Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan
Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru ‘’saboota gidduu waldhibee uume’’ jechuun cufani. Miidiyaaleen biroo sadii Asraat Tv, Dimtsii Wayyaaneefi Tigraay Tv jedhaman immoo qoratamaa jiru jedhameera.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Oromiyaatti ajjeechaa Haacaaluun duuba namni 50 ol ajjeefame - MNO
Covid-19 ilaalchisee oolmaa addunyaa ijoo
Weerarri koronaavaayirasii ammallee dhaabbachuutti hin dhiyaanne jedhan Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa. Ammallee bakki itti weerarichi hammaachaa jiru US yoo ta’u, kutaawwan bulchiinsaa 30 haalaan dabaleera.
<>
Indiyaa keessattis weerarri vaayirasichaa dabalaa jira. Guyyoota lamaan darban keessatti namoonni kuma 20 ol ta’an qabamaniiru. Magaalaan Muumbaay turtii sochii dhorkuu dheeressiteetti.
<>
Iaan ammoo erga weerichi jalqabee lakkoofsa namoota du’anii ol aanaadha jedhame 162 galmeessiteetti.
<>
Kun osoo Kanaan jiruu, yaaliin talaallii Covid-19 argachuuf taasifamaa jiru itti fufeera. Kan yaaliirra jiru tokko loltoota Chaayinaatiif akka kennamu mirkanaa’eera.Talaalliin yaaliirra jiru Chaayinaan loltootasheef kennite kun kanneen 150 ta’an guutummaa addunyaarratti qoratamaa jirudha.
<>
Dhiibbaan dinagdee weerarri kun qaqqabsiisaa jiru hamaa akka ta’e beekamaadha. Fakkeenyaaf, Keeniyaan sababa weera kanaatiin galii turiizimii irraa argachuu malte Dolaara miliyoona 750 dhsbdeetti.
<>
Taayilaan ammoo danbiiwwan namoota biyya biraatii dhufanii daawwataniif keessee turte laaffisteetti. Kanumaan walqabatees Roobii har’aa irraa kaasee manneeni dhugaatiifi shubbisaa deebiyanii banamaa jiru.
<>
Covid-19 ittisuudhaaf ykn wallaanuudhaaf Vitaamin D fudhachuun barbaachisaadha kan jedhamaa jiruuf ammo ragaan quubsaa ta’e hin jiru.Kun akka qorannoo atattamaa qodaalonni fayyaa UK gaggeessanittidha. Haata’u malee, Vitaamin D kun yeroo weeraraa kanatti bu’aawwan fayyaa hedduu qaba jedhu ogeessonni.
<>
Zimbaabween uggura tuuriizimiirratti goote laaffisuuf

Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbileen tuuriizimii Zimbaabwee daawwattoota biyya keessaa irratti xiyyeeffatu Seektara tuuriizimii ji’oota sadiif cufamee turuun miidhaan cimaa irra ga’e suuta banuuf akka jettu Zembaabween beeksiftee jirti.
Duraan manneen nyaataa ajaja manatti ergamu qofa akka keessummeessan godhamee ture. Amma garuu walakkaa hayyama kennameefitti namoota akka keessummeessan taasifamu.
Paarkiiwwan biyyaalessaa, imalli biyya keessaafi adamoonis kan banaman ta’a.
Dinagdeen Zimbaabwee tuuriizimii irratti kan hundaa’ee yoo ta’u, tuuristoota biyyattii daawwachuu dhufan miiliyoona lama caalan irraa doolaaraa biiliyoona tokkoo ol argatti.
Seektarri kun sababa koroonaavaayirasiin cufamee ture, daangaawwanis banaa kan turan namoota biyyattii keessaa jiraachaa turaniifi ba’uu fedhaniif qofa ture. Dhaabbileen tuuriizimiis daawwattoota biyya keessaa irratti xiyyeeffatu.
Zimbaabweetti namoonni 574 ta’an dhibee Covid-19’n qabamanii jiru.
Leegositti daa’imman manaa akka barataniif raadiyoon raabsamuufiif

Madda suuraa, Joke Sanwo-Olu/Twitter
Ibsa waa'ee suuraa, Raadiyoowwan kan raabsaman daa'imman sadarkaa 2ffaa dhaa gaadi jiraniifi Mootummaan naannoo Leegoos daa’imman manaa akka baratan gargaaruuf raadiyoowwan 10,000 ta’an raabsuuf karoorseera.
Komishinarri barnootaa naannichaa Foolaasaadee Adefisaayoo, dhaabbilee telekoomii waliin ta’uun barnoota ‘online’ manatti qaqqabsiisuuf hojjachuu fedhas jedhani.
Muhaammaaduu Buhaariin Wiixata darbe barattoonni sadarkaa olaanoo qormaataaf akka qophaa’aniif jecha manneen barnootaa akka abanaman hayyamanii turan.
Barattoonni hafan manuma kan turan ta’a.
Naannoon Leegoos barattoonni barnootni akka isaan jela hin dabarreef yaaduun wiirtuulee barnootaa raadiyoo dhaabuuf akka ta’edha kan ibsame.
Haati warraa bulchaa Leegoos Jookee Sanwoo-Oluu raadiyoowwan gargaarsaan argachuu isaanii Wiixata darbe Twiitar gubbaarra beeksisanii turan.
Imbaasiin Itoophiyaa Landan jiru 'miidhaan narra gahe' jedhe
Abbayya: Lammiileen Itoophiyaafi Masrii Tik Tok irratti walitti dhaadatan
Lammiileen Itoophiyaafi Masrii bishaan Abbayyaa biyyoonni isaanii aakkamiin akka fayyadamuu qaban irratti viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa Tik Tok irratti gadhiisaniin wal-falmaniiru.
Viidiyoowwan heddumminaan ilaalaman keessaa kan shamarreen Itoophiyaa tokko qodaa bishaan itti waraaban fayyadamuun Itoophiyaa, Masriifi Sudaan bakka bu’u agarsiisudha.
Qodaa bishaanii Sudaan erga guutteen booda kan Masrii guutti, sana boodas kan Masrii keessaa gadi naqxee Arabiffaan akkas jetti ‘‘Bishaan siif hin kennu, sun fedha kooti’’:
Walitti gaarreffachuun kun kan uumame erga biyyoonni lameen hidha guddichaa irratti wal-dhabaa dhufaniin boodadha.
Masriin bishaan sababa hidha kanaan najelaa hir’ata yoo jettu, Itoophiyaan ammoo piroojekticha xumuruurraa boodatti hin deebi’u jetti.
Miseensonni Mana Maree Nageenyaa UN biyyoonni sadeen maree taasisan akka itti fufan akeekkachiisanii turani.
Jiraattonni Amboo hiriira bahan owwaalchi Hacaaluu Finfinneetti akka raawwatu gaafatan
Cidhaan booda hamaamoti 100 ol irratti Covid-19 argame

Madda suuraa, Getty Images
Biyya Indiyaa bulchiinsa Bihaar keessatti cidha gaggeefameen booda hamaamota 111 ta’an irratti Covid-19 argame.
Akka NDTV'n gabaaseetti, aruuztichis cidha isaa bulee guyyaa tokkoon booda Waxabajjii 16 lubbuun isaa darbeera.
Ta’us, waan hin qoratamneef vaayirasicha qabaachuufi dhiisuun isaa hin baramne.
Cidha Waxabajjii 15 gaggeeffame irratti namootni 350 ta’an kan hirmaatan yoo ta’u, aruuztichi cidha kanarratti argamuuf gara km 1,095 imalee ture.
Anga’oonni torban darbe keessa namoota cidha sanaratti argamaniifi kanneen isaan waliin qunnamti qabaatan addaa baasaa akka turan miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Dabalataanis, sababa weeraraan qajeelfama namni 50 ol cidharratti hin argamiin jedhu ba’ee osoo jiruu, namootni heddumminaan maliif cidha sanaratti akka walitti qabaman anga’oonni qorachaa jiru.
Bulchiinsa Bihaar keessatti namootni 9,500 ol vaayirasichaan qabamanii 60 ammoo lubbuusaanii darbaniiru.
Covid-19 sammuu keenya maal godha?

Istirookii (dhiigni sammuutti deemuu dhaabuu), jeeqamuu sammuu, dhiphachuu, sirriitti yaaduu dhabuu, dadhabuu, itti fufa. Covid-19 qaama hargansuu keenya qofa huba jettanii yaaddu taanaan, irra deebi’aa yaadaa.
Akkuma yeroon dabalaa deemuun Covid-19 rakkoo sammuu wal-xaxaa ta’e akka qaqqabsiisu ifa ta’aa jira.
Erga mallattoolee sasalphaa mul’isanii booda, namoonni heddun akkataan haasaa isaanii midhamuu, dandeettii yaadachuu isaanii fi xiyyeeffachhuu irratti dhiibbaa akka fide himu..
Kan dhimmichi yaaddessu garuu yeroo dhibeen kun hammaataa ta’ettidha.
Ajjeechaa Haacaaluu hordofuun yoo xiqqaate namni 10 du'ee, 100 ol madaa'e
Ajjeechaa artistii gameessa Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwate balaaleffachuun kanneen guyyaa kaleessaa magaalota Oromiyaa keessatti mormii bahan keessaa yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamuu fi 100 ol madaa'uu BBC'n odeeffateera.
MM Abiy Ahmad ibsa kennanniin namoonni hedduun lubbuu dhabuu akeekanis gama mootummaan lakkoofsi namoota ajjeefamanii hin himamne.
Adaamaatti namoonni shan rasaasaan dhahamanii ajjeefamuufi namoonni 75 ammoo madaa'uu hogganaan Hospitaala Adaamaa Dr Makonnin Fayyisaa BBC'tti himaniiru.
Cirootti namoonni lama yoo ajjeefaman, 35 ol rasaasaan dhahamanii madaa'aniiru jedhu hakiimni hospitaalichaa Dr Saadaam Alwaan himaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamteettis namoonni sadi ajjeefamuu maddeen hospitaala Naqamtee BBC'f mirkaneessanii jiru.
Magaalaa Finfinneetti boombiin sadi dhuka'uufi lubbuun namoota lakkoofsi isaanii adda hin baanee darbuu poolisii federaalaa waabeffachuun Rooyitars gabaaseera.
Godaantonni Liibiyaarraa ka’an Galaanaan nyaatamuurraa oolfaman

Madda suuraa, AFP
Godaantonni 47 Galaana Meditiraaniyaan irra bidiruun isaanii rakkoo keessa galee ture, bishaaniin nyaatamuurraa baraaramaniiru.
Odolaa Xaaliyaan Laampedusaa irraa gara Kibbaatti kan oolfaman godaantoti kun, erga Liibiyaa irraa imala eegalanii guyyaa sadii ta’ee ture.
Yeroo kanatti bishaaniifi nyaati jalaa dhumee kan ture yoo ta’u, bidiruu goodaantota balaa galaanaarraa baraaruuf hojjatu kan dhaabbata SOS Mediteranee jedhamuun ture kan baraaraman.
Dhohiinsa hamaa kiliinika Teehraan keessatti uumameen namni 19 du'e

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa guddittii Iraan, Teehraanitti kiliinika tokko keessatti dhohiinsa uumameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 19 darbeera.
Kiliinika Sinaa Athaar keessatti dhohiinsaa uumame kanaan namootni hedduu kana madaa’aan yoo ta’u, lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a sodaan jedhu jira.
Anga’oonni olaanoo maddi dhohiinsa kanaa gaasii (boba’aa) dhangala’e akka ta'e himuu, midiyaleeen biyyatti gabaasaniiru.
Hojjattoonni ittisa ibiddaa dhohiinsaa kanaan ibiddaa uumame to’achuu kan danda’an sa’aatii dheeraa booda.
Akka anga’oonni jedhanitti, dhohiinsa Kibxata uumame kanaan kan caalaatti miidhame dubartootadha.
Hedduun lubbuun isaanii kan darbe sababa aaraafi ho’iinsa ibiddichaan uumameen ta'uun himameera.
Guyyoota muraasa dura Teehraan keessatti dhohiinsi biraa naannoo waajjira waraana biyyattiitti uumamee ture.
Yeroo sanattis maddii dhohiinsichaa gaasii (boba’aa) dhangala’e ta’uu anga’oonni dubbatanii ture.
CPJ’n uggura intarneetii fi gaazexeessitoonni OMN ‘hidhamuu’ balaaleeffate
Jawaar Mohaammad dabalatee namoonni 35 to’annoo jala ooluu poolisiin ibse
US qoricha 'remdsivir' addunyaa guutuuf oomishamu ofumaaf bitachuuf
Ameerikaan qoricha yaalaa Covid-19 ‘remdesivir’ guutummaan bituuf waliigaltee guddaa taasifte.
Bulchiinsi Doonaald Tiraampi qoricha ‘remdesivir’ adunyaa guutuuf oomishamee dhiyaatu hunda bitachuuf murteesse.
Qorichi kun akka namootni koroonaavaayirasiin qabaman hatatamaan bayyaannatan taasiseera jedhama.
Ibsi bulchiinsa Tiraampii bahe akka jedhutti, waliigaltee ajaa’ibsiisaan kaampaanii qoricha kana oomishi Gili’aad waliin taasifameera. Akka waliigaltichaatti Ameerikaan qoricha remdesivir doozii 500,000 tahu bituuf waliigalteetti.
Kun ammoo 100% kaampaanichi oomishuun gabaa adunyaaf dhiyeessuuti.

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan qoricha remdsivir guutummaan bituuf Sababa koronaavaayirasiin ‘Airbus’ carraa hojii 15,000 cufuufi

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbanni xiyyaara oomishu ‘Airbus’ sababa koronaavaayirasiin carraa hojii 15,000 cufuufi.
Namoota hojii 15,000 dhaban keessa 1,700 biyya UK, Jarman, Ispeeniifi kaan keessa argamu jedhameera.
Haa ta’u malee, waldaan hojjettootaa kana mormaa jira.
Dameen balalaii dameewwan sababa weerara vaayirasii biyyoota addunyaa waliin gaheen kanneen dura-aantumman miidhaman keessaati.
Sirni awwaalchaa Art.Haacaaluu Hundeessaa Kamisa dhufu raawwatama
'Taateewwan Waxabajjii sadiin imala keenya gufachiisuufi dhiiga dhangalaasuuf yaalameera'
Akkam bultan?
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii eegaleera.
Dhimmoota wayitaaa biyya keessaas ta'e alaa qopheessine isin biraan geenya.
Nu waliin turaa.
