Senaaterri US, dhimma hidha haaromsaa irratti Itoophiyaa qeeqaa turan malaammaltummaan himataman

Madda suuraa, EPA
Senaaterri Ameerikaa gameessi Boob Menendez malaammaltummaan himatamuun aangoo isaanii gadhiisuuf.
Boob Menendez miseensa paartii Dimokiraatotaa yoo tahan, warqii fi maallaqa callaa matta'aa fudhachuun aangoo isaanii fayyadamanii biyyoota alaa akka Masiriif looguun hojjechaa turuun himataman.
Hogganaan Seeneetii Dimokiraatotaa Chaak Shuumer dabalatee akka Menendez aangoo gadhiisaniif gaafachaa turan.
Amma Boob Menendez hojii isaanii irraa ka'uuf kan murteessan Koreen Naamusaa Seeneetii US qorannoo waan irratti jalqabaniifi.
Duraan hogganaa Koree Seeneetii Dhimma Alaa tahuun hojjechaa kan turan Menendez Kaataarii fi Masiriif looguuf jecha matta'aa fudhachuun himatamanii, himata isaan irratti dhiyaate 16'n balleessaa tahuu irratti murtaa'eera.
Murtoon adabbii Onkoloolessa 29 kan darbu yoo tahu hidhaa yeroo dheeraan adabamuu danda'u.
Hojjettoonni FBI qorannoo gaggeessaa turan maallaqa callaa Doolaara 480,000 tahu poostaan maramee warqii doolara 100,000 baasu waliin manatti isaaf ergamuu bira geenyeerra jedhan.
Warqiin argames akka ragaatti irratti dhiyaachuu himameera. Manguddoon waggaa 70 Menendez balleessaa hin qabu, ''waadaan uummataaf gale hin cabsine'' jedhanii ture.
Menendez hojii isaanii gadhiisuuf bulchaa Niw Jersii Fiil Marfiitti xalayaa kan galfatan yoo tahu, seneetii keessatti hojii nama boonsu hojjedheera jedhan.
Murtee irratti darbeef ammoo ol iyyata akka fudhatan himan.
''Seneetiin dhimma yeroo dheeraa gaafatu kanaan kanaan qabamee hojii isaa guddaarraa akka hanqatu hin barbaadu.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xalayaan isaan hojii senaaterummaa isaanii gadhiisuuf galfatan Hagayya 20 dubbifama.
Boob Menendez yeroo jalqabaaf filamuun Mana Maree Bakka bu'oota Uummataa kan galan bara 1993dha.
Bara 2006 ammoo seenetitti muudaman.
Himanni matta'aa fudhachuu kana dura irratti dhiyaachaa ture bara 2017 osoo hin xumuramiin addaan cite.
Ha atahu malee, himanni bara kana irratti dhiyaate sagaliin balleessaaniiru jedhamaniiru.
Akkasumas abbootiin qabeenyaa lama Waa'el Haannaa fi Fireed Diyaabes jedhaman senaatera kana fayyadamuun akka mootummaan Masirii Fandii Investimantii Kaataar irraa doolaara miliyoonota hedduu akka argatu gochuun himatamaniiru.
Isaan garuu himata irratti dhiyaate kana haalaniiru.
Abbaan qabeenyaa sadaffaa Joosee Yuuribee ammoo balleessaan irratti muramnaan Menendez irrattiyyuu ragaa bahaniiru.
Bakka Bob Menendez Andii Kiim kan jedhamu Niw Jersii irraa paartii Dimokiraatotaa bakka bu'uun seeneetiif mo'atee jira.
Himanni matta'aa fudhachuu haadha warraa isaa irratti dhiyaate ammoo dhibee kaanserii harmaa irraa bayyaannachaa waan jirtuuf yeroo hin beekamnetti darbeera.
Ameerikaan dhimma hidha Abbayaa irratti Masirii fi Itoophiyaan akka waliigalaniif jaarsummaan gidduu galaa turte.
Itoophiyaan garuu yeroo adda addaatti US, Masiriif loogdi jechuun maricha keessaa baatee ture. Yeroo sana Koree Senetii Dhimma Alaa US hogganaa kan turan Bob Menendez kan amma Masiriif looguuf matta'aa fudhatan jedhamuun himataman ture.
Himatichi Bob Menendez aangoo isaanii fayyadamuun akka bakka bu'aa alaa Masiriitti hojjeteera jedhamuuni.












