Koronaavaayirasii: Addunyaarrati namootni Covid-19'n du'an 500,000 caalan

Ogeeyyii dhukkubsattuu COvid19 deeggaraa jiran

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Sababa weerara Covid-19'n addunyaa guutuutti lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 500,000 caaluu ragaan Yunivarsiitii Joons Hoopkiinsi mul'iseera.

Dhuma bara darbeerratti Chaayinaatti yeroo jalqabaa vayirasiin kun erga mul'atee hanga ammaattii guutuu addunyaatti namootni vaayirasii kanaan qabaman miiliyoona 10 gahaniiru.

Walakkaan namoota kanaa kan jiraatan US fi biyyoota Awrooppaa keessa yoo ta'u, erga yeroo dhiyoo ammoo biyyoota Laatiin Ameerikaa keessatti saffisa guddaan dabalaa jira.

Vaayirasiin sirna hargansuu namaa miidhu kun Kibba Eshiyaa fi Afrikaa keesattillee miidhaa geessisaaa kan jiru ta'us, weerarichi biyyoota kana keessatti hanga dhuma ji'a dhufuutti fiixeerra hin gahuu jedhamee tilmaamama.

Ji'oota jalqabaa muraasa vaayirasiin kun weerara addunyaa jedhametti namootni jalqabaa miiliyoona tokko kan qabaman ji'a tokko ol keessatti yoo ta'u, amma garuu guyyoota jahan darban qofattillee namootni qabaman miiliyoona tokko turan.

US keessatti qofa namootni vaayirasichaan qabaman nuusa lakkoofsa waliigalaa addunyaati. Hanga ammaatti qabamuunis isaanii kan mirkanaahe miiliyoona 2.5 kan ammoo dhibee kanaan du'an 125,000 ta'u.

Kutaaleen biyyaa US dhiiyeenya kana uggura sochii laaffisan keessatti weerarrichi haalaan cimee guyyaatti lakkoofsi namoota vaayirasichi keessatti argamee inni guddaan galamaahuutti jira.

Lakkoosi namoota qabamanii dabaluun isaa aanga'ootni Teksaas, Filooridaa fi kaaniis ugguura laaffisanii turan akka cimsan dirqiiiseera.

Ragaan biyyoota garaagaraa akka mul'isutti sabootni Afrikaa fi Eshiyaa kanneen adii caala akkaa ol miidhamuuf saaxilamoo ta'uu akeekeera.

Biyyi US'tti aantee akka malee miidhamaa jirtu Biraaziil keessatti namootni qabaman miiliyoona 1.3 kan du'an ammoo 57,000 gahaniiru.

Weerarri kun yaaddoo bakka ta'ee jirutti kutaan biyyaa Riyoo de Janeroo walakkeessa ji'a dhufu kanarraa eegalee istaadiyoomiiwwaan deeggartootaa kubbaa Miilaaf banaan godha jechuun ishee dhagaahameera.

Chaayinaatti weerrari kun marroo lammataan waan dhalateef naannoolee dhiyeenya magaal Beejingi jiran irratti ugguurii sochii kaahameera.

Bulchiinsa Huubee jedhamu keessatti namootni walakkaa miiliyoonaa ta'an akka hin sochoone ugguramaniiru.

Biyyoota Lixa Awrooppaa keessaa duuti giddaan biyyi itti galmaahe UK'n magaalaa Leesteer keessatti lakkoofsi namoota haaraa qabamani dbalaa jiraachuu isaatiin uguura sochii keesseetti.