Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Minaamaar ji'oota jahatti lammiilee nagaa 700 fixuu UN beeksise
Waraanni Minaamar wayita filannoo biyyattii ji'oota jahaa keessatti ajjeechaa lammiilee nagaa 700 raawwatameef ittigaafatamaa akka ta'e UN beeksise.
Gabaasni maddeen amanamoo Hagayyaa hanga Amajjii akka mirkaneessetti yoo xiqqaate namoonni 702 ajjeefamanii jiru. Kanneen keessaa 224 dubartoota, 153 immoo daa'immani.
Yeroon gabaasa kanaa ji'oota jaha yeroo waraanni biyyattii kan waggaa shan dura fonqolcha mootummaa raawwate biyyattiitti adeemsa filannoo beeksisee ture keessa.
Filannichi sababa mormitoonni jajjaboon keessaa moggeeffamaniif tapha ture jedhameera
Gabaasichi "deggarsi dhaabbilee idil-addunyaa gadi bu'uun gaaga'ama lammiilee miliyoonaan lakkaawamaniif hammeessuu" akeekkachiisa.
Waraanni Minaaamar bara 2021 biyyattiitti fonqolcha mootummaa gaggeesse. Kunis biyyattiitti walwaraansa hordofsiisee kumaatama lubbuu yoo galaafatu, miliyoonota qe'ee isaaniirraa buqqise.
Kutaaleen biyyattii garri caalu garee hidhatanii mootummaa mormaniin dhuunfatamanii jiru.
Gabaasni Waajjira Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, haleellawwan qilleensaa raawwataman "mancaatii fi hammeenyaawwan dalagamaniif sababoota ijoo ta'uu" agarsiisu.
Kutaan bulchiinsaa Sagaing jedhamu kutaa " sababa waraanni hacuuccaa jajabaa raawwatuuf lammiilee nagaatiif daran hamaa ta'e" jedhameera. Naannoo kanatti haawwan 60 fi daa'imman 30 dabalatee namoonni 191 yoo ajjeefamaniiru jedha gabaasichi.
Haleellaa Onkololeessa 23 haleellaa namoota mana barnootaa Chaung-U jedhamu kan kutaa bulchiinsa Sagaing keessatti argamutti fuulduratti walitti qabamanirratti raawwatameen daa'imman 23 kan ajjeefaman yoo ta'u, 60 ol kan ta'an madaa'aniiru.
"Wayita haleellaan raawwatametti, namoonni sagantaa yaadannoo dungoo qabsiisuurra turan. Yaadannoo dhuma waytii roobaa Buddist Lent jedhamu itti yaadatan. Sangataa kanarratti hidhamtoonni akka hiikaman, dirqama waraanaaf nama qacaruu mormuu fi filannoo waraanni diduu fa' i mormuuf ture" jedha gabaasichi.
Muddee keessa xiyyaarri waraanaa, Sagaaying, Tabaayin keessatti kan argamu mana shaayii haleelee ture. Mana shaayee kanatti namoonni kubbaa daawwachuuf walitti qabamaniin turan. Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 19 kan ajjeefaman yoo ta'u 20 kanneen ta'an immoo madaawan.
Gabaasni kun sarbama uummata Roohingaa irratti raawwatames ni eera. Uummanni kun waraanaa Arakaaniin dirqamaan waraanaaf guuramaa, ajjeefamaa fi hidhamaa, sarbamni koorniyaa irratti raawwatamaa ture.
"Akka waan hammeenya daangaa malee waraanaan irratti hin raawwataminii, uummanni Roohingaa kun yeroo ammaa uummata addunyaatiin dagatame," jedhu Hogganaan Mirgoota Namoomaa UN Volker Tuurk.
"Hammeenya waraanaan isaanirratti raawwatamuuf deeggarsi hawaasa biyya keessaa garaagaraatiin godhamuu irraa kan hafee tumsi isaaniif godhamuuf hin jiru. Kunuu madaa isa biraati.
Waraanni Minaamaar aangoo kan dhuunfate waggaa shan dura mootummaa karaa dimookiraatawaa aangoo qabaterratti fonqolcha raawwatee booda. Hoggantuu biyyattii badhaasa Noobelii argatte Aung San Suu Kyi erga fonqolchee booda mana ni hidhe.
Waggaa lamaan dabranii oliif, riphee loltoonni injifannoo baay'ee mul'isaa turan, garuu fagoo hin deemne. Dirqama waraana biyyaalessaa fi haleellaa diroonii dabaleen waraanni biyyattii kutaa hedduutti hedduu jala dhaabbate.
Ebla, Jeneraalli fonqolcha mootummaa, Min Aung Hlaing, pirezdantii ta'e.
Filannoon raawwatame waa hunda balleesse. Paartileen ciccimoon kutaalee biyyattii garaagaraa keessa sababa wal waraansi jiruuf hin hirmaanne.
Paarlaamaan kanneen waraanaf amanamoo ta'aniin guutameera. Waraanni biyyattii teessoo paarlaamaa 20% mormitootaaf kenne. Paartiin waraanaa USDP jedhamu ofii 80% dhuunfate.