Hoogganaan Waagnar 'dhiigni akka hin lolaane' loltoonni imala Moskoo akka dhaaban ajajan

Maxxanfame

Loltoonni mindeeffamtoonni garee Waagnar fincilanii gara magaalaa Moskoo imalaa turan akka ofirra deebi’an ajajaan isaanii ergaa dabarsan.

Kunis michuu Putiin kan ta’an pirezidantiin Belaarus waliin marii taasisanii erga waliigalanii boodadha.

Loltoonni Waagnar waraana Raashiyaa tumsaa turan guyyaa har’aa hooggansa waraanaa biyyattii to’achuuf gara Moskoo imala eegalanii turan.

Haa ta’u malee, ‘’dhiiga dhangala’u’’ hambisuuf jecha akka deebi’an ibsuu isaanii beeksisaniiru.

Ajajaan Waagnar Yevgeny Prigozhni ibsa Telegiraama gubbaa gadhiisaniin ‘’Sa’aatii 24 keessatti Moskoo irraa fageenya 200km irra geenye. Hanga achi geenyutti dhiigi loltuu keenya lafatti dhangala’e tokkollee hin jiru,’’ jedhan.

Haa ta’u malee, haalli yaachisaan mudatuufi dhiigi akka dhangalu hubachuun ‘’akkuma karoorfametti kaampii dirreetti deebineerra,’’ jedhan.

Ajajaan kuni ibsa isaanii keessatti ‘kaampanii waraanaa Waagnar diiguuf waan jedhaniif duula haqaa taasifne,’ jechuun ibsan.

Muddamni kuni akka furamu Pirezidantiin Belaarus Aleeksaandar Lukaashenko jaarsummaan qooda fudhatuun ibsameera.

Akka ibsa mootummaa Belaarusitti, dhimma kana irratti pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutinis waliigalaniiru.

‘’Pirigozhin imala gara Moskoo taasisu dhaabuufi haalicha tasgabbeessuuf waliigaleera,’’ jedha ibsi mootummaa Belaarus.

Akka waliigaltee kanaatti, loltoonni Waagnar wabii argatu. Wabiin ajajaa Waagnariif dhihaates ta’e loltootaaf dhihaate garuu ammatti ifa miti.

Looltoonni Waagnar kallattii Mooskootiin karaa kaabaatti imaluun muddama uumee ture.

Ganama har'aa Sambata loltoonni Waagnar magaalaa kibba biyyattii Rostov-on-Doon keessatti kan mul'atan yoo ta'u, booda keessa ammoo loltoonni kunneen gara kaabaatti fageenya kiilomeetira 540 irratti kan argamtu Voronezh gahuunsaanii gabaasaaleen ibsanii turan.

Bulchaan naannoo Liipetisk kan kaaba magaalaa Voronezh argaman loltoonni Waagnar karaa naannichaatiin imalaa jiru jedhanii turan.

Magaalli Mooskoos achirraa gara kaabaatti fageenya kilomeetira 400 irratti argamti.

'Haallii jiru baay'ee cimaadha' - Kantiibaa Moskoo

Kantiibaan magaala guddiittii Raashiyaa -Mooskoo haalli jiruu cimaa jiraachuu himan.

Kantiibichi Sergee Soobyaaniin, barreeffama toora Telegraamii isaaniirratti barreessaniin ‘'haalli cimaadha’’ jedhan.

Itti dabaluunis daandiiwwan muraasniifi karaawwan magaalota ollaa tokko tokkoo tiraafikaaf cufamuu malu jedhaniiru.

Akkasumas ''oppireeshinii farra shororkeessummaa Mooskoo keessatti waan labsameef’’ balaa hir’isuuf jecha Wiixata dhufu ‘‘guyyaa hojiin hin jirre’’ ta’a jedhan kantiibaan kun.

Kana malees jiraattonni Moskoo ‘‘hanga danda’ameefiin akka magaalaa keessa socho’urraa of qusataniif’’ waamicha taasisaniiru.

Maaltu ta'e?

Hogganaan garee Waagnar Raashiyaa, Yevgeny Pirigozhin, loltoonni isaanii magaalaa kibba biyyattii Rostov-on-Don keessatti ''dhaabbiilee waraanaa hunda'' to'ataniiru jedhan.

Akkasumas doorsisa isaa gara Mooskootti imaluudhaan Ministirra Raayyaa Ittisaa biyyattii Sargee Shooguu aangoorraa buusna jedhan hordofuunis gara kara kaabaa Voronezhiitti bobba'uus himan.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ''dugda keenya nu waraanan'' jechuun kanneen Raashiyaa ''ganan'' akka adaban dhaadatan.

Moskoo dabalatees naannolee hedduutti eegumsi cimaan labsameera.

Gareen Waagnar mindeeffamtoota waraanaa dhuunfaa kan raayyaa ittisa Raashiyaa maddii goruun Yukireeniin lolaa turaniidha.

Haala waraannichi gaggeeffamaa ture irratti jidduu isaaniitti wal dhabdeetu ture. Baatiiwwan muraasa keessatti hogganaan Waagnar ifatti waraana Raashiyaa qeequu eegalan.

Mudamni amma kun garuu erga Pirigozhiin waraannii Raashiyaa garee isaa Yukireen keessatti bu'ureeffate irratti haleellaa raawwateera jechuun himate garuu Mooskoon dhimmicha haalteen booda cime.

Hogganaan Waagnar kun fonqolcha waraanaa miti jechuun haalu.

Garuu ammoo kaayyoonsaa hoggansa raayyaa Raashiyaa aangoorraa buusuuf fakkaata jedha gulaalaan BBC Raashiyaa Mooskootti argamu Istivan Roozanbarg.

Garuu ammoo pirezidantiin Raashiyaa Puutiin haasaa ariifachiisaa taasisan keessatti Raashiyaan ''haalamtee jirti'' jedhan.

''Kanneen ta'e jedhanii daandii ganiisaa irra dhaabbatan, kanneen ganiinsa waraanaa qopheessan, kanneen daandii maqa-balleessuu fi malawwan shororkeessummaarra dhaabbatan seeraa fi ummata duratti addabbii keessa deebii hin qabneetu mudata,'' jechuun dhaadatan.

Haata'u malee, maqaa michuu isaanii duree Waagnar hin dhoofne.

Deebii Puutiniif ammoo dureen Waagnar Pirigozhin yeroo jalqabaatiif kallattiin hogganaa Raashiyaa qeeqan.

Hoogganaan Waagnar loltoonni isaanii ''gootota biyya isaaniiti'' jechuun, pirezidanti Puutiin waa'ee biyya ganu dubbachuu isaaniitti ''baay'ee dogongore jira'' jedhe.

Waraabbii viidiyoo toora Telegram isaarratti Sambata ganama maxxanseen, hoogganaan Waagnar loltoonni isaa erga daangaa Yukireen qaxxaamuranii booda magaala Rooztov-on-Doon seenaniiru jedhe.

Itti dabalunis loltoonni isaa kan daandii isaanii irra dhaabbatu kamuu ni barbadeessu jedhe.

Humnootiin isaa hilikoptarii waraanaa Raashiyaa kan ''konkolaataa siivilootaa irratti haleellaa bante'' rukutanii kufisaniiru jedhe.

Garuu ammoo bakkasaa adda kan hin baanfe yoo ta'u, ammatti mirkanneeffachunis hin danda'amne.

Pirezidantiin Raashiyaa Puutiin haalli Roostov-on-Doon keessaa cimaa ta'u amananiiru.

Humnootiin akkasumas dhaabbilee waraanaa magaalaa kaaba Rostov kan daandii Mooskoorratti argamtu Voronezh's to'achuuf akka jiran himan.

Mootummaan achitti ''oppireeshiinii qolannaa farra-shororkeessummaa'' labsameera jedhan.

Pirigozhin fi pirezidanti Putiin baay'ee walitti dhiyaatu turan. Garuu ammoo rakkoon miilanaa kunis duree Raashiyaatti bowwoo mataa cimaa umeera.

Kana malees weerarri Raashiyaan Yukireen irratti bantees haala karoorfameen deemaafii hin jiru.

Gabaasaan BBC Mooskootti argamu, Puutiin amma ''wanti hunduu ni gaha'' jechuun murteessaniiru jedhe.