Seerri haaraa Kooriyaatti bahe umrii lammiilee biyyattii hir'ise

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi umrii ummata ishee guyyaa itti dhalatan osoo hin taane guyyaa itti uumaman irraa kaaftee lakkooftu jiraachuu beektuu?
Kooriyaan Kibbaa umriiin ummatashee haalli itti lakkaa’amu kan idil-addunyaatiin wal akka fakkaatuuf jecha seera haaraa hojiirra oolchite.
Seera kanaanis ummanni biyyattii waggaa tokkoon umriin isaanii ni xiqqaata.
Seerri haaraan kunis haalaa umriin ummata duraan kan yeroo garaa haadhaa keessa turan lakkaa’uun wayita dhalataniitti akka nama umuriin waggaa tokkootti ilaaluu ni haqa.
Kaan ammoo, guyyaa itti dhalatan osoo hin taane Amajjii tokko irraa kaasee namni kamuu akka waggaa tokko ta’eetti haala itti lakkaa’amutu ture.
Amma garuu umrii namaa guyyaa itti dhalatan irraa kaasanii lakkaa'uun Roobii darbe irraa kaasee hojiirra ooleera.
Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk-yeol jijjirama akka taasisaniif wayita bara darbe aangoof dorgomaniitti dhiibbaa taasisanii ture.
Haala aadaatiin umrii lakkaa’uun kunis ‘‘baasii diinagdee fi hawaasaa hin barbaachifne’’ uumeera jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Fakkeenyaaf, haala kanfaltii inshuraansii fi sagantaalee mootummaatiin ulaagaa guutuu murteessuu irratti wal dhabdeen ni ka’a ture.
Duraan, Kooriyaa keessatti jaarraawwaniif malli ittiin umuriin lakkaa’amaa kan ture sirna ‘‘ Umurii Kooriyaanootaa’’ ture.
Innis namni tokko wayita dhalateetti umriinsaa waggaa tokko jedhamee lakkaa’amuun maddiitti yeroo baatii Amajjii qaqqabuutti ammo waggaa gara biraa itti dabalamaaf ture.
Kana jechuunis daa’imni ALA Muddee 31 irratti dhalate tokko bara ittaanuutti daa’ima wagga lamaa ta’a jechuudha.
Sirni lakkaa’uu umrii gara biraa biyyattii keessatti aadaadhaan faayidaarra oolfamaa ture ammo, wayita namni tokko dhalatutti zeeroo irraa kaasee lakkaa’u garuu wayita baatii Amajjii 1 qaqqabuutti waggaa tokko akka guuteetti lakkaa’ama ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana jechuunis, fakkeenyaaf, Waxabajjii 28, 2023 irraa kaasee, namni Waxabajjii 29 2003'tti dhalate tokko sirna idil-addunyaatiin wagga 19 yoo ta’u, haala sirna ‘‘umurii lakkaa’uutiin’’ ammo wagga 20 akkasumas sirna ‘‘umurii Kooriyaanootaatiin’’ ammoo wagga 21 ta'a jechuudha.
Akka dhaabbanni qorannoo biyya keessaa tokko Amajjii 2022 keessaa yaada ummataa walitti qabee ilaaleetti, lammiilee Kooriyaa Kibbaa afur keessaa sadan isaanii isa umrii waalteessuu idil-addunyaa sana deeggaran.
Qaamoleen seera tumanis haala aadaatiin umrii lakkaa’uu akka haqan Mudde darbe keessa sagalee itti kennan.
Murteen sun taasifamulleen garuu haalawwan hedduu karaa aadaatiin ‘‘umrii lakkaa’uun’’ wal qabatee hafaniitu jira.
Fakkeenyaaf, lammiileen Kooriyaa Kibbaa sijaaraa ykn alkoolii bitachuun kan hayyamamuuf guyyaa itti dhalatanii osoo hin taane, umrii waggaa 19 itti guutan isaa kaaseeti.
Haalli aadaatiin umrii lakkaa’uun kunis biyyoota Eeshiyaa kaan keessatti illeen hojiirra kan oolfamu yoo ta’u, garuu ammoo baayyeen isaanii dhiisaniiru.
Jaappaan bara 1950 irraa kaasuun haala lakkoofsa umurii idil-addunyaatti fayyadamuu kan eegalte yoo ta’u, Kooriyaan Kaabaa itti aansuudhaan bara 1980 keessa eegalte.












