Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru ‘’saboota gidduu waldhibee uume’’ jechuun cufani. Miidiyaaleen biroo sadii Asraat Tv, Dimtsii Wayyaaneefi Tigraay Tv jedhaman immoo qoratamaa jiru jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Reeffi Haacaaluu Hundeessaa gara magaalaa Amboo gaggeeffamaa jira

    Reeffi Hacaaluu hundeessaa wayita gaggeeffamu

    Madda suuraa, YOMIS GONFAA

    Weellisaa beekamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Wiixata galgala sa’a 3:30 irratti Magaalaa Finfinnee naannoo kondomiiniyamii Galaanitti rasaasaan rukutamee ajjeefame.

    Battala rasaasaan dhahametti gara hospitaala Xinunesh Beejing geeffamus lubbuu isaa baraaruun hin danda'amne.

    Komishiniin poolisii Finfinnee ibsa Wiixata galgala EBC'f kenneen namoota shakkaman muraasa to'annoo jala oolcheera jedhee ture.

    San booda reeffi isaa gara hospitaala Phaawuloos geeffamee erga qoratamee booda ganama kana gara bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti gaggeeffamaa jira.

  2. Attam bultani?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kibxataa eegale.

    Suuraan asiin gadi mul’atu magaalaa Finfinnee bakka Gullallee jedhamee beekamudha.

    Kanneen daandii gubbaa mul’atan gadda isaanii ibsaa jiru.

    Reeffi Hacaaluu kaleessa galgala Kutaa magaalaa Gullallee Hospitaala Phaawuloositti qorannoof geeffamuun ni yaadatama.

    Odeeffannoo ajjeechaa Hacaaluufi dhimmoota wayitawaa kaan kallattiin isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii!

    Gadda namootaa magaalaa Finfinnee naannoo Gullallee

    Madda suuraa, Oftanenus D.

    Ibsa waa'ee suuraa, Gadda namootaa magaalaa Finfinnee naannoo Gullallee
  3. Gamtaan Awurooppaa biyyoota nageenyi isaanii amansiisaadha jedhe tarreesse

    Alaabaa Gamtaa Awurooppaa

    Madda suuraa, EPA

    Gamtaan Awurooppaa ji'a dhufurraa kaasee namoota biyyoota nageenyi isaanii amansiisaadha jedhamanirraa dhufan simachuu akka jalqabu beeksise.

    Haaluma kanaan imaltoonni Aljeeriyaa, Awustiraaliyaa, Kanaadaam, Joorjiyaa, Jappaan, Montenegiroo, Niiwuu Ziilaand, Ruwaandaa, Serbiyaa, Kooriyaa Kibbaa, Taayilaand, Tuniiziyaafi Uraaguwaay irraa dhufan Awurooppaa seenuu ni danda'u.

    Akka rippoortariin BBC Kaatiyaa Aldersi gabaastetti, haalli biyyootaa ilaalamuun tarreeffamni kun foyyaa'aa kan deemu ta'a.

    Itti dabaluudhaanis, Chaayinaan yaada Gamtaa Awurooppaatti kan waliigaltu yoo taateefi haalu-dureewwan barbaachisan kan guuttu yoo taate tarreeffama kana keessa galti jedhamte.

  4. Amma nu gahe, Itoophiyaa -Namoonni haaraa 157 Covid-19 yoo qabaman, 298 bayyanatan

    Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessa qorannoo koronaavaayirasii saamuda 3,693 taasifame keessaa namoota 157 irratti koronaavaayriasiin argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Guyyuma kana namoonni 298 ammoo dhibee Covid-19 irraa bayyataniiru.

    Akka ibsa Ministeera Fayyaa har'aa kanatti, namoonni 5 dhibee Covid-19n kan lubbuun darbe yoo ta'u, namoonni 35 ammoo warra dhibeen kun itti hammaatee jirudha.

    Walumaagalatti biyyattii keessatti qorannoo hanga har'aa namoota 250, 604 irratti taasifameen namoota 5,846 irratti koronaavaayirasiin argameera.

    Namoota hanga har'aatti koronaavaayirasiin akka irratti argame mirkanaa'e keessaa ammoo walumaagalatti namoonni 103 kan lbuun darbe yoo ta'u, namoonni 2,430 ammoo dhukkuba kanarraa bayyataniiru.

    Gabatee oduu
  5. Walaloon "Onnee midhameef qoricha''

  6. Masriitti hospitaala dhukkubsattoonni Covid-19 itti wal'aanamanitti ibiddi qabate lubbuu namoota 7 dabarse

    Masrii

    Masirii hospitaala magaalaa Aleksaandariyaa keessatti arqamu dhukkubsattoonni Covid-19 itti wallaanamanitti i biddi qabate.

    Ibiddi hospitaalicha qabate kun lubbuu dhukkubsattoota torbaa galaafachuun hojjattoota hospitaalichaas madeesseera.

    Ibiddaa elektirikiidhaan meeshaa afuursituu walqabaturratti qabachuusaatiin balaan kun kan qaqqabe.

    Hospitaala Badrawii jedhamu iddoo dhukkubsattoonni Covid-19 qabaman wal'aanamaa jiranitti balaan kun qaqqabuusaa midiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

    Dhukkubsattootni balaa kanarraa hafan bakka sanaa baafamaniiru.

    Akkaatti balaan kun qaqqabe qorachuunis eegalameera.

  7. Hakimoota qoricha sobaa Covid-19 osoo daldalanu saaxilaman

  8. Talaalliin sadarkaa yaaliirra jiru loltoota Chaayinaaf kenname

    talaallli

    Madda suuraa, Getty Images

    Talaalliin koronaavaayorasii sadarkaa yaaliirra jiru Ad5-nCoV jedhamu loltoota Chaayinaaf kenname.

    Talaalliin kun gosoota talaaalli 150 addunyaarratti yaalamaa jiran keessaa isa tokko.

    Qaamni namaa koronaavaayirasii addaa baafachuun akka ofirraa lolu barsiisuuf talaalli oolu jedhamee abdatama.

    Qorichi namoota umrii ga’eessuummaarra jiran 108 irratti shaakalame kun nama kan hin miineefi madinummaan qaamaa akka lolatu dammaqsaa jechuun barruun dhimma fayyaarratti maxxanfamu ‘Lancet’ Caamsaa darbe gabaase.

    Talaalliin kun madinummaa koronaavaayirasirraa nama tiksuu uumuu danda’uun isaa garuu ammaatti ifaatti hin baramne.

    Hojjattoonni waraana Chaayinaa talaalli kana fudhachuun garuu saayintistoonni deebii kana akka ifatti hubatan fayyada jedhame abdatameera.

    Talaalliin amma yoonatti koronaavaayirasii ittisuun mirkanaa’e gurgurtaaf dhiyaate ammatti hin jiru.

    Jaarmiyaan Kaan Siinoo Baayolojik jedhamuu fi institiyuutiin Baayoteekinolojii akkadaamii saayiinsii waraana biyyatti namoota fedha qabanirratti talaalli kana shaakalaniiru.

  9. "Guguddaa nama keenyaa qofa miti, guguddaa lafa keenyaas dhabaa jirra"

  10. Biyyoonni addunya Covid-19 waliin attamiin oolan?

    Giloobii

    Addunyaarratti namoonni koronaavaayirasiin irratti argame miliyoona 10 qaaqabeera.

    Namoota dhibeen kun irratti argame keessaa ammo miliyoona walakkaa kan ta’an lubbuun darbeera.

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii ammallee dabalaatuma jira.

    <>

    Ragaan akka agarsiisutti kutaa addunyaa akka Ameerikaa, Eeshiyaa Kibbaafi Afrikaa keessatti tatamsa’inni koronaavaayirasii ol ka’aa jira.

    <>

    Akka addunyaatti biyyi hunda caalaa miidhaa hamaan irra USdha.Biraazil keessattis gara malee dabalaa jira. Ogeessonni biyyattiis qorannoon xiqqaan waan taasifamaa jiruuf malee lakkoofsi namoota Biraazilitti vaayirasichi irratti argamu baayyee kan caaluu mala jedhu.

    <>

    Indiyaa keessattis haala walfakkaatuti mul’ata. Lakkoofsi namoota guyyaa guyyaan vaayirasichi irratti argamuu haalaan dablaa jiraatus kutaa bulchiinsa biyyattii garii keessatti qorannoon gahaan taasifamaa hin jiru.

    <>

    Biyyoonni Afrikaa ammoo sadarkaa hamaa dhukkubni kun irra gaha jedhamerra hin geenye. Haata’u malee, Afrikaa Kibbaa weerarri kun daran hammaachuu mala jechuun akeekkachiisaa jirti.

    <>

    Chaayinaan ammoo bakka dhiyeenya magaalaa Beejiingitti argamtu tokkotti lakkoofsi amoota qabamanii dabaluu isaarraan kan ka’e bakka sana uggurteetti.

    <>

    Biyyoonni akka Niiwuu Ziilaand, Awustiraaliyaafi Kooriyaa Kibbaa ammoo weeraricha to’achuudhaan haala gaariirra jiru.

    <>

    Hunda kan caalaa weeraricha irratti injifannoo boonsaa galmeesite ammoo Veetinaamidha.Saffisaan tarkaanfii sochuu dhorkiifi daangaawwan jiran to’achuun dhibeen kun akka hin tatamsaaneef gargaareera.

  11. Pirezidaantiin Ginii-Bisaawu ministiroota shan aangoorraa hari'e

    Piresidaantii Ginii Biisaawu

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin Ginii-Bisaawu Umaaroo Sisookoo Embaaloo ministiroota mootummaa isaanii shan aangoorraa hari'an.

    Ministiroota pirezidaantichaan guyyaa Dilbataa aangoorraa hari'aman keessaa ministira raayyaa ittisaa, ministira dhimma biyya keessaa, ministira dinagdee, ministira qonnaafi ministirri annisaa ta'uun barameera.

    Ibsa pirezidaantichi ministiroonni kunneen aangoraa kaafamunsaanii ittiin ifa taasifameenis sababii hari'amusaanii ilaalchise wanti hiame hin turre.

    Aangoorraa kaasuun ministiroota kanneenis marii hara paarlaamaan biyyatti dhimma aangoo qindoominni paartilee siyaasa biyya bulchuuf qaban gaggeefamuuf jiruun dura taasifame.

    Biyyattii waldhabdee siyaasaatiin bara dheeraa danqamtee turte. Pirezidaantii Embaaloo akka pirezidaantiitti mo'uun kan labsamee baatii Muddee darbe keessa ture.

    Haa ta'u malee paartiin waggoota dheeraaf biyya bulchaa ture PAIGCn filannichi haqabeessa akka hinture hima.

    Ministiroonni amma harii'ataman shananu miseensoota paartii pirezidaant Embaaloo Maadeem kan waggaa 15 ta'usaanii Rooyitarsi gabaaseera. ''Pirezidaanti Umaaroo Sisokoo Embaaloon ministiroota kanneen dursee aangoorraa harii'achuun akka paarilaamaa keessatti sagalee caalmaa argatuuf tarsimoodha,'' jedhamuu Rooyitaris himeera.

    Bara 1980 irraa kaasee biyyattii keessatti fonqolchi motummaa yeroo sagalii yaalameera.

    Janaraala waraanaa kan turan Ms Embaaloon waldhabee biyyattii keessa jiru hiikuun biyyasaanii biyyoota hiyyeeyyii addunyaa keessa tokko taatee hammayyeessuu akka barbaadan himu.

  12. Siingaapoor meeshaa koronaavaayirasii to'achuuf gargaaru raabsuu eegalte

    Meeshaa koronaavaayirasii to'attu

    Madda suuraa, SILVER GENERATION OFFICE (SGO)

    SIngaapoor meeshaa elektirooniksii xiqqoo bluetooth'n hojjettu lammilee isheetiif raabsuu eegalte.

    Meeshaan 'Tracetogether' jedhamtu kunneen appilikeeshinii moobaayilii tajaajila wal fakkaataa kennu amma dura biyyattiin itti dhimma bahaa jirturratti dabalataan kan kalaqamedha.

    Namoota moobaayilii fayyadamuu hin barbaadne ykn hin qabneef kan oolu yoo ta'u manguddootaaf dursi kennamee raabsamaa jira.

    Meeshaan kun namni tokko nama koronaavaayirasiin qabame biraatti wayita dhiyaatu daftee ergaa dabarsitiif.

    Booda namni sun yoo vaayirasichaan qabamellee ragaa achirraa fudhachuun warra inni waliin tuttuqaa qabu hordofuunis ni danda'ama.

    Namoonni meeshaa kana iccitii dhuunfaa baasa jechuun yaaddoo qaban ibsatanillee mootummaan biyyattii kana waakkateera.

    Baatiriin isaa ji'a sagaliif kan turu waan ta'eef chaarjii hin barbaaddu.

    Dilbata kaleessaa namoonni 213 dabalataan vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'uu lakkoofsi waliigalaa 43,459 gaheera.

  13. Xiyyaara Boeing 737 Max balaliitti deebisuuf yaaliin eegaluufi

  14. Paakistaanitti namoonni gidduugala gabaa haleelan afur ajjeefaman

    Paakistaan

    Madda suuraa, Reuters

    Paakistaan magaalaa Kiraachii keessatti gidduugala gabaa (stock exchange) keessatti balaa boombii raawwatameen namootni nagaa lama ajjeefaman.

    Hidhattootni afur haleellaa qaqqabsiisan kun galma guddaa gara gidduugala kanaa geessu boombiin dhoosanii haleellaa eegalan.

    Poolisiin biyyattii hidhattoota kanatti dhukaasuun hundayyuu ajjeesuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    Hidhattootni kun miseensota Waraana Bilisummaa Baalooch yoo ta'an waraanni kun haleellaa kana raawwachuu himee jira.

    Gareen hidhattootaa saba Baalooch baroota dheeraaf Kutaa biyyaa Baalooch biyya of dandeesse akka taatu falmaa gaggeessaa turan.

    Haleellaa gareelee Islaamummaa mankaraarsaniin raawwatamuun miidhamaa kan turte Paakistaan, haleellaa gosa akka kanaan rakkoo keessa galuu kan eegalte reefu.

  15. Addunyaarrati namootni Covid-19'n du'an 500,000 caalan

  16. Gaanaan miindaa hojjatoota fayyaa %50 dabaluu itti fuufte

    maaskii nama uffate

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezdaantiin Gaanaa , Nanaa Akuufo- Addoo durgoofi deeggarsa hojjatoota fayyaaf taasisan ji’a sadiif akka itti fufu murtaawuu himani.

    Ji’oota Adoolessa, Hagayya fi Fulbaanaaf hojjatoota fayyaaf miindaan isaani %50 dabalee, qaraxas utuu hin kaffaliin itti fufu.

    Deggarsi kun ji’a sadii dura yeroo jalqaba koronaavaayirasii biyyattiitti argame ture kan eegale.

    Ibsa karaa TV’n Dilbata galgala kennaniin , Pirezdaant Akufo-Addo durgoon kun kan keennamu, yeroo weerara kanaatti hojjattoota fayyaa jajjabeessuufi jedhaniiru.

    Hanga ammaatti Gaanaa keessatti namootni, 17,000 ta’an qabamanii, 122 ammoo lubbuun darbeera. Gaanaan namoota 294,867’f qorannoo vaayirasichaa taasisteetti.

    Biyyattiin uggura keesse kaasuun manneen amantaa banteetti, barattoota waggaa dhumaas barumsatti akka deebi’an gootetti. Daangaan ishee garuu ammayyuu cufamee jira.

  17. Naannoon Tigraay filannoof wixinee seeraa lama qopheesse

  18. Teeksaas keessatti weerarri Covid-19 hammaate

    Teeksaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchaan Teeksaas,Gireeg Abboot weerarri Covid -19 hammachaa jiraachuu akeekkachiisan.

    Gireeg akka jedhanitti gidduugalaan namootni guyyaatti qabaman 2,000 irraa gara 5,000 guddateera.

    Guyyaa guyyaan namootni 5,000 ta'an waldhaansaa gara mana yaalaa dhaqaa akka jiranillee himan.

    Pireezidantii Itti aanaan Ameerikaa Maayik Peens ''Teksaas yeroo kana akka dandamattu humna namaafi qabeenya akkasumas galteewwan barbaachisuu qabaachuu ishee ni mirkaneessinaa'' jedhan.

    Jiraattota Teksaasiin ammoo Maaskii akka uffatan gaafatan.

    ''Muuxannoo keenyarra maskii uffachuun tamsa'ina Koroonaavaayiras akka xiqqeessu beekna.''

    Kutaaleen biyyaa Kibbaa fi Lixa US hedduun ugguura laaffisuu isaanii hordofee lakkoofsi namoota haaraa qabamanii dabalaa jira.

  19. Namoota 500,000 Covid-19 du’an –Biyyootiin 10 hedduu miidhaman kami?

    Akka gabaasa Yunivarsitii Joon Hokinsitti addunyaa keessatti US lakkoofsa namoota du’anii 125,804 qabachuun tokkoffaarra jirti.

    Biraaziil ammo du’a 57,622n lammaffaa itti ansuun UK, Xaaliyaan fi Ispeentu jira. Lakkoofsa namoota du’ani addunyaarraa jiran keessaa walakkaa ol biyyooti shaman kanatti galmaa’ani.

    Biyyootiin hedduu miidhaman kurnaan kanneeni:

    1.US – 125,804

    2.Biraazil – 57,622

    3.UK – 43,634

    4.Xaaliyaan – 34,738

    5.Firaans – 29,781

    6.Ispeen – 28,343

    7.Meeksikoo – 26,648

    8.Indiyaa – 16,475

    9.Iraan – 10,508

    10.Beeljiyeem – 9,732

  20. Konkolaachisaa ambulaansiifi taajjabbii dhukubsattoota Covid-19