Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jiimii Kaartar, pirezidantiin duraanii Ameerikaa waggaa 100tti du'aan boqatan
Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Jiimii Kaartar, umurii waggaa 100tti du'aan boqachuunsaanii wiirtuun isaan hundeessan mirkaneessee jira.
Qonnaan bulaan ocholoonii duraanii kunis seenaa pirezidaantii kamiyyuu keessatti kan umurii dheeraa jiraatanii turan yoo ta'u, waggaa dhalootaa isaanii ganna 100ffaa baatii Onkololeessaa darbe keessa kabajatanii ture.
Dhaabbanni Wiirtuu Kaarta kan addunyaa mararratti Dimookiraasii fi mirga namoomaa leellisu, aanga'aan duraanii kun Dilbata waaree booda mana isaanii Joorjiyaa keessatti du'uu isaanii ibseera.
Akkasumas Jiimii Kaartar manuma ofii saanii keessatti haala nagaatiin du'aan boqachuusaanii dhaabbanni isaanii Wiirtuun Kaartar dabaluun beeksiseera.
Kaartar Dimookiraatota irraa bara 1977 hanga 1981tti pirezidaantii biyyattii 39ffaa ta'un tajaajilanii turan. Kunis, yeroo biyyattiin rakkoolee dinagdee fi dippilomaasiitiin itti rakkataa turtedha.
Waayit Hawuus keessaa erga baheen boodas hojii mirga namoomaa fi Dimookiraasii hojjataa turaniin maqaan gaarii argachuun, kanaanis badhaasa Noobeelii Nagaa argataniiru.
Kaartan yeroo pirezidaantii turanitti qormaata imaammata alaa hedduun kan isaan mudatee ture yoo ta'u, duula filannoo irra deebiin filatamuuf dhiyeessanii turaniin Dimookiraatonni mo'amuun Roonaald Reeganiin filataman.
Bara darbe wal'aansi fayyaa isaa xumuramuu isaa hordofee, mana keessatti kunuunsa akka argatu ibsamee ture.
Kaartar dhukkuba kaansarii gogaa (melaanoomaa) kan booda gara kalee fi sammuu isaanitti babal'ate dabalatee dhimma fayyaatiin rakkachaa turan.
"Abbaan koo goota ture. Gotummaansaas anaa qofaa osoo hin taane nama nagaa, mirga namoomaa fi jaalala ofittummaa hin qabnetti amanu hundaaf ture," jechuun ilmi isaa Chiip Kaartar ibsa kenneen kan waa'ee abbaa isaanii dubbatan.
"Addunyaan maatii keenya. Sababiin isaas akkaataa inni, namoota walitti fide irraa kan ka'edha," jedhan.
Kaartar bara jireenyaasaaniitti ijoollee afur kan godhatan yoo ta'u, akkaumas ilmaan ilmaan isaanii (akkoo) 11 fi ilmaan ilmaan ilaanisaanii (akaakilee) 14 argataniiru.
Haati warraa isaanii Roozaaliin kan waggoota 77'f waliin gaa'ela jiraatanis baatii Sadaasa bara 2023 keessa du'aan boqotan.
Erga bara 2018 fi erga du'a Joorji H. W. Buush irraa eegalee, pirezidaantii Ameerikaa lubbuun turan keessaa isaan hangafaa ture.
Ofii Jiimiin eenyuu turan?
Pirezidaantiin duraanii kun Onkoloolessa 1 bara 1924tti moggaasa maqaa Jeemsi Earl Carter Jr, jedhuun magaalaa xiqqoo Plains, Joorjiyaa keessatti dhalatan.
Ijoollee maatiisaanii afur keessaa hangafa ture. Abbaan isaanii daldala ocholoonii maatii kan jiraachisaa turan yoo taʼu, haati isaanii Liiliyaan immoo narsii turte
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessatti ammoo, taphataa kubbaa miilaa urjii turan.
Achiis waggoota torbaa humna galaanaa Ameerikaa keessatti dabarsan. Yeroo sanattis ture kan haadha warraa sanii Roozaaliin waliin gaa'ila dhaabbatan.
Kaartar bara 1953tti yeroo abbaan isaanii du'aniitti baayyee gadde.Kanaanis humna galaanaa Ameerikaa keessaa gadhiisuu gara manaatti deebii'uuf dirqame
Haaluma kanaanis hojii dhiisuun deebii'anii hojii qonna maatii rakkakkoon mudatee ture geggeessuuf akka dirqame kan himamu.
Haata'u malee, hojii daldala isaaniitti milkaa'udhaan jijjirama fiduun, adeemsa keessa baayyee sooressa ta'uu danda'an.