Waraanni Sudaan mana dubartii karaa aadaatiin namoota wallaantuu irratti haleellaa bane

Maxxanfame

Waraanni Sudaan naannawa magaala Omdurmaan bakka itti dubartiin karaa aadaatiin miseensoota loltoota humna addaa (RSF) miidhaman itti wallaantuu irratti haleellaa raawwate.

Waraanni erga janaraaloota waraanaa biyyattii lama; dursaa humna addaa (RSF) fi waraanaa biyyattii jidduutti erga eegalee baatii afur guutuuf kan jiruu yoo ta'u, haleellaa guyyaa Wiixataa raawwatameen namoonni 10 ajjeefamuun gabaafame.

Erga waraanichi biyyattiitti eegalee kaasee RSF buufataalee naannawwa manneen jireenyaa kan ta'an magaaloota sadii: Bahrii, Kaartuum fi Omdurmaan keessa waan seenaniif qiyyeeffannaa haleellaa qilleensaa waraana biyyattii ta’aniiru.

Haleellaan buufata waraanaa dhiheenya buufata waraanaa Kaaraarii, Omdurmaan Ombaadaa 19 keessatti adabaabaayii dargaggoonni hedduun ho’aaf itti dahoo barbaadan rukuteera.

Haleellaan gara biraa ammoo mana abbaa mana nyaataa tokko rukutuun ilmasaa ajjeese.

Akkasumas guyyaa Kibxataatti gara mana nama karaa adaatiin nama wallaantuutti qiyyeeffate kan dhokaafame tokko ammoo osoo hin dhoohiin hafeera.

Manni dubartii karaa aadaatiin namoota fayyisti jedhamteefi kan miidhaan irra hin qaqabnes, tibba waraanaatti akka kilinikaatti tajaajilaa ture.

Kunis sababii hospitaalonni harka 80 sababa waraanaatiin tajaajila kennuu dadhaniifiidha.

Dubartiin karaa aadaatiin akka namoota wallaantu himamte tunis caba lafee wallaanuun naannichatti kan beekamtu yoo ta’u, dhiiheenya kana ammoo looltoota SRF wallaanti jedhameera.

Namoonni karaa aadaatiin namoota wallaanan Sudaan keessatti beekamuu yoo ta’an, baayyeenis malli akkasii wallaansa hammayyaa caalaa lafe cabee walllaanuuf bu’aa qabeessa akka ta’e amanu.

Akkasumas Ombaadaa 19 miseensoota garee saba Rizeigaatiittiif mana saaniitti. Loltoonni Janaraal Mohaammad Haamdaan Dagaloo dursaan humna addaa baayyee isaanii miseensoota saba Rizeigaati.

Yeroo baayyees loltoonni RSF yoo achi keessa fi naannawa saa socha’an kan mul’atan yoo ta’u, namonin dhiibba hedduun lakkaa’aman ammo sababii waliitti bu’iinsa dhiheenyaatiin naannichaa baqataniiru.

Haata’u malee, Ombaadaa 19tti jiraataan Hawaa Adaam, kan mucaa shee xiqqaa waliin baakka biraatti dahoo argachuuf baqatteetokko akka jetteettuutti: ‘‘Ollaa keenya maalii akka haleelan dhugaatti hin beeku. Loltoon RSF tokkittiin achi hin jiran.’’

Guyyaa Dilbataatiitti Omdurmaan keessa eddo biraa kan Ombaadaa 16 jedhamurratti haleellaan qilleensaa raawwatameera. Kanaanis obboolaan lamaafi ollaan isaanii tokkoo ajjeeffamaniiru, jedha dhaabbanni ollaa sanatti argamu tokko.