namni qonnaan bulaa ocholonii ta’urraa ka'anii Ameerikaa bulchan kuni duuni isaanii erga dhagahamee booda dureewwan addunyaa gadda ibsataa jiru.

    Waggaa afuriif Ameerikaa bulchan keessatti Masriifi Israa’el gidduu araarri akka bu’u gumaachuu isaaniin baay’ee dinqisiifatamu.

    Bara dulluma isaanii immoo nagaa, eegumsa naannoofi mirga namoomaarratti cichanii dalagan.

    Sababa kanattis, bara 2002 Badhaasa Nobeelii Nagaa badhaafaman.

    Pirezidantiin US Joo Baayidaniifi filannoo injifachuun Ameerikaa bulchuuf kan jedhan, Donaald Tiraamp, Jiimii Kaartariin jajanii ergaa dhaamaniiru.

    Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniwoo Gutareez bulchiinsi Kaartar ‘’nageenyaafi tasgabbii idil-addunyaaf guddaa gumaate’’ jedhan.

    Chaansilara Jarman: Olaaf Shoolz du’a Jiimii Kaartar sababeeffachuun yaada isaanii yoo ibsan ‘’addunyaan Baha Giddugalaatti jaarsa araaraa guddaa fi [falmaa] mirga namoomaa’’ dhabde jedhan.

    MM UK: Kiir Istaarmar yaada isaanii yoo ibsan Jiimii Kaartar ‘’amantii cimaafi duudhaa’’ isaanii ka’umsa gochuun haqa hawaasummaafi mirga namoomaaf qabsaa’uu isaanii ibsan.

    Pirezidantii Faransaay: Imaanu’el Maakron Kaartariin yoo ibsan namoota balaaf saaxilamaniif sagalee ta’un beekamu jedhan. ‘’Osoo hin dadhabiin nagaa buusuuf qabsaa’an.’’

    Pirezidantii Yukireen: Voloodimiir Zeleeniskiin immoo Kaartar yeroo Yukireen walaba hin turre kan bulchan ta’us, ‘’qabsoo bilisummaa taasisaa jirru bira onnee guutuun bira dhaabbatan’’ jedhan.

    Pirezidantii Masrii: Abdal Fattaah al-Siisii keessumaa araara Masriifi Israa’el milkeessuu isaaniin jajan.

    ‘’Masriifi Israa’el gidduu waliigalteen akka gahamu qooda olaanaa gumaatan galmee seenaa keessa ni taa’a,’’ jedhan. Dabaluunis, hojii gargaarsa namoomaa isaaniinis jajan.

    MM Kanaadaa: Jastiin Tiruudoon leegaasiin Jiimii Kaartar ‘’gaarummaa, hojii cimaan’’ yaadatama jedhan.

    Kaartar umrii isaanii guutuu ‘’manaafi guutuu addunyaa jiran gargaaruu'' isaanii ibsani.

    Pirezidantii Venezuwelaa: Nikoolaas Maaduroon pirezidantii duraanii US boqotan yoo ibsan ‘’nama nagaafi mariif cichoomina qabu ta’u mirkaneesse,’’ jedhan.

    Akkasumas, gumaachi siyaasa idil-addunyaafi nagaa buusuuf kutannoo qaban jedhan ‘’addunyaarratti mallattoo hin haqamne kaa’an’’ jechuunis ibsani.

  15. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan gabaasna.

    Chaanaalii WhatsApp keenyammoo hordofaa. Facebook gubbaas jirra.

    Lafa nagaa oolaa!

  16. Waa'ee xiyyaara Kooriyaa Kibbaa balaan mudate hanga amma kan beeknu

    Xiyyaara Daandii Qileensaa Juje ta'e har'a namoota 181 qabatee Taayilaandi Baangkook irraa gara biyyaatti deebii'ee osoo qubachuuf jedhuu, rokkoo simbirrootni uumuu hin oolle jedhameen balaan mudate.

    Akka miidiyaaleen biyya keessaa ibsanitti, imalaan balallii kana keessa ture tokko miseensa maatii isaaf ergaa barreeffamaa erguun, simbirroon "baalli xiyyaaraa keessa sababii seenteef'' xiyyaarichi qubachuu akka hin dandeenye ibseera.

    "Ergaan koo inni dhumaa isin haa qaaqabu" jechuun imalaan kun kan barreesse.

    Firri imalaa kanaa, isaan booda deebiisanii imalaa xiyyaaricha keessa jiru argachu akka hin dandeenye dubbatan.

    Sababii kanaatiin gommaan xiyyaarichaa waan bahuufii dideef qaamaan lafa qubatee garuu saffiisasaa to'achu hin dandeenyeef dallaatti bu'uun ibiddi ka'ee nama lama malee hundi dhuman.

    • Hanga ammaattiis namoonni 179 du'uunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, hojjattoonni balaliinsaa lama garuu lubbuun hafun hospitaala galfamuunsaanii himameera.
    • Xiyyaarri balaa mudate kunis xiyyaara Boeing 737-800 kan abbummaa daandiin qileensa Kooriyaa Jeju Air jedhamuun balali'u ture.
    • Xiyyaarri kunis akka biyyatti naannoo sa'aatii 09:00 (00:00 GMT)tti buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Muu'aan keessatti kufe.
    • Waliigalatti namoonni xiyyaaricha keessa turan 181 keessaa ergasii namoonni 179 du'uun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, isaan keessaayis reeffa namoonni 88 qofatu adda baafame.
    • Maatiin namoota miidhamanoo buufata xiyyaaraatti walitti qabamaa waan jiraniif bakki reeffaa yeroof qophaa'eera.
    • Imaltoonni xiyyaaricha keessa turan harki caalaan lammiilee Kooriyaa Kibbaa yoo ta'an lama qofti lammii Taayilaand turan.
    • Umriin imaltoota kanaa waggaa sadii hanga 78 yoo ta'u, irra caalaan isaanii garuu kan umurii 40, 50 fi 60 keessa akka turan dhaabbanni oduu Kooriyaa Kibbaa Yonhap gabaaseera
  17. Ameerikaatti namoonni mana malee daandiirra jiraatan bara 2024tti dabaluun kuma 770 gahe

    Ameerikaatti sababii qaala'insa jireenyaa, balaa umamaa fi godaantootaatiin lakkoofsi namoota mana hin qabneefi daandiirra jiraatanii kan yeroo kamuu caalaa dabaluun riikardii olaanaarra gahuun ibsame.

    Haaluma kanaanis bara dhumuutti jiru 2024 keessaa parsantii 18'n dabale.

    Odeeffannoo Ministeera Misooma Manneeniifi Magaalaa US'n Jimaata darbe bahe akka mul'iseetti, namoonni dahannoo hin qabne daandiirra jiraatan kuma 770 gaheera.

    Lakkoofsi kun Amajjii 2024 keessaa halkan tokkootti kan walitti qabameedha. Mootummaan Ameerikaa namoota mana jireenyaa hin qabne lakkaa'u kan eegale bara 2007tti ture.

    Lakkoofsi bara 2024 kunis kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu, parsantii 12'n kan dabale yoo ta'u, lakkoofsi bara kanaa kunis seenaa keessatti isa olaanaadha jedhame.

    Sababii namoonni maatiisaaniifi firootasaanii biratti dahatan hedduun itti hin dabalamneef lakkoofsi namoota mana jireenyaa hin qabne kana caalaa hedduu ta'u akka danda'u tilmamameera.

    Aanga'onni akka jedhaniitti, ragaan kunis gara waggaa tokkoo kan ta'e yoo ta'u, bara darbe kana keessa ammoo kiraan manaafi baayyiinni ummata karaa daangaatiin seenanii olaanaadha jedhan.

    Lammiileen Ameerikaa mana jireenyaa hin qabne parsantaa 39n kan guddate yoo ta'u, keessattuu bakkeewwan 13tti godaantootaan wal qabatee rakkoo cimaan jiraachutu himame.

    Halkan odeeffannoon kun walitti qabameetti yoo xinnaate kannen kuma 150 ta'an daa'iman umuriinsaanii waggaa 18 gadi akka ta'e himame. Maanguddoonni umuriinsaanii waggaa 65 ol mana jireenyaa hin qabne ammoo %6n dabaleera.

    Faallaa kanaatiin ammoo namoonni tajaajila waraanaa keessatti hirmaatanii mana jireenyaa hin qabne %8n hir'ateera. Kunis kan ta'e sababii magaaloonni tokko tokko loltoota durii daandiirraa kaasuuf yaalii taasisaa jiru.

    Magaaloota gatiin manaa fi kiraan manaa qaalii itti ta'e kan akka Loos Anjalasitti waggaa torbatti yeroo jalqabaatiif lakkoofsi namoota mana jireenyaa hin qabne %5niin hir'achusaan Ministeerichi beeksiiseera.

    Bulchiinsa akka Daalaas fi Cheestar jedhaman keessattis akkasumas namoonni mana jireenyaa maleeyyi gadaanaadha.

  18. Taphawwan Priimiiyer liigii torna kanaatiin Maanchistar, Arseenaal, Liivarpuul fa'i ni milkaa'u laata?

    Maanchiistar Yunaayitid taphawwan priimiiyer liigii shan darbaniin mo'atameera. Guyyaa Wiixataa ammoo taphoota Awuurooppaa bara 2024 kan dhumaa Niiw Kaasiil waliin yoo taphatu akkam ta'a kan jedhu deggartootni qalbiin eegaa jiru.

    Xinxalaan Ispoortii BBC Kiriis Suutan, ''Tapha kanaan maal ta'u akka malu tilmaamuun cimaa miti'' jedha.

    ''Niiwkaasiloonni cimina ajaa'ibsiisaarratti argamu. Dhimmi Maanchiistar Yunaayitid baayyee na yaaddeessaa jira. Leenjiisaa Ruuban Amooriim ammumaanu gammachuun fulasaarraa badeera.''jedhe

    Bal'ina tilmaama xinxalaa Ispoortii BBC argachuufasiin seenu dandeessu.

  19. 'Xiyyaarichi gommaa malee lafa qubachuun daandiirraa miliqee'

    Paayileetiin akeekkachiisa haleellaa simbirrootaan booda to'attoota tiraafika qilleensaatiif bilbile ture, jedhan qondaaltonni geejibaa.

    Qondaalli Geejjibaa Kooriyaa Kibbaa tokko, xiyyaarichi yeroo buufata xiyyaaraatti dhiyaataa jirtuutti maaltu akka isa mudate ilaalchisee bal’inaan ibsan.

    • Xiyyaarri kun qubachuuf yaalii gochaa ture, garuu achiin to'attoonni tiraafika qilleensaa akeekkachiisa haleellaa simbirroo kennuuiin xiyyaarichi akka ofirraa ittisu dirqisiise jedha qondaalli kun.
    • Gara daqiiqaa lamaatiin booda ammoo paayilatiin xiyyaarichaa deebiisee bilbiluun, ajajni tiraafika qilleensaas xiyyaarichi kallattii gara biraatiin akka qubatuuf hayyama kenneef.

    Paayileetiin kunis ajajicha fudhatee. Waraabbiin viidiyoon xiyyaarichi yeroo qubateetti gommaa ykn malawwan ittiin qubatamu tokkoo malee qaamasaatiin lafa tuqee daandii balalii irratti gadi fageenya erga foqoqeen booda dallaa tokkotti bu'uudhaan dho'iinsi umameen yoo ibiddaa ka'u agarsiisa.

    Kutaan geejjibaa akka hubachiisutti, paayilatii mummeen xiyyaaraa kana to'ataa tures bara 2019 irraa eegalee balaliisuu kan eegalu yoo ta'u, muuxannoo balallii sa'aatii 9,800 ol akka qabu ibseera.

  20. Aanga'oonni imaltoonni hundi du'uu akka hin oolle amanan

    Qondaaltoonni Kooriyaa Kibbaa baayyinni imaltoota balaa xiyyaaraa qaqabeen du'anii 177 gahuu beeksiisan.

    Xiyyaarri imaltootaa Baangkook irraa gara Kooriyaa Kibbaatti imaalaa tureef yeroo qubachuuf jedhu balaan mudate kunis, imaltoota 175 fi hojjattoota xiyyaarichaa 6, waliigalatti namoota 181 keessa ture.

    Hanga ammaatti hojjattoonni xiyyaaraa lama lubbuun baafamuun gara hospitaalaa kan geeffaman yoo ta'u, kanneen du'an keessaa reeffa namoota 22 qofatu adda baafame jedhan miidiyaaleen biyya keessaa.

    Gaazexaan BBC Jiin Maackenzie bakka balaan xiyyaara kun buufata xiyyaara idil-addunyaa Muu'aan keessatti mudate qaqabeera.

    Kanneen lubbuun baafaman lamaaniin alatti, balaa xiyyaaraa dachee Kooriyaa Kibbaa irratti mudateen lubbuu namaa galaafate kanaan imaltoonni xiyyaaricha keessa turan hundisaanii du'aniiru jedhamee tilmaamama.

    Namoonni lubbuun hafan lamas, hojjettoonni balalii xiyyaarichaa duuba turan, dhiirriifi dubartiin, hospitaalaatti geeffamaniiru.

    Imaltoonni kunneenis Taayilaandi irraa kan deebi'aa turan yoo ta'u, baay'een isaaniis ayyaana Qilleetiif kan boqonnaarra turaniidha jedhamee yaadama.