Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe

Ameerikaa, kibba Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamoo daldalaa tokkotti bu'uun balaa mudateen namoonni lama du'an, 18 miidhaman jedhan qondaalonni.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, UStti namtichi ta'e jedhee konkolaataa namarra oofee 10 ajjeessee hedduu madeesse

    Magaalaa Kibba US Niiwu Orliyaansitti konkolaachisaan tokko bakka namoonni heddu walitti qabamanirra baasuun namoonni 10 ajjeeffamanii kaan hedduun madaa'uu aanga'oon himan.

    Angawoonni akka jedhanitti, balaa kanaan namoonni 10 yoo ajjeeffaman, 30 kan ta'an irra ammoo miidhama qaamaa gaheera.

    Qondaalonni akka jedhanitti, konkolaachisaan kun kallattiidhaan bakka namoonni walitti qabamanitti qajeelchee oofun balaa kana qaqqabsiise.

    Bulchaan Bulchiinsa Luziyaanaa Jeff Landirii, "Gochaa suukaneessatu raawwatame," jechuun maatiifi firoota kanneen namoonni jalaa du'anii fi miidhaa qaamaatiif saaxilamaniif kadhannaan akka godhamu waamicha dhiyeessuun jajjabina hawwaniiru.

  2. Konkolaachisaan waggaa 49'f hayyama konkolaachisummaa hin haarofneen oofaa ture to'atame

    Konkolaachisaan kun UK keessatti waggaa 49'f hayyama konkolaachisummaa yeroon irra darbe qabatee konkolaachisaa ture.

    Akka tasaa guyyaa tokko poolisiin dhaabsisee hayyama konkolaachisaa yoo gaafatu, waggoota 49 dura yeroon kan irra darbeedha.

    Konkolaachisaan kun gaafa hayyama konkolaachisummaa baafatu umuriinsaa 20 hin gunne. Har'a mataa lama biqilchee manguddoo ta'eera.

    Waggaa 50 tokko hir'uu akkamitti hayyama konkolaachisummaa hin haarofneem konkolaachisaa ture? kan jedhu gaaffidha.

    Poolisiin Laankshaayer manguddoo waggaa 49 hayyama konkolaachisaa yeroon irra darbe qabatee oofaa ture to'atee qorannoo irratti gaggeessuu beeksise.

  3. Ayivorii Koost loltoonni Faransaay biyyattii keessaa akka bahan murteessite

    Biyyoota Dhiha Afrikaa hedduu koloneeffattee kan turte Faransaay yeroo dhihoo as dhiibbaan ishee biyyoota kunneen keessatti qabdu hir'ataa dhufeera.

    Haala kana keessatti biyyi lixa Afrikaa Ayivorii Koost loltoonni Faransaay akka biyyattii gadhiisanii ba'an murteessuu ibsite.

    Pirezidantiin Ayivorii Koost Alaasaanee Uwaataarii ayyaana bara haaraa faranjootaa sababeeffachuun haasaa taasisan keessatti murtee kana ibsan.

    Dameen waraanaa biyyasaanii daran cimuu fi ammayyaa'uu kan eeran pirezidantichi, ammaan booda loltuun Faransaay biyyattii keessa akka hin turre himan.

    Oduu walfakkaatuun Senegaalis gamasheen Faransaay mooraa loltootaa ishee biyyashee keessaa qabdu akka cuftu ibsuun, loltoonni Faransaay xumura bara faranjootaa kana akka ba'an labsiteetti.

  4. Gabaan jijjiirraa taphattootaa eegale, eenyutu eessa deema?

    Jijjiirraan taphattootaa ji'a Amajjii keessa raawwatamu akka yeroo kaanii salphaa miti, yeroo akkaan dhiphoo keessatti taatee raawwatamudha.

    Ammoo sagantaan taphoota hafanii, miidhamni taphattootaa, sadarkaa ofii fooyyeffachuun liigicha dursuu yookiin bakka ofii qabatanii turuuf leenjistoonni Piriimer Liigii hojii kana raawwachuu qabu.

    Gabaa ba'anii waan milkaa'ina karoorasaaniif barbaachisu barbaaddatu.

    Kilaboota Ingilaandiif gabaan jijjiirraa taphattootaa Roobii, Amajjii 1, 2025 eegaleera. Kan xumuramu Guraandhala 3, guyyaa Wiixataati.

    BBC Sport taphattoota maqaa guddaa qaban shan kan ji'a Amajjii keessa egereensaanii baramu irratti xiyyeeffachuun gabaasa kana qindeesseera.

  5. Zimbaabween adabbii du'aa haqxe

    Pireezidantiin Zimbaabwee Emarsan Imnaagaagwaan seera biyya kibba Afrikaa taate kanatti adabbii du'aa haqu raggaasiisan.

    Dhaabbanni mirgaaf falmu Amanastii Intarnaashinaal, murtee kanaan ''sochii addabbii kana dhaabuudhaaf fakkeenya ta'e'' jechuunleellisuun, garuu yeroo labsii muddamaatti adabbiin du'aa kun deebi'ee hojiirra ooluu danda'a jechuun gadda itti dhaga'ame ibseera.

    Murtoon Emarsan kan dhagahame paarlaamaan biyyattii baatii darbe erga adabbii du'aa haquuf sagalee kenneen boodadha.

    Zimbaabuween yeroo dhumaaf addabbii du'aa hojiirra kan oolchite bara 2005tti yoo ta'u, manneen murtii biyyattii garuu addabbii du'aa yakka ciccimoo kan akka ajjeechaa irratti qofa murteessuu itti fufanii ture.

    Akka dhaabbata Amanastiitti, dhuma bara 2023tti namoonni gara 60 ta’an murtii du’aa irra turan.

    Sirreeffamtoonni kunneenis manneen murtii irra deebiin kan itti murtaa’u yoo ta’u, abbootiin murtii maalummaa yakka isaanii, yeroo murtii du’aa eeggataa itti dabarsanii fi haala dhuunfaa isaanii akka ilaalan ajajni akka kennamu gaazexaan mootummaa Herald gabaaseera.

    Ministirri haqaa biyyattii, Ziyaambi Ziyaambii adabbiin du'aa haqamuunsaa, ''haaromsa seeraa caalaasha; agarsiiftuu haqaa fi namummaaf kutannoo qabnudhas'' jedhan.

    Murtiin du'aa kun biyya amma Zimbaabweetti kan jalqabame bara bulchiinsa koloneeffataa Ingilizii ture.

  6. Abbaan warraa haadha warraa ulfaa ajjeesanii awwaalun akkamiin shakkaman?

    Godina Boorana Bahaa, Aanaa Gumii El-dallootti abbaan warraa haadha waarraa isaanii ulfa taate ajjeesuun shakkaman mana murtii dhihaatan.

    Akka maatiifi abbaan alangaa BBCtti himanitti, namni kuni erga ajjeechaa raawwatan booda boolla qootanii awwaaluun dhoksaniiru.

    Mana murtii Boorana Bahaatti abbaa alangaa kan tahan Obbo Qaallichaa Bilisuu shakkamaan to'annoo jala ooluun booda yakka kana waakkachuu himan.

    ''Du'uusheetu amma dhagahe jedhe, '' jedhan erga to'annoo jala oolan booda.

    Manni murtii dhimma kana qoratee murteessuuf ilaaluu eegaleera.

    Miidhamtuun kuni yeroo ajjeefamte ulfa tahuu ragaa namaa malee waan saayinsiin qoratame akka hin jirrees abbaan alangaa dubbatani.

    Odeessa kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf karaa kanaan seenaa.

  7. Loltoota alaaf gulantaan waraanaa olaanaa Sooriyaa kenname - Gabaasa

    Angawoonni Sooriyaa haaraan loltoota Islaamummaa biyya alaa muraasaaf humna waraanaa biyyattii keessatti gulantaa hojii olaanaa akka kennaniif gabaafame.

    Jalqaba baatii kanaa pirezidantii duraanii Bashaar al-Asaad aangoo irraa kaafamuu hordofee, gareen Islaamummaa Haayaat Taahrir al-Shaam (HTS) kan amma biyyattii bulchaa jiru raayyaa ittisa biyyaa irra deebiin gurmeessaa jira.

    Tarkaanfii kana ilaalchisee hoggansi haaraan mirkaneessuu baatullee, milishoonni biyya alaa gahee gaheen egeree biyyattii keessatti qabaachuusaanii irratti Sooriyaa keessaa fi alaa yaaddoo uumuu waan malu fakkaata.

    Kun kan ta’e, hogganaan haaraan amma Sooriyaa dursaa jiru, Ahmad al-Shaaraan, erga bakka bu’oota Kurdootaa fi Kiristaanota biyyattii keessa jiran waliin walgahii qofa qofaatti geggeessuun isaanii gabaasni ba’een boodha.

    Hawaasni kunneen lamaanis waan ajandaan aangawoota haaraa kanaa ta’uu danda’u irratti baay’ee yaaddoo qabu.

    Maddeen Sooriyaa hedduun aangoo waraana haaraa 50tti siqu iftoomee keessaa, yoo xiqqaate 6 lammiilee biyya alaatiif akka kenname hubataniiru.

    Tarree maqaa maxxanfaman irratti hundaa’uun, Uyiguurs Chaayinaa, lammii Joordaan fi lammii Turkii akka keessatti hammataman himama.

    Hundisaanii gulantaalee itti gaafatamummaa olaanaan kan akka koloneelii ykn Birgaadeer Janaraal akka kennameef himama.

    Yeroo wal waraanaatti gaheen loltoonni biyya alaa gareewwan hidhatan adda addaa biyyattii keessatti qaban kan miira cimaa Sooriyaa keessatti kakaasudha.

    Yeroo mormiin ummataa humnoota nageenyaatiin dura dhaabbatameetti, waldhabdee hidhannoo hunda hammatee waan ka'eef qabsaa’onni biyyoota garaa garaa kumaatamaan lakkaa’aman fincila Asaad irratti ka’etti makamanii ture.

    Jihaadistoonni biyya alaa irraa dhaqanis ilaalchasaanii finxaalessummaa Sooriyaa irratti fe’uuf akka yaalan yaadama.

    Lammiileen Sooriyaa hawaasa hundarraa dhufan amma, Asaadiin booda egeree biyyattii keessatti waan akkasii hin fudhannu jechaa jiru.

    Gariinis garee ofiisaaniin kan ijaaran yoo ta'u, kaan ammoo wiirtuu garee Islaamummaa (IS) kan naannoolee gurguddoo baha Sooriyaa to’ataniitiif kennanii turan.

  8. Ameerikaan qaamota Iraan fi Raashiyaa filannoo US gidduu seenuun shakkaman irra qoqqobbii keesse

    Ameerikaan qaamota Iraan fi Raashiyaa filannoo Ameerikaa gidduu seenuun shakkaman irratti qoqqobbii kaa'uun ishee ni yaadatama.

    Ministeerri Maallaqaa ''waldhabdee hawaas-siyaasaa kakaasuu fi filannoo Ameerikaa bara 2024 irratti filattota Ameerikaa irratti dhiibbaa uumuuf kaayyeffatan'' jechuun himate.

    Qaamoleen kunneen, Koreen Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC) fi dhaabbati dhaabbata basaasa waraanaa Raashiyaa (GRU) waliin hidhata qabu, ''duula odeeffannoo sobaa xiyyeeffannoo qabuun ummata Ameerikaa qooduuf'' kaayyeffatan jedhe

    U.S. warra dimokiraasii dhabamsiisuuf deemani irratti ni dammaqxis jadhaniiru

    Imbaasiin Raashiyaa Waashingitan jiru, Raashiyaan kan US dabalatee dhimma keessoo biyyoota biroo keessa akka hin seenne haale.

    Dhaabbati Cognitive Design Production Center jedhamu kan Moskootti argamu, waa’ee kaadhimamaa filannoo irratti odeeffannoo sobaa babal’isuu fi jibbiinsa uumuuf qajeelchuu fi deeggaruun himatame.

    Dhaabbileen biyyoota lamaani neetworkii haala mijeessitoota US keessa jiraniif maallaqa kennuudhaan sarvarii hubannoo namtolchee ykn artifishaal Inteligensiin deeggaramee ijaaruun filannoo Ameerikaa irratti dhiibbaa gochuu fta'uu himan.

  9. Jarmaniitti balaa ibiddaa kabaja bara haaraatiin wal qabate yoo xinnaate namoonni afur du'an

    Guutummaa Jarmanitti balaa ibiddaa cimaa bara haaraa kabajuudhaaf qabsiifameetiin wal qabatee, mudateetiin yoo xiqqaate namoonni afur du’uusaanii gabaasni miidiyaalee biyya keessaa fi dhaabbata oduu AFP irraa argame mul'ise.

    Magaalaa guddoo Barliin keessatti halkan tokkotti namoonni 300 ol to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, garuu haala waggoota darban irraa adda ta'eetiin, "jeequmsi ykn taateewwan guddaan mudate hin jiru" jedha poolisiin.

    Waggoota dhiyoo asitti, fayyadamni ibiddaa fi ibsaawwan jala bultii waggaa haaraa irratti qeequumsi guddaa ka'aa kan jiru yoo ta’u, namoonni tokko tokkos, erga bara darbe jeequmsii fi haleellaan tajaajilawwan balaa tasaa biyyattii irratti raawwatameen booda, akka biyyaatti akka dhorkamuuf gaafataa jiru.

  10. Namoonni bara 1995 waa'ee bara 2025 maal raagan, maaltu dhugoome?

    Bara 1995 sagantaan raadiyoo BBC- Tomorrow's World Program jedhamu waggaa 30 booda bara 2025 addunyaan maal akka fakkaattu raaga hojjetee ture.

    Sagantaan yeroo ammaa qilleensarra hin jirre kun yeroo sana saayintistii beekamaa addunyaa kan ture Pirofeesar Stephen Hawking dhiyeessuun hojetaa ture.

    Saayintistichi ''Bara 2025 addunyaarratti jijjiirama guddaa eegna,'' jedhe.

    Gareen sagantaa kanaa yaada kanarratti waliigala. Guddina saayinsii fayyaa akkaan ammayyaa'e hanga wal'aansa baqaqsanii yaaluu teeknooloojii 3Dn deeggarameetti akkasumas teeknooloojii hawaa madda dorgommii addunyaa ta'eetti jijjiramni guddaan addunyaarratti mudateera.

    Kanaafuu sagantaa waggaa 30 dura darbaa tureerratti wantoota raagaman keessaa kan yeroo ammaa milkaa'an kam fa'i?

    Odeessa kana dabalataan dubbiisuu barbaadduu? Asiin seenuu dandeessu.

  11. Eelan Maask maqaasaa Kekiiyaas Maaksiimaatti jijjirachu beeksiise

    Sooreessi addunyaa kanaa Eelan Maask maqaasaa jijjiruu miidiyaa hawaasaa irratti beeksiise.

    Sooressi addunyaa Elon Mask, waltajjii miidiyaa hawaasaa isaa X irratti, maqaa isaa gara "Kekiiyaas Maaksiimaa'tti erga jijjiiree booda namoota jidduutti tilmaama kaase.

    Abbaan teeknooloojii fi waahiilli dhiyoo Pirezidaantii filatamoo Ameerikaa Doonaald Tiraamp kunis, maqaa kanaafis ta'e suuraa piroofaayilii isaa haaraa fayyadame irratti ibsa omaatu hin kennine.

    Suuraan inni pirofaayiila isaatiif fayyadame kan taatoo 'Pepe the Frog' agarsiisu yoo ta'u, kunis kan gareewwan finxaaleeyyii 'far right' jedhaman itti fayyadamaniidha.

    Tarkaanfiin kunis addunyaa maallaqa kirpitoo keessatti dambalii erguun, gatii maallaqa dijitaalaa karaa interneetii irraa dadamaqina argachuun, gariin maallaqni dijitaalii Miimkooyiin jedhamuun maqaa wal fakkaatu qabu garmalee dabale.

    Kanaan dura, Maask yaada miidiyaa hawaasaa irratti kennuun gatii kirpitoo irratti dhiibbaa uumaa kan ture yoo ta'u, garuu ammoo maallaqa dijitaalii miimkooyiin kana keessaa addaatti hirmaannaa qabaachuu isaa ifa miti.

    "Kekiiyaas" jechuun jecha Laatiin "kek" jedhu ta'ee mul'ata. Kunis, jechi "sagalee ol kaasuun kolfuu" jedhun kan walfakkattuu yoo ta'u, jechu kunis taphattootaan kan beekamu garuu amma yeroo baayyee kan garee ''alt right'' wajjin walqabatudha.

    "Kek" jechuunis maqaa waaqa dukkanaa warra Gibxii durii yoo ta'u, yeroo tokko tokko kan mataa raachaatiin waliin fakkeeffama.

    Namoonni baay'een "Maximus" maqaa taatoo goota, Raasil Kiroow kan fiilmii Gladiator, Maximus Decimus Meridius jedhamu waliin walqabsiisu turan.

  12. Xalayaa Jiimii Kaartar Koloneel Mangistuu H/Maayiraamiif ergan

    ''Walitti bu'iinsa Gaanfa Afrikaa keessa jiru ilaalchisee dubbii dubbadheen dhibdeen uumame akkaan na dhibeera,'' jedha xalayaan bulchaa Itoophiyaaf ergame.

    Xalayaa kana Pirezidantii duraanii Itoophiyaa Koloneel Mangistuu H/Maayiraamiif kan barreessan pirezidantiin duraanii US dhihoo boqotan Jiimii Kaartaridha.

    Xalayaan kuni waggoota 46 dura yeroo hariiroon Itoophiyaafi Ameerikaa dhibdee godhateetti barraa'e.

    Xalayaan kuni marsariitii mootummaa US seenaan itti galmaa'u, 'Office of The Historian' jedhamuurratti argama.

    Torban kana waggaa 100 isaaniitti kan boqotan Jiimii Kaartar, keessumaa biyya Gaanfa Afrikaa waliin hariiroo qaban kan qeeqa dabalatees ture.

    Odeessun kana qofaa miti. Bal'insaa dubbiifachuudhaaf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  13. FBI boombii seenaa keessatti baayyeedha jedhe to'achuu ibse

    Dhabbanni Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) maasaa qonnaa Varjiiniyaatti argamu keessatti bombiiwwan 150 ol argachuu beeksise.

    Baay'inni dhootuu kanaatis seenaa keessatti isa olaanaadha jedhe.

    Kaawuntii Waayitti kan Waashingitan DC irraa gara kibbaatti fageenya kiilomeetira 290 irratti argamtuutti, namni maqaansaa Biraad Ispaaford jedhamu haadha warraa fi ijoollee isaa waliin meeshaa waraanaa kuusaa jiraachuun erga eeruun kennameen booda to'annoo jala oolfame.

    Qorattoonni akka jedhaniitti meeshaaleen muraasni kutaa ciisichaa keessatti barreeffamni "#nolivesmatter" jedhu irratti barraa'uun boorsaa xiyyoo keessatti haala nageenyisaa hin eegamneen argaman.

    Barreeffamni kunis kan warra finxaaleeyyii faallaa sochii mootummaa ta'an kan agarsiisudha.

    Abookaatoon shakkamaa kanaas hawaasaaf balaa akka hin qabne eeruun hanga dhaddachatti dhiyaatuutti akka hiikamuf gaafate.

    Shakkamaan kun hanga ammaatti kan himatame meeshaa waraanaa gadaanaa hayyama hin qabne qabachuu kan jedhuun yoo ta'u himmannaawwan gara biraas irratti banamu akka danda'u himameera.

    Qorattoonni Kibxata kaleessaa akka ibsaniitti boombiiwwan kunneen kan ''seenaa FBI keessatti boombii manatti tolfamu isa olaanaadha'' jedheera.

    Ispaafordi shaakala qiyyeeffannaa dhukaasaatiif suuraalee pirezidanti Joo Baayidaniitti fayyadamuun alattis, ittaantuu pirezidantii Kaamalaa Haaris akka ajjeesuu abdii qabu ibseera jedhameera.

    Dhiheenyattiis dhaabbata shaakala dhukaasaa naannichatti argamurraas waraqaa ragaa dandeettii isnaayipara dhukaasu argachuuf fedhii qabaachu galmeen mana murtichaa ibseera.

    Jiraataan ollaa maqaan hin eeramne akka jedhanitti, Ispaafoord bara 2021 ''mana keessatti osoo boombii hojjatuu'' qubni harkasaa mirgaa sadii erga irraa citeen boodas boombii tolchuu itti fufuun galmee mana murtichaarratti barreeffameera.

    Jiraataan ollaa seera kabachiisuun hojjatan kun jalqaba bara kanaarratti wayita maasaa qonnaa Ispaafoord kan heektaara 20 doowwatanitti dhoksaan viidiyoo waraaabee ture jedhu qorattoonni.

    Odeeffannoo sanaan booda ammoo FBI qabeenyaa nama kanaa sakkatta'un boombiiwwan kunneen to'annoo jala oolfaman.

    Boombiiwwan kunneen keessaa muraasni mana keessatti of eeggannoo malee faca'anii argamuu galmeen mana murtii beeksise.

    Irra caalaan boombiiwwan kanaatiis kan ''ujummoo barbadeessuuf'' (pipe bombs) olaanayoo ta'an, irra caalaan ammoo garaajii keessatti haalluu isaanitiin tarreeffamanii argaman.

    Muraasa isaaniirratti barreffani ''lathal' ykn ajjeessaa jedhu irratti bareeffameera.

    Biiroon Nageenyaa fi Qophaa'insa Dhimma Biyya Keessaa Niiw Jeersii akka ibseetti, 'Nolifematter' kan sochii ilaalcha finxaalessummaa babal'isu, haleellaawwan, ajjeechaa jumlaa fi gochaawwan yakkaa jajjabeessu yoo ta'u, miseensonni of akka miidhaniifi bineensootarratti miidhaa akka raawwatan kan jajjabeessudha.

  14. Boca siinii bunaa guddicha magaala Jimmaa: 'Siiniin dhaabachuun mallattoodha'

    Boca siinii bunaatiin ijaarsi guddaan erga Magaalaa Jimmaatti hojjetamee booda waan hunda caala ija namaa kan qabatu ta'eera. Namoonnis miidiyaalee hawaasaa irrattis qoodaa turaniiru.

    "Misooma koriidaraa wajjin walqabatee, Jimma biyya bunaa waan ta'eef, naannoo marfata Abbaa Jifaar biratti siinii aadaa bunni ittiin dhugamu" hojjetamuun hidhata Jimmi buna waliin qabdu jabeessuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsan Itti gaafatamaan waajira Turizimii magaala Jimmaa Obbo Najiib Raayyaa.

    "Biraandiin keenya buna" kan jedhu Najiib, "hojiiwwan guddaa buna wajjin walqabatee hojjetamaa" jiraachuu kaasa.

    Dabalataa dubbiisuudhaaf asiin seenaa.

  15. Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa Awurooppaa geessu cufuuf dhaadatte

    Dhiyeessii gaazii Raashiyaan karaa Yukireeniin darbuun biyyoota Gamtaa Awurooppaatiif dhaqu, waliigalteen waggoota shaniif dhaabbata geejjibaa boba'aaYukireen Naaftoogaaz fi Gaazpiroom Raashiyaa gidduutti ture erga xumuramee booda dhaabsiisuudhaaf.

    Pirezidaantiin Yukireen Volodymiir Zelenskiin kanaan dura biyyisaanii Raashiyaan ''dhiiga keenya irraa biliyoona dabalataa akka argattu'' akka hin hayyamne ibsuun, Gamtaan Awurooppaa akka qophaa'uuf yeroo waggaa tokkoo kennanii ture.

    Komishiniin Awurooppaa sirni boba'aa ardiittii kan balaa ''dandamachuu danda'uu fi jijjiiramaa'' ta'uu ibsuun, dhiyyeessitiin karaa Yukireen yoo dhaabbate dandamachuuf dandeettii gahaa akka qaban himeera.

    Raashiyaan ammallee karaa ujummoo TurkStream'tiin Galaana Gurraacha qaxxaamuree gara Haangaarii, akkasumas Turkii fi Sarbiyaatti boba'aa erguu dandeessi.

    Dhiyeessitii karaa Yukireeniin darbu dhaabbachuunsaa barri boba'aa Raashiyaa gatii gadaanaa Gamtaa Awurooppaa dhaqaa ture kan dhaabsiisuudha.

    Islovaakiyaan baay’ee kan miidhamte yoo ta’u, Komishiniin Awurooppaa ammoo galanni karoora of eeggannoo fi dhiyeessii filamaataaf haata'utii dhiibbaansaa murtaa'aadha jedhan.

    Haata’u malee, dhiibbaan tarsiimoofi fakkeenyummaa tarkaanfiin kun guutuummaa Awurooppaa irratti qabaatu ammoo guddaadha.

    Raashiyaan gabaa barbaachisaa kan dhabdu yoo ta'u, preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin garuu biyyoota Gamtaa Awurooppaatu caalaatti miidhama jedhu.

    Gamtaan Awurooppaa erga Raashiyaan bara 2022tti Yukireen irratti weerara guutuu jalqabdee asitti bobaa Raashiyaa irraa galchu haalaan hir’isaniiru, haata'u malee biyyoonni miseensa bahaa hedduun ammallee baayyiinaan dhiyeessii kana irratti hirkatu.

    Kunis waggaatti Raashiyaan gara Yuuroo biiliyoona 5 (Doolaara biiliyoona 5.2; ykn £ biiliyoona 4.2) akka argattu taasisa.

  16. Tamsaasa kallattii eegalleerra!

    Ashamaa baga bara haaraa faranjootaan isin gahe hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maraa!

    Barri haaraan kan gammachu, kan nagaa fi badhaadhinaa isiniif haata'u jechaa, tamsaasa kallatii keenya har'aa kunoo amma eegalleera.

    Isinis ddeessaalee keenya kaan bal'inaan argachuuf ammoo gara marsariitii, Facebook fi WhatsApp Chaanaalii keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa!

  17. Biiroon Maallaqaa US haakaroota Chaayinaatiin saamamuu ibse

    Gareen saamtotaa (haakarootaa) tumsa mootummaa Chaayinaan socho'uun ergama raawwatan sirna Biiroo Maallaqaa US cabsanii seenuun, iddoowwan ragaan hojjettootaa taa'uu fi ragaawwan icciitii argachuu qondaalonni Ameerikaa himan.

    Taateen kun ji'a Muddee darbe kana keessa mudate, garuu xalayaa Biiroon Maallaqaa seera baastotaaf barreesseen hawaasaaf ibsame.

    Jaarmiyaan maallaqaa US kun saamicha raawwate kanaan ''taatee balaafamaa'' jechuun ibse.

    Jaarmiyaa FBI fi jaarmiyaalee kaan waliin ta'uun dhiibbaa taateen kun uume qorataa jiraachuus hime. Dabalataan dubbiisuuf asiin dubbiifaa.

  18. 'Faayaa keenya nama argeef doolaara miiliyoona 1.8 gatii argaa kaffala'

    Hanna mana guddaa Landan keessatti argamu irratti taasifameen faayaan doolaara miiliyoona 12 baasu fudhatamuun booda hattoota qabuu fi miya deebisiisuuf doolaara miiliyoona 1.8 kaffalla jedhan warri jalaa hatame.

    Miyoonni faayaa, borsaa doolaara 180,000 baasufi qarshii doolaara 6,000 gaafa Onkololeessa 7 mana daandii dhuunfaa Landan, Piriimoors jedhamurraa hataman.

    Odeeffannoo hattoota kana qabuuf fayyadu nama kenneefis hamma doolaara 600,000 kaffalla jedhaniiru.

    Yoo qabeenyichi deebi'uu danda'a taheef harka 10 - kunis doolaara miiliyoona 1.8 nama deebisisuuf gargaareef kenninaa jedhaniru.

  19. Gaazaa keessatti daa'imman sababa qorraan du'aa jiru

    Sababa qorraaa fi cabbiin bu'uu eegaleef daa'imman sababa waraanaan buqqaa'anii buufata adda addaa keessa fi ala bulan qorraan du'aa jiru.

    Daa'ima reefu dhalatte dabalatee daa'imman naannawa gargaarsa namoomaa al-Mawaasi jedhamu keessatti du'aa jiru.

    Daa'imman ho'a qaama isaanii eeguuf malli gahaa ta'e waan jirreef salphatti qorraan miidhamu.

    Keessumaa daa'imman yeroo malee dhalatan balaadhaaf saaxilamu, haadholiin hanqina nyaataatiin rakkachaa waan jiraniif daa'imman isaanii harma gahaa hoosisuu hin danda'an.

    Bakki kun buufata xiqqaa fi garmalee namaan guutame kan lammiileen Filisxeem bakka biraa irraa waraana Israa'eliin buqqa'an kuma dhibbaan lakkaa'aman qubataniidha.

    Waraana ji'oota 14 ture keessatti maatiin yeroo 10 oliif buqqa'uuf dirqaman keessatti argamu.

    Waraanni Israa'el duula Hamaasii fi gareewwan hidhattoota biroo Gaazaa irratti gaggeessaa tureen al-Mawaasii irra deddeebiin rukutee jira.

    Haalli qilleensaa naannawa baqattoonni kun qubatanii jiranii hedduu ulfaataa ta'uu anga'ootni fayyaa kan himan.

    Israa'el dhiyeessii nyaataa fi gargaarsa Gaazaa irratti uggura cimaa kaa'uun rakkoo namoomaa waraana kanaa caalaatti hammeessera. Israa'el garuu kana haaltee jirti.

  20. Dhaabbati Fayyaa Addunyaa haleellaan hospitaalota Gaazaarratti raawwatu akka dhaabbatu gaafate

    Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), haleellaan hospitaalota Gaazaarratti raawwatamu akka dhaabbatu gaafatan.

    ''Hospitaalonni Gaazaa ammas dirree waraanaa ta'udhaan, sirni fayyaas balaa hamaa jala jira,'' jedhan Dr Teedroos Adihaanoom.

    Akeekkachiisni aanga'aa kanaa kun kan kenname, erga hospitaalli tokkochi, Kamaal Adwaan, kaaba Gaazaa marfamte keessaa, Jimaata darbe sakatta’amee fi humnaan waraana Israa’eliin baafamanii boodadha.

    Akkasumas hospitaalonni lama magaalaa Gaazaa keessatti guyyaa Dilbataa haleelamanii boodadha.

    Waraanni Israa'eel ammoo Iddoowwan kunneen keessaa lama akka wiirtuu ajaja Hamaasitti itti fayyadamaa akka turan ibseera.

    Akkasumas Dr Teedroos gareewwan mirgaa falmanii fi firoottan isaaniitti makamuudhaan daayreektarri hospitaala Kamaal Adwaan, Dr Husaam Abbuu Saafiyaa humnoota Israa'eliin ukkaamfamanii turan hatattamaan akka hiikamaniif gaafatan.

    Waraanni Israa’el guyyaa Sambata darbee akka jedhetti, hospitaalli isaanii Hamaasiif “bakka cimaa” ta’uu fi loltoonni sakatta’iinsa taasisaniin, “shororkeessitoota” gara 20 ajjeesuufi kaan biraa 240 biroo to’annaa jala oolchuusaanii ibsaniiru.

    Itti dabaluudhaanis, Dr Abbuu Saafiyaan namoota gaaffiidhaaf fudhataman keessaa tokko akka ta'eefi ''hojjetaa shororkeessummaa Hamaas ta'uun shakkameera'' jedhan.

    Waraanni Israa'el ammoo himannaa kanaaf ragaa kan hin dhiheessine yoo ta'u, Hamaas ''soba'' jechuun kuffiseera.

    Dhaabbanni teessoon isaa Ameerikaa tasifate MedGlobal, hidhamuun Dr Abbuu Saafiyaa, Gaazaa keessatti hakiima olaanaa kan ta'ee, kan ''haqa malee osoo hin taane, kan ''seera namoomaa idil-addunyaa, kan eegumsa hojjettoota yaalaa naannoo waldhabdee jiraniif kabaju kan cabsuudha'' jechuun balaaleffateera.