Chaayinaan sababa Covid-19 namootni 400,000 ta'an akka hin sochoone ugguurte

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsa Hubee dhiyeenya magaalaa guddoo biyyattii Beejiingitti namootni haaraan Covid-19'n qabaman argamuu isaaniitiin naannicha kan jiraatan namootni 400,000 ta'an akka hin sochooneef ugguramaniiru.
Dhuma bara darbeetti weerarri kun Chaayinaatti erga ka'ee booda ji'oota darban keessa wayita weerarichi addunyaarratti gaaga'ama guddaa fidutti Chaayinaan itti fufinsaan namoota vaayirasii kanaan qabaman isa xiqqaa galmeessaa turte.
Weerara marroo lammataa hambisuuf namootni muraasnillee yoo qabamaii argaman aanga'ootni fayyaa biyyattii dhimmicha of eeggannoo guddaan hordofu.
Uggurri kun hojjettoota manaa bahuuf dirqama qabaniif sochii kan hayyamu yoo ta’u kaan manaa akka hin bane dhorka.
Maatii keessa namni tokkos guyyatti yeroo tokko gad bahee wantoota barbaachisu akka bibbitu ni hayyama.
Jiraata qe’ee saniin alatti namni biraan qe’ee nama biraa seenuuniis ugguura sochii kanaan dhorkame jira.Namni san sarbee argame seeraan poolisiitu gaafata jedhameera.














