Xalayaa Jiimii Kaartar Koloneel Mangistuu H/Maariyaamif ergan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

''Walitti bu'iinsa Gaanfa Afrikaa keessa jiru ilaalchisee dubbii dubbadheen dhibdeen uumame akkaan na dhibeera,'' jedha xalayaan bulchaa Itoophiyaaf ergame.

Xalayaa kana Pirezidantii duraanii Itoophiyaa Koloneel Mangistuu H/Maariyaamiif kan barreessan pirezidantiin duraanii US dhihoo boqotan Jiimii Kaartaridha.

Xalayaan kuni waggoota 46 dura yeroo hariiroon Itoophiyaafi Ameerikaa dhibdee godhateetti barraa'e.

Xalayaan kuni marsariitii mootummaa US seenaan itti galmaa'u, 'Office of The Historian' jedhamuurratti argama.

Torban kana waggaa 100 isaaniitti kan boqotan Jiimii Kaartar, keessumaa biyya Gaanfa Afrikaa waliin hariiroo qaban kan qeeqa dabalatees ture.

''Ameerikaan biyyoonni Afrikaa hunduu tokkummaa daangaa isaanii akka kabachiisan deeggarsa ni gooti.

''Biyyoonni walitti bu'iinsa furuuf karaa nagaa hin qabne hordofuu isaanii ni qeeqna,'' jechuun Kaartar ejjennoo isaanii ibsu.

Pirezidantiiwwan duraanii US lamaan Kaartar dura turan, Niiksaniifi Foord, imaammata alaa ''twin pillar'' jedhamu hordofu.

Jiimii Kaartar erga gara aangootti dhufan booda Giddugaleessa Bahaatti nagaa buusuun isaanii keessumaa Ameerikaan imaammata alaa ishee jijjiirte ta'a jedhanii akka namoonni hubatan taasiseera.

Jiimii Kaartar bara 1977 pirezidantii US ta'un kan muudaman.

Ebla 1977 keessa Ameerikaan Buufanni Qaanyaw Ertiraatti argamu cufamuufi waliigalteen Itoophiyaafi Ameerikaa gidduu ture adda cituu beeksiste.

Kana booda Koloneel Mangistuu H/Maariyaam fuula isaanii guutummaan guututti gara Sooviyeetitti garagalchan.

Ameerikaan immoo Somaaliyaaf deeggarsa waraanaa taasisuu jalqabde.

Xalayaan Kaartar Pirezidantii Itoophiyaa yeroosiif barreessan yerootti hogganaan Somaaliyaa Meejar Janaraal Siyaad Baarree Itoophiyaa weeraranitti ture.

Jiimii Kaartar xalayaa isaanii keessatti ''Nuti Somaaliyaan Ogaadeen weeraruushee hin deeggarru.

''Somaalotatti wanti dubbanne hanga daangaa Itoophiyaa keessa jiranitti nubiraa deeggarsa waraanaa akka hin argannedha,'' jedha xalayaan kuni.

Yeroo sanatti Itoophiyaafi Ameerikaa gidduu dhibdeen ture bara bulchiinsa Mootii H/Sillaaserraa kan ce'e ture.

Ameerikaan bara bulchiinsa Niiksanis ta'e Foord imaammati alaa hordofaa turte ''sirrii miti'' jechuun kan falman saayintistii siyaasaa Ayowaanis Maanzikosidha.

Hayyuun kuni marsariitii 'American Diplomacy' jedhamuurratti imaammata alaa Ameerikaan Itoophiyaafi Somaaliyaarratti hordofaa turte katabaniiru.

Ameerikaan waliigaltee waraanaa waggoota 25 turu bara 1953 Itoophiyaa waliin kan mallatteessite Itoophiyaan naannichatti gahee olaanaa qabdi jechuun yaaddeeti.

Mootiin yeroosii Itoophiyaa H/Sillaaseen, hariiroo Pirezidant Niiksan waliin qaban guutummaan guututti adda kutuu baatanis, hariiroon isaanii laafaa dhufee ture.

Ilaalcha Ameerikaan Dargii ilaalchisee qabdu waan sirrii miti ilaalcha jedhu kan qaban hayyuun kuni, Koloneel Mangistuun fuula isaanii gara Sooviyeetitti yeroo galagalfatan kuni ifa ta'e jedhu.

'Nagaan bu'ee arguu barbaanna'

Xalayaan barraa'e itti fufa.

''Koonyaa Ertiraa keessatti nagaan bu'ee arguu barbaanna. Biyya keessanitti nagaan bu'ee arguu barbaanna.

''Mootummaa keessaniifi kiyya gidduu wal hubachuu dhabuun uumame na yaaddesseera.

''Jila olaanaa ergee isin yookiin bakka bu'aa keessan waliin akka mari'atan nan barbaada. Yoo eeyyama keessan ta'e jila yoom akkan ergu yookiin isin yoom akka ergitan natti himaa,'' jedha.

Hayyuun siyaasaa Ayowaanis bulchiinsi Kaartar yeroo waraana Ogaaden ejjennoo tokko hin agarsiifne jechuun qeequ.

Keessumaa waliigalteen Somaaliyaa waliin taasisaniin akka qeeqaman ibsu.

Jiimii Kaartar Itoophiyaan sarbama mirgaa ni raawwatti jechuu isaaniitu hariiroo Finfinnee waliin qaban laaffise.

Qeeqxonni immoo Somaaliyaanis sarbama mirgaan himatamti jechuun adeemsi Kaartar hariiroo Itoophiyaafi Ameerikaa akka laafu taasisuu isaa ibsu.

Kaartar bara bulchiinsa Dargii qofa osoo hin taane bara bulchiinsa ADWUI illee maqaan isaanii Itoophiyaa waliin ni ka'a.

Keessumaa filannoo ALI Bara 1997 ture irratti ''gama paartii biyya bulchu hanqina homaa hin agarre'' jechuu isaaniin qeeqamaa turan.

Erga aangoorraa bu'an booda dhaabbata Wiirtuu Kaartar jedhamu hundeessuun mirga namoomaa, fayyaafi filannoo taajjabuurratti bobba'anii turan.

Jiimii Kaartar hariiroon Itoophiyaa waliin qaban qormaata kan makate ta'us, dhibee giinii woorm jedhamu qolachuuf dhaabbanni isaanii Itoophiyaa keessa hojii baay'ee hojjatuun isaa ni amanama.