Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru ‘’saboota gidduu waldhibee uume’’ jechuun cufani. Miidiyaaleen biroo sadii Asraat Tv, Dimtsii Wayyaaneefi Tigraay Tv jedhaman immoo qoratamaa jiru jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Chaayinaan sababa Covid-19 namootni 400,000 ta'an akka hin sochoone ugguurte

    Chaayina

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchiinsa Hubee dhiyeenya magaalaa guddoo biyyattii Beejiingitti namootni haaraan Covid-19'n qabaman argamuu isaaniitiin naannicha kan jiraatan namootni 400,000 ta'an akka hin sochooneef ugguramaniiru.

    Dhuma bara darbeetti weerarri kun Chaayinaatti erga ka'ee booda ji'oota darban keessa wayita weerarichi addunyaarratti gaaga'ama guddaa fidutti Chaayinaan itti fufinsaan namoota vaayirasii kanaan qabaman isa xiqqaa galmeessaa turte.

    Weerara marroo lammataa hambisuuf namootni muraasnillee yoo qabamaii argaman aanga'ootni fayyaa biyyattii dhimmicha of eeggannoo guddaan hordofu.

    Uggurri kun hojjettoota manaa bahuuf dirqama qabaniif sochii kan hayyamu yoo ta’u kaan manaa akka hin bane dhorka.

    Maatii keessa namni tokkos guyyatti yeroo tokko gad bahee wantoota barbaachisu akka bibbitu ni hayyama.

    Jiraata qe’ee saniin alatti namni biraan qe’ee nama biraa seenuuniis ugguura sochii kanaan dhorkame jira.Namni san sarbee argame seeraan poolisiitu gaafata jedhameera.

  2. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namoonni haaraa 119 Covid-19 yoo qabaman, 117 dhibee kanarraa bayyataniru

    haala Itoophiyaa covid-19

    Itoophiyaatti qorannoo saamuda 3,895 irratti gaggeefameen namoonni 119 vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'uu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

    Waluumaa galattis namoonni biyyattii keessatti Covid-19n qabaman 5,689 gaheera.

    Gabaasa 110ffaatiin Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa harra baaseen, sa'aatii 24 darban keessa namoonni 117 dhibee kanarraa bayyataniiru.

    Walumagalattis hanga har’aatti namoonni 2,132 Itoophiyaatti koronaavaayirasiirraa bayyataniiru.

    Gama biraatiin ammoo har’aa namoonni 4 kan du'an yoo ta'u, kan harraa dabalatee namoonni 98 ammoo dhibee kanaan lubbuunsaanii darbeera.

    Namootni har’a vaayirasichi irratti argames kan umuriin isaanii ganna 1 fi 80 gidduu yoo ta’an, isaan keessa dhiiroota 73 fi dubartoota 46 ta'u ibsichaan himameera.

    Kanneen har’a gabaafame keessaa 99 Finfinneerraa, 7 naannoo Harariirraa, 5 nannoo Tigiraayirraa, 4 naannoo Somaaleerraa, 3 naannoo Oromiyaarra, 1 ammoo naannoo Amaaraarraati.

  3. Addunyaarratti namoonni mil. 10 Covid-19 qabamanii walaakka kan ta'an fayyan

  4. Iraan maaskii uffachuu dirqama gochuufi

    Iraan Covid-19

    Madda suuraa, AFP

    Iraan- Giddugala bahaa keessaa biyya koronaavaayirasiin hedduu midhaamtee yoo taa'uu, Dilbata dhufurraa eegaltee maaskii (haguggaa afaanifi funyaani) uffachuu dirqama taasiisufi.

    Pirezidaanti Hassan Rohaanii haasaa TV irratti taasisaniin bakka namootni walitti qabamanitti maaskii uffachuun dirqama jedhan.

    Haa ta'u malees namoonni qajeelfama kana hin hordofne addabbiin maal akka isaan eegatu hin himne.

    Akka ministeerri fayyaa ibsanitti, nama maaskii hin uffanneef dhabbilee mootummaafi gamoolee gabaa keessatti tajaajilla hin kennaniifi.

    Pirezidaant Rohaaniis dabalataan, bakkeewwan vaayirasichi itti heddummatutti anga’oonni qajeelfamoota ugguraa cimsuu qabu jedhaniiru.

    Iraan keessatti namootni 222,669 Covid-19n qabamani, kanneen 10,508 ta’an ammo lubbuun isaanii darbaniiru.

  5. Addunyaarratti namoonni mil. 10 Covid-19 qabamanii walaakka kan ta'an fayyan

    Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19 qabaman miliiyoon 10 yoo ta'u, kan lubbunsaanii darbee walakkaa miliyoonaa caaluuf akka ta'e ragaan Yunvarsitii Joons Hopkings irraa argame mulliseera.

    Namoota vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'ee kanneen keessaayis kan miliyoona 2,510.323 ta'an Ameerikaa keessatti kan argaman yoo ta'u, Biraazilitti namoonni 1,313,667 qabamnii sadarkaa lammaffaarra akka jirtu ragaan kun ni mullisa.

    Raashiyaa namoota kuma 633 oliifi Indiyaan namoota kuma 528 ol qabaachuun sadarkaa sadaffaafi arfaffaarratti argamu.

    Biyyoota Afriikaa keessaa ammoo Afriikaan Kibaa namoota 131,800 galmeessuun ardii keessaa sadarkaa tokkooffarratti kan argamtu ta'u ragaan kun dabalee ibseera.

    Haaluma walfakkaatunis namoonni 5,06,869 ammoo erga dhukkubichaan qabamanii booda fayyunsaanii mirkanaa'uu ragaan Joos Hopkiins kun ni mullisa.

    Gama biraatiin ammoo addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n lubbunsaanii darbee wallakkaa miliyoonaa caaluuf jira. Haaluma kanaanis Ameerikaa keessatti namoonni kuma 125 ol kan du'an yoo ta'u, Biraazil keessatti kuma 57 dhabuun biyyoota vaayirasichaan irra caalaa miidhaman jedhameera.

    Itoophiyaatti namoonni kuma 5,570 vaayirasichaan qabamanii, kanneen 2,015 ta'an dhukkubicha irraa bayyanatanii, 94 ammoo lubbunsaanii dhabuun ministira fayyaa biyyattiin himame.

    Kaartaa Addunyaa

    Madda suuraa, Johns Hopkins

  6. Iskootlaand ‘dhuma waqtii Gannaatti Covid-19 irraa bilisa ta’uu dandeessi’

    Akka ogeessota fayyaa hawaasatti Iskootilaanditti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii akka hir’isaa jirutti yoo itti fufe dhuma waqtii Gannaatti vaayirasichi guutummaa biyyattirra baduu danda’a.

    Jimaata ykn Sanbata kanara biyyattiitti namni vaayirasichaan du’e hin jiru.

    Yunivarsitii Edinbar irraa Piroofessar Devii Sirindar, yoo jijjiramni amma jiru itti fufe biyyattiin Covid-19 irraa bilisa ni taati jedhu.

    Yeroo sanatti qormaatni jiraatu vaayirasichi biraarra akka hin gallee to’achuudha jedhu.

    Jimaatarra Ministirri jalqabaa Nikoolaa Siturjen xiyyeefannaan inni duraa ‘vaayirasichi hanga badutti amma danda’ame ofirraa fageessudha’ jedhaniiru.

    Iskootlaand galma kanaarraa ‘danuu fagoo miti’ ta’us ‘qormaatni jiru’ sadarkaa amma jirurra tursudha jedhu.

    Ebla irraa eegalee guyyaa guyyaan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamnii hir’isaa deemeera.

    dubartii maaskii uffachaa jirta

    Madda suuraa, Getty Images

  7. Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan

  8. Yunivarsitiin Pirinsitan maqaa Wuudrow gamoo isaarra kaasuufi

    Yunivarsitiin Pirinsitan gamoo isaarra maqaa Pireezdaantii duraanii US Wuudrow Wilsan kan ilaalcha jibba sanyummaa qabu ture akka kasuuf jiru beeksise.

    Murteen kun kan dhufe du’a lammii gurracha Ameerikaa Joorjii Filooyidiin booda hiriiraa mormii guddaa gutummaa US raaseen booda.

    Wilsan bara 1913 hanga 1921 pireezdaantii US kan ture yoo ta’u dhabbata Mootummoota Gamtoomanii hundeessu keessatti ga’ee guddaa qaba.

    Ta’us garuu cunqursamuufi adda baafamuu lammilee gurrachaa deeggaruun dhabbilee feederalaa hedduu keessatti hojiirra akka oolu godheera.

    Dabalataanis yeroo pirezdaantii yunivasitichaa turetti barattoonni gurraachaa akka Pirinsitaaniin hin seenne dhorkee kan ture yoo ta’u gartuu adii ta’u leellisaniifi jibbaa lammilee gurraachaa qaban Ku Klux Klan jedhaman deeggaruun ni haasa’a ture.

    Wuudrow Wilsan

    Madda suuraa, Getty Images

  9. Ajjeechaan qondaaltotaa siyaasa Amaaraa akkatti jijjiire wantoota beekuu qabdan

  10. Sababoota shan Yaman keessatti koronaavaayirasiin 'cittoorratti fanxoo' ta'uuf

    Biyyi Yaman rakkoo dachaa wal waraansaafi beela hamaa keessa jirtu weerara koronaavaayirasiifillee daran saaxilamuu malti yaaddoon jedhu babal'ataa jira.

    Kun ammoo 'cittoorratti fanxoo' isa jedhan ta'a.

    Yaman keessatti kornaavaayirasiin biyya addunyaa kamuu caalaa akka tatamsa'uufi heddummaatu Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akeekkachiise.

    Wantoonni shanan kanaaf sababa ta'an kanneen armaan gadiiti.

    Messhaaleen tajaajila fayyaa Yaman waraana waggaa shaniitiin barbadaa'aniiru

    Madda suuraa, AFP

  11. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 irraa dandmatan kuma lama darbe

    Kan kaleessaa 327 dabalatee Itoophiyaatti lakkoosi namoota dhibee Covid-19 irraa dandmatan kuma lama darbeera.

    Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii hedduu dabalaa deemulleen, lakkoofsi namoota dhibee kana irraa fayyaniis guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa dhufeera.

    Kan kaleessa Covid-19 irraa bayyanatan 327 hanga ammaatti lakkoofsa guyyaa tokko keessatti galmaa'e isa ol-aanaadha.

    Haaluma kanaanis lakkoofsi waliigalaa hanga ammaatti Covid-19 irraa bayyatanii 2015 akka qaqqabe ibsi Ministeera Fayyaa Itoophiyaa ni mul'isa.

    Lakkoofsi namoota dhibee kanaan lubbuun darbee ammoo kan kaleessaa shan dabalatee 94 ta'eera.

    Dandeettiin qorachuu biyyattiin qabdu dabaluu isaatiinis guyyaatti namoonni kuma hedduun qoratamaa jiru.

    Hanga guyyaa Waxabajji 27, 2020tti walumaagala 243,016 qortamanii namoota 5,570 irratti koronaavaayirasiin argamuun mirkanaa'eera.

    Namoota fayyanii bahan

    Madda suuraa, St. Paul Medical School

  12. Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii mil.9.7 tareera

    Koronaavaayirasiin guutummaa addunyaarratti tatamsa'uu itti fufeera. Biyyoota addunyaa hunda keessatti lakkoofsi namoota vaayirasiin kun irratti argamuun mirkanaa'es miliyoona 9.7 darbaa jira.

    Namoonni gara kuma 500tti ammoo dhukkubuma addunyaa raasaa jiru kanaan lubbuun isaanii darbeera.

    Haata'u malee, namoonni vaayirasicha kanaan qabamanii turanis hedduminaan bayyaanachaa jiru.

    Addunyaa irratti eessatti, biyya kam keessatti tatamsa'inni koronaavaayirasii akka dabalaa jiru kallattiinargachuuf

    Addunyaa
  13. Ameerikaatti namoonni Covid-19 qabaman mil.2.5 yeroo tare kanatti sochiin deebiyee dhorkame

    Kutaaleen bulchiinsa Ameerikaa keessatti tatamsa'inni koronaavaayirasii deebiyee akkaan dabalaa waan jiruuf karoorri uggurri kaawwamee ture akka ka'u gochuun manneen hojiifi daldalaa banuuf ture hafeera.

    Keessattuu ammoo lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii kan kutaaleen bulchiinsaa Filooriidaafi Teksaas guddina isaatiin kan kanaan dura galmaa'e ni caala

    Guutummaa Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 2.5 qaqqabeera.

    Kutaawwan bulchiinsa Ameerikaa gama Kibbaa jiranitti weerarichi akka deebi'ee hammaatuuf sababiin ammoo manneen daldalaa dhiyeenya kana akka deebi'anii banaman gochuudha jedhameera.

    Sanbata kaleessaa qofa Filooriidaa keessatti namoonni haaraan 9,500 ol vaayirasichaan qabamaniiru. Jimaata darbe ammoo namoota 9,000 ture.

    Lakkoofsi namoota haaraa koronaavaayirasiin qabaman kunneen Filooriidaafi Teksaasitti sochiin akka deebi'ee ugguramu taasiseera.

    Dhimma koronaavaayirasiirratti gorsaan gameessi mootummaa US Dr. Antoonii Faawuchii torban darbe akka jedhanitti, biyyattiin "rakkoo hamaa qabdi".

    Biyyattii keessatti namoonni 125,000 dhibee Covid-19 lubbuun isaanii kan darbe yoo ta'u, lakkoofsi kun ammoo kan biyya addunyaa kamiiyyu ni caala.

    Nama dhaabatee waa barreessaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  14. Tamsaasa kallattii Waxabajjii 28, 2020 walitti deebineerra.

    Toora tamsaasa kallattii kanaan odeeffannoo gaggabaaboo akkuma raawwatamaniin jala jalaan isin biraan ni geenya.

    Har'a biyya maaltu jira? Addunyaan akkamitti oolti?

    Aaga Dhaga'aa!

    Faaya harkatti kaawatan BBC Afaan Oromoo  irratti qubeeffame
  15. Kan har'aa raawwanne

    Tamsaasa keenya kallatti kan har'aa sumarratti goolabna.

    Bor ganama hanga walitti deebinu suuraa mukaa xiyyoo galaanaatti kaate kanaan gaaritti isiniin jenna.

    Maxxansa Instagram irra dabri
    Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa Instagram

  16. Kantibaan Livarpuul haala gammachuu ibsannaa deeggartootaatti 'aaran'

    Deeaggartoota walitti rukkatanii kabajan

    Madda suuraa, PA Media

    Kantiibaan Liivarpuul Joo Andersan, deeggartatoota kilaba Liivarpuul ''garee lakkoofsa bicuu'' tahan balaaleffatan.

    Jarri guyyaa lammaaffaaf waancaa kilabichi injifateef gammachuu isaanii ibsuuf giddugala magaalaatti bahan kun ''Kilaba kubbaa miilaa Liivarpuulifi magaalaa Liivarpuul qaaneessaniiru,' jedhan.

    Erga kilabichi Shaampiyoonaa tahuunsaa Kamisa beekamee qabee, poolisii fi namoonni siyaasaa deeggartootaan adaraa mana turaa jedhan.

    Kantiibaan kun gochaa deeggartootaa walitti qabamuun dhuguufi ibidda qabsiisuttu baayyee akka aaraniifi dallanan dubbatan.

    Poolisiin Marsiisaayid, poolisoonni namoota lamaa ol walitti qabamanii jiran bittinneessuuf akka dandahan ajaja 'section 34' jedhamu dabarseera.

    Kantiibaan kun ''Maaloo, adaraa manatti gammachuu keessan ibsadhaa, of eegaa,'' jedhan.

  17. Namichi ganna 73 morkii figichoo km1500 yeroo Covid-19 kanatti xumuran

    Diik Evaans

    Diik Evaan magaalaa UK Keereediigiyaan jedhamtu jiraatan sirna cufinsaa morkii figichaa Jimaata darbe taasifame irratti hirmaatan.

    Fiigdoota biroo maayila 4 fiigan illee yeroo isaan waliin galan deeggartoonni gammachuu isaanii ibsaniiruufi.

    Diik Evaans walumaagalatti km1500 ol fiiguun paawundii 6,000 dhukkubsattoota kaansarii hospitaala Biroongilaayis jiraniif walitti qabaniiru.

    ''Hanga torbee lamaatti gaariin jira ture dadhabbiin koo kan dhufe erga jilbi koo na qabachuu qabeeti, figichicha kanin dhaabes kanumaafi,’’ jedhaniiru.

    ''Dhukkubbii cimaatu natti dhagahamaa ture-guyyoota muraasaan booda baayyee fiiguu hin dandeenye,

    ''Ergan qarshii sana arjoomeen booda ergaan argadhu bareedaadha - kanaaf itti fufuun qaba.

    ’’Kana booda morkii kanarraa torbee lamaaf nan boqodha, garuu fiiguu koo ittan fufa-waggaa 40f guyyaa tokko otoo addaan hin kutiin fiigeera,’’ jedhan.

  18. Awustiraaliyaan ‘sooftiin’ saamsamaa tokkoo ol hin gurguramu jette

    Supparmaarkeetti qullaatti hafe

    Madda suuraa, AFP

    Suupparmaarkeetiiwwan Awuustiraaliyaa sooftiiwwan mana fincaaniif fayyadan hanga gurguran murteessan.

    Sababiinsaa immoo sodaan tamsa’ina koroonaavaayirasii dabaluurraan kan ka’e namoonni sooftii kana baayyinaan bitaa waan jiraniifi.

    Jimaata kaleessaa supparmaarkeetiin Kools jedhamu sooftii saamsame tokkoofi waraqaa ittiin harka haxaawwatan tokko qofa gurguruuf murteesse.

    Naannoo Viiktooriyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman daballaan muddamani kun dhalate.

    Ministirri mummee biyyattii Iskoot Mooriisan sodaan meeshaalee akka malee bichisiisu hin jiru jedhan.

    Kana dura hanga bittaa meeshaalee daangessuun baatii Bitootessaa keessa kaa’ametu ture.

    Yeroos maamilootni magaalaa Sidnii ‘sooftii’ irratti wal-lollaan poolisiin waamameetu ture.

    Naannoo Viiktooriyaatti torbee darbe lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira.

    Gaafa Kamisaa qofa namooti 33 haaraan qabamaniiru.

    Suuraalee fi viidiyoowwwan miidiyaa hawaasummaa irra bahan yeroo namoonni sooftii baay’inaan bitan agarsiisu.

  19. 'Yeroo Minilik mucaa ganna shaniin ture'

  20. Poolisiin Keeniyaa namoota sadii mormii shufeerota doqdoqqee irratti bahan ajjeese

    Poolisoota Keeniyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Poolisiin Keeniyaa yeroo konkolaachistoonni doqdoqqee waayilli isaanii dhorkaa Covid-19f bahe cabsuun hidhamuu isaa mormuuf daandiitti bahan irratti dhukaasa banuun namoota sadii ajjeeseera.

    Kun kan tahe magaalaa Lessoos lixa biyyattiitti argamtutti dha.

    Ergasii poolisoonni gocha kana raawwatan akka to’annoo jala oolan ajajni baheera.

    Poolisoonni Keeniyaa humna akka malee fayyadamuun komatamu.

    Namni kophee suphu, yeroo poolisiin konkolaachisaa doqdoqqee maaskii hin keewwanne qoccolu argeetu gidduu seene.

    Poolisichi immoo matta’aa shilingii 50 fudhachuuf falmaas ture.

    Ergasii namicha kophee suphu dhukaasee ajjeeseera.

    Mormitoonni dhibbaan lakkaa’aman hanga buufata poolisii deemuun, mana qondaala poolisitti ibidda qabsiisaniiru.

    Yeroo kanattidha namooti lameen kaan kan ajjeefaman jechuun gaazexaan biyyattii Daily Nation gabaaseera.