Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru ‘’saboota gidduu waldhibee uume’’ jechuun cufani. Miidiyaaleen biroo sadii Asraat Tv, Dimtsii Wayyaaneefi Tigraay Tv jedhaman immoo qoratamaa jiru jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Dhumaatiin Finfinneetti yaadamee ture fashalaa’eera'- Taakkalaa Uumaa

  2. Botiswaanaan sababa arbi hedduu erga takkaa du’ef qorachu eegalte

    Botiswaanaan baatii Caamsaa eegalee waan arba hedduu galaafate qorachuu eegalte.

    Akka mootummaan biyyattii jedhetti laaboraatoriiwwan sadii Kaanaadaa, Afrikaa Kibbaafi Zimbaabuwee jiran ‘’arba du’erraa saamuda akka fudhatan gaafatamu.’’

    Ji’oota lamaan darban arbi 350 ol du’e deeltaa Okavaangootti Botiswaanaatti du'anii argamaniiru.

    Maaliif du’aa akka jiran namni tokkoyyuu hin beeku.

    Biyyi Botiswaanaa lakkoofsa arba Afrikaa keessa jiru keessaa baay’inaan sadaffaa ta’e biyya keessatti argamudha.

    Osoo goginsi hin jirre arbi hammanaa du’e argamuun yaaddoo uumeera.

    Arba du'e argame

    Madda suuraa, SUPPLIED

    Ibsa waa'ee suuraa, Arba du'e argame
  3. ''Ijoolleen keenya eessa, maal keessa akka jiran hin beeknu'' -Haadha Warraa Obbo Baqqalaa

  4. Ashamaa!

    Sagantaan BBC Afaan Oromoo kan Jimaata ganamaa eegaleera.

    Akkuma yeroo kaanii oduufi odeeffannoo wayitawaa isin biraan geenya.

    Guyyaa gaarii.

  5. Covid-19 ilaalchisee Afrikaan waan itti jirtu

    Naajeeriyaan balali’insi xiyyaaraa kan biyya keessaa Adoolessa 8 irraa kaasee akka jalqabu beeksifteetti. Haata’u malee, kan idil-addunyaaguyyaa kam akka jalqabamu hin beeksifne. Carraa Covid-19 dadarbuu danda’u xiqqeessuudhaaf imaltoonni qajeelfamoota buufatawwan xiyyaaraa akka hordofanis gaafatamaniiru.

    **************************************

    Chaad keessatti, lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamuu waan hir’achaa dhufeef, dhorkaawwan kaawwaman guyyoota itti aanan keessa akka laaffisan aanga’oonni beeksisaniiru.

    Biyyattii keessatti koronaavaayirasiin namoota 866 irratti argame.

    ***********************************************

    Masiriin bakkawwan hawwata turistootaa gurguddoo ji’oota sadiitiif cufatanii turan akka Piraamidii Giizaa Guddichaa dabalatee deebiftee banteetti. Piraamidoonniifi Muuziyeemiin Masirii kunneen bakkawwan hawwata turistootaa deebiyanii banaman isa jalqabaadha.

    *********************************

    Pirezedaantiin Botiswaanaa Dr. Mookgiweetsii Maasisii si’a afraffaatiif akka qofaatti adda of-baasanii tursiifamaniif gaafataman. Kunis kan ta’e, erga hojjetaan waajira isaanii tokko Covid-19n qabamuun isaanii mirkanaa’een boodadha.

    ************************************

    Keeniyaan tooftaa himannaa mana murtii karaa elektirooniksiin toora interneetaatiin dhiyeeffatan hojiirra oolchite.

    Karaa dijitaalawaa ta’e kanaan, abbootiin seeraa, abbootiin alangaafi warri himatan dhimmi himannaa isaanii mana murtiifi himatamaatiin tuttuqqaan harkaa osoo hin jiraatiin geessifachuu danda’u.

    Tooftaan kun qaamaan osoo mana murtii hin deemiin karaa toora interneetaatiin bakkuma jiranirraa akka xumuratan taasisa.

    Koronaavaayirasii
  6. Rakkoo nageenyaa tibbanaan walqabatee Oromiyaafi Finfinneen maal keessa jiru?

  7. Poolisoonni nama qullaa jiru mana keessaa ari’an hojiirraa ari’aman

    Poolisii nama qullaa jiru harkisu

    Madda suuraa, LUDIDIVELANI/TWITTER

    Afrikaa Kibbaa magaalaa Keep Taawon keessatti poolisoonni afur nama qullaa ture mana keessaa yeroo harkisan vidiyoo irratti argamuun booda yeroof hojiirraa ari’aman.

    Vidiyoon kun kan agarsiisu naannoo Kaayeelitshaatti yeroo poolisootni nama kana harkisanii manaa baasanii, lafatti darbatanii akka deebi’ee mana hin seenne dhorkaniidha.

    Ministeerri Manneenii Afrikaa Kibbaa, Lindiwee Sisuluu, gochaa kana 'kan namuummaa hin qabne’ jechuun balaaleffataniiru.

    “Gochi akkanaa Afrikaa Kibbaa dimokraatawaa keessatti iddoo hin qabu,” jedhani.

    Ibsa Roobii galagala kennaniin, hogganaan nageenyafi eegumsaa magaalaa Keep Taawon Riichaardi Boosmaan “poolisoota afran ammatti hojjiirraa yeroof akka dhorkaman gooneerra, qorannoo booda ammoo murteen ni fudhatama,” jedhaniiru.

    “Gocha viidiyoorrati argame kanaan gaddineerra, qondaaltonni keenya kamuu humnaafi gocha namummaa hin qabne akkanaa akka fayyadaman hin barbaadnu,” jedhaniiru.

    Akka miidiyaalee biyyattiitti nannoon viidiyoorratti argamu Kaayeelitshaa kun ajajni mana gadhiisuu kan irratti ba’eefi misoomaaf kan karoorfamee jirudha.

    “Hanga uggurri kun dhumutti akka yeroof turanitti kanneen hayyama qaban, manneen 49 qofa” jedhu Boosmaan.

    “Manneen seeraan alaa erga kaafamanii booda, guyyaa guyyaan yaaliin deebisanii weeraruu ni geggeeffama.”

  8. Jawaar, Obbo Baqqalaa fi kaan mana murtiitti dhiyaatan

    Jawaar fi Baqqalaa Garbaa

    Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi kanneen isaan waliin hidhaman kaan mana murtiitti dhiyaatan.

    Namoonni kunneen jiddugala Aadaa Oromootti aanga'oota mootummaa olaanoo walgahiirra turan ajjeesuun ajjeechaa Waxabajjii 15 kan baraa darbee irra deebi'uuf yaalii godhanii turan jedhee ture poolisiin Federaalaa.

    Dabalataan reeffa Haacaaluu humnaan gara Finfinneetti akka deebi'u gochuun miseensa poolisii Oromiyaa tokko ajjeesunis himateera.

    Kana malees ajjeechaan namoota 97 amma duraas dhimma kana waliin kan ilaalamu ta'us itti dabalee ibseera poolisiin ibsa isaatiin.

    Guyyaa har'aa wayita mana murtiitti dhiyaatanitti guyyaan qorannoo dabalataa irratti gaafatamee manni murtii hayyameera akka ENA gabaasetti.

    • 'Jawaar, Baqqalaa fi kaan aanga'oota mootummaa ajjeesuuf turan' - Poolisii Federaalaa

    Gama kaaniin namootni sadi, dhiirri lamaa fi dubartiin tokko ajjeechaa Haacaaluu hundeessaan shakkaman mana murtiitti dhiyaataniiru.

    Isaan irrattis guyyaan qorannoo dabalataa guyyoota 14 hayyamameera.

  9. "Mana hidhaa keessatti nu guddifatanii, seeratti nu dhiyeeffatan"

  10. Suuraan: Sirna owwaalchaa Hacaaluu Hundeessaa Magaalaa Ambootti

    Sirna owwaalchaa weellisaa Hacaaluu

    Madda suuraa, OBN

    Sirni awwaalchaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa guyyaa har'aa magaalaa Ambootti raawwateera.

    Owwaalchi Hacaaluu magaalaa Finfinneetti akka raawwatu kanneen gaafatan turani

    Madda suuraa, OBN

    Ibsa waa'ee suuraa, Owwaalchi Hacaaluu magaalaa Finfinneetti akka raawwatu kanneen gaafatan turani
  11. Masiriin daawwannaa piraamidii deebiftee eegalte

    piraamidii

    Madda suuraa, Getty Images

    Masiriin bakka daawwanaa gurguddoo sababa koronaavaayirasiin ji’a sadiif cufamee ture kan akka Piraamidoota Giizaa dabalatee deebiftee eegalte.

    Piraamidooti kun bakka dawwannaa biyyattiitti deebisanii banaman kan jalqabaa yoo ta’an Godamabaan Masirii fi Addabaabayii Xaahiri Kaayiroo jirus daawwannaaf banamaniiru.

    Biyyattiin sababa weerara koronaavayirasiin balaliiwwaan idil addunyaa dhaabdee bakkeewwan dawwannaas Bitootessa keessa cuftee ture.

    Balaliiwwan idil addunyaa amma deebitee eegalteetti.

    Daldalli turiizimii Masirii kan hojjattoota gara miiliyoona sadii of keessa qabudha.

    Ta'us, sababa uggura koronaavayirasiin dinaagdeen hedduu miidhamee ture.

    Duuraan namootni hedduu kan daawwatan ta’us guyyaa jalqabaa Giizaan banametti namoota xiqqootu argame.

    Yeroo uggurii imalaa ka’aa deemutti daawwattoonni bakkooti kanatti ni dhufu jedhanii anga’oonni ni abdatu.

    Masrii keessatti namoonni 68,000 ol kan vaayirasiichaan qabaman yoo ta’u 3,000 kan ta’an immoo lubbuun isaanii darbeera.

  12. ''Haacaaluun gaafan du'u Ambotti na awwaalaa jedhee ture''

  13. Cidharratti namni 16 Covid-19’n qabamnaan misirroon adabame

    Cidha Indiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Indiyaa bulchiinsa Raajastaan keessatti hamaamota cidha isaa irratti hirmaatan keessa 16 Civid-19’n qabaman keessaa tokko lubbuun isaa darbinaan misirrichii adabame.

    Maatiin misirrichaa qajeelfama namni 50 ol akka walitti hin qabamne jedhu cabsuu isaaniif addabii doolara 7,944 (birrii 277,000) akka kaffalan irratti murtaa’eera.

    Akka gabaasa NDTV'tti cidha kanaratti namoota 1,000 ol ta’antu aragame.

    Dabalataanis maatiin kun wal’aansa namoota 15 kaanaaf gatii wal’aansaa isaanii akka kaffalaniifi keessummoota 60 adda baafamanii jiraniif baasii wiirtuu adda baafamuutti isaan barbaachisu akka kaffalanis irratti murtaa’eera.

    Jalqaba torbee kanaatti, cidha biraa bulchiinsa Bihaaritti gaggeeffameen keessummooti 100 ol vaayirasichaan qabamaniiru.

    Mallattoo dhukubbichaa mul'isaa kan ture misirrichis cidhasaa guyyaa tokko booda lubbuun isaa darbeera.

  14. Siidaan mootii H/Sillaaseefi abbaa isaanii namoota ajjeechaa Hacaaluun dheekkamaniin diigaman

  15. Amma nu gahe, MNO Hacaaluuf Finfinneetti siidaa akka ijaarsisu beeksise

    Mootummaan Naannoo Oromiyaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa torban kana magaalaa Finfinneetti ajjeefameef achuma Finfinneetti siidaa akka ijaaru beeksise.

    Sirni owwaalchaa weellisaa kanaa guyyaa har’aa magaalaa Ambootti raawwataa jira.

    Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa owwaalchi Ambootti raawwata malee siidaan Finfinneetti ijaarama jedhan.

    Obbo Shimallis kana kan jedhan ganama kana miidiyaa mootummaa OBN irratti yeroo dubbatanittidha.

    ''Siidaa goota kanaa MNO ijaarsisee yeroo gabaabaa keessatti kan ummataaf ifoomsu ta’u isaa ibsuun barbaada,'' jechuun dubbatan.

    ‘’Hacaaluun waan ilmoon sabaa sabaaf gootu godheeti du’e,’’ jechuun Obbo Shimallis dubbataniiru.

    Kaayyoon qaamota jeequmsa kana qindeessanii fashalaa’eera kan jedhan Obbo Shimallis uummatni akka tasgabbaa’us dhaamaniiru.

    Bakki Hacaaluun owwaalamu waldhibdee guddaa uumee ture.

    Akka miseensi maatii Hacaaluu jedhanitti Hacaaluun magaalaa Ambootti akka isa awwaalan dubbate.

    Haa ta'u malee, kanneen magaalaa Finfinnee akka owwaalamu gaafataa turan qaamolee nageenyaa waliin wal dhabuun lubbuun namaa darbeera, kanneen to'annoo seeraa jala oolanis jiru.

    Sirna owwaalcha Hacaaluu

    Madda suuraa, OBN

  16. Hammi namoota US’tti Covid-19'n qabaman guddaan galmaa’e

    Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Yunaayitid Istee keessatti guyyaatti namoonni 52,982 koronaavaayirasiin qabaman.

    Lakkoofsi hammanaa guyyaa tokkotti yoo galmaa’u riikardiidha jedhameera.

    Lakkoofsi kuni yunivarsiitii Ameerikaa Joohns Hopkinsirraa kan argamedha.

    Hanga yoonaa namoonni 2, 682,270 Ameerikaatti vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u 128,028 immoo lubbuu dhabaniiru.

    Hammi namoota US’tti du’an kan Biraaziliin dacha ta’a.

    Hammi namoota vaayirasichaan qabamanii xiqqaataa waan hin jirrreef ogeessi beekamaan biyyattii tibbana akeekkachiisanii turan.

    Dr Faawuchiin biyyattiitti guyyaatti namoonni 100,000 qabamuu malu jechuun dubbatan.

    Hammi namoota qabamani dabale jennaan bulchiinsonni uggura kaasuuf yaalan itti dhiisaa jiru.

  17. 'Jawaar, Baqqalaa fi kaan aanga'oota mootummaa ajjeesuuf turan'

  18. Ministirri Fayyaa Niiw Ziilaand dogongoran, fedhiin aangoo gadhiisan

    Ministira Fayyaa Niiw Ziilaand

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Fayyaa Niiw Ziilaand

    Ministirri Fayyaa Niw Zilaand uggura biyyatti ofumaa cabsaniifi waan tibbana raawwateen qeeqaman aangoo gad lakkisan.

    Deevid Kilaark kana dura maatii isaanii bashannanaaf gara qarqara lagaatti geessanii jennaan adabamanii turani.

    Aangoora turuunkoo carraaqqii mootummaan weerara koronaavaayirasii ittisuuf taasisu jeeqaa jira jechuun akka amanan dubbataniiru.

    Ministirri Muummee biyyattii Jasindaa Ardeern gaafa Kamisaa xalayaa ministirri kuni gadhiisuuf galchatan fudhachuu isaanii mirkaneessaniiru.

    Niw Ziilaand weerara vaayirasichaa to’achuun maqaa gaarii horatteetti.

    Hanga yoonaa namoonni 1,528 yoo qabaman kan du’an 22 qofaadha.

    Baatii darbe uggurri ka’un namni vaayirasichaan qabame biyyattii keessa akka hin jirre labsitee turte.

    Ta’us, akkitti biyyattiin daangaa irratti akkasumas bakkeewwan namoonni itti tursiifaman hordofutu ijoo dubbii ta’eera.

    Kunis, namoonni lama bakka addatti tursiifaman bahanii maatii isaanii du’an ilaaluu eeyyamameef ture.

    Boodarra yeroo qorataman garuu vaayirasichi irratti argame.

    • Aanga'oota addunyaa 10 Covid-19 to'achuuf seera baasan ofumaa cabsan
  19. Ambotti abbeera Haacaaluu dabalatee yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefaman

  20. Akkam bultan!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kamisaa eegale.

    Dhimmoota waytawaa kan biyyaas odeeffanne, kan alaallee arganne isin biraan geenya.

    Guyyaa gaarii!